MIJUU SAMMUU
15.6K subscribers
1.35K photos
51 videos
306 files
1.13K links
•Mijuun sammuu....sammuun hinsoomin;sammuun samii yaadaati!
♾️√•Yaada yaadan yaaluun sammuu soomeetti sansaka horuudha.Yaada yabbuun yayyabami!
#Cryptonews
https://t.me/major/start?startapp=1383688538
🖤♥️🤍@Mich3853bot
💵CEO @Mich3853
Download Telegram
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
👉Dubbisi.....👇👇👇

👉Gaarummaa............
Roberto De vicenzo kan jedhamu taphataan 'Golf' dhalataa Arjeentinaa tapha tokkorratti mo'ee badhaasa guddaa argate. Qarshii bifa cheekiitiin fudhatee yoo gammmadu TV dhaanis mul'ate. Guyyoota muraasa booda bakka konkolaataasaa dhaabbate yoo dhaqu dubartiin dargaggeettiin  tokko isa haasofsiifte. “Injifannoo argatteef baga gammadden siin jedha” erga jetteenii booda mucaanshee dhukkube afaan du'arra akka jiru, Hakimootaafis tahee mana yaalaatiif waan kanfaltu akka hinqabneefi nagaa akka dhabde itti himte.
De Vicenzo nis  seenaa dargaggeettii kanaan gaddee iskiriiptoo isaa baasee maallaqa badhaasaaf isaaf kenname akka fudhattuuf mallatteesseef. “Mucaankee guyyoota gaarii akka jiraatuuf maallaqa kanaan waan dandeessu godhiif ” jedheenii gaggeesse.
Torbee itti aanu keessaa gaaftokko, mana nyaataa  taphattoonni 'Golf' itti nyaatan laaqanaaf deeme. Gara kursiitti akka dhiyaateen “Yeroo darbe bakka 'parking'tti badhaasakee dubartii wayiif akka kenniten dhagaye”jedheen, keessummeessaan. Innis “eeyyee dhuguma ”jedheen.
Keessummeessichis, “Oduu gaddisiisaa tokkon sitti hima. Intalattiin hattuudha. Mucaa dhukkubsatus hin qabdu. Hin heerumneyyuu. Si gowwoomsiteetti ” jedheen. De Vicenzo nis  deebisee “ Kanaafuu mucaan dhukkubsatuuf afaan du'aarra gahe hinjiru jettaa” jennaan, “eeyyee, hinjiru” jedhaan.
“Kana oduu gaddisiisaa jettaree? Kun anaaf torbaan kana keessaa oduu gammachiisaa hunda caaluudha. Badhaasaan olis. Mucaan dhiphina keessa jiru tokko akka hinjirre dhagawuu caala maaltu gammachiisaadha? " jedhee deebiseef, De vicenzo'n.
- -
- Gaarummaa akka ija keetti tiksi. Garaa keerraa gaaromi. Hammina namni sirratti hojjete caalaa gaarummaa garaa guutuun namaaf goote ilaalaa jiraadhu.  Fuula namaa ibsuuf yaaluudhaan fuulakee ibsi. Deebii gaariin ati gaarummaa keessaa argattu boqonnaadha.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Namoonni kun lamaanuu haalaan barnootatti amanu. Garuu, kenninsa barnoota wal fakkaataa hin gorsaniin. Inni tokko, "Jabaadhuu baradhu; koolleejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii filatamaatti qacarami!" yoo jedhu,

inni biraan immoo, "Jabaadhuu baradhu; koollejjii galiis qabxii olaanaan xumurii kaampaanii mataakee horadhu!" jedhaani.

Inni tokko, "Jaalalli qarshii hundee jal'inaati!" jedha; inni biraan immoo, "Dhabinsi qarshii madda jal'inaati!" jedha.

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Yeroo hundaa waan barbaadde argachuu dhiisuu dandeessa, garuu yeroo hunda waan eegduu argatta.
--- Chaarlis Isparjiin
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
👉Hoggantoonni gurguddoon tajaajiluu malee geggeessuu gonkumaa hin hawwan”
“Hoggantoonni dhugaa gonkumaa hordoftoota hin barbaadan, hordoftoonni geggeessitoota dhugaa barbaadu.”
“Hoggantoonni dhugaa akka waan hin barbaachifne of godhu.”

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Robert Mugaabee
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Yeroo tokko Robert Mugaaben dubbii dinqisiisaa waa'ee sirna Bulchiinsa Afrikaa irratti dubbatee ture!

➛ Barattoonni ciccimoon Sadarkaa 1ffaa irratti argaman qabxii olaanaa warri qaban ogeessa fayyaa fi enginera ta'u!

➛ Barattoonni jiddu galeessi sadarkaa 2ffaa irratti argaman immoo seera baratanii warra sadarkaa tokkoffaa bulchu!

➛ Sadarkaa 3ffaa irratti kan argaman kanneen kutaa 8 baratanii, poolisii dorgomuun warra sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa jiran kan bulchanii dha. Yoo barbaadan ni reebu! Qaama hir'isu! Yoo barbaadan ni ajjeesu!

➛ Sadarkaa dhumaa irra kanneen jiran kanneen homaa hin baratin immoo qaalluu fi xonqaayii ta'uun namoota hundumaaf fala himu! jedhee ture!

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
1.👉 Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias)
2.👉 sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti fakkaatu. Kanaafuu ka’i. (Jecha warra Ingilizii)
3.👉 Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam sheekispir)
4. 👉Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa balleessuudha. (Maaksim Troobey)
5. 👉Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William shekispir)

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
6.👉 Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra Morookoo)
7. 👉Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa)
8.👉 Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra chaayinaa)
9.👉 Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii)
10.👉 Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha warra Aayilaandii)

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
11.👉 Namni dogoggora isaa mul’isee himatu akka nama kosii manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii)
12.👉 Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii guddaadha.(Abirahaan Liinkan)
13.👉 Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan gammadu.(Abirahaam Liinkan) 14.👉 Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber)
15.👉 Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuma namootaaf biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)

@Mijuu_sammuu
"Arraabuuf qoreedha; dhiisuuf dhaleedha"jette Xaddeen rakkatte.( Oromo proverb)

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
16.👉 √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu. √ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu. √ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu. √ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu. (Heenriik Ibsan)
17.👉 Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa harka kee keessa seentee jirti.(Charles Koltan)
18.👉 Har’i akka ta’etti yoo qabaatti siif galte malee Boris hin amanamtu. (Toomaas Diiriyes)
19. Waanti nuti sodaachuu qabnu sodaa ofii keenya qofaadha..(Franklin Ruzvelt)
20.👉 Baay’inni rifeensaa,baay’inni copha bokkaas, akkuma beekamuu hin dandeenye baay’inni rakkinaas sammuu nama mul’ataa xureessuu hin danda’u. Namni akkasii madaala jireenyasaatii ni eega.(Seeneka)

❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Falaasamoota.
      **
1.#SOOSHAALIZIMII:- Ati sa'a lama yoo qabaatte takka ollaaf kennuu qabda.
2.#KOMIYUNIZIMII:- Ati sa'a lama qabda, mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan siif kenna.
3.#FAASHIZIMII:- Ati sa'a lama qabda Mootummaan lachuu sirraa fudhatee aannan sitti gurgura.
4.#NAZI:- Mootummaan saawwan kee fudhatee si ajjeesa.
5.#KAAPPITAALIZIMII:- Ati sa'a lama qabdu keessaa tokko gurgurtee mirgoo(jibicha) bittee loon kee baay'isuudhaan gurgurachaa bu'aa jalaa argattuun jiraatta.
6.#KAAPITAALIZIMII_AMMAYYAA:- Sa'a lamaan keessaa tokko gurgurtee mirgoo bittee loon kee horsiifatta. Qarshii argattuun saawwan ollaa keetii irraa bitta. Ollaan kee hojjataa gootee mindeessita. Ollaawwan kee kun akkuma hiyyoomanitti du'u.
7.#HAWAASA_AMEERIKAA 🇺🇸:- Sa'a lamaan kee keessaa takka gurgurtee sa'a aannan oomisha olaanaa qabdu bitta. Saani kun humnaa ol aannan kennuu irraa kan ka'e sijalaa du'a. Duuti kun akka siif qoratamu gorsaa seeraa mindeessita.
8.#HAWAASA_FARANSAAY 🇫🇷:- Sa'a lama qabda sa'a sadaffaa yoo barbaadde mootummaa irratti hiriira baata.
9.#HAWAASA_JARMAN 🇩🇪:- Sa'a lamaan qabdu qorannoodhaan waggaa dhibba akka jiraatan, ji'atti al tokko qofa akka sooratan, Aannan saawwan kudhanii akka oomishan taasifta.
10.#HAWAASA_CHAAYNAA 🇨🇳:- Aannan sa'a lamaanirraa argatte lammii keetiif gurgurtee, Aannan plaastikarraa oomishtee biyyoota ollaatiif gurgurtee qabeenya kee ol kaafta.
11.#HAWAASA_GURRAACHA_AFRIKAA:- Sa'a lamaan qabdu gurgurtee ykn qaltee ji'a tokkotti nyaattee fixxa. Achi booda dhaabbanni gargaarsaa sa'a baay'ee naaf kenna jettee eeggatta. Sun ta'uu yoo baate gara mana amantaa deemtee kadhatta. Saawwan akka samii irraa siif roobu, guyyaa 40 fi halkan 40 ni soomta. Osoo akkana jettuu hiyyummaa gadadootiin addunyaa irraa du'aan dhabamta!

 @Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
#Sadio #Mane Bilbillisaa Cabaa, Galiinsaa  jabaa! dureessa jiruu hiyyeessaa jiraatu Viv OBN

Sadiyoo Maanee taphattoota muraasa urjii Addunyaa kanaa keessaa tokko dha. Galiin inni torbeetti argatu Doolaara Kuma 100 fi kuma 86; garuu bakka sochou hedduutti bilbila mobaayilii cabduu yoo fayyadamu mulata.

Nama beekkamaa waan taeef miidiyaaleen irra deddeebin ni gaafatu. “Maaliif mobaayila cabaa qabatta?” jedhuun. Deebiinsaa “nan hojjisiisa” kan jedhudha. Gaaf tokkollee haarawa nan bita jedhee hin beeku.

Kan cabde nan hojjisiisa yoo jedhu mallaqa baasuu diduuf akka hin taanes hojiinsaa ni hima. Innis akkas jedha, dooniiwwan 10 fi xayyaarota 2, saaatii warqii bituu nan dandaa. Garuu kun hundi maal naaf godhu?

An nama hiyyummaa argee dha; barnoota gahaa hin baranne. Amma namoonni akka itti baratan manneen barnootaan ijaaraa jira. Kophee malee miila duwwaan kubbaa taphachaan ture; uffata mimmiidhagoo hin qabun ture; nyaata hin argadhun ture.

Amma garuu qabeenya naf gahaa taee olin qaba. Waanan qabus agarsiisaaf ykn of jajaaf oolchurra, namoota koo waliin qooddachuun fedha.’ Jechuun sababa jireenya qananii hin barbaanneef hima.

Yaadaa qajeelaa, Onnee gootaa qabaachuu jechuun akkas malee! Namoota akkanaa nuuf haa baay`isu.

....OBN ......
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
#Kaka'umsa

👉Ilmi namaa kaayyoo qarshii hubachuuf umriin gahu hundi, hawwa. Hawwiinis badhaadhina hin fidu. Garuu haala sammuu qor-qalbii taheen badhaadhina hawwuun gaariidha.
sana booda karaa fi mala murtaa’aa badhaadhina argachuuf karoorfachuun, karoora sana cimina kufaatii hin beekneen deeggaruun, badhaadhina fida.

~Naapooliyoon Hill
👍👍👍👍👍👍👍👍👍
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
#Sadio #Mane Bilbillisaa Cabaa, Galiinsaa  jabaa! dureessa jiruu hiyyeessaa jiraatu Viv OBN

Sadiyoo Maanee taphattoota muraasa urjii Addunyaa kanaa keessaa tokko dha. Galiin inni torbeetti argatu Doolaara Kuma 100 fi kuma 86; garuu bakka sochou hedduutti bilbila mobaayilii cabduu yoo fayyadamu mulata.

Nama beekkamaa waan taeef miidiyaaleen irra deddeebin ni gaafatu. “Maaliif mobaayila cabaa qabatta?” jedhuun. Deebiinsaa “nan hojjisiisa” kan jedhudha. Gaaf tokkollee haarawa nan bita jedhee hin beeku.

Kan cabde nan hojjisiisa yoo jedhu mallaqa baasuu diduuf akka hin taanes hojiinsaa ni hima. Innis akkas jedha, dooniiwwan 10 fi xayyaarota 2, saaatii warqii bituu nan dandaa. Garuu kun hundi maal naaf godhu?

An nama hiyyummaa argee dha; barnoota gahaa hin baranne. Amma namoonni akka itti baratan manneen barnootaan ijaaraa jira. Kophee malee miila duwwaan kubbaa taphachaan ture; uffata mimmiidhagoo hin qabun ture; nyaata hin argadhun ture.

Amma garuu qabeenya naf gahaa taee olin qaba. Waanan qabus agarsiisaaf ykn of jajaaf oolchurra, namoota koo waliin qooddachuun fedha.’ Jechuun sababa jireenya qananii hin barbaanneef hima.

Yaadaa qajeelaa, Onnee gootaa qabaachuu jechuun akkas malee! Namoota akkanaa nuuf haa baay`isu.

....OBN ......
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Jechoota(Quote) Jajjaboo Billy Girham Kudha Lamaan.

1. "Qabeenyi yeroo badu wanti badu hin jiru; fayyaan yeroo badu wanta xiqqootu bada; amalli yeroo badu hunduu ni bada."

2. "Manni koo Waaqa keessa jira. Karaa Addunyaa kanaan gara isaa dhaqa.

3. "Ija jabinni namootatti daddarba. Namni jabaa tokko yeroo ejjennoo fudhatu yeroo baayyee lafeen dugdaa namoota biroo ni jabaata."

4. "Jaalala dhugaa malee wanti miira nageenyaa dhugaa gara manaatti fiduu danda'u hin jiru."

5. "Imimmaan ofiif dhangala'u imimmaan dadhabbiiti, imimmaan namootaaf dhangala'u garuu mallattoo jabinaati."

6. "Mucaan warra isaaf kabaja dhabuun hayyamameef kabaja dhugaa eenyuufuu hin qabaatu."

7. "Jireenyi waggaa dheeraa yeroo kennamu umuriin dulloomuun waanuma jiruudha, ayyaanaan dulloomuun garuu filannoodha."

8. "Jechi 'jaalalaa' jedhu akka galmeen jechootaa jedhutti gammachuu, gammachuu, fi waan garmalee dhugaa ta'e jechuudha jedha. Ta'us Jaalalli umurii guutuu turuu qaba."

9. "Nama biraa sababii sanyii ykn sabaan ofirraa gadi ta'ee ilaaluun cubbuu natti fakkaata, wanti guddaan gochuu qabdu Waaqayyo jaalala isaaniif akka siif kennu kadhachuudha jedheen yaada, anis nan godha."

10. "Kristaana ta'uun battalumatti jijjiiramuu qofa osoo hin taane - adeemsa guyyaa guyyaa itti guddachuun caalaatti Kiristoos fakkaachuudha."

11. "Fuula macaafa qulqulluu isa dhumaa dubbiseera. Hundi isaa gaarii ta'uuf jira."

12. "Yeroo dhihootti jireenyi koo akka xumuramu nan beeka. Waaqayyoon nan galateeffadha, kanaafis, jireenya kana keessattis waan inni naaf kenne hundumaaf...Garuu waaqaa hawwiidhaan eeggadha."
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
21.👉 Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees)
22.👉 Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu.(Robert Luis Stevens)
23.👉 Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba.(Andire Morwa)
24.👉 Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala.(Laawoo 8ffaa)
25.👉 Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan Frederik Furar)

26.👉 Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni madaalama.(Oliver Gold Smiz)
27.👉 Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)
28.👉 Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta’uu barbaaddu taatee argamuudha.(Sokirates)
29.👉 Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi.(George Barnaad show)
30.👉 Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee… (wiiliyaam Muuldan)
👉👉👉👉👉👉👉👉👉👉
@Mijuu_sammuu
"Nama tokko umurii isaa guutuu qurxummii nyaachisuu irraa gaaf tokko laga geessanii akka itti qurxummii qaban barsiisuu wayya jedhu. Chaayinoonni.


@Mijuu_sammuu
"Namoota abjuu fi fedha hin qabne gidduutti guddaa ta'uu irra namoota abjuu qaban gidduu gad jedhee jiraachuun filadha!" Kahlil Gibran
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
1. 𝐉𝐚𝐚𝐥𝐚𝐥𝐥𝐢 𝐬𝐢𝐫𝐫𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮𝐧 𝐚𝐥𝐚 𝐪𝐨𝐫𝐬𝐚 𝐛𝐢𝐫𝐚𝐚 𝐡𝐢𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐮.:-𝐇𝐞𝐧𝐫𝐲 𝐃𝐚𝐯𝐢𝐝 𝐓𝐡𝐨𝐫𝐞𝐚𝐮
____

2. 𝐒𝐚'𝐚𝐚𝐭𝐢𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐝𝐚𝐥𝐚𝐠𝐚𝐚 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐥𝐥𝐞𝐞𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐡𝐚𝐝𝐡𝐨𝐨𝐟𝐭𝐮𝐮 𝐪𝐚𝐛𝐮 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟 𝐠𝐚𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐟 𝐡𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐥𝐥𝐞.:- 𝐂𝐡𝐚𝐫𝐥𝐞𝐬 𝐃𝐚𝐫𝐰𝐢𝐧
___


3. 𝐘𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐚𝐛𝐫𝐞 𝐠𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐮𝐟𝐮 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐝𝐡𝐢𝐢𝐛𝐮𝐮𝐟 𝐡𝐢𝐧 𝐞𝐞𝐲𝐲𝐚𝐦𝐢𝐧.
__

4. 𝐌𝐚𝐚𝐥𝐥𝐚𝐪𝐧𝐢 𝐠𝐚𝐦𝐦𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐛𝐢𝐭𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮. 𝐆𝐚𝐫𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐲𝐲𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐦𝐚𝐚 𝐛𝐢𝐭𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮.
__

5. 𝐍𝐚𝐦𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐭𝐨𝐤𝐤𝐨 𝐬𝐢 𝐣𝐚𝐚𝐥𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐚𝐧; 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐧𝐢 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐤𝐞𝐞 𝐬𝐞𝐞𝐱𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚𝐧𝐢𝐢 𝐰𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐮𝐟𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟𝐢𝐢 𝐝𝐡𝐚.
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
❤️Wallaalummaan abaarsa Waaqayyooti; beekumsi baallee ittiin gara samiitti balali'aniidha.
--- Wiliyaam Sheekspir

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Wantoota 10 kan Lukkuu irraa Barachuu Dandeenyu:
   @Nan_Baradha
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Utuu killee ishii irra oolmaa hin taa'in duratti killee gahaa hanqaaqxi/buusti.
⁃ KAROORA GAARII QABAACHUU/GOOD PLANNING

➋. Erga killee irra oolmaa taa'uu eegaltee, sosochii ni xiqqeessiti!
⁃ NAAMUSA/DISCIPLINE

➌. Yeroo Killee irra teessu sana kiiloo/ulfaatina ni hir'ifti. Sababni isaatiis nyaata ni xiqqeessiti.
⁃ WAREEGAMA KAFALUU FI FEDHII OFII DHIISUU

➍. Killee lukkuun biraa hanqaaqxe irra oolmaa hin teessu!
⁃ LOOGII DALAGUU DHABUU fi ARJUMMAA

➎. Guyyaa 21f obsaan eegdee killee irra teessi! Yoo killee san irraa ilmooleen uumamuu baatanis ammas deebitee killee hanqaaqxi.
⁃ AMANTII, ABDII FI JAGNUMMAA

➏. Killee ilmoo ta'uuf hin adeemne adda baaftee keessaa darbiti.
⁃ SALPHAATTI WAA HUBACHUU

➐. Killee tortore/shame dhiiftee, kunuunsa killee gara cuuciitti jijjiiramteef gooti.
⁃ OGUMMAA, DAMMAQIINSA FI QABATAMA JIRUU HORDOFUU

➑. Abbaan fedhe ilmoo ishii tuquu hin danda'u!
⁃ JAALALA EEGUMSAA FI GAGGEESSUMMAA

➒. Ilmoolee ishii hanga gurguddatanii of danda'anitti hin dhiiftu!
⁃ GORSA KENNUU/BARSIISUU

➓. Ilmaan ishii hunda walitti qabdee deemtiini!
⁃ TOKKUMMAA KAAYYOO

@Mijuu_sammuu