Salt of the world❤️
100 subscribers
27 photos
8 videos
70 files
58 links
soogiddaa soogiddaan rigame.
Download Telegram
Forwarded from MIJUU SAMMUU
👉Waan gochuu barbaaddu beeki, yaada sana jabeessi qabadhu, guyyaa guyyaan waan hojjetamuu qabu hojjedhu, aduun lixxu galma keetti dhiyoodha! Wanti hinoolle;sif hinoolu.sirrayis hinoolu.irra hinoolin.


👉Kan callisuu kee hin hubanne;dubbiikee hubachuu dhiisuu hin oolu.
Callisuun callaa keessa callaa isa caalu gingilchuudha.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Join us
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
"""""""""""""""""""""""""""""""'""""
"""""" MIJUU SAMMUU""""""
•Sababni kufaatii namaa fidu tokko qofa. Sunis namni Ofii isaa isa dhugaa irratti amantii dhabuudha.
•Jireenya namootaa jijjiiruuf: Hatattamaan jalqabi.hojii fakkeenyummaan gaarii tahe raawwadhu.
•Jireenyi kun waan nuti hojjennu waan ta’eef jiraachuuf gatii qaba jechuu dandeenya.
•Hojii hin xumuramne bara baraan fannifamuu akka nama dadhabsiisu hin jiru.
•Jireenyi jiraachuun gatii qabaa? Kun hundi kalee irratti hundaa'a.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Guyyaan hamaa hin qabu! Nama guyyaa keessa jiraatutu hamaadha.

Not a bad day! The man who lives in the day time is the worst.

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
🙎NAMA FAGOORRAA👋

Waaqayyo hammuma itti dhiyaataa adeeman namatti guddata.
Namni immoo hammuma itti siqaa adeeman namatti xinnaata.

.....Kan Waaqayyoo...
• Guddummaan isaa
• Ogummaan isaa
• Beekumsi isaa
• Dandeettiin isaa
• Jaalalli isaa....
Hammuma itti dhihaatanii baraa adeeman guddatee namatti mul'ata.

.....Kan Namaa...
• Dadhabaa ta'uun isaa
• Of jaallataa ta'uun isaa
• Of tuulaa ta'uun isaa
• Ofittoo ta'uun isaa .....

Hammuma itti dhihaataa adeeman namaa mul'ataa adeema.

......Sababa kanaaf......

👉Yeroo fagoorraa yaadaman nama guddaa kan fakkaatan baay'een yeroo itti siqne eenyummaa isaanii isa sirri barru nu harkatti xinnaatu.

🤜lakkaa inni/isheen nama akkasiitii jenna. Ni ajaayibsiifanna.

🤳Anumtuu akkasitti nama baay'een dhabe. Namuman fagootti baay'ee ajaayibsiifadhutu gaafan itti dhihaadhee argu xiqqoo wayii na jalaa ta'a.

....EGAA...

🤳Ani nama akkuma namummaa isaaattan kabaja.
👉Hojii gaarii inni hojjete yoo jiraate hojii isaaf beekamtii nan kenna.
🙏Kana irraa kan hafe Waan hafetu hafa malee ani ulfina Waaqayyoof malu danda'ee kan namaa hin godhu.
Namoota kabaja hammaan olii namarraa barbaadan yeroon arguu bakka isaaniin xinnaadha.
Boqonnaa_Qabsoo_Itti_Aanu.pdf
1.6 MB
Jawar Muhammad
'Boqonnaa_Qabsoo_Itti_Aanu.
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
𝟏𝟐 𝐊𝐞𝐲 𝐥𝐞𝐬𝐬𝐨𝐧𝐬 𝐟𝐫𝐨𝐦 "𝐌𝐢𝐧𝐝 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐠𝐞𝐦𝐞𝐧𝐭 𝐍𝐨𝐭 𝐓𝐢𝐦𝐞 𝐌𝐚𝐧𝐚𝐠𝐞𝐦𝐞𝐧𝐭".

1. Har'a oomishaa ta'uun waa'ee yeroo bulchuu osoo hin taane waa'ee sammuu bulchuuti.

2. Bulchiinsi yeroo qabeenya yeroo akka gaariitti ni fayyadama. Bulchiinsi sammuu qabeenya humna kalaqaa akka gaariitti fayyadama.

3. Sa'aatiin hundi walqixa hin uumamu: Guyyaatti sa'aatii tokkoof yoo barreessite waggaa tokko keessatti kitaaba qabaatta. Garuu kanaa mannaa sa'aatii 365 walitti aansuun barreessuu qofa, fi bu'aa wal fakkaatu argachuu hin dandeessu.

4. Seerri Sa’aatii Jalqabaa salphaatti kana: Sa’aatii jalqabaa guyyaa kee pirojektii kee isa hunda caalaa barbaachisaa ta’e irratti hojjechuuf dabarsi.

5. Guyyaa kee waan hunda caalaa barbaachisaa ta'e irratti hojjechuudhaan yoo jalqabde, carraan wantootni biroo karaa sitti ta'an xiqqaadha.

6. Yeroo tokko tokko sammuun kee kalaqaan yaaduuf caalaatti mijata. Yeroo tokko tokko sammuun kee xiinxalaan yaaduuf caalaatti mijata.

7. Qabxiin yeroo jireenya hamma danda’ametti yuunitii yeroo murtaa’e tokkotti guutuu miti. Qabxiin yeroo yeroo akka qajeelfamaatti fayyadamuun jireenya gammachiisaa jiraachuudha.

8. Hirriba guyyaa giddu galeessaan sa’aatii tokkoo dabaluu isaatiin oomishtummaa waggaa tokkoo ol dabaluudhaan barnoota irratti dabalaa deema.

9. Yeroo akka tasaa sochii tokko irraa gara kan biraatti jijjiirtu anniisaan kee ni dhangala'a...Yeroo hunda akkas gochaa jirta ta'e humni kee xiqqaan gara harkisaa deema.

10. Qorannoon Harvard akka agarsiisutti hojjettoonni beekumsaa hamma hojiin itti baay’atu, kalaqa isaanii xiqqaadha; qorannoon kun akkuma hojjettoonni hojiin itti baay’atu , hojiiwwan yaada kalaqaa xiqqaa kan akka; sammuu namaa hadoochuu. Hubannoo xiqqaa qabaachuu isaanii kan gabaasan yoo ta'u hojiin isaaniis hiriyoota isaaniitiin kalaqa xiqqaa jedhamee madaalameera .

11. Sadarkaan sagalee dandeettii kalaqaan yaaduu kee irrattis dhiibbaa uumuu danda’a...qorannoon akka agarsiisutti sadarkaan sagalee duubaa gara deesiibelii torbaatamaa ta’e yaada maddisiisuudhaaf mijataa dha.

12. Wantoonni tolchuun rakkisaa miti; wanti ulfaataa ta'e isaan tolchuuf haala sammuu keessa of kaa'uudha.
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Mahaatmaa Gaand(1).pdf
237.2 KB
Share 'Mahaatmaa Gaand(1).pdf'
Hayyoota biroo argachuuf..
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Join us
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
👉Gadi tuqadhu !Horaa bulaa Deebanaa!!!
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Mijuu keessaa mijuu baatee baafamte.
•Waan sif tahu;waan sin tahu hindabarsin.
•Dubbisuu hindhiisin;dhiisuufis,hindubbisin...
•Waa keessaa waa barbaadu dhiisin; Waa jedhi barbaadi.barbaadatu waan barbaadu argata.
•Wanta yeroon fide yerootu dabarsa waantaheef,
"Yeroo yeroon yaalii...
" Yeroon yeroof yaadi...
"Yeroon yerootti yaadiis,yaaliis.....yaaluu hindhiisin.
•Mo'amu miti mo'uuf murteeffadhu,,,,murtoon ilaalcha sammuu keetiti.
•Karoora karooran karoorsi; kiyyoo karoora kees,karooruman kuti.kutannoo barbaada.
•Nama namaa keessa barbaadi baafadhu; namni nama keessaa hindhabamu! Leensii fi leenjii si barbaada! Leenji'uun dirree ofirratti.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
👉Have a bright Day for you!
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Duumessa gubbaa jiru keessaa bakka tokkotti hiree koo akkan qunnamu nan beeka; warra anan lolan hin jibbu, warra ani eegu hin jaalladhu.
--- Wiliyaam Baatlar Yeets

@Mijuu_sammuu
Lallabuuf eessayyuu deemuun faayidaa hin qabu yoo deemsi keenya lallaba keenya ta'e malee.
--- Firaansis kan Asiisii
Mijuu sammuu shanan...
👉•Ani sin mo'a; ati ni mo'amta.
(Waanan tahu hintaatu;waanan hintaane nitaata.garuu,ani nantaha; ati hintaatu.ilaalcha sammuu sammuu keessaa badeeti.
👉•Ani nandhiisa;atis dhiisi.
(Waldhiisuurra waliidhiisuun dhiifamaf dhiisu)
👉•Anafis hintaatu;sifis hintaatu.
(Waan hintaane akka hintaanen wal taasisuun amansiisuudha.waliin waliif hintaanu jechuudha.)
👉•Ani nandhabaa;ati hindhabin..
(Wanti anaf hintaane sif tahu hinooluu,oolfadhu garuu,dhabuun koo dadhabuu miti dhaabuudha malee)
👉•Anis nan mo'a; atis mo'i.
(Waanan tahu atis tahi,hawwii hawwiin guuttadhu.mo'ichi murtoo nama namummaan namoomeeti.Eenyumtu mo'uu barbaada.garuu,dursa of mo'i.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Shamarren Bareedduun Bifa nama hawwaatuu qabdu tokko Maahatmaa Gaandii argite, "Gaandii sin jaaladha" jetteen.

Maahatama Gaandiinis, Ani umriin deemeera, bareedina nama hawwaatuu hin qabu. Obboleessi koo dudduuba kee jiru kun bareediinaan na caala, umriinis narra dargaggeessa, qabeenyaa na caalaa qaba, isatti osoo heerumtee siif wayya' jedhaan.

Isheenis ofirra garagaltee dudduuba ishee laalte, namni  ishee duuba hin jiru.
'Gaandii, namni ati jechaa jirtu natti hin mul'annee merree jetteen. Maahatama Gaandiinis itti seeqee, "Osoo dhuguma na jaalatta ta'ee dudduuba Kee hin ilaaltu turte" jedheen jedhama!

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
👉Jaalalli nama fira yoo sif tahes, fireenii dhugaa kan hincinne sif hintahu.bakka itti sirra citu fi sin citu qaba.Waaqayyoon gadiitti firri dhugaan of firoomfachuudha.fira ofiif taanan of firoomfatte firakee caala.Of firoomfadhu fira ofiif tahi.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
WILIYAAM JEEMS(1).pdf
282.5 KB
Share 'WILIYAAM JEEMS(1).pdf'
👉Jechoota hayyoota biroo argachuuf;
JOIN US OUR CHANNEL!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
❤️Addunyaa hogganuu irra of hogganuutu cimaadha! Of hogganuun of geggeessuudha! Ofgeggeessuuf immoo konkolaataan keenya sammuu keenyadha! ❤️•Sammuun keenya guyyaa guyyaan akkuma garaan keenya soorata barbaadu,sammuunis qallaba sooratu jechoota barbaada.jechootni qallaba yaada sammuu keenyaati.qallabni gumbii jechoota yaada sammuu gaarii utuu tahe caalaa bareedadha.
❤️•sammuu keessa qallaba yaada gaariif jechoota sammuu yaaduun( thinking mind)yaadi malee,sammuu miiraan miiraa kee hin to'atin.miirri yaada miiraa qaamaa caalaa humna sammuutti summii yaada hamaa biifuun nicaala.
❤️•Miiraa sammuu gaariin malee miiraa sammuu gadheen guutamuun sammuu iddoo gurgurtaa( daldala) yaada seexana gochuudha.
❤️•Yaadni sammuu keenya hamaa yootahe karaa fi karri isa seensa seexanaaf banaadha.Yaadni keenya hamaan hamma hammina keenya sammuu keenya booressa.yaada sammuu boora'a calaluuf ginginchaan isa Ofitti deebi'uudha.Ofitti deebi'uun Of ilaaluuf of barbaaduudha.namni of barbaadee of argate yaada sammuu si'a'aa(active) qaba.
👉•Ofirra fagaachuun ofitti fagaachuudha.Ofitti fagaachuun of dhabuudha.ofdhabuun of dadhabuudha malee of dhaabuu hintaatu.Barbaadani of argachuun garuu,ofin ofitti deebi'uudha.
👉•Yaada yaadan yaaluun yaada yartuu yandeessuudha.yaadan yaada kee gara yaada sammuu gaarii yaadutti yaali.Yaaluun yaalii hindhiisin.
👉•Namni nama arguu caala abbaan yoo of argee of wal'aane.Of wal'aanuun wal'aansoo qaba.Wal'aansoo yaadati.Of wal'aanuuf ofiikee of wal'aansoo of qabi.Eenyutu ofiisa wal'aansoo of qabnan mo'achuu danda'aa????Ani sin mo'a yaadakoo; moo yaadakoo namoota???
👉•Of mo'uun gaafa of mo'ee mo'ataadha.mo'atanis gaafa of mo'ee of mo'aadha.Of mo'i .
👉•Yaada keessa yaadni yaaddoonis,yandoonis jira.Yaaddoo yaada yaadan yaalii.Of yaalii yaaddoo yaalchisi.
👉•Of yaaluun ofii yaa'ii sammuu gaariin nagaaf karaa banuudha.nagaa nagaan nagaa keessa haabaasnu.!!!!•Nagaan nagaa kandhabu warshaan sammuu keenya gaafa yaada gadhee oomishuu jalqabuudha! Warshaa sammuu keenya kan qulleessinu Ilaalcha gaariin.Ilaa ilaalcha
👉.yaada callaa calalamatu ija godhata.Yaada keessa yaada yaadamu calali.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
#Dubbisi hindhiisin; Dhiisuuf hindubbisin.
#5ffaa
"""""'Karaa fi Karrichi cufaa miti""
41.Jireenyi mijatan karaa mijata hinqabu.mijatan mijataaf mijatu hinjiru.
42.Wanti Waaqayyoorraa sifageessu yoo jiraateeyyuu,Waaqayyoon wanti sirra fageessuu hinjiru.Karaa fi karrichi cufa miti waantahef.
43.Madaala hangaa kee tolfadhu malee kan nama biroo irratti of hinmadaalin.Madaalli namaa gufuu gammachuu keetiti.
44.Sammuu aariitin murtoo hinmurteessin,yeroo gammachuu keetis,waadaa garmalee hingalin.yerootu yeroo keessa jira waantaheef.
45.Manni barnootaa inni guddaan dhalli namaa jireenya irraa barate,irraa baratuufi barachuuf jiru#rakkina jedhama.
46.Nama foolii gaariin namatti hintolu jedhu; funyaan inni ittin funfateetu funfatamadha.funyaan keessa funyaantu jira .
47.Nama gaafa gorsan goguu irra gingilchaa bishaan itti naqantu jiidha.buqqeen mataa guddateef yaada gaarii hinqabu; xiqqaateefis,yaada gaarii hindhabu.
48.Jireenyi qabsoodha. Qabsoon wal'aansoo barbaada.wal'aansoon obsa gaafata.Obsi mo'icha fida.mo'ichi badhaadhummaa jireenyaati waan taheef yeroo hundaa haaradha.
49.Garaan gara galgala goguu sammuu summiin summeessee boruu beekuu wallaalchisa.Fira warra harsee harsameeti.
50.sooressi sooressa caaluu kan qabeenyaan macha'ee utuu hintaane,kan nagaan macha'eedha.nagaa hin dhabiin!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
Forwarded from MIJUU SAMMUU
#Dubbii_Hayyootaa
1. Tokkoo tokkoon keenya ida’ama yaadota keenyaati.
2. Dubbatanis dhiisanis namoonni bakka amma jiran kan jiraatan bakka sana jiraachuu waan filataniif.
3. Addunyaan kee sammuu keetti akkamitti fayyadamaa akka jirtuu fi akka fayyadamte ibsa.
4. Namoota isaan kaanitti yeroo murteessitu, namoota sana otoo hin taane ofii kee of ibsita.
5. Icciitiin guddaan addunyaa kana irra jiru waanuma yaaddu ta’uu keeti.
6. Ilaalchi nuti jireenyaaf qabnu ilaalcha jireenyi nuuf qabu murteessa.
7. Jireenya kee keessatti garaa garummaa kan uumu wanta jireenya kee irratti ta’u yookaan waan si mudatu miti. Tokkoo tokkoo haalota si mudataniif deebii akkamii akka kennitutu bu’aa isaa murteessa.
8. Bakka miidhamni jiru hunda carraan dhokatee jira; bakka carraan jiru hundas miidhamni dhokatee jira. Lamaanuu adda ba’uu hin danda’an.
9. Yeroon itti fiixaan baafattu waan dheerateef abjuu kee irraa abdii hin kutiin. Yeroon dhufuun isaa hin hafuu.
10. Namoonni galma qaban ni milkaa’u sababni isaas eessa deemaa akka jiran beeku.
11. Milkaa’inni bu’aa maallaqa horachuu miti; maallaqa horachuun garuu bu’aa milkaa’inaati…milkaa’inni tajaajila keenyaan wal qabata.
12. Namoonni milkaa’inaa amala wantota namoonni kufan hojjechuu hin jaallanne hojjechuu qabu. Waan isaan hin gammachiisne hojjetanii dhuma irra bu’aa isaatti gammadu.
13. Milkaa’inni kee yeroo hundaa qulqullinaa fi hamma tajaajila keen safarama.
14. Namni hin dubbisne nama dubbisuu hin dandeenye irra hin fooyya’u.
15. Milkaa’inaaf nama fakkeenya godhattu yoo dhabde, waan namoonni hunduu hojjetaa jiran ilaalii faallaa isaa hojjedhu.
Himoonni ogummaan guutaman kun kan Earl Nightingale yeroo addaatti dubbatee fi barreesse keessaa fudhataman. Lafa hin buutu, lafee irra buuti jedheen isiniif qooda. Isinis hiriyyoota keessaniif qoodaa.
#deemsi_itti_fufa
#nama_biyya_Oromoo
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
#Waggaa_Meeqatti?
   
• Platon waggaa 20tti barataa Socrates ta'e.
• Mozart waggaa 8tti muuziqaa isaa isa jalqabaa barreesse.
• Charles Dickens waggaa 12tti barnoota isaa addaan kutee warshaatti qacaramee hojii eegale. Abbaan isaa liqii kaffaluu dadhabuun waan jalaa hidhameef.
• Anne Frank waggaa 13tti kitaaba ishee yaadannoo guyyuu barreessuu jalqabde.
• Ralph Waldo Emerson waggaa 14tti Harvard seene.
• Bill Gates waggaa 19tti Microsoft hundeesse (namoota waliin). Waggaa 31tti immoo biliyeenera ta'e.
• Walliam Shakespear waggaa 31tti 'Romeo and Juliet' barreesse.
• Thomas Jefferson waggaa 33tti 'Declaration of Independence' barreesse.
• Mother Teresa waggaa 40tti 'Missionaries of Charity' hundeessite.
• Pablo Picasso waggaa 55tti fakkii 'Guernica' kaase.
• Winston Churchill waggaa 65tti muummee ministeeraa Biriteen ta'e.
• Nelson Mandela waggaa 75tti pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta'e.
• Frank Lloyd Wright waggaa 91tti hojii godambaa Guggenheim xumure.
• Ichijirou Araya waggaa 100tti gaara Fuji yaabbate.
Ijoollees ta'i jaarsa, dargaggeessas ta'i maanguddoo, umurii kam irrayyuu jiraadhu abjuu kee milkeessuu inuma dandeessa. Namoonni baay'een, "Kana booda eessan ga'a?" jedhanii hojii dhiisu. Kaan immoo, "Anoo ijoolleedhaa akkamittan danda'a?" jedhanii ijoollummaatti qabatu. Dhugaan jiru garuu wanti guddaan umurii otoo hin taane abjuu ofii raawwachuuf kutannoo qabaachuudha. Abdii kutuuf sababni hin jiru, yoo uumte malee!
#deemsiittifufa

Madda Eebbisaa Baayisaa

Isin Jaallanna 💓

🌷#Join and #share 📲🙏
       🔻 🔻🔻🔻🔻🔻🔻🔻                                            @Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
WANTOOTA ABJUU DHALOOTAA AJJEESAN! Yoo jaalatte #share

1) Abdii kutannaa: Namni abdii kutate har'a qofatu itti mul'ata; fuuldurri isaa dukkana. Kanaafuu egereen kee borii akka hin dukkanoofneef abdii kutachuun barbaachisaa miti. Dhaloota abdiidhan jiraatu haa taanu.

2) Gabaabsanii yaaduu: Egeree ofii gabaabsanii yaaduun doofummatti nama gata. Daandii nu milkeessuu fi nu kuffisuu danda'u sirriitti kan nuti adda baafannu; fageessinee yeroo yaadnudha. Kanaafuu dhaloota fageessee yaadu haa taanu.

3) Sirna Addunyaa fi imala karaa addunyaa adda baafachuu dhabu: Sirnootni addunyaa kana keessa jiran kan nama fayyadan akkuma jiran faallaa isaa immoo kan baay'ee nama miidhanis sirriitti jiru. Kanneen kana adda hin baafannu yoo ta'e abjuun keenya kufuuf lakkoofsa tokko irra jira. Abjuu keenyaa fi kaayyoo keenya milkeessuuf sirnootni addunyaa kana keessa jiru adda baafachuun barbaachisaadha.

4) Jijjiiramaaf qaama biroo eeguu: Jijjiiramaaf qaama biroo eegna yoo ta'e hirkattummaa jalatti kufna; abjuu keenyatu maseena. Kanaafuu abjuun keenya akka hin maseenneef jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha. Dhaloonni qubee dhaloota jijjiirama fidu malee dhaloota jijjiiramaaf qaama biroo irraa eegu miti.

5) Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu: Abjuu keenya milkeessuu keessatti yeroon nuti qabnu baay'ee murteessadha. Yeroon warqeedha. Itti fayyadamnaan boollaa nama baasa; itti hin fayyadamnu yoo ta'e garuu bool'a nama buusa. Yeroo duukaa fiiguun galma keenya qaqqabuuf hojjechuun abjuu keenya milkeessuu keessatti ga'ee ol aanaa qaba.

6) Of tuffachuu: Dhalli namaa beekaas haa ta'u wallaalaa karoora mataa isaa ni qabaata. Akkasuma haa guddatu, haa xiqqaatu abjuu mataa isaa ni qabaata. Yeroo kallattii garagaraatiin teenyee yaadnu wantoonni haamilee nu buusanii abjuu keenya doomsan jiraachuu malu. Nuti garuu abjuu qabanne galmaan gahuuf hojii tokko keessatti of tuffachuun hin barbaachisu.

7) Hiyyummaa kunuunsuu: Abjuu ofii kunuunsuu keessatti hiyyummaa kunuunsuun hin barbaachisu. Hiyyummaa kunuunsuun, karoora keenya karaatti hambisa, abjuu keenya dukkaneessa. Kanaafuu dhaloota hiyyummaa balleessu ta'uu qabna malee dhaloota hiyyummaa kunuunsu ta'uu hin qabnu.

8) Itti gaafatamummaa sirriitti hubachuu dhabuu: Hojii hojjennu keessatti itti gaafatamummaa qabnu sirnaan hin baanu yoo ta'e abjuu keenya irra dabarree abjuu dhalootaa dukkaneessuu dandeenya. Hojii hojjettu keessatti itti gaafatamummaa ofii beekuun mirga osoo hin taane dirqama.

9) Mul'ata qabaachuu dhabuu: Mul'atni hin bitamu. Mul'atni bifa hin filatu, kutannoo fi obsaan galma ga'uu gaafata malee!

Kanaaf egaa humnaa fi jabinaan akkasumas garaa guutudhaan kallattii ittiin abjuu keenya dhugoomsinu duukaa bu'uun nu irra jiraata.

@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Waraabessaaf beekamtii kan kenne sareedha!
≈≈≈≈=≈≈≈=≈≈≈≈=≈≈≈=≈≈≈≈=≈≈≈
Waraabessi gara mandaraa akka seene kan himu sareedha. Waraabessi 'ani dhufeera' jedhee hin himu. Dhufuu isaaf kan beeksisa hojjetu saree dha. Hiyyummaakeef, kufaatiikeef, fi sodaakeef beekamtii kan kenne suma mataa keeti. Faallaa kanaa immoo beekamtii kan siif kennu diina kee dha. Sodaachisi malee hin sodaatin. Diinnikee hammam akka ati isa sodaattu hin beeku. Akka diinnikee si sodaatu immoo beeki. Diinni kee waa’ee keef dhugaa jiru waan beekuuf si sodaata. Ati garuu waa’ee isaaf dhugaa jiru waan hin beekneef isa sodaatta. Namoonni baay’een diina sodaatanii Waaqayyoon kadhatu malee diina sodaachisuuf hin kadhatan. Akkaatadhumti uumama kee iyyuu mo’uuf malee mo’amuu miti. Mootii taatee dhalattee garba taatee hin jiraatin."Obsaan dhagaa affeelu", jedha Oromoon.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu
Forwarded from Michuu Galaan Offical (Michuu Galaan)
Jechamoota Hayyuu 'Billy Gram' dubbate.


1. "Qabeenyi yeroo badu wanti badu hin jiru; fayyaan yeroo badu wanta xiqqootu bada; amalli  yeroo badu hunduu ni bada."

2. "Manni koo Waaqa keessa jira. Karaa Addunyaa kanaan gara isaa dhaqa.


3. "Ija jabinni namootatti  daddarba. Namni jabaa tokko yeroo ejjennoo fudhatu yeroo baayyee lafeen  dugdaa namoota biroo ni jabaata."

4. "Jaalala dhugaa malee wanti miira nageenyaa dhugaa gara manaatti fiduu danda'u hin jiru."

5. "Imimmaan ofiif dhangala'u imimmaan dadhabbiiti, imimmaan namootaaf dhangala'u garuu mallattoo jabinaati."

6. "Mucaan warra isaaf kabaja dhabuun hayyamameef kabaja dhugaa eenyuufuu hin qabaatu."

7. "Jireenyi waggaa dheeraa yeroo kennamu umuriin dulloomuun waanuma jiruudha, ayyaanaan dulloomuun garuu filannoodha."

8. "Jechi 'jaalalaa' jedhu akka galmeen jechootaa jedhutti gammachuu, gammachuu, fi waan garmalee dhugaa ta'e jechuudha jedha. Ta'us Jaalalli umurii guutuu turuu qaba."

9. "Nama biraa sababii sanyii ykn sabaan ofirraa gadi ta'ee ilaaluun cubbuu natti fakkaata, wanti guddaan gochuu qabdu Waaqayyo jaalala isaaniif akka siif kennu kadhachuudha jedheen yaada, anis nan godha." 

10. "Kristaana ta'uun battalumatti jijjiiramuu qofa osoo hin taane - adeemsa guyyaa guyyaa itti guddachuun caalaatti Kiristoos fakkaachuudha."

11. "Fuula macaafa qulqulluu isa dhumaa dubbiseera. Hundi isaa gaarii ta'uuf jira."

12. "Yeroo dhihootti jireenyi koo akka xumuramu nan beeka. Waaqayyoon nan galateeffadha, kanaafis, jireenya kana keessattis waan inni naaf kenne hundumaaf...Garuu waaqaa hawwiidhaan eeggadha."
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Mijuu_sammuu