𝐋𝐢𝐛𝐫𝐚𝐫𝐲 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚📚📖📘📕📚🌹🌹ᵏᵃⁿᵃ ʰᵒᵒ ᵈᵘᵇᵇⁱˢᵗᵉᵉ??
11.6K subscribers
466 photos
46 videos
180 files
824 links
لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu
📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
Download Telegram
Hisnul muslim.pdf
1.6 MB
〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️〰️
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️

Kitaaba bareedaa #Hisnul Muslim jedhamu Kan zikrii galgalaaf ganamaa akkasumas zikriiwwaan hedduu Kan qabudha buusaa dubbisaa.

🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
📚📚📚📚📚📚📚📚📚
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
Yaadaaf 👉 @Library_Islaamaabot

Channel keenyaatti makamuuf👇👇
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
👍65
📚📚📚📚📚📚📚
Assalamualeykum wr wb obboleeyyan kiyya kan haarawaafi duraan as jirtan barnootaa,file,kitaabota garagaraa kan sin darbe #gubbaa maqaa channel kanaa tuquun xiqqoo ol haxaawuun waan isin darbe hunda argachuu dandeessu🙏🙏🙏🙏
Of Ilaalee/daawwitii

Dargaggeessa tokkotu ture. Kutaa kudha lammaffaa 
akkuma xumureen haadha manaa fuudhe. Fuudhee utuu 
hin turiin immoo harmee isaa bira ishee kaa'atee hojii 
barbaaddachuu gara magaalaa guddaa deeme. Yoo hojii 
argate battalumatti dhufee akka ishee fudhate waadaa 
seeneef. Magaalaa deeme sanatti waan ajaa'ibsiisaa tokko 
arge. Of ilaalee. Yeroo sana of ilaaleen hin turre. 
Of ilaalee arge sana baay'ee ajaa'ibsiifatee haadha manaa 
isaaf kennaa erguuf bite. Ni ergeef. Isheenis keessatti of 
ilaalaa boossi turte. Utuu walirraa hin kutiin yeroo dheeraa 
boosse. Harmeen mucihaa gara haadha manaa ilma isaanii 
sana deemanii maaliif akka isheen boossu gaafatan.
Miira baay'ee dheekkamuun of ilaalicha itti kennitee, 
"Ilaalaa! Raajii ilmi keessan narratti hojjete. Deebi'ee 
dhufeen si fudhadhaa jedhee waadaa naaf seenee utuu 
jiruu, dubartii kana fakkaattu achii fuudhee! Isayyuu 
fuudhuun isaa xinnaannaan ilaaltee haa aartu jedhee 
meeshaa kana keessa kaa'ee natti ergee!" jette.
Jaartiin irraa fuudhanii yeroo ilaalan waan ajaa'ibsiisaa 
argan. "Dubartii dulloomtuu tokkotu keessa jira. 
Achumaan, "Muu yaa intala koo! Mucaan koo jaartii kana 
fuudhee? Kanaaf jettee boossaaree? Isheenoo jaartiidhaa 
hamma duutii kanaaf hin boo'in!" jedhan jedhama.  😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂
👍6😁1
Itiyoophiyaan humna waraanaan Afrikaa irraa sadarkaa 5ffaatti teetterti:- Global Fire power

Waggaa waggaan ulaagaa 60 ol bu’uura godhachuun humna waraanaaf sadarkaa kan kennu ‘Global Firepower’ Itiyoophiyaan addunyaarraa sadarkaa 49ffaa, Afrikaatti ammoo sadarkaa 5ffaa qabatterti.

Ulaagaalee keessaa baay’ina kutaalee waraanaa, humna faayinaansii fi dandeettii loojistikii ni argamu.

Afrikaa irraa
1ffaa:- Masrii (Addunyaa irraa 14)
2ffaa:- Aljeeriyaa (Addunyaa irraa 26)
3ffaa:-Afrikaa kibbaa(Addunyaa irraa 33)
4ffaa:- Naayijeeriyaa(Addunyaa irraa 36) irratti argamu.

Humnoonni waraanaa Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaa tarree kana keessatti sadarkaa tokko hanga sadii qabataniiru.

Turkiyaan sadarkaa 11ffaa, Yukireen 15ffaa, Iraan ammoo 17ffaa irratti argama.

#tikvahethafaanoromoo
3👍1
ASSALAMUALEYKUM
WARAHMATULLAAHI
WABARAKAATUHU🙏
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
Namoonni channel qabdan kan #promotion nu wajjin hojjachuuf fedha qabdan karaa kanaan nu qunnamuu dandeessu🙏
👇👇👇👇
@Library_Islaamaabot
@Library_Islaamaabot
👍3
#Ulfaataa

Jechi ulfaataa/ Saqiil jedhu Qur’aana keessatti bakka 2 qofatti dubbatame. Isaanis:
[‏وردت كلمة (ثقيلاً) في القرآن مرّتين فقط:]
         
1) (Guyyaa ulfaataa) bakka kanatti guyyaa qiyaamaa sana itti baaname.
🔴(يوماً ثقيلاً) المقصود به يوم القيامة.
2) (Jecha ulfaataa ) bakka kanatti immoo Qur’aana kabajamaa itti baaname.
🔴(قولاً ثقيلاً) المقصود به القرآن الكريم.

🔺#Yaadachiisa : Namni guyyaa ulfaataa kana jalaa naga bahuu barbaade, Qur’aana ulfaataa/ kabajamaa kana jabeeffatee haa qabatuu.
🔺من أراد النجاة من اليوم الثقيل، فليتمسّك بالقول الثقيل.🍃🌸

Share👇
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
👍9
Kaayyoon Sheyxaanaa si dogongorsiisuu qofaa miti. Rabbiin guddaan dogongora hunda akka araaramu Sheyxaanni sirritti beeka. Kaayyoon Sheyxaanaa guddoon Rahmata Rabbii irraa hamilee si kutachiisuudha, akka ati Rabbii kee hin abdanne barbaada. Kanaaf Rahmata Rabbii irraa abdii muruun dogongora guddaadha. Hamma feete dogongortuus, hamma feete badii daleyduus gama Rabbii keetii deebi’i. Badii hin mi’eeffatinii Towbadhu. Abadan abdii hin murin.

*’Yaa gabroottan kiyya! Kanneen labbuu isaanii irratti daangaa dabran Rahmata Rabbii irraa abdii hin murinaa. Dhugatti Rabbiin badii hunda ni araarama. Rabbiin araaramaa, Rahmata godhaadha’ ja’i (yaa Muhammad)*

‎ *قُلۡ یَـٰعِبَادِیَ ٱلَّذِینَ أَسۡرَفُوا۟ عَلَىٰۤ أَنفُسِهِمۡ لَا تَقۡنَطُوا۟ مِن رَّحۡمَةِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ یَغۡفِرُ ٱلذُّنُوبَ جَمِیعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِیمُ*

A-zZumar : 53

#NH
👍12
waa'ee Masjiida Al #haram kana beektuu🤔🤔
🥀🥀🥀🥀🥀🥀
Masjiida guddicha addunyaa keenyaati
Al tokkotti nama milliyoonii 2.5 salaachisuu danda'a.
dheerina Meetira 89 kan qabuudha .
wagga 1400 dura hundeeffame🙏......
Itti fufa
Join 👇
@Library_Islaamaa
5👍2👎1
Namticha Abaaramaa tokko akki jedhe "Intaloon niqaaba uffattu akka sheeyxaanaatii; Sheeyxaanni nu arga nuti ammoo isa hin arginu" kanaafuu intalti niqaaba uffattu akka sheeyxaanaatii jedhe.                    

#Mahmuud_al_Hasanaat ammoo akkana jedhee deebiseef "Eega Intaloon niqaaba uffattu akka Sheeyxaanaa, kan nuti isa hin argine kan inni nu argu taatee, Ati ammoo akka Harreeti, Rabbbiin Harreen akka Sheeyxaana argitu godhee waan ishii uumeef atis akka harreetii" jedheen. 😂😂😂😂😂😂
👇👇👇👇👇
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
🙏62
Fuula fb irraa.kan arganneedha ittiin bohaaraa👌👌

😁😁😁😁😁😁
Xaxaa xaxamtuun xaxxeef xaxaa xaxxuun xaxxeen ani xaxamee hin kufu.xaxxuun xaxaa xaxuun amaluma isheeti.xaxamniif xaxaan isheen xaxxe xaxee Nan kuffisu.xaxama xaxxuun naaf xaxxeenan xaxamee kufa osoo hin taane,xaxaa fi xaxama xaxxuun naaf xaxxe keessaa Nan baha.xaxaafi xaxamni xaxxuun xaxxe xaxxuudhuma xaxxe xaxee kuffisa.😁
👍10😁6👏2
وَذَكِّرْ فَإِنَّ الذِّكْرَىٰ تَنفَعُ الْمُؤْمِنِينَ

#Yaadachiisi_yaadachiifini_mu’uminoota_ni_fayyaddii
Suuraa( 51:55)
👇👇
#BARNOOTAA_SHARI’AA_ISLAAMA
♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️
Jalqabni Maqaa Rabbii Rahmata qabuuti
Diniin (amantaan) islaama bakka saditti qodamti.isaanis
1. Arkaana islaama
2. Arkaana imaana
3. Toltuu👏
#Arkanni_islaama bakka shanitti (5)qoodama.isaanis:-
A.Shahadaatu an alla la ilah illalah WA ash-hadu anna Muhammadan rasulullah
B.Iqamuu salati (guyyati salataa shanaan dhabuu)
C.Ita’uu zakaati (zakaa baasuu)
D.Wasomuu ramadani (waggatti baati ramadaan soomu)
E. Hajjul beytillahil haram (hajji rabbi godhu) yoo qabeenyi jirate.
♻️#Arkanni_Iimaana iddoo jahatti (6)qoodamti.isaanis
1. Antu’umina billah (ati rabbitti amanuu)
2. Wamala’ikatih (maleykaa isatti amanuu)
3. Wakutubih (kitabaa ykn qur’aana isatti amanuu)
4. Warusulih (rasulaa isatti amanuu)
5. Wabiyomil akiir (guyyaa boruutti amanuu)�
6. Wabilqadarih keyriih washarrih Minallah ta’aala (waan sii mudate keyris ta’uu sharris ta’uu rabbummarra natti dhufe jette fudhachuu)
#Toltuu kutaa tokko qabdi .isiinis
Anta abudallaha (ati rabbiin gabbaruu)
Ka’anna katarahu (akka waan arga jirtutti)
Fa’illam takutarahuu (yoo ati hin arginees ykn yoo ati arguu battes)
Fa’innahuu yaraaka (rabbin sii argaa waan ta’eef)
Itti fufa.....
JOIN godhaa👇
@Library_Islaamaa
👍4
#Dhiiroo_kun dhugumaa qubaqabduu An amanuun dadhabe👌👌

#Waan_akkaan_nama_gammachiisu 
        #muslima_Hundaaf

Mootummaan Sa'uudii  hajjii baranaatiif gammachuu ajaaibaa beeysisanii jiru:

namni hajjiifii umraaf dhufe sa'uudii keessa iddoo barbaade ziyaaruu fii daawwachuu ni danda'a .

Lakkoofsa hujjaajaa hin daangefamu .

Umriin nama hajji fi umraa deemuu hin daangeyfamu .

Namni umraaf dhufu haga ji'a sadii turuu nidandaya .

Vizaan  sa'aa 24 keessatti kannama .

gatii ushuraansii hujjaajaa irrifameeti jira .

viizaa umraa kan tahiniin namni dhufees umraa gochuu nidandaya .

Barana  teenna godhi ka Rabbii kiyya🙏

JOIn👇
@Library_Islaamaa
👍83😱1
😱Google Translator on Telegram💫
😍Afaan Oromoo gara Afaan biraatti jijjiiruuf/hiikuuf yookiin afaan biraa gara Afaan Oromootti jijjiiruuf jettanii, isinitti ulfaateera? 👏Telegram irratti Afaanota gara 100+ ol gara Afaan Oromootti hiikuun danda'ameera.👌
🤖Bootii kanarratti seenuun START jechuun Afaan feetan gara Afaan Barbaaddanitti hiikachuu dandeessu👇👇👇

    @OromoTranslatorBot
    @OromoTranslatorBot
    @OromoTranslatorBot
👍5👏1
وَذَكِّرْ فَإِنَّ الذِّكْرَىٰ تَنفَعُ الْمُؤْمِنِينَ

#Yaadachiisi_yaadachiifini_mu’uminoota_ni_fayyaddii
Suuraa( 51:55
#BARNOOTA_SALAATAA
💐💐💐💐💐💐💐💐
Meeqa keenyatu beeka laata??
#Utubaan (arkaanni) #salaataa 14 isaanis:-
1. Dandeetii wajjin dhaabbachuu
2. Allaahu akbarii hidhannaa
3. Alhaamduu (faatihaa qara’udha)
4. Jilba qabachuu
5. Jilba irraa oldeebi’uu.
6. Humna torbaan irratti sujuuduu.isaanis harka lamaan, jilba lamaan, qubben milaa
lamaan fi addaa funyaan waliin.
7. Sujuuda irraa ol deebi’uu.
8. Sujuuda lamaan jiddu taa’uu.
9. Attahiyyaatuu boodaa taa’uu.
10. Attahiyyaata qara’uu.
11. Nagayaa fi rahammata ergamaa rabbii irratti buusuu.
12. Salaamataa lamaan baafachuu.
13. Xumaaninaa godhuu (jarjaruu dhabuu).
14. Walfaana ofuu�

Itti fufa.....
SHURUUXNI (ULAAGALEEN) SALAATAA Meeqa isaanis ???
JOIN godhaa👇👇👇
@Library_Islaamaa
👍8
Bu'aan qormaata barattoota kutaa 12ffaa har'a halkan walakkaa irraa eegalee online irratti gadhiifameera.🙏🙏🙏

Haaluma kanaan halkan sa'aati 5:30 irraa eegalanii ilaalun ni danda'ama.

👉 Karaa Website
1. eaes.edu.et
2. eaes.gov.et
3. eaes.et
4. result.neaea.gov.et
fayyadamuun yookaanis

👉Karaa ergaa gabaabaa 6284 irratti Registration Number  erguun ilaaluun ni danda’ama.

👉Telegiraamidhaan ammoo #bot kana fayyadamuun ilaaluun ni danda'ama. https://t.me/eaesbot

Barattoota keenyaaf Carraa Gaarii hawwina!👏👏


Odeeffannoowwan Teeknooloojii wayitawaan yeroon yeroon akka isin qaqqabuuf channel keenya join gochuu hindagatinaa.
JOIN AND SHARE
👇👇👇👇👇👇
@Library_Islaamaa
👏3👍1🥰1
Barrattoota Kutaa 12 Qoramaniif !!!!!

Qabxiin akka feete taatuus jireenyi itti Fufa!!!
Kutaa 12 Dabruu dhabuun jireenyaaf is a dhumaatii miti. Qabxiin teeysaan bareedduu tahuu dhabuun itti gaafatamummaa Kherysan qofaa miti.

Sirna barnoota biyyattii, hawaasummaa, haala qabatamaa biyyattii, manneen barnootaa, miidiyaa hawaasaa fii rakkoolee garagaraatu jira.

Lubbuun jiraachuun Kutaa 12 Dabruufii yunivarsitii seenanii Digriin eeybifamuu oli.🙏

Isin dargaggoota rakkoo Tanarraa barattanii fuulduraaf nama biyyaas fayyadee Ofiis fayyadu tahuu nidandeeysan.
👍3
#MinistryOfEducation

Barattoonni bara 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa qoramanii qabxii 50% ol argataan gara Yuunivarsitiitti darbuu akka danda'an Ministeerri Barnootaa ibsaa har'a midiyaaleef keennen beeksiseera.

Bara barnootaa 2014tti barattoonni kuma 899 fi 520 qoratamaniiru.

Kanneen keessa qabxii quubsaa (% 50 ol) fiduun kan darban garuu kuma 29 fi 909 duwwaa dha.

Kana jechuun dhibbentaa 3.3 qofaatu darbe jechuu dha, akka Proff. Biraanuu Naggaa Ministirri Ministeera Barnootaa qormaata kaleessa lakkifame ilaalchisuun ibsa kennanitti.

Qabxiin Olaanaan Barattoota saayinsii uumamaa dhiiraan 700 irraa Qabxii 666 fi  dubaraa irraa 650 galmeessaniiru.

Saayinsii Hawaasummaatiin 600 keessaa qabxii 524 galmeeffameera.

👇👇👇
#Gadaamagazine
👍2
#QORMAATA Barattootaaf!!!

Assalaamu Aleeykum Warahmatullahi Wabarakaatuhu

Barattoota bara kana qormaata seensa Yuniversiitii qoramtanii qabxii gaarii argattan, baga Allaah n isin gammachiise, baga bu'aa hojii keessanii argattan, #Baga_gammaddan

Qormaata jechuun qormaata namni namaaf qopheessu caalaa, qormaata bor fuula Allaah tti qoramuuf teenyudha, kanaafuu gammachuu keessa daangaa darbuu caalaa Rabbii carraa kana nu milkeesseef #Alhamdulilah jennee fuulduras itti fufnee cimuu qabna, caallee mul'achuu qabna.

● Obboloonni koo kan qabxiin keessan isin jalaa gad-bu'e immoo, baay'ee hin dhiphatinaa, waca namootaatiin of hin jeeqinaa,

Dhugaa tana naaf dhaga'aa mee!!!

Rabbiin yeroo balbala takka nu jalaa cufu, balbala biraa nuuf qopheessa, jireenyi karaa ati yaadde qofa miti, Allaah immoo karaa biraa siif qooheesse!!

Kanaaf isinis Alhamdulilah jedhaa malee, akka waan jannataa ari'amtanii, of hin dhiphisinaa, boru guyyaa biraati.
👍6👏1
Ati Qormaata kutaa 12 NAN KUFE jettee aartaayii? Animmoo mufachuu kee fi of dhiphisuu kee kanatti nan kolfe! Baay'en sitti gaddes!

Mee waa'ee namoota kufanii milkaa'an tokko sin yaadachiisa; na hordofi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❍ ROBERT KIYOSAK dureessa Ameerikaa keessaa tokko. Garuu Robert yaalii investimentiin yeroo meeqaaf meeqa nama kisaaredha.

❍ TOMAS EDISEN balbii elektrikaa hojjechuuf si'a 10,000 yaalee kufee nama milkaa'eedha.

❍ ABRAHAAM LINKEN Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf waggaa 22ffaa isaa irraa eegalee dorgomee moo'amaa waggaa 52ffaa isaatti pireezidantii Ameerikaa tahe.
Isaan kunii fi kanneen biroo obsumaan irra deddeebi'an malee waan kufaaniif karoora isaanii hin fannifne.

❏ Kanaafuu abdii kutachuutti wanti si oofu diina kee isa karaatti si hambisuu barbaadu qofaadha.
Hin gowwomin ati michuun amanamaan waaqa kee gadiitti karoora kee akka ta'e hubachuun yoo kuftellee hin gadhiisin wajjin kufii ka'i!

❏ Utuu waan meeqaaf abdatamtuu haalatti amantee karaa dhaabbattee haftaa?Matumaa hin ta'u! Ati karaatti hin haftu! Haala yeroon jijjiirutti hin hirkatin! Ati sichi ija baay'ee godhatta; balballi milkaa'inaa hedduun siif banama.

❏ Haala ilaaltee abdii hin kutatiin abdii hin kutatin ammas abdii hin kutatiin !!!

Haalli har'aa hin amanamu:
#Har'a hiyyessa yoo taate bor ni sooromta.
#Har'a uffata gahaa hin qabdu yoo tahe bor irraa hafaa qabaatta.
#Har'a miilla qullaa deemta yoo tahe bor kophee jijjirtee keewwaattam!
#Har'a hojii hin qabdu yoo ta'e bor hojjetaa hedduu qacarta!
#Har'a baasii geejjibaaf yoo dhabdeyyuu bor konkolaataa kee yaabdee adeemta!
#Har'a nama si jaallattu hin qabdu yoo ta'eyyuu bor baay'ina fira keetif dhiphatta!
#Har'a utuu biyyi kolfuu yoo boosseeyyuu bor yeroo biyyi boo'u kolfuuf jirta!
#Har'a gurguddoota biyyaa hin beektu yoo ta'eyyuu bor nama guddaaf beekamaa taata.

Kanaafuu haala keessa jirtutti gammadi wal'aansoo qabi, moo'ichi nama wal'aansoo qabu bira jira.

Moo'ichi guddaan immoo aarii fi dafqaan utuu hin taane karaa OBSAA argama.

Kanaafuu abdii kutuu caalaa obsa uffachuun daawwaa milkoomina keetiti.

Obbolee koo ABDII HIN KUTATIN! NEVER GIVE UP!

☆☆☆☆☆☆☆☆
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
👍6
... ۗ أَلَا لَهُ الْخَلْقُ وَالْأَمْرُ ۗ تَبَارَكَ اللَّهُ رَبُّ الْعَالَمِينَ

...Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate.
👇👇👇
Suuraa 7:55
👍6