MIJUU SAMMUU
15.6K subscribers
1.35K photos
51 videos
306 files
1.13K links
•Mijuun sammuu....sammuun hinsoomin;sammuun samii yaadaati!
♾️√•Yaada yaadan yaaluun sammuu soomeetti sansaka horuudha.Yaada yabbuun yayyabami!
#Cryptonews
https://t.me/major/start?startapp=1383688538
🖤♥️🤍@Mich3853bot
💵CEO @Mich3853
Download Telegram
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
THOMAS EDISON(1) Mijuu sammuu.pdf
305.4 KB
Share 'THOMAS EDISON(1) Mijuu sammuu.pdf'
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
Join godha kanneen biroos ni argattu!
Mahaatmaa Gaand(1).pdf
237.2 KB
Share 'Mahaatmaa Gaand(1).pdf'
Hayyoota biroo argachuuf..
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Join us
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
👉Gadi tuqadhu !Horaa bulaa Deebanaa!!!
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Ati Burqaa kitaabileeti!!

👍Manni maddi kitaabilee hedduun:
1,Keessa bahee ture
2,keessatti argamuufi
3,keessa bahuuf maxxaansarra jiran
Hundumtu isaan Sammuu Dhala namaa keessatti argama.
👍Sammuun nama kun warshaa kitaabilee hedduu Oomishuufi Kuusuudha.
👍Kitaabileen kun jalqaba yooqabateeyyuu dhuma maxxansa hinqabu.
👍Ati Sammuun kee kitaabilee dhalli nama dubbisee bira hingahamne of keessa qabda waan taheef gara waarshaa Sammuu keetitti deebi'i hojjedhu!
👍Madda kitaabilee kana Sammuu keessatti saamsine gara biyyeetti deemuun abaarsakeefi dhaloota dhufuutti fiduudha.
👍Kuusaa kitaabilee kana furtuusaa situ harkaa qaba waantahef hinsaamsin.
👍Du'uuf kuusaa kitaaba kana baatte hinkaadhimamin
Kanaf,waarshaa kitaaba oomishuu kana furtuu keetin bani.
👍Waaqayyoo Kuusaa Kana akka ofkeessa baasnuf Nu haagargaaru

.

@Mijuu_sammuu
Itti fayyadama Miidiyaa hawasaa.!

Bara addunyaan gara diijitaalaatti jijjiiramte kana keessatti namni hundi abbaa miidiyaati jechuun ni danda'ama. Sababni isaatis hunduu bilbila harka isaatii qabuun akka barbaade itti fayyadamuu danda'a

Miidiyaan hawaasaa haala jireenya ilma namaa salphisuu, ammayyeessuu fi jiruuf jireenya mijeessuun keessatti iddoo guddaa qaba.

Haa ta'u male guddina teeknooloojii kanaa akka carraatti fayyadamuudhaan miidiyaa hawaasaa dhimma qajeelaaf oolchuu fi  galii irraa argaachu ni danda'ama. gaaffiin jiru, meesha guddaa harkaa keessan jiru maal godhanii itti fayyadamaa jiruudha..?

TikTok koo kunooti
tiktok.com/@magelan62
YAA ARRABAA! 👅
▬▬▬▬▬▬▬▬
Ati lafee hin qabdu garuu lafee cabsita
Ilkaanuma soddomii lama gidduu teessee
haqaaf dhugaa dabsita.

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Qaamni miiraa hundinuu
aarii keetiin finiinee
Maal fidda laata? utuu ilkaan soddomii
lamaan sun wolii galee si ciniinee!

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Gadi fuutee salphifta beekaa namaa fi hayyuu
Madaan ati madeessite bara baraan hin fayyu.

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Yoo feete ol fuutee faarsita hattuu fi gantuu namaa
Ati tokkittiidha yaadnii fi bifti kee lama.

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Ijji, gurrii fi funyaan
sababa kee yakkama
Qaama namaa guutuuyyuu
situ taasisa shakkamaa!

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Keessi kee summiidha
gubbaan kee fooniin haguugame
Sababa keetiin nama meeqatu
lafarraa daguugame!

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Si too’achuu dadhabee
gad si dhiise namatu
Qaama miiraa keessaa
si’i kan nama hamatu.

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Isa kaanitti damma biiftee
faaruu sobaatiin sirbisiifta
Obbolaa wal jaalatan ilmaan
haadha tokkoo wal jibbisiifta.

    ┈┈┈••❖••┈┈┈

Badiin ati qabdu baay’eedha
yooman danda’ee barreessa
Akka hojii keef silaa mureen
of keessaa si balleessa
.

@Mijuu_sammuu

Share and Join
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
#Baga_Geessan

Hordoftoota Amantii Kiristiyaanaa maraan baga ayyaana Faasikaa nagaan geessan jechaa, ayyaana kana yemmuu kabajjan inni qabu isa hin qabne gargaaraa waliin kabajuu akka qabdan isiniif dhaamna.

Ayyaanni kun:-
  Kan gammachuu
  Kan jaalalaa
  Kan tokkummaa
  Kan bilisummaa
Isiniif haata'u.
@Mijuu_sammuu
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Falaasamoota.
      **
1.
#SOOSHAALIZIMII:- Ati sa'a lama yoo qabaatte takka ollaaf kennuu qabda.
2.
#KOMIYUNIZIMII:- Ati sa'a lama qabda, mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan siif kenna.
3.
#FAASHIZIMII:- Ati sa'a lama qabda Mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan sitti gurgura.
4.
#NAZI:- Mootummaan saawwan kee fudhatee si ajjeesa.
5.
#KAAPPITAALIZIMII:- Ati sa'a lama qabdu keessaa tokko gurgurtee mirgoo(jibicha) bittee loon kee baay'isuudhaan gurgurachaa bu'aa jalaa argattuun jiraatta.
6.
#KAAPITAALIZIMII_AMMAYYAA:- Sa'a lamaan keessaa tokko gurgurtee mirgoo bittee loon kee horsiifatta. Qarshii argattuun saawwan ollaa keetii irraa bitta. Ollaan kee hojjataa gootee mindeessita. Ollaawwan kee kun akkuma hiyyoomanitti du'u.
7.
#HAWAASA_AMEERIKAA 🇺🇸:- Sa'a lamaan kee keessaa takka gurgurtee sa'a aannan oomisha olaanaa qabdu bitta. Saani kun humnaa ol aannan kennuu irraa kan ka'e sijalaa du'a. Duuti kun akka siif qoratamu gorsaa seeraa mindeessita.
8.
#HAWAASA_FARANSAAY 🇫🇷:- Sa'a lama qabda sa'a sadaffaa yoo barbaadde mootummaa irratti hiriira baata.
9.
#HAWAASA_JARMAN 🇩🇪:- Sa'a lamaan qabdu qorannoodhaan waggaa dhibba akka jiraatan, ji'atti al tokko qofa akka sooratan, Aannan saawwan kudhanii akka oomishan taasifta.
10.
#HAWAASA_CHAAYNAA 🇨🇳:- Aannan sa'a lamaanirraa argatte lammii keetiif gurgurtee, Aannan plaastikarraa oomishtee biyyoota ollaatiif gurgurtee qabeenya kee ol kaafta.
11.
#HAWAASA_GURRAACHA_AFRIKAA:- Sa'a lamaan qabdu gurgurtee ykn qaltee ji'a tokkotti nyaattee fixxa. Achi booda dhaabbanni gargaarsaa sa'a baay'ee naaf kenna jettee eeggatta. Sun ta'uu yoo baate gara mana amantaa deemtee kadhatta. Saawwan akka samii irraa siif roobu, guyyaa 40 fi halkan 40 ni soomta. Osoo akkana jettuu hiyyummaa gadadootiin addunyaa irraa du'aan dhabamta!

 @Mijuu_sammuu
"#Addunyaa kan irratti wanti nama gaddisiisuu  jireenya #kaayyoo hin qabneedha!"

"Kaayyoo hin qabdu taanaan mul'ata hin qabdu, mul'ata hin qabdu taanaan karoora hin qabdu, karoora hin qabdu taanaan yeroo kee hin to'attu, yeroo kee hin to'attu taanaan jireenya jiraachaa hin jirtuu, jireenya jiraachaa hin jirtuu taanaan,jooraa jirta jeechudha. Arguun hojii ijaati, mul'anni kan lapheetii. Dr. Maayelsi Munroo

Mul'anni waan amma qabatamaatti hin jirre tokko qor~qalbii of keessatti arguu danda'uu jeechudha. #Jijjiiramaaf si caalaa namni sirrii, hin jiru.

"#Sammuu ittin rakkina uumneen rakkinicha furuu hin daandeenyu!" .
Namoonni baay'een mul'ata akka qaban dubbatu, mul'ata isaaniif kunuunsa waan hin taasisneef garuu mul'anni isaanii hawwii qofa ta'e hafa.

Mul'ata kee kunuunsuu banuun ogummaa gudda jireenya si gaafattudha. Mul'ata gudda qabaattee sammuu mo'ichaa qabaachuu yoo baattee hin milkooftu.Mul'anni humna ittin kaayyoo Jireenya kee raawwattudha.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Salt of the world❤️ (Michuu Galaan)
Mijuu sammuu shanan...
👉•Ani sin mo'a; ati ni mo'amta.
(Waanan tahu hintaatu;waanan hintaane nitaata.garuu,ani nantaha; ati hintaatu.ilaalcha sammuu sammuu keessaa badeeti.
👉•Ani nandhiisa;atis dhiisi.
(Waldhiisuurra waliidhiisuun dhiifamaf dhiisu)
👉•Anafis hintaatu;sifis hintaatu.
(Waan hintaane akka hintaanen wal taasisuun amansiisuudha.waliin waliif hintaanu jechuudha.)
👉•Ani nandhabaa;ati hindhabin..
(Wanti anaf hintaane sif tahu hinooluu,oolfadhu garuu,dhabuun koo dadhabuu miti dhaabuudha malee)
👉•Anis nan mo'a; atis mo'i.
(Waanan tahu atis tahi,hawwii hawwiin guuttadhu.mo'ichi murtoo nama namummaan namoomeeti.Eenyumtu mo'uu barbaada.garuu,dursa of mo'i.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
Jechoota beekamoo 10nan daandii milkaa'ina
1.Injifachuuf keessa jiraachuu qabda.-Tony Robbins
2.Milkaa'inni quuqama tokko malee kufaatii irraa gara kufaatiitti gufachuudha." -Winston Churchill
3.Namoonni yeroo baayyee kaka'umsi hin turu jedhu. Kanaafidha guyyaa guyyaan akka jajjabatanif kan gorsuuf. -Zig Ziglar"
4.Abjuu kee dhugoomsuu yoo barbaadde wanti jalqaba gochuu qabdu dammaquudha.-J.M.
5.Aangoo Boruu  dhugoomsuudhaaf daangaa shakkii keenya har'aa qofa ta'a.Franklin D. Roosevelt
6.Mo'amuu hedduu nu mudachuu danda'a garuu mo'amuu hin qabnu. -Maya Angelou"
7.Jiladhu malee abdii gonkumaa hin dhiisin. -Joorji Luukaas

8.Daandiin milkaa'ina yeroo hunda ijaaramaa jira. Lily Tomlin
9."Ani nama of tolche miti. Gargaarsa baay'ee argadheera." - Stan Lee"
10.Abjuu kee yoo hin ijaarre namni biraa akka isaan kan isaanii sin ijaaran  gargaara." -Tony Gaskins"
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
1. 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐚𝐥𝐚 𝐪𝐨𝐫𝐬𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮.:-𝐇𝐞𝐧𝐫𝐲 𝐃𝐚𝐯𝐢𝐝 𝐓𝐡𝐨𝐫𝐞𝐚𝐮
____

2. 𝐒𝐚'𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐚𝐝𝐡𝐨𝐨𝐟𝐭𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟 𝐠𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐥𝐥𝐞.:- 𝐂𝐡𝐚𝐫𝐥𝐞𝐬 𝐃𝐚𝐫𝐰𝐢𝐧
___


3. 𝐘𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐚𝐛𝐫𝐞 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐛𝐮𝐮𝐟 𝐡𝐢𝐧 𝐞𝐞𝐲𝐲𝐚𝐦𝐢𝐧.
__

4. 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐛𝐢𝐭𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮. 𝐆𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐦𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐭𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮.
__

5. 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐬𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐧; 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞 𝐬𝐞𝐞𝐱𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐮𝐟𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐚.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Wantoota 10 kan Lukkuu irraa Barachuu Dandeenyu:
   @Nan_Baradha
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Utuu killee ishii irra oolmaa hin taa'in duratti killee gahaa hanqaaqxi/buusti.
⁃ KAROORA GAARII QABAACHUU/GOOD PLANNING

➋. Erga killee irra oolmaa taa'uu eegaltee, sosochii ni xiqqeessiti!
⁃ NAAMUSA/DISCIPLINE

➌. Yeroo Killee irra teessu sana kiiloo/ulfaatina ni hir'ifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeessiti.
⁃ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU

➍. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra oolmaa hin teessu!
⁃ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA

➎. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teessi! Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baatanis ammas deebitee killee hanqaaqxi.
⁃ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA

➏. Killee ilmoo ta'uuf hin adeemne adda baaftee keessaa darbiti.
⁃ SALPHAATTI WAA HUBACHUU

➐. Killee tortore/shame dhiiftee, kunuunsa killee gara cuuciitti jijjiiramteef gooti.
⁃ OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRUU HORDOFUU

➑. Abbaan fedhe ilmoo ishii tuquu hin danda'u!
⁃ JAALALA EEGUMSAA FI GAGGEESSUMMAA

➒. Ilmoolee ishii hanga gurguddatanii of danda'anitti hin dhiiftu!
⁃ GORSA KENNUU/BARSIISUU

➓. Ilmaan ishii hunda walitti qabdee deemtiini!
⁃ TOKKUMMAA KAAYYOO

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
"Yeroo qormaatni sitti cimu, kaayyoo kee duubatti deebitee yaadachuun cimtee akka keessa baatu si gargaaraa'' jedhe Dr.Busha Hiikaa
Madda:BBC

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
An empty stomach is not a good political adviser.
By : Albert Einstein
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
#Duuti Eebba dhala namaa isa hunda keessa isa angafa( guddaa)tahu danda'a!
#SO.....
#Dhandhanraas
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Akka waan boru #duututti jiraadhu;akka waan bara baraan jiraattutti baradhu( hojjedhu).
#Ma.G
#Dhandhanraas
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Namoonni baayyeen du'aafi du'aa ,du'aafijireenya jidduu jiru; Namoonni muraasni garuu jireenyaafi jireenya jidduu jiru.ati isa kam??