π‹π’π›π«πšπ«π² 𝐈𝐬π₯πšπšπ¦πšπšπŸ“šπŸ“–πŸ“˜πŸ“•πŸ“šπŸŒΉπŸŒΉα΅α΅ƒβΏα΅ƒ Κ°α΅’α΅’ α΅ˆα΅˜α΅‡α΅‡β±Λ’α΅—α΅‰α΅‰??
11.6K subscribers
463 photos
46 videos
180 files
812 links
Ω„ΩŽΨ§ Ω†ΩΨ±ΩΩŠΨ―Ω مِنكُمْ Ψ¬ΩŽΨ²ΩŽΨ§Ω“Ψ‘Ω‹ ΩˆΩŽΩ„ΩŽΨ§ Ψ΄ΩΩƒΩΩˆΨ±Ω‹Ψ§
🌐 Channel kana irraaπŸ‘‡
πŸ“š Kitaabban
🎡 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu
πŸ“² Yaadaaf @Library_Islaamaabot
πŸ“² Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š
Download Telegram
QABXII SEENSAA KAMTU 600 KAMTU 700 keessa kan jedhu Haala salphaan beekuuf kanarraa laalaa baayyee ifaadha✍✍✍✍✍✍✍
Carraa gaariiπŸ‘πŸ‘
πŸ‘3πŸ₯°2
#Barattootni sababa.qabxiin sin duraa hafeef #gaddaa jirtaaniif
Seenaan kun hedduu sin fayyada
πŸ™

⏩ namni fakkii gadii irratti argitan kun maqaan isaa #Jack #ma ykn afaan chaayinaatiin #ma #yun jedhama. hundeessaafi hogganaa dhaabbata Alibabaa(Alibaba foundation)ti.

✍Qabeenyi isaa yeroo kanatti biliyoona 63.9$ doolara US yoo ta'u qabeenyaan akka addunyaatti sadarkaa 22ffaa akka biyya #Chaayinaatti 1𝐟𝐟𝐚𝐚𝐝𝐑𝐚

βœ…Kan nama ajaa'ibsiisu immoo har'a sadarkaa kana osoo hin gahin dura:-
Dhaabbata barsiisota Hangzhou seenuuf si'a lama qormaata fudhatee marsaa lamaanuu kufeeraπŸ€·β€β™‚.
✍bara 1988 afaan ingiliziitiin(in English) digrii jalqabaa erga xumuree yuniversiitii Harvardii seenuuf si'a 10 gaafatee hundumaa hin milkoofneef.πŸ™…β€β™‚
Ammas #Jack ma dhaabbilee garaagaraa 30f akka isa qacaranu iyyannoo galfatus hin milkoofneef.🀷Dhaabbata KFC jedhamutti Jack ma wajjiin Namootni 24 gaafannoof deemanii 23 fudhatamanii Jack man qofti hafee ture.πŸ™†πŸ™†β€β™‚πŸ˜‚πŸ˜‚

βœ… Ajaa'iba garuuπŸ€”πŸ€”πŸ€”

Utuu #Anaaf #si tahee hoo??? garaa muranna mitii eee dhugaan jirtu akkasuma

Inni garuu Abdii hin kutanne dandeettii qabutti fayyadamuun hojii mataa isaa hojjatee yeroo gabaabduu keessatti Abba #qabeenyaa Chaayinaa tahuu dandahe πŸ‘Œ

𝐀π₯π₯ 𝐭𝐑𝐒𝐧𝐠 𝐒𝐬 π©π¨π¬π¬π’π›πž 𝐞𝐱𝐜𝐞𝐩𝐭 𝐭𝐑𝐞 𝐰𝐨𝐫𝐝 𝐒𝐦𝐦𝐩𝐨𝐬𝐬𝐒𝐛π₯𝐞!!!!

wanti hunduu ni danda'ama jecha Dictinory kessaa #hindandahamu jedhu maleβœ…

Seenaa #Jack ma irraa barumsa akka argattani nan Amana.
Jireenya keeti keessatti wantootni abdii si kutachiisan hedduun si qunamuu dandaa'a. Garuu abdii hin kutatin.πŸ™
πŸ“šπŸŒΉπŸ“šπŸŒΉπŸ“šπŸŒΉπŸ“šπŸŒΉ
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
πŸ‘6
Kun maaliif taheπŸ˜₯

Sammuu barataa dhukkubsanii
Qaxalee~n barataa as hafanii
Mataa buusanii yoo taahani
Eenyuun barsiisuuf dhamaataniiπŸ€”πŸ€”

Yaa hojii keessan dhara qofaa
Nama biyya jijjiru kuffistani
Cocollee barataa hanbistanii
Biyya maalii guddistanii?

Barnoota barnoota jechaa
Afuuftanii
Ilmaan hiyyeessaa garaa gubatanii
Jiruu itti hadheessitanii
Akkamiin haa jiraatanii?


Nuti Rabbumaan qabna
Isa abba hiyyeessaa
Furmaata isarka eega
Martuu harkasaa keessaa.
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
πŸ‘6
Audio
#Nashiidaa #Haaraya_Abdooshe kinoo caqasaaπŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

Share🌹🌹🌹🌹
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
Yaada,qeeqaaf gaaffiifπŸ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘4
Anoo si yaadeera.....😒

Erga gargar baanee
Waggaa tokko geenyee
Yaaddoon kee na miidhe
Si obsuu hin dandeenyee

Sekondiin daqiiqaa
Guyyaan torbii ta'ee
Tokko lama jechuun
Torbiinis naanna'ee

Wal arguuf geenyeerra
Kunoo waggaan ga'ee
Bareeda akka kee
Hin argine takkaa

Haalaaf amalli kee
Qalbii nama rakkaa
Waa garaa hin jabaattuu
Tasa garaa laaftaa
Jaalalaan moo'attee
Hunda qalbii raaftaa
Waggaatti al tokko
Naaf taatee keessummaa

Osoo si jaaladhuu
Si dhabus tasumaa
Amma wal arguufi
Alhamdulillaahi
Kan waliin nu gaheef
Galata ilaahi
Kan qabattee deemtun
Gumaata gurguddaa
Osoo adda hin qoodin
Isa xiqqaaf guddaa
Hundumaaf kennita
Nama qabuuf qalbii
Jaalallee koo dhugaa
Yaa badhaasa rabbii

Nama waliin oodus
Walitti araarsitaa
Jaalalaan moo'attee
Qalbii xahaarsitaa

Ahriibuu #ramadaan
Jaalallee koo haqaa
Qalbiin koo gammaddee
Si waamuudhaaf maqaaπŸ™
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
Yaada,qeeqaaf gaaffiifπŸ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘3❀1
Anaan kan na dhibee
Kan bitaa na gale
Akki jiruu keenyaa
Kun waansaa naan galleeπŸ€”
Atileetin illee
Meedaliaaf fiigaa
Qaala'insa jiruu kana
Maaltu fiigsaπŸ˜πŸ€”πŸ€”

Fiigee hin dhaabbatu
Kun akka maraataa
Of duuban mil'atu
Fuulduratti kaataa

Ni jiraanna jennee
Asiif achi fiigna
Qaala'insi jiruu
Maaf nu tahe dingaa

Of dandeenya jennee
Cabsinee mukaaf citaa
Jiruun bara kanaa
Maaf akkas ni dhiitaaπŸ˜€

Miskiinni rakkatee
Rakkatee bahaaf gala
Kaan carraa argate
Bahee biyya alaa

Gariin ammoo tahee
Qurxummiif irbaata
Gadadoo f rakkina
Mataasaatti baataπŸ˜₯

Jireenya mo'achuufi
Kana hunda kan taanu
Rakkannee himachuufuu
Dhabne kan nutti aanuπŸ‘Œ

Uumaan hunda uume
Inni abbaa hiyyeessaa
Gahe jedhee
Nu haa baasu keessaa

Aamiin
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
,✍Ayi jiruu lafarraa...πŸ₯ΊπŸ₯Ί
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€

Jiruu koontiraataa
Jireenya lafarraa
Dhumuunshee hin hafuu
Of dagannus har'aa....
Hedduun osoo fiiguu
Naaf dabarti jedhee
Duuti isa fuuti
Gaafa rabbiin fedhee

Kan qabeenya hores...
Taabba meeqa ba'ee
Laga meeqa bu'ee
Osoo hin nyaatin tasa
Meeqa biraa du'ee...
Naaf dabarti jedhee
Meeqa biyyaa ba'ee
Kan karatti hafee
Soora allaattii ta'eeπŸ˜₯
Kan biyaa baqates
Cunqursaan jabaatee
Meeqa karaarratti
Kan galaanni nyaatee...πŸ₯Ί

Dirqamni jireenyaa
Kan biyyaa fageessee
Aanaaf aaliisaatti
Kan garaa jabeessee
Lakkaa'amee hin dhumu
Kumaafi kitilaa
Jireenyi lafarraa
Gabaabduudha silaa....
Meeqatu rakkatee
Karaarratti ba'ee
Harka namaa ilaalun
Carraa isaa ta'ee....

Inni kaan dhibamee
Siree irratti hafee
Fedhii isaa malee
Halkan guyyaa rafee....
Kuun agartuu dhabee
Itti dukkanaa'ee
Kan halkaniifi guyyaan
Itti wal qixxaa'ee
Kuun dhageettii dhabee
Mallattoon dubbataa
Kuun mataan dhukkubee
Ofiin dudubbataa
Kuun ilkaanin kolfaa
Keessotti gubataa......
Ilmaan baay'ee horee
Kuun waliin rakkataa
Ilmoo tokkos dhabee
Kuun rabbiin kadhataa
Ay jiruu lafarraa🀭🀭
Qormaanni kee danuu
Naaf dabarta jedhee
Si eegaara anuu......
Atoo gabaabduudhaa
Dhiisi narrakinii
Rakkinaaf gadadoon
Osoo na hin arginii..
Anoo deemuuf jiraa
Yeroodhaaf taphadhee
Rabbiin na gargaarran
Xiqqoo daldaladhee
Siinqii guyyaa boruu
Harkatti qabadhee.....
Anoo deemuf jiraa
Yaabbadhee bidiruu
Yeroo xiqqoo tanaaf
Narrakkin yaa jiruu....
Akka naaf laaffisuuf
Rabbii koo kadhadhee
Waan si biraan dhufu
Harkatti qabadhee....
Sillee hin daganne
Yaa jiruu aakiraa
Dabaree eeggadhee
Anoo dhufaa jiraa
Amrii naaf laaffisi
Rabbii kootin jedhaa
Fuula gammachuutin
Siin wal arguu fedhaa.🀲
Osoo fataa jedhu
Akka tasaa kufee
Namni harka duwwaa
Gara kan kee dhufee......
Namni siin wal gahe
Osoo huju badii
Ee waa salphate kaa
Salphina abadii....
Jireenyi addunyaa
Hammam yoo jabaattee
Filannoowwan danuu
Dhala namaaf laattee....
Kanumaa dhadhabee
Kunoo ilmi namaa
Jireenyi aakiraa
Filannoonshee lamaa...

Milkoofnan jaannataa
Kasaarran ibiddaaπŸ˜₯
Fudhachuun dirqamaa
Akkam gootee diddaa
Jireenya lafaatif
Namni dhabee sabrii
Akkamiin danda'u
Gaafas fitnaa qabrii...
Siraax dabalatee
Hisaabaaf miizaannii
Gaaf harka bitaatin
Kennameef kitaabniiπŸ₯Ί

Way sheenaa koo jechuun
Gaabbee quba of nyaataa
Mee osoo si ta'ee
Gaafas akkam taataa?......
Inni akka kootii
Kan diliin faalame
Abdii hin kutu rabbiin
Yoo naaf araarame....
Mootii rahmanni kee
Waan hunda wal gahuu
Anoo humna hin qabuu
Waa tokko hin dandahuu.....

Lakkaa'amee hin dhumu
Wanti an balleessee
Irkoo biraa hin qabuu
Rahmaan sitti dheessee...
Atoo garaa laafta
Mootii zalaalamii
Dilii tiyya hundaa
Mee naaf araaramii....
Azaaba qabrirraa
Rahmaan na ofkolchii
Jaannata naaf laadhu
Dhuma koo na tolchii......

Aaamiin yaa Allah🀲🀲
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
Yaada,qeeqaaf gaaffiifπŸ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘5
Qophooftee????

βœ… Towbata dhugaadhaan
Qalbii qulqullooftuun
Nama sitti yakkeef
Jetteefii afootuu
#Ramadaana simachuuf qophooftee???

Salaata dhiisuurraa
Ollaa kee miidhuurraa
Lubbuu kee miidhuurraa
#towbattee qophooftee???

Sodaa rabbiif jecha
Haraamarra of qabdee
Ijaa fi gurra kee
Eegachuuf of qabdee
Qophooftee???

Fira maxxaanfataa
Hadhaaf abbaaf tolaa
Jaras gammachiisaa
#Ramadaana simachuuf qophooftee??πŸ€”

πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

Yaada,qeeqaaf gaaffiifπŸ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘2
Yaadi mee πŸ€”πŸ€”πŸ€”

βœ… Thomas Edison yeroo 999 yaale didee garuu yeroo 1000ffa irratti balbii ifaa argachuu danda'eera.
Osoo abdii kutee yaaluu dhiisee silaa Addunyaan hardha dukkana keessa jirti taha maaltu beeka??πŸ€·β€β™‚οΈπŸ€·β€β™‚οΈ

♻️kanaaf yeroma tokko lama yaaltee ykn #Entrance kuftee Abdii kutuu hin qabduπŸ‘πŸ‘

βœ…Never give up βœ…

Yaalii yaali ammas yaalii bu'aa isaa ni agartaa 🌿🌿
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š
Itti makamiπŸ‘‡πŸ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
#Ramadaan yaa jia Rahmataa🌹

Tokko,lama jedhee
Utuu lakkaa'u guyyaanii
Si simachuuf qophoofnee
Yaa shahrulqur'aaniiπŸ“š
πŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€πŸ₯€
Jia barakaa qabu
Baraa #Ramadaannii
Qophaa'a haa qophoofnu
Gamtaaf adda addaanii
🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱🌱
Gumaata Rabbii guddaa
Isatu nu badhaasee
Jia hundarra caalchisee
Isatu ol nuuf kaasee
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Kayrii jia sanaa
Namni badhaafame
Inni sadarkaansaa
Dhugaan ol kaafamee
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€β™»οΈ
Yaa Rabbi ittin nugahi
Yaa arjaa qaroon qabne
Rizqiis nuu kenni mee
Mootii kennuun sin dhibne🀲🀲🀲🀲🀲🀲
βœ…Egaa.....

#Yaa_obboleewwan_koo....
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Ibaadaa jabeessaa
Yoo feetan gammachuu
Jalaa baraaramuuf
Cinqii mana lachuu......
Salaata salaataa
Quraana qara'aa
Galaa guyya jabduu
Isatu nuuf ta'aa
Rabbitti irkadha
Inni qofti ga'aa........
Ilaalee taajjabee
Waanuma hubadhee
Wallaala kootirraa
Hangana dubbadhee....
Anoo rabbiif jecha
Bar isin jaaladhaa
Bakka jirtanitti
Du'aayii naaf kadhaa🀲
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
πŸ‘πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
❀2πŸ‘Ž1πŸ‘1
Soomana Ramadaanaa.pdf
855.9 KB
πŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉβ™»οΈπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉβ™»οΈπŸŒΉβ™»οΈπŸŒΉβ™»οΈβ™»οΈπŸŒΉ
Waa'ee soomanaa maal beekna laata?????
Bornoota soomanaa akka gaariitti irraa waan argattaniif buusaa dubbisa osoo Ramadanni hin seenne βœ…βœ…
Guyyaa 4 qofatu hafe Ramadaana simachuuf kanaaf Akka Rabbi itttin nu gahu du'aa godhaa waan soomana keenya balleessaa ammalle waan ittiin Ramadaana simannu guutuun guututti irra arganna maashallah πŸ‘
#Buusi_dubibisi
An siin gahe utuu dubbisuu dandeessu soomanni kee akka si dura hin badneπŸ‘ŒπŸ‘Œ
Miseensa channel kanaa tahuuf Kana TuqaaπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
πŸ‘3❀1πŸ‘Ž1
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Dubbii #jawaar yaa'ii waliigalaa KFO irratti dubbate.

"Yoo kana gootan malee isin diigna' Wayyaanenis , Badhaadhinnis nu diigu hin dandeenye. Abadan, Abadan nu diiguu hin danda'an. Oromoo gonkumaa sodaachisuun hin danda'amu.

Ani mataa kiyyaan yoo KFO keessaa baate malee, yoo kana goote malee akkana siin goonu. Duunee argamna malee waan itti amanne irraa hin deebinu.

Badhaadhinni ABO walakkaadhaa ol fudhatanii, ABO diiguu hin dandeenye. ABO'n diigameera? hin diigamne.

komii gujii, boorana, wallaggaa irraa ka'u ni dhageenna, ni sirreesina. Waan anjedhe fudhattan malee, Shawaan as keessa baasa, Arsiin as keessaa baasa, Wallaggan, Gujiin as keessaa baasa jetta taanan, situ baha malee Gujiin bahuutti hin jiru, Arsiin bahutti hin jiru.

An yeroo OMN keessa turetti wanti na aarsu, kana gootu malee mallaqa Harargee irra dhufu sirraa murra, mallaqa Wallaggaa irraa dhufu sirraa murra, murtu muri malee, jaarmiyaan Oromoo gonkumaa hin muramu. Diigamnu diigamna malee harka hin kenninu.''

πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Library_Islaamaa
πŸ‘4❀3😁2πŸ‘Ž1
βœ… Assalamu akykum wr wb obbolewwan kiyya dhiiraaf dubraa marti keessan bakka jirtan maratti nageenyi rabbi sin irra haa jiraatu 🀝
🌲🌲🌲🌲🌲🌲🌲
βœ… Insha Allah guyyaa 3n hafe kanatti #barnoota waa'ee Ramadaanaa kennina jenna mee isin maal jetten ??
βœ…ni tahaπŸ‘
βœ…hin tahu πŸ‘Ž
πŸ‘5
Hattuu komaturee

Hattuun duruu hattuudha
Maal ishee hamaturee
Hattuun duruu yartuudha
Maal ishee himaturee?

Shira kee fayyadamtee
Hattus #youtube raayyaa
Tola dhamaata malee
Ni taataa ustaaz raayyaa?

Leenci duruu leenca
Oomaa waraabessaan dheessuu
Shira feete shirtus
Ustaaz raayyaan dandeessuπŸ’ͺ

Homaa miti leenca koo😒
Atumti dheeradhu umrii
Warra daba si yaadu
Itti haa duudu gurrii

Youtube isaa hattus
Beekumsasaa hatteeree
Nan milkaaha seetee
Mala kana malteeree

Beekumsaaf beekamtiinsaa
Isa goonaan qaxalee
Hattuu kanatu finiinsee
Gubee ishee waxale

Maaliif dagatte Uumaa kee
Isa bishaan ittichee
Eeganaa nama godhee
Tolchee si biqilchee!?

Sabni koo gumaa baasaa
Guyyaan isaaf deebisaa
Hattu inaaffaan du'iπŸ˜€
Millona 50 ni gaha youtube isaa πŸ™πŸ™πŸ™

Allaahu akbar!!!!

By RD

Telegraama keenyatti makamuuf kana cuqaasiπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
πŸ‘8❀4