OBN (Oromia Broadcasting Network)
30.1K subscribers
23.2K photos
39 videos
18 files
11.9K links
OBN(oromia broadcasting network) OBN Sagalee Uummataa
Download Telegram
OBN Sadaasa 03,2015-Irreechi mallattoo nageenyaa fi tokkummaa waan ta'eef, Irreecha Malkaa Daabanaa milkiifi nagaan kabajuuf qophii xumurree jirraa jedhan, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Sinqeef Qeerroof Qarreewwan.

Kabaja Ayyaana Irreecha Malkaa Daabanaa guyyaa borii kabajamuu fi sagantaawwan jala bultii irraa eegalee geggeeffaman irratti hirmaachuuf, keessummootni ayyaanaaf Abbootiin Gadaa Godinaalee ollaa irraa argamaniiru.

Abbootiin Gadaaf Haadholiin Sinqee Irreecha irratti waaqa galateeffachuu fi kadhachuuf kan argamnu waan ta'eef, garaa qulqulluu dhiifamaafi nageenyaan guutamnee tahuu qaba jedhan.

Kanaafis Kabaja Irreechaa milkeessuuf tokkummaa gaarii qabannee nageenya keenya tikfachuun kabajuu qabna jedhan.

Qarreefi Qeerroowwan gama isaaniitiin aadaafi duudhaa Oromoo Abbootii keenya irraa fuunee itti fufsiisuuf tumaataalee Sirna Gadaa kabajuu fi tiksuun barbaachisaadha jedhan.

Kanaafis qaama sirna Gadaa keessaa tokko kan ta'e, Irreecha yeroo kabajnu nageenyaafi milkaa'ina isaaf hojjechuun nurraa eegamaa jedhan.

Irreecha Malkaa Daabanaa guyyaa borii kabajnus nagaafi milkiin xumuruuf hojjetaa jirraa jedhan bakka buutuun Waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Godina Buunnoo Beddellee Aadde Qabbannee Dibaabaa.

Ayyaana Irreechaa Malkaa Daabanaatiif qophiin hundi xumuramuu himan.

Leencoo Tasgaraatu gabaase.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 03,2015-Ogeeyyii qonnaa leenjisuun cinaatti, oomishaa fi oomishtummaan qonnaa keessatti gumaacha jabaa godhaa jiraachuu Kolleejjiin Ogummaa Qonnaa Agaarfaa beeksise.

Kolleejjiin Qonna Agaarfaa misooma midhaanii fi sanyii fooyya'oo beeladaa baay'isuun qonnaan bultoota naannawa kolleejjichaa fayyadaa jiraachuu Diiniin kolleejjichaa Dr. Caalaa Fayyeeraa himaniiru.

Qooda fudhattooti qonnaa fi ogeeyyiin qonnaa dhaabbilee garagaraa irraa walitti bayan Misooma Garbuu Biiraa, sanyii filatamaa Barbaree, nyaata beeyladootaa fi urgooftuuwwan kolleejjichi misoomsaa jiru daaw'ataniiru.

Jiraattonni aanaa Agaarfaa naannawa Kolleejjichaa jiraatanis, deeggarsa ogummaatiifi sanyii filatamaa facaasaaf oolu akka argatanis dubbataniiru.

Waggoottan sadan darbani Kolleejjichi lafa misoomsu haala adda ta'een lafa heektaara dhibba sadii irraa gara heektara kuma 1 fi dhibba 4 ol guddisuun galii gama qonnaatiin kolleejjiin argatuu dabalamuu diinii kolleejjichaa Dr. Caalaa Fayyeeraa himaniiru.

Umar Kurrkeetu gabaase.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 03,2015- Guyyoota kurnaan dhufaniif haalli qilleensaa mijataa ta’uu waan danda’uuf, Qonnaan Bultoonni oomisha gahe waliitti qabachuu akka qaban, Inistitiyuutiin Metirooloojii Biyyaalessaa hubachiise.

Guyyoota itti aanaanitti irra caalaa kutaalee biyyattii keessatti bonaan walqabatee haalli qilleensaa mijataa ta’uu waan danda’uuf, Qonnaan bultoonni oomisha gahee walitti qabachuu akka qaban Inistitiyuutiin Metirooloojii Biyyaalessaa beeksiseera.

Roobni waqtii isaa hin eegne roobuu waan danda’uuf, Qonnaan bultoonni yeroo kana keesatti fayydamuun oomisha isaanii dafanii waliiti qabachuu akka qaban hubachiiseera.
Inistitiyuutii Metiroloojii Biyyaalessaarraa odeeffanne.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 03, 2015- Komishinarri Olaanaa Mirga Naamoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Poolisii Federaalaa daawwatan.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti, Komishinarri Olaanaa Mirga Namoomaafi Gamtaa Afrikaatti bakka bu’aan naannawaa Gaanfa Afrikaa Maarseel Sii Akpoovoo, Gorsaa Olaanaa Mirga Namoomaa Naannawaa Gaanfa Afrikaa Koomishinara Peerii Mibiiboong waliin ta’uun Waajjira Olaanaa Poolisii Federaalaafi Qajelcha waliigalaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa daawwataniiru.

Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Damallaash Gabiramikaa’eel waliinis mari’ataniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Damallaash G/mikaa’eel, waggoota arfan darbanitti hojiilee riifoormii hojjetamaniifi jijjiirama qabiinsa mirga namoomaa irratti argame irratti ibsa kennaniifii jiru.

Koomishinarri Olaanaa Mirga Namoomaafi Gamtaa Afrikaatti Bakka Bu’aan naannawaa Gaanfa Afrikaa Maarseel Sii Akpoovoo gamasaaniin, adeemsa qorannoo keessatti qabiinsi mirga namoomaarratti jiru ulaagaalee idil-addunyaa kan hordofe ta’uu fi jijjiiramni qabatamaan jiraachuu akka hubatan himuun, jijjiirama dhufe kan deeggaran ta’uu waadaa galaniiru.
Poolisii Federaalaa irraa odeeffanne.

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
OBN Sadaasa 03,2015- Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota saddeetii darbuu, Qajeelchi poolisii Godina Harargee Lixaa beeksise.

Balaan kun ganama har’a aanaa Ciroo arraddaa Yaabdoo Bobbasaa iddoo adda Kolooloo jedhamutti naannoo sa’aati 3 fi walakaatti konkolaataan ummaata TATA Lakkoofsi gabaate isa 3-A00550- ET ta’e Harar irraa gara Finfinnee deema jiru Bajaaji Aanaa horsiisee bulaa Mi’eessoo Husee irraa gara Magaalaa Cirootti deemaa jirtuun walitti bu’uun namoonni bajaajii keessa turan hunduu lubbuun kan darbe yoo ta’u, konkolaataan ummaata biroo duuba ummata fe’e deemaa ture konkolaata TATA kanitti bu’uun walumatti baala kanaan namoonni 8 lubbuun darbuu, Qajeelcha poolisii Godina Harargee Lixaatti, Itti gaafatamaan Diviizyinii To’annoo fi Nageenyaa Tiraafikaa Gargaaraa Inspeektaraa Taammiraat Isheetuu himaniiru.

Namoota 8 lubbuun darbeen alattis miidhan qaamaa qaqqabe hin jiru jedhameera.

Sababiin balaa kanaas ariitiin konkolaachisuu yoo ta’u, konkolaataan Harar irraa gara Finfinnee deemaa ture namoota fe’ee waan hin jirreefi ariitiin fiigaa osoo jiru re’ee tokkotti bu’uun karaa isa gadhiisee bajaajiin karaa ishee qabattee deemaa jirtu konkolaata kana jala seentee balaan kun muudate jedhame.

Daandii guddicha Finfinnee Dirree Dhawaa geessu irraa konkolaatoonni gurguddoon waan imalaniif, konkachiistoonni suuta oofuun balaawwan akkanaa tasa muudaturraa of eegannoo gochuu akka qaban Gargaaraa Inspeektaraa Taammiraat dhaamaniiru.
Abdurroo Baabbootu gabaase

Odeeffannoon Wayitaawaan bakka jirtanitti akka isin dhaqqabuuf fuula miidiyaa hawaasaa OBN irraa yoo argachuu feetan:
Feesbuukii Afaan Oromoo: http://facebook.com/OBNAfaanoromo
Teeleegraamii:https://t.me/OBN_VoiceOfthepeople
Tiwiitarii: https://twitter.com/OBNoromiyaa
Yuutuubii: Youtube.com/OBNoromiyaa
Raadiyoo OBN https://zeno.fm/radio/obnradio/
Feesbuukii Afaan Amaaraa:- http://facebook.com/OBNAmharic
Feesbuukii Afaan Ingilizii:- http://facebook.com/OBNEnglish
Yeroo hunda waan nu waliin jirtaniif ulfaadhaa.
OBN Sagalee Uummataa.
የሰላም ስምምነቱ በታቀደለት መንገድ እንዲፈጸም መንግሥት እየሠራ ነው - የመንግሥት ኮሙኒኬሽን አገልግሎት

በደቡብ አፍሪካ የተፈረመው የሰላም ስምምነት በተታቀደለት መንገድ እንዲሄድ ለማድረግ የኢትዮጵያ መንግሥት እየሠራ ነው። በዚህም መሠረት በመከላከያ ሥር ወዳለው አብዛኛው የትግራይ አካባቢ ርዳታ እንዲደርስ እየተደረገ ነው።

ወደተለቀቁት አካባቢዎች መሠረታዊ አገልግሎቶች ቀስ በቀስ እየተጀመሩ ነው። በሌሎች አካባቢዎች አገልግሎቶችን ለማስጀመር እንዲቻል በታጣቂዎች የወደሙ መሠረተ ልማቶችን ለመጠገን ምቹ ሁኔታ እየተፈጠረ ነው።

ከዚሁ ጎን ለጎን በሰላም ስምምነቱ መሠረት የሕወሐት ታጣቂዎች ትጥቅ የሚፈቱበት ዝርዝር ዕቅድ ላይ የኢትዮጵያ መከላከያ ሠራዊት አዛዥና የሕወሐት ታጣቂዎች አዛዥ በናይሮቢ መክረዋል።

በሰላም ስምምነቱ በተያዘው የጊዜ ገደብ ትጥቅ የሚፈታበትንና መከላከያ ወደ መቀሌ የሚገባበትን ዕቅድ ላይም ተስማምተዋል። ዕቅዱም በቀጣይ ተግባራዊ ይደረጋል። ለዕቅዱ ተግባራዊነት የሚመለከታቸው አካላት ሁሉ በስምምነቱ መሠረት የሚጠበቅባቸውን ሊወጡ እንደሚገባ መንግሥት ያሳስባል።

ህዳር 3 ቀን 2015 ዓ.ም
አዲስ አበባ
የመንግሥት ኮሙኒኬሽን አገልግሎት