π‹π’π›π«πšπ«π² 𝐈𝐬π₯πšπšπ¦πšπšπŸ“šπŸ“–πŸ“˜πŸ“•πŸ“šπŸŒΉπŸŒΉα΅α΅ƒβΏα΅ƒ Κ°α΅’α΅’ α΅ˆα΅˜α΅‡α΅‡β±Λ’α΅—α΅‰α΅‰??
11.6K subscribers
463 photos
46 videos
180 files
812 links
Ω„ΩŽΨ§ Ω†ΩΨ±ΩΩŠΨ―Ω مِنكُمْ Ψ¬ΩŽΨ²ΩŽΨ§Ω“Ψ‘Ω‹ ΩˆΩŽΩ„ΩŽΨ§ Ψ΄ΩΩƒΩΩˆΨ±Ω‹Ψ§
🌐 Channel kana irraaπŸ‘‡
πŸ“š Kitaabban
🎡 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu
πŸ“² Yaadaaf @Library_Islaamaabot
πŸ“² Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š
Download Telegram
Dubartoota keenya❀

March 8 eeganii
Jarri sin yaadatanii
Guyyaan hafe kaani
Kan eenyuuti yaadani?

Dubartiin haadha keenya
Deessuu hayyuuf beekaa
Guyyuma hunduma
Ni kabaja beekaa~n


Faranjiin fajajjuun
Nuttin himtu kanaa
Kabaja #dubartoota
Maal nutti himti jaranaaπŸ€”

Islaamumman nu barsiise
Waa'ee kabaja jaraa
Bara haga baraa
Ni kabajna jaraaπŸ‘

β™»οΈβ™»οΈπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉβ™»οΈβ™»οΈ
❀3
Network biyya keenyaaπŸ˜€

Akka taate taatee
Charge kan kee guuttee
Fb ilaaluuf garaan kee dharraatee
Network argachuuf gaara gubbaa baatee(*2)πŸ˜€

maal kana qofaree
Kanaan yoom dhaabbatte
Gaara irra taatees
Ol kaatee dhaabatteeπŸ˜€


Akkuma tahettuu
Fayyadamtee deemta
Akka WiFi
Yoo tasa argatteef
Barbaaduuf wifeπŸ˜‚

Akkasiin jiraanna
Jiruu akka kanaa
Rabbi nuuf haa sirreessu
Isuma AbdannaaπŸ™

πŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉβ™»οΈβ™»οΈβ™»οΈπŸŒΉπŸŒΉπŸŒΉ
PDF Walaloowwan Islmaamaa .doc
355.5 KB
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š
Kitaaba bareedaa wolaloodhaan guutame Dubbisa a
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“–πŸ“–πŸ“–πŸ“–πŸ“–πŸ“–πŸ“–πŸ“–
Join godhuuf πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/joinchat/AAAAAExkjFc1rEMDqSpL4g
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
πŸ‘3
#Oduu_Simbirtuu

Qabxiinn seesaa yuunivarsitii ifoome


Barattoota marsaa 1ffaa qoraman

Natural Dhiira 363, Dhalaa 351

Dhuunfaa Dhiiraafi Dhalaa 300

Naannoowwan guddataa jiraniifi horsiisee bultootaa Dhiira 351, Dhalaa 339

Dhuunfaa dhiiraaf dhalaa 300

Warroota gurri hin dhageenyeef saala lamaanuu 300

Dhuunfaa 300

Social science (irra deebi'anii warra qoraman) saala lamaanuu 380

Dhuunfaa 300

Saayinsii Hawaasaa dhiira 264 dhalaa 254

Dhuunfaa 250

Qaro dhabeeyyii saala lamaanuu 200
Dhuunfaa 200

Naannoowwan guddataa jiraniifi horsiisee bultoota dhiira 254, dhalaa 250
Dhuunfaa 250

Dhageettii warra hin qabneef saala lamaanuu 250

Dhuunfaa 250

Saayinsii hawaasaa (irra deebiin warra qoraman) saala lamaanuu 280

Dhuunfaa 250
#HubadhuπŸ‘Œ Qabxii siivikii hin dabalatu barnoota 6 qofa keessaatiiπŸ™πŸ™
π‘π‘Žπ‘Ÿπ‘Ÿπ‘Žπ‘Ž π‘”π‘Žπ‘Žπ‘Ÿπ‘–π‘– !!!!!!

Miseensa keenya tahuuf kana cuqaasi
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘5
Forwarded from Love
Oduu cabsaaπŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

βœ…Qabxiin seensa yuniversity ifoome πŸ™πŸ™
πŸŒΉπŸŒΉπ‘π‘Žπ‘Ÿπ‘Ÿπ‘Žπ‘Ž π‘”π‘Žπ‘Žπ‘Ÿπ‘–π‘–πŸŒΉπŸŒΉ
Ilaaluuf kana cuqaasi
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
HubachiisaaπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘ŒπŸ‘Œ

✍Natural warri marsaa jalqaba qoramtan 600 keessaati kan isin ilaallattan #Civic hafee jechuudha
βœ…Natural warri marsaa 2ffaa qoramtan 700 keessaatii

✍Socali warri marsaa #jalqabaa 500 keessati
Warri marsaa 2ffaa 600 keessaati qabxiin oliitti ibsame jechuudha🌹

Siniif ife jedheen yaada πŸ™
QABXII SEENSAA KAMTU 600 KAMTU 700 keessa kan jedhu Haala salphaan beekuuf kanarraa laalaa baayyee ifaadha✍✍✍✍✍✍✍
Carraa gaariiπŸ‘πŸ‘
πŸ‘3πŸ₯°2
#Barattootni sababa.qabxiin sin duraa hafeef #gaddaa jirtaaniif
Seenaan kun hedduu sin fayyada
πŸ™

⏩ namni fakkii gadii irratti argitan kun maqaan isaa #Jack #ma ykn afaan chaayinaatiin #ma #yun jedhama. hundeessaafi hogganaa dhaabbata Alibabaa(Alibaba foundation)ti.

✍Qabeenyi isaa yeroo kanatti biliyoona 63.9$ doolara US yoo ta'u qabeenyaan akka addunyaatti sadarkaa 22ffaa akka biyya #Chaayinaatti 1𝐟𝐟𝐚𝐚𝐝𝐑𝐚

βœ…Kan nama ajaa'ibsiisu immoo har'a sadarkaa kana osoo hin gahin dura:-
Dhaabbata barsiisota Hangzhou seenuuf si'a lama qormaata fudhatee marsaa lamaanuu kufeeraπŸ€·β€β™‚.
✍bara 1988 afaan ingiliziitiin(in English) digrii jalqabaa erga xumuree yuniversiitii Harvardii seenuuf si'a 10 gaafatee hundumaa hin milkoofneef.πŸ™…β€β™‚
Ammas #Jack ma dhaabbilee garaagaraa 30f akka isa qacaranu iyyannoo galfatus hin milkoofneef.🀷Dhaabbata KFC jedhamutti Jack ma wajjiin Namootni 24 gaafannoof deemanii 23 fudhatamanii Jack man qofti hafee ture.πŸ™†πŸ™†β€β™‚πŸ˜‚πŸ˜‚

βœ… Ajaa'iba garuuπŸ€”πŸ€”πŸ€”

Utuu #Anaaf #si tahee hoo??? garaa muranna mitii eee dhugaan jirtu akkasuma

Inni garuu Abdii hin kutanne dandeettii qabutti fayyadamuun hojii mataa isaa hojjatee yeroo gabaabduu keessatti Abba #qabeenyaa Chaayinaa tahuu dandahe πŸ‘Œ

𝐀π₯π₯ 𝐭𝐑𝐒𝐧𝐠 𝐒𝐬 π©π¨π¬π¬π’π›πž 𝐞𝐱𝐜𝐞𝐩𝐭 𝐭𝐑𝐞 𝐰𝐨𝐫𝐝 𝐒𝐦𝐦𝐩𝐨𝐬𝐬𝐒𝐛π₯𝐞!!!!

wanti hunduu ni danda'ama jecha Dictinory kessaa #hindandahamu jedhu maleβœ…

Seenaa #Jack ma irraa barumsa akka argattani nan Amana.
Jireenya keeti keessatti wantootni abdii si kutachiisan hedduun si qunamuu dandaa'a. Garuu abdii hin kutatin.πŸ™
πŸ“šπŸŒΉπŸ“šπŸŒΉπŸ“šπŸŒΉπŸ“šπŸŒΉ
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
πŸ‘6
Kun maaliif taheπŸ˜₯

Sammuu barataa dhukkubsanii
Qaxalee~n barataa as hafanii
Mataa buusanii yoo taahani
Eenyuun barsiisuuf dhamaataniiπŸ€”πŸ€”

Yaa hojii keessan dhara qofaa
Nama biyya jijjiru kuffistani
Cocollee barataa hanbistanii
Biyya maalii guddistanii?

Barnoota barnoota jechaa
Afuuftanii
Ilmaan hiyyeessaa garaa gubatanii
Jiruu itti hadheessitanii
Akkamiin haa jiraatanii?


Nuti Rabbumaan qabna
Isa abba hiyyeessaa
Furmaata isarka eega
Martuu harkasaa keessaa.
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
πŸ‘6
Audio
#Nashiidaa #Haaraya_Abdooshe kinoo caqasaaπŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

Share🌹🌹🌹🌹
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
Yaada,qeeqaaf gaaffiifπŸ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘4
Anoo si yaadeera.....😒

Erga gargar baanee
Waggaa tokko geenyee
Yaaddoon kee na miidhe
Si obsuu hin dandeenyee

Sekondiin daqiiqaa
Guyyaan torbii ta'ee
Tokko lama jechuun
Torbiinis naanna'ee

Wal arguuf geenyeerra
Kunoo waggaan ga'ee
Bareeda akka kee
Hin argine takkaa

Haalaaf amalli kee
Qalbii nama rakkaa
Waa garaa hin jabaattuu
Tasa garaa laaftaa
Jaalalaan moo'attee
Hunda qalbii raaftaa
Waggaatti al tokko
Naaf taatee keessummaa

Osoo si jaaladhuu
Si dhabus tasumaa
Amma wal arguufi
Alhamdulillaahi
Kan waliin nu gaheef
Galata ilaahi
Kan qabattee deemtun
Gumaata gurguddaa
Osoo adda hin qoodin
Isa xiqqaaf guddaa
Hundumaaf kennita
Nama qabuuf qalbii
Jaalallee koo dhugaa
Yaa badhaasa rabbii

Nama waliin oodus
Walitti araarsitaa
Jaalalaan moo'attee
Qalbii xahaarsitaa

Ahriibuu #ramadaan
Jaalallee koo haqaa
Qalbiin koo gammaddee
Si waamuudhaaf maqaaπŸ™
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
Yaada,qeeqaaf gaaffiifπŸ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘3❀1
Anaan kan na dhibee
Kan bitaa na gale
Akki jiruu keenyaa
Kun waansaa naan galleeπŸ€”
Atileetin illee
Meedaliaaf fiigaa
Qaala'insa jiruu kana
Maaltu fiigsaπŸ˜πŸ€”πŸ€”

Fiigee hin dhaabbatu
Kun akka maraataa
Of duuban mil'atu
Fuulduratti kaataa

Ni jiraanna jennee
Asiif achi fiigna
Qaala'insi jiruu
Maaf nu tahe dingaa

Of dandeenya jennee
Cabsinee mukaaf citaa
Jiruun bara kanaa
Maaf akkas ni dhiitaaπŸ˜€

Miskiinni rakkatee
Rakkatee bahaaf gala
Kaan carraa argate
Bahee biyya alaa

Gariin ammoo tahee
Qurxummiif irbaata
Gadadoo f rakkina
Mataasaatti baataπŸ˜₯

Jireenya mo'achuufi
Kana hunda kan taanu
Rakkannee himachuufuu
Dhabne kan nutti aanuπŸ‘Œ

Uumaan hunda uume
Inni abbaa hiyyeessaa
Gahe jedhee
Nu haa baasu keessaa

Aamiin
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
,✍Ayi jiruu lafarraa...πŸ₯ΊπŸ₯Ί
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€

Jiruu koontiraataa
Jireenya lafarraa
Dhumuunshee hin hafuu
Of dagannus har'aa....
Hedduun osoo fiiguu
Naaf dabarti jedhee
Duuti isa fuuti
Gaafa rabbiin fedhee

Kan qabeenya hores...
Taabba meeqa ba'ee
Laga meeqa bu'ee
Osoo hin nyaatin tasa
Meeqa biraa du'ee...
Naaf dabarti jedhee
Meeqa biyyaa ba'ee
Kan karatti hafee
Soora allaattii ta'eeπŸ˜₯
Kan biyaa baqates
Cunqursaan jabaatee
Meeqa karaarratti
Kan galaanni nyaatee...πŸ₯Ί

Dirqamni jireenyaa
Kan biyyaa fageessee
Aanaaf aaliisaatti
Kan garaa jabeessee
Lakkaa'amee hin dhumu
Kumaafi kitilaa
Jireenyi lafarraa
Gabaabduudha silaa....
Meeqatu rakkatee
Karaarratti ba'ee
Harka namaa ilaalun
Carraa isaa ta'ee....

Inni kaan dhibamee
Siree irratti hafee
Fedhii isaa malee
Halkan guyyaa rafee....
Kuun agartuu dhabee
Itti dukkanaa'ee
Kan halkaniifi guyyaan
Itti wal qixxaa'ee
Kuun dhageettii dhabee
Mallattoon dubbataa
Kuun mataan dhukkubee
Ofiin dudubbataa
Kuun ilkaanin kolfaa
Keessotti gubataa......
Ilmaan baay'ee horee
Kuun waliin rakkataa
Ilmoo tokkos dhabee
Kuun rabbiin kadhataa
Ay jiruu lafarraa🀭🀭
Qormaanni kee danuu
Naaf dabarta jedhee
Si eegaara anuu......
Atoo gabaabduudhaa
Dhiisi narrakinii
Rakkinaaf gadadoon
Osoo na hin arginii..
Anoo deemuuf jiraa
Yeroodhaaf taphadhee
Rabbiin na gargaarran
Xiqqoo daldaladhee
Siinqii guyyaa boruu
Harkatti qabadhee.....
Anoo deemuf jiraa
Yaabbadhee bidiruu
Yeroo xiqqoo tanaaf
Narrakkin yaa jiruu....
Akka naaf laaffisuuf
Rabbii koo kadhadhee
Waan si biraan dhufu
Harkatti qabadhee....
Sillee hin daganne
Yaa jiruu aakiraa
Dabaree eeggadhee
Anoo dhufaa jiraa
Amrii naaf laaffisi
Rabbii kootin jedhaa
Fuula gammachuutin
Siin wal arguu fedhaa.🀲
Osoo fataa jedhu
Akka tasaa kufee
Namni harka duwwaa
Gara kan kee dhufee......
Namni siin wal gahe
Osoo huju badii
Ee waa salphate kaa
Salphina abadii....
Jireenyi addunyaa
Hammam yoo jabaattee
Filannoowwan danuu
Dhala namaaf laattee....
Kanumaa dhadhabee
Kunoo ilmi namaa
Jireenyi aakiraa
Filannoonshee lamaa...

Milkoofnan jaannataa
Kasaarran ibiddaaπŸ˜₯
Fudhachuun dirqamaa
Akkam gootee diddaa
Jireenya lafaatif
Namni dhabee sabrii
Akkamiin danda'u
Gaafas fitnaa qabrii...
Siraax dabalatee
Hisaabaaf miizaannii
Gaaf harka bitaatin
Kennameef kitaabniiπŸ₯Ί

Way sheenaa koo jechuun
Gaabbee quba of nyaataa
Mee osoo si ta'ee
Gaafas akkam taataa?......
Inni akka kootii
Kan diliin faalame
Abdii hin kutu rabbiin
Yoo naaf araarame....
Mootii rahmanni kee
Waan hunda wal gahuu
Anoo humna hin qabuu
Waa tokko hin dandahuu.....

Lakkaa'amee hin dhumu
Wanti an balleessee
Irkoo biraa hin qabuu
Rahmaan sitti dheessee...
Atoo garaa laafta
Mootii zalaalamii
Dilii tiyya hundaa
Mee naaf araaramii....
Azaaba qabrirraa
Rahmaan na ofkolchii
Jaannata naaf laadhu
Dhuma koo na tolchii......

Aaamiin yaa Allah🀲🀲
πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€πŸ€
Yaada,qeeqaaf gaaffiifπŸ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
πŸŒΉπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸŒΉ
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸ‘‰ @Library_Islaamaa
πŸŒΉπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸŒΉ
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
πŸ‘5