๐‹๐ข๐›๐ซ๐š๐ซ๐ฒ ๐ˆ๐ฌ๐ฅ๐š๐š๐ฆ๐š๐š๐Ÿ“š๐Ÿ“–๐Ÿ“˜๐Ÿ“•๐Ÿ“š๐ŸŒน๐ŸŒนแตแตƒโฟแตƒ สฐแต’แต’ แตˆแต˜แต‡แต‡โฑหขแต—แต‰แต‰??
11.6K subscribers
463 photos
46 videos
180 files
810 links
ู„ูŽุง ู†ูุฑููŠุฏู ู…ูู†ูƒูู…ู’ ุฌูŽุฒูŽุงู“ุกู‹ ูˆูŽู„ูŽุง ุดููƒููˆุฑู‹ุง
๐ŸŒ Channel kana irraa๐Ÿ‘‡
๐Ÿ“š Kitaabban
๐ŸŽต Nashiidaa haaraya
๐Ÿ˜ Kolfaaf
โœ๏ธKana Beektuu?..ni Argattu
๐Ÿ“ฒ Yaadaaf @Library_Islaamaabot
๐Ÿ“ฒ Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š
Download Telegram
โœ#ZAKAA_FIXIRII #NAAMUUSAAF
#HEERA_ISIIโœโœโœ
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน

โœEgaa zakaa fixrii #jechuun sadaqaa yeroo
soomana ramadaanaa xumuran dhuma
isaarratti keennamtu jechuudha.

#Faaydaan Isiitis dogoggoraafii badii irraa soomana
namaaf qulqulleysiti.๐Ÿ‘
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘1
#Zakaan fixriidhaa muslima hundarratti
dirqama ๐Ÿ‘Œ๐Ÿ‘Œ
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
โœIsiin midhaan suguda tokkoo (k.g 2: 40)
yoo kiiloo lamaaf cinaa godhan haalaan
gaariidha.) nama tokkorraa baasuu barbaachisa.

โœ…Hadiisatti Abdallaa ibnu umar (r.a.) akki
jedhe " Nabiin (s.a.w.) tokko tokkoo muslimtootaa irratti zakkaa fixrii tan
ramadaanaa dirqama godhe, hunduma &
muslimaarratti bilisa tahuu gabra tahuu, dhiira tahuu dubartii tahuu, guddaa tahuu xiqqaa tahuu, suguda (kooboo) takka
timirarraa yookaan garburraa nama tokkorraa
kafalama jedhe. "


โœJecha bukhaarii keessatti nabiin s.a.w. zakaa fixrii dirqama godhe โ€ฆjedhee hadiisa oofee
achi keessatti.. osoo namni gara salaata iidaa
hinbaane duratti akka kennamtu ajaje" jedhe. ๐ŸŒน

๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธ
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธ
Ifxaarri muslimootaa
Gaafa ta'u rasaasa
Iyyeen dubbadha malee
Akkamittan asaasa!

Finxaaleyyiin nu dhaantee
Jarattiin harka xurii
Gaafa haaromsuu yaaltu
Seenaa Abbaa'shee durii

Obboleessi muslimaa
Gaafa na waamu iyyee
Sodaadhee irraan hafu
Du'eetan ta'a biyyee

Dhimmi obbolaa muslimaa
Gondaris ta'u jimmaa
Muslimoota addunyaa
Mara isaaniifuu dhimmaa

Osoo nu kulkuluu
Godaannisni mooxaa
Maal taate yaa gondar
Maaf akkas nu goota?

Galaana tuqxu taanaan
Odolli nagaan taatuu
Hin milkooftu abadan
Islaama hin tuqin raatuu

Abjuun guyyaa abjoottan
Sirni Atsee kan kalee
Abadan siin dhugoomu
Qilleensa abootta malee

Kaleessa nu tuqxanii
Murtii dhabuun keessani
Homaa sin hin jiilchine
Kunoo asirra geessani

Ajjeechaa jumlaa gondar~eenyunuu haa raawwatu
Faannoos haa taatu liyyuu
Haga haqa argatutti
Nagaa hin taatu biyyuu

Warri kalee keessummaa
Sahaabota simanne
Nuti ilmaan Najjaashii
Deebii dhabuun himannee...

Karaa nagaan hiriirree
Iyyannee kootummaani
Seera yoon kabachiisin
Dammaqee mootummaani

Dhiibamuun muslimootaa
Booda isiniif hin toltuu
Hubadhaa Rabbi guddaaf
Gabroota isaatiin loltuu

Qaama keenyaa dhiibamuu
Dandeenyee akkamiin teenya
Ammas dambaliin yaanee~addunyaa dhageessifna
Haqaaf sagalee keenya

Qeerransa ofitti kaafte
Tuqxee ijoollee Bilaali
Tokkummaan dambali'ee
Akka yaa'u ilaali!

Ilmaan Imaamu Ahmad
Duruu goota dhalchinaa
Majlisnis nuuf dammaqaa
Yartuu likkii galchinaa!

โœ๏ธ.... Riyaad Raayyaa tiin
#share_godhaaโฃ๏ธ
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa
โค3๐Ÿ‘3
Baga geessan baga geenye
Tika Rabbiitiin teenyee
Sooma hiikaa baranaa
Baga geessan kan na beektan kan nan beeknee
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
Soomana baranaa
Nagaadhaan xumurtanii
Baga hardha geessan
Umriidhaan turtaniiโœ

Kan milkii nuuf haa tahu
Sooma hiikaan baranaa
Dhufee manaa nun dhabiin
Aamiin jedhaa jaranaa๐Ÿคทโ€โ™‚๏ธ

Eiida milkiin dhufee
Gammachuu nuu fidu
Rahmaanin kadhanna
Inni naman didu๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ

Warra bara hedduu
Kayrii carraaqqatu
Faayamee bareedee
Miindaasas argatu

Tahuu haa kadhannu
Rabbii mootii Aalaamaa
Kadhadhaa haa kadhannu
Inni kadhaa qeebalaa๐ŸŒน

๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน ๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
๐ŸŒน๐ŸŒน
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘1
#Barnoota_seera_Eidaa.๐ŸŒน
๐ŸŒฒ๐ŸŒฒ๐ŸŒฒ๐ŸŒฒ๐ŸŒฒ๐ŸŒฒ
Akkuma beekamutti ummata islaamaa
biratti iida lamaatu jira. Isaanis iida fixrii
(soomsn furaa) fii iidul adhaa (iida arafaa) ti.
โœ…Isaan kuni lameen waggaa waggaan
deddeebi'u.

โœ…Salaanni iidaa waggaa 1ffaa hijraati
seeramte eegalamte.๐Ÿ‘

โœAbuu dawuud anasirraa odeesse-nabiin
s.a.w. madiinatti gale (dhufe) warra madiinaa kan guyyaa lama kan iidaa ayyaaneffatanii taphatan qaban '' guyyaan
kabajdan kun lameen maali?" jedhee gaafannaan, zamana wallaalummaa kabajuu turree. Jedhaniin, nabiin s.a.w. akki
jedheen. Kana lameen ufirraa dhiisaa ayyaana isaan kana caalu lama rabbiin bakka isinii buusee jira guyyaa adhaatiifi
guyyaa fixrii..jedheen.

JOIN๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
#Namusa_yeroo_iida #salaatuuf_bahanii ๐ŸŽค

โœYeroo iida salaatuuf deeman naamusoonni
asii gadii kun eegamuu barbaachisa.
โœQaama dhiqachuu
โœ uffata bareeda uffachuu,
โœnamni dhiiraa qoftiin shittoo
โœgodhachuu,(dubartiin yeroo manarraa gadi
baatu shittoo godhachuun dhoowwaadha).
โœGuyyaa iida fixrii osoo salaatatti hindeemne
waa nyaachuu, guyyaa iida #adhaa ammo
hanga salaatarraa deebi'anii nyaatarra
turuu fii yogguu salaatanii galan udhiyyaa
isaarraa nyaachuu..
โœGanamaan gama dirree iidaa bahuufi yoo
dandayame miilaan deemanii dhaquu.
โœKaraa tokkoon salaata dhaqanii karaa
birootiin galuu
โœNamni dhiiraa sagalee ol fuudhee waliiwajjiin takbiiraa jechuu nidandaya.

โœ…Abdallaah ibnu umar irraa inni sagalee
olkaasee takbiirtaa jedha, warri masgiidaatis jalaa dhagayeeti takbiiraa
jedha " jechaatu odeeffamee jira waan
taheef.

Nama irraa fayyadamu Rabbi nu haa godhu ๐Ÿคฒ

Maddi :kitaaba soomana Ramadaanaa
Barreessaan;garee
ulamaaii
#JOIN๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘1
Hadiisa Abuu Ayyuub al-Ansaariin odeyseen ergamaan Rabbii Muhammad๏ทบ "namni Ramadaana Soommanee eeganaa Jaha Shawwaal irraa itti aanse, akka nama amata guutuu Soommaneeti" ja'e. [Muslim : 1164]

- Shawwaal ji'a Ramadaanatti aanee dhufu kanarraa guyyaa 6 Soommanuun Sunnaa dha. Soommana Ramadaanaa waliin akka nama amata guutuu Soommanaa bahetti Ajrii arkanna. Soommana 6n Shawwaal kana walitti aansinee ykn adda babaasnee Soommanuu dandeenya.

NUURALHUDAA
Soora Qalbii Muslimaa
๐Ÿ‘2
#Qaalawiinsi_jiruu_isin_hin_yaachisin...!
ู‚ุงู„ ุชุนุงู„ู‰ : { ‏ูˆูŽูููŠ ุงู„ุณูŽู‘ู…ูŽุงุกู ุฑูุฒู’ู‚ููƒูู…ู’ ูˆูŽู…ูŽุง ุชููˆุนูŽุฏููˆู†ูŽ }

โžพRabbiin yeroo meeshaan rakasaa isin horataa ture...yeroo meeshaan qaalawe isin horachuu hin dadhabuu.
Rabbiin Rizqii gabroottan isaa ufirratti qabee jira waan ta'eef.
{ ูˆู…ูŽุง ู…ูู† ุฏูŽุงุจู‘ูŽุฉู ููŠ ุงู„ุฃุฑุถู ุฅู„ู‘ูŽุง ุนูŽู„ู‰ ุงู„ู„ู‡ู ุฑูุฒู‚ูู‡ูŽุง }
{Waan dachee tanarra sosso'aa hunda..Rizqiin isaanii ana bira jedha..}Rabbiin.
" ูˆู„ู† ุชู…ูˆุชูŽ ู†ูุณูŒ ุญุชู‰ ุชุณุชูˆููŠ ูƒุงู…ู„ูŽ ุฑุฒู‚ู‡ุง ".
โžพLubbuun osoo qoodni ishee asirraa hin dhumatin duutu takkallee hin jirtu.

โžพMiliyoona meeqatu..kiisii duwwaa, mindaa malee, guyyaa hunda osoo maal nyaadha?! jedhee hin yaadin oolee bulaa jira...!
ูู„ู…ุงุฐุง ุชู‚ู„ู‚ูˆู† ุŸ!
#Maaliif_gadditan#Maaltu_isin_yaachisa ?
โžพOsoo ati garaa haadha keetii keessa jirtu qoodni jiruu teetii sii barreeffame jechuun salphaa sitti fakkaataa!..?
โžพRabbiin akka ati mataa olqabattee jiraattu sirraa barbaada.
โžพAkka ati onnee guutuun Rizqii halaalaa barbaadattu sirraa barbaada.
โžพmallaqa yartuu tanaaf jettee ufin xiqqeeysin.
โžพWaan Rabbiin ufirratti siif qabeef jettee mataan kee sin bowwaafatin.
โžพSodaa fi gadda jidduu Hawaasaatti hin facasin.
ูˆุฃุญุณู†ูˆุง ุงู„ุธู†ู‘ูŽ ุจุงู„ู„ู‡ ุนุฒู‘ูŽ ูˆุฌู„ู‘ูŽ ุŒ
โžพRabbii guddatee ol ta'etti sehaa tolaa.
โžพJiruu teessan tasgabiidhaan keessa jiraadhaa!.
โžพRabbii keessanitti akkana jedhaa warwaadhaa;

เผ„๐ŸคฒYaa Rabbi qoodni keenya sammii keessa yoo taate gadi nuuf buusi,
‏ุงู„ู„ู‘ูŽู‡ูู…ู‘ูŽ ุฅู† ูƒุงู† ุฑุฒู‚ู†ุง ููŠ ุงู„ุณู…ุงุก ูุฃู†ุฒู„ู‡ ุŒ
เผ„Dachee keessa yoo jiraate ol nuuf baasi,
ูˆุฅู† ูƒุงู† ููŠ ุงู„ุฃุฑุถ ูุฃุฎุฑุฌู‡ ุŒ
เผ„Yoo fagoo nurraa jiraates as nuuf kaleessi,
‏ูˆุฅู† ูƒุงู† ุจุนูŠุฏุงู‹ ูู‚ุฑู‘ูุจู‡ ุŒ
เผ„Yoo kaluu keenya jiraates, yaa Rabbi nuuf laaffisi,
‏ูˆุฅู† ูƒุงู† ู‚ุฑูŠุจุงู‹ ููŠุณุฑู‡ ุŒ
เผ„Yoo nu jalaa xiqqaattes isima nuuf guddisi,
‏ูˆุฅู† ูƒุงู† ู‚ู„ูŠู„ุงู‹ ููƒุซุฑู‡ ุŒ
เผ„Yoo guddoo taates barakaa keessa nuuf kaahi. Jedhaa Rabbitti warwaadhaa.
#Join๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘4
#Yaa_Rabbi_Istiqaamaa
#nuuf_kenni๐Ÿคฒ๐Ÿฅบ๐Ÿฅบ

โ™ป๏ธWanti hunduu iddoo isaatitti deebi'ee jira.โœ
โžก๏ธShexaanni gadi dhiifameera.๐Ÿ‘บ
โ†ช๏ธwarri Ramadaanni seennaan Soomana eegale soomana xumureera.
โ€ขโฉMinxaafiin dachaafameera.
โžก๏ธQur'aanni cufameera.๐Ÿ“š
โžก๏ธJama'aan masjiida duraan gutee alatti wal yaase hafee masjiidni saffaa tokkoo lamatti deebi'eera.
โžก๏ธWarri Cubbuu mu'eeffate cubbuu isaa deebi'ee dhandhamuu eegaleera.
โžก๏ธYoo majiida seentu namootuma osoo Ramadaanni hin deebi'in gara masjiidaa deddeebi'an malee namoota haarawa hin argitu.....๐Ÿคทโ€โ™‚
โžก๏ธNamoonni Ramadaana keessaa waan jijjiiraman fakkaatan Ramadaanni baanaan jijjiirama waakkatan!!.
๐Ÿ”„Waggaa walitti deebina jedhanii salaata,Soomana, Quraanafi gara masjiidaa deddeebi'u nagaya itti dhaamatan.๐Ÿ‘Œ
โœWanti hunduu bakka dur turetti deebi'eera!๐Ÿ˜”
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธ
#JOIN๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘4
Caalaan jia hundaa
Gallaan ramadaanni
Istiqaamaa dhabnee
Laafnaan ibaadaanii

Akka waan gaheetti
Rabbiin ibaaduunii
Akka waan hafeetti
Dhukkubaafi duunii

Ibaadaa laaffifnee
Uf duuba deebinee
Masjida dur guunne
Amma maaliif guune!?

Ni gaha jedhamee
Rabbiif gabroomuuni
Ni gaha jedhamee
Masjiida deemuunii!

Azaaniin jedhamnaan
Dur hoo itti fiignaa
Amma maatu taanaan
Waadaa rabbii diignaa

Rabbiin gabbaruunii
Amma gaafa du'aa
Isa ibaaduunii
Yoomuun qabu gu'aa

Kana tahuu beeknee
Isatti haa deebinuu
Rabbiin haa kadhannu
Isarraan dheessinuu

Yaa rabbii yaa Allah
Nuuf kenni istiqaamaa
Qur'aanni osoo jiruu
Nun taasisin jaamaa

Ibaadaan nu cimsii
Nuuf kenni sabaataa
Akkaataa nu godhi
Hin qabnu akkaataa
๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ
๐‘”๐‘Ž๐‘™๐‘Ž๐‘ก๐‘œ๐‘œ๐‘š๐‘Ž๐‘Ž๐‘Ž
#JOIN๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘8