𝐋𝐢𝐛𝐫𝐚𝐫𝐲 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚📚📖📘📕📚🌹🌹ᵏᵃⁿᵃ ʰᵒᵒ ᵈᵘᵇᵇⁱˢᵗᵉᵉ??
11.6K subscribers
464 photos
46 videos
180 files
817 links
لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu
📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
Download Telegram
Professor sheik yusuuf Alqardawi dura bu'aa muslimoota idil Addunyaa Rabbi isiif haa araaramu
😢4
Gochoota Irreechaa kan Islaamummaa faallessan
👇👇👇👇👇

❺ffaa:-📌Dubartii fi dhiirri wal makee akka barbaadan ta'uu
❻ffaa:-📌Dubartii uffata aadaa akka faashinii taasistee qaama qullaa taasisuu.
❼ffaa:-📌Waaqa bifa kennanii akka waan ijaan arganii 'waaqa gurraacha' jedhanii kadhaa taasisuu.
➲Rabbiin kan ijaan arge hin jiru. Akka hordoftoota amantii kanatti Waaqa(Rabbii)n akka bifa Gurraachaatti yaadan. Sirna kadhannaa isaanii keessattis "#Gurraacha_garaa_garbaa..." jedhanii kadhaa godhan.Asirratti wanti hubannu waaqa akka waan ijaan argaaniitti bifa kennaniif.
➲Garuu akka amantii Islaamaatti Rabbiin kan ijaan arge tokko namaatu hin jiru. Bifti isaas Gurraacha, diimaa ykn adii jechuu hin dandeenyu.
❽ffaa:-📌Gammachuuf jedhanii Dhugaatii alkoolii fi dhugaatiilee nama macheessan dhuguu➲Islaamummaa keessatti dhugdoon alkoolii fi wanti nama macheessaa hunduu dhoorgama. Rabbiin Quraana keessatti akkana jedha:-
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا إِنَّمَا الْخَمْرُ وَالْمَيْسِرُ وَالْأَنصَابُ وَالْأَزْلَامُ رِجْسٌ مِّنْ عَمَلِ الشَّيْطَانِ فَاجْتَنِبُوهُ لَعَلَّكُمْ تُفْلِحُونَ"Yaa warra amantan! akka milkooftaniif jecha dhugumatti dhugdoo nama macheessaa , qumaarii, taaghuunni, xiyyaan hixaa (carraa) ilaallachuun (raaggachuun) dalagaa sheyxaanaa irraayyii isa irraa fagaadhaa."          
   (✍️Al-Maa'idaa 5:90)
❾ffaa:-📌Gara warra waa beekuu jedhamanii ykn gara warra raagduu deemanii akka waa himuuf kafaltii kafaluufi ykn galcha galchuufi. "...
Karaa biraatiin hiikkammaan Irreechayyu gara warra waa beekuu deemanii namaaf akka waa himamu kafaltii kaffalamu (galchaa galfamuu)dha. (Warra waa beeku kan jedhaman warra Ayyaantuu, warra qaalluu, eker-dubbistuu, warra callee ilaalu,…jechuudha). Kafaltiin warra waa beekuu kennamu galchaa jedhama. Galchi kunis yeroo baay’ee marga ykn coqorsaafi maallaqa waliin qabanii iddoo galchaaf qophaa’etti irreeffatu. Galchi akkuma humnaatti marga ykn coqorsa qofaa ta’uus ni danda’a...."
➲Asirratti #warra_waa_beeku jechuun waan dhokatoo kan namootaatti hin mul’anne beekan jechuudha.
Warri akka ekera-dubbiftuu,Ayyaantuu, warri Callee ilaalu, Qaalluun hundumtuu warra waan fagoo beekan jedhamanii yaadamaniidha.
➲Ilaala mee akka ilaalcha warra waaqeffataatti warri asiin oli kun hunduu warra waan fagoo beeku jechuudha. Warra waa beeku kanaaf galchaa qopheessaniif bira deemanii irreessa godhu. ➲Garuu akka amantii Islaamaatti wanta namarraa fagoo (Geeybi) rabbiin malee kan beeku hin jiru jennee amanna. Rabbiin Quraana keessatti akkana jedha:-
۞ وَعِندَهُ مَفَاتِحُ الْغَيْبِ لَا يَعْلَمُهَا إِلَّا هُوَ
Hiikkaan isaas:"Furtuuwwan fagoo Isa(Rabbiin) bira jira. Isa malee homtuu ishee hin beeku."          
   [✍️Al-An'am 6:59]
Keeyyata biraatiinis Rabbiin akkana jedha:-
"²⁶.عَالِمُ الْغَيْبِ فَلَا يُظْهِرُ عَلَىٰ غَيْبِهِ أَحَدًا  ²⁷. إِلَّا مَنِ ارْتَضَىٰ مِن رَّسُولٍ...
"Hiikkaan isaas:"²⁶(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu.²⁷Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu)..."           
  [✍️Al-Jinn 72:26-27]
❿ffaa:-📌Qabeenya qisaasessuu.
➲Muudaaf Wareegaa jedhanii korma qaluu, muka dhadhaa dibuu, marga beeyladni dheedhu lafarraa ciruu, dhugdoo fi nyaata humnaa ol qopheessu. Rabbiin akkana jedha:-
۞ يَا بَنِي آدَمَ خُذُوا زِينَتَكُمْ عِندَ كُلِّ مَسْجِدٍ وَكُلُوا وَاشْرَبُوا وَلَا تُسْرِفُوا ۚ إِنَّهُ لَا يُحِبُّ الْمُسْرِفِينَ
(...Nyaadhaa dhugaa, hin qisaasessinaa inni , Dhugumatti inni(Rabbiin) warra waa qisaasessu hin jaalatu.)           (✍️Al-A'araaf 7:31)
➲Duuchaamatti wanti guyyaa Irreechaa dalagamu waan Islaamummaan wal faallessudha. Shirkii fi Bidaa heddutu guyyaa ayyaana Irreechaa dalagama. Yaa Obboleewwan kaleessaas, har'as, borus Irreechi shirkii hedduu of keessa qabateera. Rabbiin ammoo nama shirkii dalagee gara isaa du'aan deeme akka hin araaramneef akkana jedhee Quraana keessatti dubbata:-
2👍1
إِنَّ اللَّهَ لَا يَغْفِرُ أَن يُشْرَكَ بِهِ وَيَغْفِرُ مَا دُونَ ذَٰلِكَ لِمَن يَشَاءُ ۚ وَمَن يُشْرِكْ بِاللَّهِ فَقَدْ ضَلَّ ضَلَالًا بَعِيدًا
“Dhugaatti Rabbiin badii isatti qindeessuu (shirkeessuu) gonkumaa dhiifama hin godhu, kana irraa kan hafe badii kamiiniyyuu nama fedheef ni dhiisa”            
(✍️An-Nisaa’i 4:116)
➲Dalagaan Nama tokkoo shirkii yoo of keessaa qabaate Uumaa biratti fudhatama tokkollee hin qabu.Wanti inni dura dalages jalaa bada. Daaraa bubbeen fuute ta'a.Rabbiin akkana jedha:-
وَقَدِمْنَا إِلَىٰ مَا عَمِلُوا مِنْ عَمَلٍ فَجَعَلْنَاهُ هَبَاءً مَّنثُورًا
“Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee (daaraa) faca’aa isa goone”       
(✍️Furqaan 25:23)
➲Ammas Ergamaan Rabbii (Faaruu fi nageenyi Rabbii isarra haa jiraatuu) akkana jedhu:-
(مَنْ عَمِلَ عَمَلًا لَيْسَ عَلَيهِ أمرُنا فَهُوَ رَدٌّ).
"Namni dalagaa takka kan ajajani keenya irra hin jirre dalage isarratti deeffamtuu (irraa hin qeebalamtu)"         
( ✍️Musliimtu gabaase)
♻️Hub:-Nuti Musliimni amantii fi ayyaana eenyuullee arrabsuu hin barbaadnu. Uumaanis akka amantii namaa hin arrabsine irraa nu dhoorga waan ta'eef. Rabbiin akkana nuun jedha:-
"وَلَا تَسُبُّوا الَّذِينَ يَدْعُونَ مِن دُونِ اللَّهِ فَيَسُبُّوا اللَّهَ عَدْوًا بِغَيْرِ عِلْمٍ"
"Warra Rabbii alatti waan biraa gabbaran hin arrabsinaa beekumsa maleetti jibbaadhaan Rabbiin arrabsu waan ta'eef"           
✍️Al-An'am 6:108
➻Ammoo haqa jirtu dubbachuu irraa hin yoomu of duuba hin deebinu, hin sodaannus, sodaachus waan hin qabnedha.||◍◍◍Har'af Xumuradhe Horaa Bulaa◍◍◍
👍3
#Tokko hospitaalatti dhalate
Tokko immo manatti
Lameenu gara dachee kanaa dhufanii jiru
#Tokko mana barumsaa dhuunfaatti barate
#Tokko immoo kan ummataatti
Lameenu barumsa isaani xumuranii jiru
#Tokko siree miidhaga irra bule ka'e
#Tokko immoo afaa lafaa irra bule ka'e
        Lameenu rafanii jiru
#Tokko uffata miidhaga qaba
#Tokko immoo kan miidhaga hin tayin
  Lameenu qaama isaani dhoksatanii jiru
#Tokko nyaata madaalama filatee nyaata
Kuun immoo wama argate nyaata
          Garuu lameenu garaa isaani guuttatanii jiru
#Tarii tokko yoona mobaayili Sony xperia,BB Z10,Q10 fi Samsung Galaxy 6edge irra post kana dubbisaa jira ta'a kuun immoo smart phone xiqqaa irra dubbisa garuu lameenu post kana arganii jiru🙏

♻️Gammachuun Kan dhufu waan hundaa qabaanneef osoo hin taane
Wantoota qabnu addaan baafne beekudha,akkasuma waan harkaa qabnuun gammaduudha.
#Gammachuun Waan jaalannu argachuu osoo hin taane
Waan arganne jaalachuudha🙏🙏🙏🙏
لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu

📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Join gochuuf https://t.me/joinchat/AAAAAExkjFc1rEMDqSpL4g
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
4👍4
Sagantaa qormaata biyyoolessaa

Barattoota Saayinsii Hawaasaa
👉26-28/1/205 Seensa Yuunivarsitii
👉29/01/2015 Oorenteeshinii
👉30-01/2015-02/02/2015 guyyaa qormaataa
👉03-04 /02/ 2015 barattoonni gara iddoo dhufanii deebi'u.

Barattootaa Saayinsii Uumamaa
👉05-06/02/2015 Seensa Yuunivarsitii
👉07/02/2015 Oorenteeshinii
👉08/02/2015-11/02/2015 Guyyaa Qormaataa
👉12-13/02/2015 barattoonni gara iddoo dhufanii deebi'u.

♻️Via Gadaapost
👍4
Forwarded from OROMIABOT
Qara fagoo iamltee waan barbaaddu argachuun hafeera kunoo waan isin barbaaddan qabannee dhiyaanneerra Join qofa gochuun nu faana tahaa!
👍2
3. Kaayyoon Uumamteef Maali.docx
33.6 KB
𝐤𝐢𝐭𝐚𝐚𝐛𝐚𝐚 𝐛𝐚𝐚𝐲𝐲𝐞𝐞 𝐛𝐚𝐫𝐞𝐞𝐝𝐚𝐚 𝐤𝐚na buusaa dubbisaa 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚𝐬 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚👍
🌹🌹🌹🌹

Yaada,qeeqaaf gaaffiif👉 @Library_Islaamaabot
Kitaaba haaraawa of biraa qabdan  nuu erguuf👉 @Raadaa16_bot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
👉 @Library_Islaamaa
👉 @Library_Islaamaa
👆👆👆👆👆👆👆👆
♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️♥️
👍7💯2
Oduu Gammachiisaa
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
Wal-dorgommmii badhaasaa qabu kana irratti hirmaadhaa🙏🙏
🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁🎁
📚Abuu Muhammad Alhasan bin Aliyyi bin Abuu Xaalib, akaakayyuu (ilmoo ilmoo) Ergamaa Rabbiitiifi [s.a.w] jaalallee isaanii kan ta’e irraa odeeffamee [r.a] ni jedhe: Ergamaa Rabbii [s.a.w] irraan “waan si shakkisiise dhiisii gara waan si hin shakkisiifneetti dabi” jechuu haffaze. Tirmiziifi Nasaa’iitu gabaasan. Tirmiziin hadiisicha ‘hasan sahiiha’ jedhe.
1⃣ffaa kan baheef 400MB🎁🎁🎁
2⃣ffaa kan baheef 300MB🏅🏅🏅
3⃣ffaa kan baheef 200MB🎊🎊🎊

♻️Hubadhu👌 waldorgommiin kan jalqabu guyyaa muraasa keessatti waan taheef ammuma
#join godhaa namoota beektan akkasuma group garagaraa irratti #share godhaa🙏
🌹Carraa gaarii🌹

Wal-dorgommmicha irratti hirmaachuudhaaf
🏆🏆🏆🏆🏆🏆
🎢JOIN&SHARE
👇👇👇👇👇👇

https://t.me/joinchat/AAAAAExkjFc1rEMDqSpL4g
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
👍3
Barattoota kutaa 12ffaa qormaata fudhataniif qormaata dura, yeroo qormaata fi qormaata booda waan gochuu qabaniif hin qabne

1. Qormaata dura
🌱 isin qormaata qoramuuf haaraa miti. Qorumsa baay'ee fudhattanii as geessan Kanaaf qorumsi isin fudhachuufi deemtanis waan addaa waan hin taaneef hin na'inaa
🌱Sammuu keessan free godha. Kana dubbiseera, kana hin dubbisne jechuun of hin dhiphisinaa. Wanti isin dubbistan sammuu keessan keessatti kuufamee jira. Kan amma waan tokko hin beeknu jettan yeroo qormaataa yaadachuu dandeessu.
🌱wantoota free isin godhan kanneen akka qilleensa qulqulluu Sirriitti baafachuuf galchuu(breathing exercise) shaakalaa.
🌱nyaata sukkaarrii fi soogiddi itti baay'ate hin fayyadaminaa.
🌱bishaan Sirriitti dhugaa
🌱nyaata humnaa oli hin nyaatinaa/nyaata utuu hin nyaatinis hin deeminaa.
🌱anniisaa argachuuf dhugaatiwwan nama si'eessan hin fayyadaminaa
🌱kobbee, sa'aa fi waan qormaataaf isin barbaachisu qopheeffachuu keessan mirkaneeffadhaa

2. Yeroo qormaataa maal gochuu qabdu
🌱gaafa gara mana barumsaa deemtaan suuta deemaa. Akkasumaa free of godhaa
🌱qormaanni namoonni baheera jedhanii yoo isin burjaajjeesanis waa'eesaaf hin dhipatinaa
🌱gaaffii isinitti cime irratti yeroo keessan hin balleessinaa. Kan isiniif salphaa tahe hojjechuun booda itti deebi'aa.
🌱dambiiwwaan/instruction qormaataa seeraan hordofaa

3. Qormaata akka qoramtanii baataniin
🌱gaaffii qoramtan irra deebitanii hin ilaalinaa.
🌱gaaffiin natti cime jettaniis kan boriif hin dhiphatinaa. 🙏
Kanaaf bifa kanaan of-qopheessaa
Carraa gaarii isiniif hawwa

#Dr Nafyad Getu.
👍41
🚫Moolida kabajuun

Nuti muslimoonni

Lama qofa qabna
Ayyaana kabajnu
Kanaan ala nuti
Kan biraa hin qabnuu

Ayyaana arafaaf
Ayyaana fixriitii
Inni kanaan alaa
Kan warra bid'aatii

Muslima hin laallatu
Ayyaanni moolidaa
Warri kabajjan kun
Mee ragaa naa fidaa

Jaalala yoo tahe
Abubakar caaltaa
Jaalala fakkeessuuf
Sobdee maaf utaaltaa

Waan rasuulaaf saabaan
Hin goone tasumaa
Waan hundee hin qabne
Maalumaaf hordofnaa!

Taabi'oonni duriif
Beektonni salafaa
Waan takkaa hin goone
Eessaa fuutan lafaa

Bida'aadha moolidni
Afaan guuteen jedhaa
Miti warri jettan
Mee ragaa naa fidaa

Ragaan qabdu taanaan
Kufaadha dubbiinkee
Towbadhuu deebi'i
Hin fixin umrii kee
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu

📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Join gochuuf https://t.me/joinchat/AAAAAExkjFc1rEMDqSpL4g
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
8👍3
Nama salataafuu
Hin kaane ciisichaa
Nabiin jaalla jedhee
Utaalee dhiichisaa🤔

Jarri kan kabajan
Dhaloota moo du'aa
Dhaloota yoo jedhan
Hin dhageenyee du'aa

Nuun galle jarana
Nuuf baasaa addaanii
Waliisaan wallaalee
Nuuf ibsaa ikwaanii

Rasuula jaalachuu
Nu kan ittiin beeknu
Isaan hordofuunii
Waan bira hin beeknu
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
👍9
Barattoonni bilbila qabatanii gara Yunversitii dhufan to'annoo seeraa jala jiru jedhame.

Barattoonni bilbila fi meshaalee elektrooniksii akka hin qabannee dhorkamanis karaa adda addaan qabatanii warri argaman to'annoo seera jala kan jiran yoo ta'u qormaata irra akka haqaman dhabbanni barnoota olaanaa ibseera.

#Gadaapost

Hubadhaa👌 obboloonni kiyya dhiiraaf dubraa warri #natural science warri ganaa deemtan ilaame #mobile fuutanii hin deeminaa yoma fuutanii deemtanis sin jalaa bada #dorm bakka ciisichaatti wal jalaa hatama sin kan torbee achi turu mitii isa wagga 3 achi ture jaalaayyu ni hatama ok kanaaf of eeggannoo godha dabalataan gibbiin kamiyyuu #camera qaba tokko tokkoon gingilchee nama agarsiisa jaratti kanaaf bilbila fuutee hin manaa hin bahin maaloo🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu

📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Join gochuuf https://t.me/joinchat/AAAAAExkjFc1rEMDqSpL4g
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
👍5
Yoo mana dahabaa keeysa galtes yoo mana citaa keeysa galtes ni duuta. Yoo hayyuu siyaasaa taates, yoo qotee bulaa hin baratin taates ni duuta. Eega ati duute siidaa yoo siif dhaabames yoo eega ati duute adunyaan guutuun si dagates ni duuta. Yoo miidhaa jiraattes yoo miidhamaa taates ni duuta. Yoo Oromoo taates yoo amaara taates guyyaa tokko ni duuta.

Garuu yoo Rabbii kee sodaatte, yoo isa qofa gabbarte, adunyaan guutuun si wallaaltus, miskiinummaa hamtuu keeysa jiraattus, du’aa fii jireenya kee keeysatti dagatamaa fii tuffatamaa taatus Rabbi biratti ati kabajamaa fii qeebalamaadha.

Rabbii kiyyaa wajjiin ani akkamiin si haa yaachiftu. Booddee gaariin ta warra Rabbi sodaatuuti. Jannanni bareedaan qubsuma warra Rabbi sodaatuuti.

Ustaaz Jaafer beyaantu barreesse

@Library_Islaamaa
3
Qormaata qofa miti barumsaafis nama deebi'u Rabbi sin haa godhu barattoota keenya🤲
Jarri mala baasaniiru rabbiin mala isaatiin sin walin haa tahu🤲🤲
Sagantaa Qormaata kutaa 12ffaa Barattoota Saayinsii Uumamaaf

Qormaanni barattoota saayinsii hawaasaa guyyaa kaleessa xumuramee jira.

Barattoonni Saayinsii uumama Onkoloolessa 5 fi 6 gara mooraa itti ramadamanitti kan seenan yoo ta'u, Akkaata sagantaa armaan gadiitiin qormaata kan fudhatan ta'a.

Qormaanni guyyaa Kibxataa, Onkoloolessa 8 eegala.

Exam Time Table👇

Kiibxata  Guyyaa 08/02/15
      ~ 3:00 - 5:00 English
      ~ 9:00 - 12:00 Mathematics

Roobii, Guyyaa 9/02/15
~3:00-5:00 Aptitude
       ~9:00 -11:00 Physics

Kamisa, Guyyaa10/02/15
 ~ 3:00 - 5:30 Chemistry
      ~ 9:00 -11:00 Biology

Jimaata, Guyyaa 11/02/15
~ 3:00 - 5:00 Civics

Barattoota saayinsii uumamaa hundaaf carraa gaarii hawwina.

#Gadaapost

carraa gaarii👏👏👏
👍9
Kaayyoon Sheyxaanaa si dogongorsiisuu qofaa miti. Rabbiin guddaan dogongora hunda akka araaramu Sheyxaanni sirritti beeka. Kaayyoon Sheyxaanaa guddoon Rahmata Rabbii irraa hamilee si kutachiisuudha, akka ati Rabbii kee hin abdanne barbaada. Kanaaf Rahmata Rabbii irraa abdii muruun dogongora guddaadha. Hamma feete dogongortuus, hamma feete badii daleyduus gama Rabbii keetii deebi’i. Badii hin mi’eeffatinii Towbadhu. Abadan abdii hin murin.

*’Yaa gabroottan kiyya! Kanneen labbuu isaanii irratti daangaa dabran Rahmata Rabbii irraa abdii hin murinaa. Dhugatti Rabbiin badii hunda ni araarama. Rabbiin araaramaa, Rahmata godhaadha’ ja’i (yaa Muhammad)*

‎ *قُلۡ یَـٰعِبَادِیَ ٱلَّذِینَ أَسۡرَفُوا۟ عَلَىٰۤ أَنفُسِهِمۡ لَا تَقۡنَطُوا۟ مِن رَّحۡمَةِ ٱللَّهِۚ إِنَّ ٱللَّهَ یَغۡفِرُ ٱلذُّنُوبَ جَمِیعًاۚ إِنَّهُۥ هُوَ ٱلۡغَفُورُ ٱلرَّحِیمُ*

A-zZumar : 53

#NH
6👍3
INNAA LILLAAHI WA INNAA ILEYHI RAAJI'UUN

Hangafni ulamootaa,sheekni sheekkotaa,leenjisaa Ustaazotaa, Sheikh Aadam Tuulaa ( Ahmad) guyyaa har'aa addunyarraa godaananuun dhagahame.

Sheikh Ahmad Tuulaa waggaa 70 ilmii barsiisuun kan turan yoo tahu, Halqaa isaanii irraa ulamootaa fi Daa'iiwwan kumaatama ta'an bahaniiru.

Sheikh Aadam Tuulaa galaana beekumsaa,barsiisa aqiidaa salafaa,manguddoo biyyaa,gaachana ummataa,goota ija barbadaa,Muftii Itiyoophiyaa ta'anii osoo tajaajilan, guyyaa har'aa mana isaaniitti,umrii isaanii waggaa 110 jalatti addunyaa dhumtuu tanarraa gama aakiraa godaananii jiru.

Har'a tuulaa beekumsaa dhabne,gaddaan qalbii cabne,mana kitaabaa guddaa dhabne,gaaddisa darasootaatu nurraa mulqame.

Yaa RABBI sitti hafne.

Yaa RABBI aalima jiruu ofii guutuu siif kenne,Rahmata,Jannata kee kenniif.
😢6