๐‹๐ข๐›๐ซ๐š๐ซ๐ฒ ๐ˆ๐ฌ๐ฅ๐š๐š๐ฆ๐š๐š๐Ÿ“š๐Ÿ“–๐Ÿ“˜๐Ÿ“•๐Ÿ“š๐ŸŒน๐ŸŒนแตแตƒโฟแตƒ สฐแต’แต’ แตˆแต˜แต‡แต‡โฑหขแต—แต‰แต‰??
11.6K subscribers
463 photos
46 videos
180 files
812 links
ู„ูŽุง ู†ูุฑููŠุฏู ู…ูู†ูƒูู…ู’ ุฌูŽุฒูŽุงู“ุกู‹ ูˆูŽู„ูŽุง ุดููƒููˆุฑู‹ุง
๐ŸŒ Channel kana irraa๐Ÿ‘‡
๐Ÿ“š Kitaabban
๐ŸŽต Nashiidaa haaraya
๐Ÿ˜ Kolfaaf
โœ๏ธKana Beektuu?..ni Argattu
๐Ÿ“ฒ Yaadaaf @Library_Islaamaabot
๐Ÿ“ฒ Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š
Download Telegram
Interview Questions Ao.pdf
1002.2 KB
Interview Question (Afgaaffii, gaafannoo qacarrii hojiif taasifaman)
๐Ÿ‘ค Getu Abera

โœKitaaba hedduu bareedaadha #qacarriin silas #Xoophiya keessan jiruu buusaa dubbisaa ๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜

๐Ÿ“š แด€๊œฐแด€แด€ษด แดส€แดแดแดแด แด˜แด…๊œฐ
๐Ÿ’พ 1.0MB
sสœแด€ส€แด‡๐Ÿ’ฏsสœแด€ส€แด‡๐Ÿ’ฏsสœแด€ส€แด‡
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
Yaada,qeeqaaf gaaffiif๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
๐ŸŒน๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐ŸŒน
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐ŸŒน๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐ŸŒน
โ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธ
๐Ÿ‘1
fayyaa sammuu.pdf
1.1 MB
๐ŸŒน๐ŸŒน๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐ŸŒน๐ŸŒน

SIN darbin Kitaaba hedduu bareedaadha Akkuma maqaasaa #fayyaa_sammuu wanni caalu hin jiru buusaa dubbisaa๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ‘๐Ÿ‘

Yaada,qeeqaaf gaaffiif๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
๐ŸŒน๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐ŸŒน
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐ŸŒน๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐ŸŒน
โ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธ
๐Ÿ‘1
114: Dalagaan biyyaa baanee dalaynu haraam qabaa?

Gaafii: Nuti warri ala baanee waa carraaqnu kun khayrii dalaguu feena. Carraaqnee sadaqachuus ni feena. Garuu horiin keessan haraami nuun jeโ€™an. Ka masjiidaaf erginullee nurraa qeebaluu didan.
 
Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii, ta duraatii ati waan dalagdu sumaatu uf beeka. Yoo sigaggaalummaa ka hojjattu taate, yoo mallaqni kee ka ribaa taโ€™e, yoo faana laaltuu taate, waan Rabbiin jibbu yoo taโ€™e horiin kee haraami.

Yoo hurkama kee taate ammoo, hurkaa kee itti fayyadamuu, nama fayyaduu, sadaqachuu, hajjiin dhaquu ni dandeessa. Namni horiin hurkaa keetii haraam siin jeโ€™u wallaalaadha. Nabiin ๏ทบ akki jeโ€™e irra caalaan dalagaa waan namni hurkee carraaqqatu. Horiin kee horii halaalii sadaqadhu.

 โœ…Dr. Liwaaโ€™ulislaam๐ŸŽต
๐ŸŒท haqa jaalalaa ๐ŸŒท๐ŸŒน
Nama jaallachuu miti haqa jaalala sanii eeguutu hedduu nama dhiba...

Si jaallataaf nama si taasise...
Si jaallataaf islaamummaa si badhaase...
Si jaallataaf hamtuurraa si tiyse...
Si jaallataaf hammeenya khee siif dhoyse...
Si jaallataaf diliilee tee irra siif dabre...

Si jaallataaf........
Atis yoo isa jaallatte isaaf amanami haqa jaalala isaa tiysiif...
๐Ÿ‘2
"Waa'ee namaa dubbattanii yeroo teysan hin gubinaa. Nama hamachuun balaadha. Koottaa! Waa'ee Rabbii dubbadhaa. Rabbi yaadachuun rahmata."

Umar ibn al-Khaxxaab

ู‚ุงู„ ุงู„ูุงุฑูˆู‚ ุนู…ุฑ ุจู† ุงู„ุฎุทุงุจ ุฑุถู‰ ุงู„ู„ู‡ ุนู†ู‡ : ู„ุง ุชุดุบู„ูˆุง ุฃู†ูุณูƒู… ุจุฐูƒุฑ ุงู„ู†ุงุณุŒ ูุฅู†ู‡ ุจู„ุงุกุŒ ูˆุนู„ูŠูƒู… ุจุฐูƒุฑ ุงู„ู„ู‡ ุชุนุงู„ู‰ ูุฅู†ู‡ ุฑุญู…ุฉ.

Nuuralhudaa
Soora Qalbii Muslimaa
โ™ป๏ธNamoota murtiin ajaaโ€™ibaa itti murame.๐Ÿค”


โœ…Yakki dachii tanarratti raawwatamu, ilmaan Nabi Aadam (AS) irraa eegalame. Eega ilmaan Nabi Aadam lameen wal ajjeesanii yakka guddicha raawwatanii booda, gochi kun daran babalโ€™achaa itti fufe. Ilmi namaatis akka namoonni yakka hin raawwanneef seera adda addaa tumatee ittiin muree murteessuu eegalus, yakki daranuu babalโ€™ate malee waa hin hirโ€™anne.

โœBiyyoonni hedduun yakka hundaafuu adabbii garagaraa qabu. Fakkeenyaaf biyyoonni nama nama ajjeese duโ€™aan adaban ni jiru. Kanneen umrii guutuu itti murteessanis ni jiru.

โœBiyyoonni gariin ammoo murtii bara jireenyaa jechuun seera addaa tumatanii lafaa qabu.

Murtii bara jireenyaa jechuun murtii addaati. Murtiin akkanaa kun biyya keenya keessatti waan hin beekamneef, nama hedduuf waan haaraya tahuu dandaya. #Fakkeenyaaf namni tokko nama tokko yoo ajjeese hidhaan umrii guutuu itti murtaaye haa jennu. Kanaafuu namni kun haga gaafa duโ€™uutti manuma hidhaa keessa turuu qaba jechuudha. Garuu seera ol iyyannoottu jira. Namni tokko eega hidhaan umrii guutuu itti murteeffamee booda, ol iyyannoo gaafatanii murtiin akka fooyyeffamuuf, ykn akka bilisaan lakkifaman gaafatu. Sababa ol iyyannoo kanaaf jecha biyyoonni hedduu lubbuu nama tokkoo bara jireenyaatiin herreguu jalqaban. Akka seeraafi heera biyyoota gariitti, namni tokko yakka ajjeechaatiin himatamee yoo hidhaan umrii guutuu itti murame, ol iyyannoo dhiheeyfachuuf jalqaba waggaa 7 hidhamuu qaba. Kanaafuu amata 7 eega hidhamee booda ol iyyannoo dhiheeyfatee furmaata argachuu mala.

โœNamni kun yoo lubbuu nama hedduu galaafate, ol iyyannoon isaa wagga heddu booda tahuu dandaโ€™a. #Fakkeenyaaf namni kun osoo nama 10 ajjeesee hidhamee, Yoo hidhaa umrii guutuu takka qofa itti muran waggaa 7 booda ol iyyannoo dhiheeffatee bahuu mala. Kanaaf lubbuu inni galaafate kurnaniifuu kopha kophatti hidhaa umrii guutuu itti muran. Nama tokkoof hidhaa umrii guutuu, nama 2ffaatiifis hidhaa umrii guutuu, nama 3ffaatiifis hidhaa umrii guutuu. Haala Kanaan hidhaa bara jireenyaa 10 itti murteessan. Namichi kun eega waggaa 7 hidhamee booda lubbuu nama 1ffaa irra ajjeefameetiif ol iyyannoo gaafata. Tarii saniif furmaata argatee bilisaan akka lakkifamu murteeffamuufii dandaya. Garuu achi boodas nama 9tu hafaaf. Ammas eega wagga 7 hidhamee booda, nama 2ffaatiif ol iyyannoo gaafata. Haala kanaaf eega wagga 70 hidhamee booda, tarii bilisaan lakkifamuu mala. amma mee kanatti aansuun namoota haala Kanaan murtiin ajaaโ€™ibaa itti murteeffame muraasa haa ilaalluu.

1ffaa. #Teerii_Nikolaas (Lammii Ameerikaati. Hidhaa bara jireenyaa 162 fi waggaa 93 ol iyyannoo malee)๐Ÿคจ๐Ÿ™†โ€โ™‚


โœ…Namichi kun lubbuu namoota 161 galaafate.๐Ÿ˜” Akkasumas yakka shoorarkeessummaa fi balaa dhoohinsaa magaalaa Oklaahomaa keessatti raawwateen waggaan kun hundi itti murame. Osoo ol iyyannoon isaa kan bara jireenyaa 162 fudhatama argateehuu, namichi kun dabalataan waggaa 93 kan ol iyyannoo malee hidhamuu qabutu jira. Kanaafuu umrii isaa guutuu manuma hidhaa tura jechuudha.๐Ÿ˜ณ

2ffaa.#Abdallaah_Barguutii (Lammii Falasxiin, hidhaa bara jireenyaa 67 fi hidhaa waggaa 5,200 ol iyyannoo malee)๐Ÿ˜ข

Namni kun hoogganaa garee Hamaas kan birgeedii Qassaamiiti. Israaโ€™el nama kana loltoota 66 balaa boombiitiin na jalaa ajjeese jettee himatte. Lubbuu loltoota hundaatiif mataa mataan bara jireenyaa 67 eega itti murteen booda; hidhaa waggaa 5,200tis itti murtiissite. Wanti kun baacoo fakkaata. Garuu waan qabatamaan argamerrahi. Namni kun mana kophaa keessatti kan hidhame yoo taโ€™u, firaafi ahliin isaatis isa ziyaaruun hin hayyamamuuf.๐Ÿ˜ญ

3ffaa. #Gaarii_Rijweey ( Lammii Ameerikaa, Hidhaa bara jireenyaa 49, san keessaa 48'f ol iyyannoo dhiheeffachuu hin dandayu.๐Ÿฅด



Namichi kun dubartoota 71 bara 1982 irraa kaasee haga bara 1998titti ajjeesuu isaa amaneera. Dubartoonni inni ajjeese tunniin warra sagaagalummaarratti hirmaatan taโ€™uu isaaniillee himeera. Namichi kun yeroo tokko qofa ol iyyannoo dhiheeffatuu dandaya.

Itti fufa...........
112: Dubartiin nikaaha if hidhuu ni dandeessii?

Gaafii: Obboleettiin teenya takka akka jettutti, akkanumatti matuma ufiitiin kaatee gurbaa tokko jala deemtee if heerumsiiste. Wallee nikaan kee baaxila jeโ€™aniinii Saudii dhuftee nikaaha uf goote. Amma eega waa babbarattee rakkoo ufitti dhageesse.
 
Deebisaa: Yaa gaabrittii Rabbii, osoo abbaan kee akaakoon kee, adeerri kee, obboleessi kee, ilmoo sii gahe yoo qabaattes osoo lafa jiranuu nikaan ati gaafa duraa of goote sun baaxili. Wanni sirra jiru isa san irraa tawbachuudha. Gurbaan ammoo nikaaha naa qabdi jechutti si beeka, haalli inni itti nikaaha si godhate kun garuu baaxila.

Karaa qaaditti dhihaattee isa kana faskii ufirraa godhuu dandeessa. Nikaalleen hin jiruu inni garuu nikaaha naaf qabditti fudhata. Kan warri keessan nikaaha si godhan kun ammoo ka lammeessaadhaa nama nikaaha si godhe san addaan baradhu.

Abbaa kankee yoo taโ€™e nikaaha duraa san akkam ufirraa gooteeti? Yoo sun badiidha jechuu ufitti beeyte isa san irraa toowabattee, hamma haydiin takkarra lama sadi sitti dhuftutti ni eeyda.

Eega gadaamessaa kee xahaaratteen boodatti yoo abbaan kankee nikaaha si godhe nikaan kankee kanuma boodaa kana. Ka duraa baaxilii bakka hin jiru.
 
โœ…Dr. Liwaaโ€™ulislaam๐ŸŽต
๐Ÿ‘1
kaayyoo-jireenyi-tuni-fi-ilmi-namaa-itti-uumamaniif.pdf
1.9 MB
๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š

Kaayyoo jireenyi kun uumamteef maali??๐Ÿคซ๐Ÿคซ
#dubbisi kitaaba keessaa argattaa โœ
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธ
Yaada,qeeqaaf gaaffiif๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaabot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa.
๐ŸŒน๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐ŸŒน
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐ŸŒน๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐ŸŒน
โ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธ
๐Ÿ‘1
Islaamni Itiyoopiyaatti-1450

โ„โœณโœดโ„โ„โœณโœดโ„โœณโœดโ„โœณโ„

Islaamni nabi Muhammad(SAW) itti ergamanii fi Itiyoopiyaan kan walbarani wagga 1450 hadhaa baati rajab keessa. Sahaboonni gara Itiyoopiyaa godaanani kan dhufani barra nabiyyumma wagga 5ffa irratti ture. Kana jechun osoo Nabiyichi makka irraa gara madinaatti hingodaanin waggaa 7 fi baati muraasa dura ture. Kana jeechun kaalaandarri hijra oso tokko jedhee hin jalqabin wagga torba dura jechudha.

Kaalandarri hijra sochi ji'aa irratti hundaahun lakkaawu kan eegale nabiyyiin Rabbi(saw) Makkaa irraa gara Madinaa yeroo godaanani irraayyi. Kana jechun Islaamni gara biyya keenya kan seene hijraan dura waggaa 7 dura jechuudha. Akka lakkofsa hijraati guyyaan harra baati Rajab guyya 1ffaa bara 1443 dha. Eega Ifaan islaama biyya keenya qaqqabee waggaa 1450, yoo immo baati waliitti butnee waggaa 1451ffa ta'aa jechudha. Alhamdulillah.
107: Eegaan salaata fixeen najisa firratti argee maaliin godha?


Gaafii: Eegan salaatee salaata fixadheen boodattin najisa ufirratti arkee salaanni kiyya sun akkami?
 
Deebisaa: Najaasaa si tuyxe yoo salaata keessatti yaadatte salaatuma keessattillee ufirraa baasuu dandeessa. Yoo dhalaa taate dhalaan huccuu ufirraa fuutee salaatuu waan hin dandeenneef jecha salaata cabsitee huccuu ufirraa jijjiiruu qabdi. Yoo dhiira taate ammoo, akka jaakkeettaa, akka koota gubbaadhaa, akka kophee haa taโ€™uu waan najisaa salaatuma keessatti ufirraa baasee salaata isaa bakkuma jiru irraa itti fuufuu dandaโ€™a.

Kunis  daliilli dalagama Nabii keenyaati ๏ทบ. Isaanii salaatatti jiru jibriil itti dhufee kopheen tee najisa qabdi jeโ€™ee itti himnaan Nabiin Rabbii ๏ทบ salaatuma keessatti ufirraa baasanii salaata itti fuufan. Yoo najaasaan ati jettu tun ta fincaanii, ta udaanii, si wajjiin turtee quba qabdu, fakkeenyaaf saโ€™aa lamaafi sadii si wajjiin teessee danta dhabaan ka salaattuun taate salaata kee san deebisuudha qabda.

Najaasaan ati quba hin qabne yoo si tuqxe ammoo eega salaattee yoo ufirratti agarte san salaata hin deebiftuu Rabbi sirraa haa qeebalu.
 
โœ…Dr. Liwaaโ€™ulislaam๐ŸŽต
 
๐Ÿ‘2