π‹π’π›π«πšπ«π² 𝐈𝐬π₯πšπšπ¦πšπšπŸ“šπŸ“–πŸ“˜πŸ“•πŸ“šπŸŒΉπŸŒΉα΅α΅ƒβΏα΅ƒ Κ°α΅’α΅’ α΅ˆα΅˜α΅‡α΅‡β±Λ’α΅—α΅‰α΅‰??
11.6K subscribers
463 photos
46 videos
180 files
812 links
Ω„ΩŽΨ§ Ω†ΩΨ±ΩΩŠΨ―Ω مِنكُمْ Ψ¬ΩŽΨ²ΩŽΨ§Ω“Ψ‘Ω‹ ΩˆΩŽΩ„ΩŽΨ§ Ψ΄ΩΩƒΩΩˆΨ±Ω‹Ψ§
🌐 Channel kana irraaπŸ‘‡
πŸ“š Kitaabban
🎡 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu
πŸ“² Yaadaaf @Library_Islaamaabot
πŸ“² Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š
Download Telegram
Rabbi kiyya ati isa nabi yuunusiin garaa qurxummiitii baase sani Rabbii kiyya!ati isa Nabi yuusufiin boolla keessaa baasee ammallee mana hidhaatii baase sana yaa Rabbi saatii ammaa kanatti obboleewwaan keenya mana #hidhaa_sawdii keessatti Rakkataa jiranuuf furmaata nuuf fidi yaa Allah😭😭😭
🀲🀲🀲🀲🀲🀲
πŸ‘4
KANA Qubaqabduuu??

βœ… Ethio telecom second tokkotti namoota kuma Afurtamii tokkoof dhibba saddeet (41,800)keessumeessuu akka danda'u beektuuu🧐
βœ…kan olii kun bilbila qofaa yoo tahu Bilbila ,message ,data immo guyyaa tokkotti nama billion 2.7 keessumeessuu danda'a🧐
✍Hojjata teele nan se'einaa kanin dubbiserraan sinii qoode 😊😁

For moreπŸ‘‡
@Library_Islaamaa
πŸ‘8
Maasha Allah kana booda yaada keessan ibsachuuf haalli mijateeraπŸ‘πŸ‘πŸ‘
✍Akkamitti jettee??? Kinoo akkuma suuraa olii irraa Mul'atu like,dislike fi stiker hedduu akkuma fb kan ofirraa qabu yoo tahu isinis Al tokko qofa #touch godhuun like godhu dandeessuuπŸ‘πŸ‘

♻️HUB;Telegram plus asumaan #update godhachuu hin dagatinaa hedduu bareedaadha πŸ™πŸ™
πŸ‘5πŸ‘1😱1
Maasha Allah kana booda yaada keessan ibsachuuf haalli mijateeraπŸ‘πŸ‘πŸ‘
✍Akkamitti jettee??? Kinoo akkuma suuraa olii irraa Mul'atu like,dislike fi stiker hedduu akkuma fb kan ofirraa qabu yoo tahu isinis Al tokko qofa #touch godhuun like godhu dandeessuuπŸ‘πŸ‘

♻️HUB;Telegram plus asumaan #update godhachuu hin dagatinaa hedduu bareedaadha πŸ™πŸ™
❀6πŸ‘5πŸ₯°2
Sodaa hin qabnu πŸ’ͺ

Ilaamee yaa Amerika
Yaa xaxxuu dabaaf shiraa
Mee maal kee fidakaa
Rabbiino nu waliin jiraa

Utuu nutti fokkortuu
Dhaba keenya laaltee
Jabaa jabaa olii
Kaaliqa kee dagattee?

Kunoo fuulli nu ifee
Abbaayaa ifsannee
Dhamaatii bara hedduu
Firiisaa argannee

Galatni ka Rabbiiti
Kan dhuma hin qabne
Warri quba nu qabu
Maaf ofitti-n qabnee?

Nu milkeesse kaa Rabbiin
Inni abbaa galataa
Hunduu isumarka
Hunduu isaaf galataa
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
πŸ‘4
πŸŒΉπŸ€DUBBISUU!πŸ“–πŸ“šπŸ™

βœ…Dubbisuun dirqama
Bu'uura jiruudha
Waan hin beekne baruun
Kaaniifis hiruudha!
Tuullaa dilbii beekumsaa
Ofirratti jigsuudha,
Qaroo waliin qaroomuuf
Sammuu ofii tiksuudha!
Nama guutuu ta'uuf
Tolfachuuf tarkaanfii

✍Har'uma dubbisuuf
Jalqabi tattaaffii.πŸ€·β€β™‚
Buna dhugaas haa ta'u
Feetanis jimaa qaamaa
Dubbisuu amaleeffadhaa
Kanan isiniif dhaamaa!πŸ™

♻️Kan #dubbisetu bara
Eenyummaa firaaf ormaa
Boonee qomasaa dhiibees
Haqa sabasaaf mormaa!


Qarshii araadatti baafnuun
#Kitaaba yoo bitanne,
Beekumsa dabalachuun
Sammuudhaan ol siqanne!.

Utubaaf dagaleedha
ljaaree gad sidhaabaa
Jireenya kee keessatti
Ta'i hiriyaa kitaabaa!πŸ“šβœ

♻️Fb irraa kan fudhanneedha mana Rukuttaa hin qabuu, nama Rukuttaa hin qabu hin jedhinaa jechumaafi😏😁

πŸŒΉπŸ“šπŸ“šπŸŒΉπŸŒΉπŸ“šπŸ“šπŸ€
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
πŸ‘1
Qabxiin barattoota kutaa 12fffaa ifoome.

Karaalee armaan gadii keessaa tokko fayyadamuun ilaaluu dandeessuu.

1) marsariitii eejensii madaallii qormaataa biyyoolessaa.....
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
result.neaea.gov.et

2) marsariitii ministeera barnoota fayyadamuun:
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
result.ethernet.edu.et

3) Telegram Bot:
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@moestudentbot

4) 9444 SMS ፑ- bakka message barraa'utti lakkoofsa ID keessan barreessuun gara 9444 tti erguun ilaallachuu dandeessu.

Channel keenya join akkasumas share waliif gochuun hiriyoota keessan gara kanatti affeeruu hin dagatinaa.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

https://t.me/Library_Islaamaa
πŸ‘5❀2πŸ‘1
β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️β™₯️
Baga gammaddan hund obboleewwan kiyya kan Bu'aa qorumsa keessanii agartan πŸ–πŸ–
Wallahii hedduun sin jaaladha ❀ only for the sake of Allah πŸ‘Œ

Namni Gammaddan mee warri gammadan πŸ‘
πŸ‘11❀1
Hasan Al Basriin (rahimahullaah) waa’ee #yeroo yoo haasawu akkana jedhe,

βœβ€œGuyyaan hundi β€˜Yaa ilma aadam, An uumama haarawa. Waan dalagduufi jireenya kee irrattis ragaa sitti baha. Kanaafuu si jalaa deemuu kiyyaan dura natti fayyadami. Guyyaa qiyaamaa malee anii fi ati walitti hin deebinu’ nuun jetti” jedhe.
Dhugaadha. yeroon nuti amma of harkaa qabnu yeroo haarawa nuuf kennamte. Tan boru dhuftus guyyaa haarawaa fi yeroo haarawa.

βœ…Kanaafuu nu harkaa baatee guyyaa boruu ragaa nutti ta’uu isiitiin dura ammuma dhaqqabannee bu’aa irraa haa buufannuu.
πŸ‘2
πŸ˜„πŸ˜„ seeqachiisaπŸ˜„

βœ… Jaal tokko maal jedhe seete?πŸ€”"Namoota jiruu kee keessatti akka #Oxygen qulqulluu of godhanii si xureessuuf yaalan ati immoo #haydroojinii itti dabalii #bishaan godhii achi booda....



Miilaan dhiqadhu jedhe πŸ’ͺπŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚
Nashiidaa #Ustaaz_Raayyaa_Abbaamaccaa haarawa 35 irraa kan fudhannedha😭😭

Sagalee hidhamtootaa😭


✍Gubaan biyya sanaa maal akka fakkaatu
Nama arge beeka hanga inni ulfaatuu
Yeroo Ammaa diilalla gubbaarra hammaatuuuuu
Qorri isaas owwi isaas nagaa namaan laatuu
Addunyaan nu argaa Akka jarri taatu

Wanni uffatan dhibee qorranii waywaatuu
Laastika marattee fakkaattee maraatuuπŸ˜₯
Iyyaa har'a gayan waggaa lama guutuu 😭

Nama dhagahaa rafu waaman hin owwaatuu
Namuu achi keessa waywaatu harkaa bannaan garri

Yaa Rabbi nu jaarii hojii kayrii irratti nu gargaarii😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭
πŸ‘5