𝐋𝐢𝐛𝐫𝐚𝐫𝐲 𝐈𝐬𝐥𝐚𝐚𝐦𝐚𝐚📚📖📘📕📚🌹🌹ᵏᵃⁿᵃ ʰᵒᵒ ᵈᵘᵇᵇⁱˢᵗᵉᵉ??
11.6K subscribers
464 photos
46 videos
180 files
816 links
لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu
📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
Download Telegram
Gaafataa: Qarshiin teelee irraa liqeeffatan akkamitti laallama???🤔🤔
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
#Deebisaa: Teeleen qarshii hin liqeessu. Namni heddu akkasitti yaada. Kun hubannoo dogongoraati. Wanti teeleen nama kennu Air time ykn kaardii moobaayilaati. Kaardii birrii dhibbaan bitamu manatti sii erga. Achi booda birrii 105 naa kafalta siin jedha. Kuni kafaltii tajaajilaati. Tajaajila saniif kafaltii si gaafachutti jira malee, birrii sii liqeessee birrii san irratti waan biroo dabalee hin gaafanne. Birriin teelee ka kiisha kee keessa seene hin jiru. Kuni liqii osoo hin taane gurgurtaa Duubee/Huunjootti lakkaawama. Haa tahullee ammoo, tajaajila siif kenne qaba. Waa sii baatee manatti dhufe. Ati osoo kaardii san bitachuu barbaaddee, manaa deemtee suuqii deemuu qabda. Ykn bakka biiroon teelee jiru deemuu qabda. Karaa san sii gabaabse. Ati hin deemini anatu manatti sii fida siin jedhe. saniif ammoo kafaltii tajaajilaa siif kenne. Birriin itti dabaltee kafatu sun ta khidmaa/Tajajila isaati. Kaardii san manatti siif fiduu saniif si gaafate. Kun haraamummaa hin qabu. Ribaallee miti.👌
👇👇👇👇
Sheikh Muhammad Haamiddiin
👇👇
Ibsa Dabalataa: (Teknoolojiin teelee yeroorraa yerotti jijjiirama. Fatwaan kun haala amma dura teeleen itti hojjataa turerratti hundaayuun deebisaan itti kenname. Yeroo ammaa ykn if dura haalli teeleen itti hojjatu jijjiiramuu mala. Kanaafuu dhimma kanarratti haala yeroo irratti hundaayanii if eeggannoo godhuu barbaachisa. Dabalataan yeroo ammaa kana wanti Mobile Banking jedhamu dhufee jira. Fatwaan Mobile Banking as keessa hin seenu. Saniif in shaa Allaah if duratti deebisaa ulamaa’ii isiniif dhiheessina. Gaafiin kun dhimma Air time ykn data bitachuu qofarratti hundaaya.
📚📚📚📚📚📚📚📚📚

MaashaAllah wallahi an akka kiyyatti gaaffii kun hedduu mataa keessaa na deddeebi'ee na rakkisaa ture.nama natti dhiyoo yoon gaaffu gaaffiin kiyyayuu galuufii dide sababni irra guddaan nama keenyaa kitaabuma barate male waan teknolojii kana hin beeku kanaaf deebisaa mitii an gaaffii kee hin hubachuu hin dandeenye naan jedha namuu😁.maarree Alhamdulillah namoota waan teeknoolojii akkas beekan qabaachuun tola rabbiiti amma anis deebii quubsaa argadhe🙏 kan gaafates ,kan deebises rabbi haa milkeessuu inshallah🤲🤲
🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
🖊🖊🖊🖊🖊🖊 
Share godhaa 👇👇
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
👍3
Barri haaraan jettan
Kan lakkoofsaa kanaa
Bara haaraan jedhu
Utuu akka anaa🤔

Barri haaraan dhufe
Kan inni  jedhamuu
Gaafa ofis biyyas
Jijjiirani namuu

Iddoo tokko taahaa
Bara haaraa jettaa
Bara haaraa jechuun
Kan lakkoofsa seetaa?

Bara haaraa jenna
Baraan bara lakkaa'aa
Guyyaan inuma deema
Silas yoom gadi taa'aa

Har'a geenyeerraa kinoo
Bara meeqa darbinee
Bara haaraa malee
Wanta haaraa hin arginee

Namuu birraa jechaa
Gammachuun macha'aa
Baga geessan jedhee
Jechoota lakkaa'aa

Takka turraan garuu
Jalqabneerra shakkii
Bara darbe wayya
Baranarra lakkii

Yaa bara dheengaddaa
Yaa bara qananii
Shaayin shilingiidha
Shiroon birrii shanii

Bara kana ammoo
Wanti hundi cinqiidhaa
Kibriitin birrii shan
Kan dur shilingiidhaa

Barri tokko darbee
Kan biraammoo dhufaa
Bifa jijjiirratee
Rakkoon itti fufaa

Bara kaan waraana
Bara kaan dhukkubaa
Yookan hoongeen bu'ee
Ummata guggubaa

Rabbii guddaa qofa
Kan buqqaasu gufuu
Barri jijjiirameef
Jijjiiramni hin dhufuu......

لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu

📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Join gochuuf https://t.me/joinchat/AAAAAExkjFc1rEMDqSpL4g
📚📚📚📚📚📚📚📚📚📚
👍1🥰1
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Waa'ee Teeleen qarshii Namaa liqeessitu Ilaalchisee Halal mo Harami Riba moo Riba miti

Shekh Muhammad Hamidin maal jedhan.
👍3
Anuma qofa moo🤔

Daataa koo banadhee
Yoon fb galuu
Wama gaddaa taheem
Wanti an ilaalu😥

Oduu gaddisiisaa
Jedhanii maxxasuu
Footoo nama du'een
Garaa namaa raasuu

Waan gaddaa agarraan
Dhiiseen baha keessaa
Bakka hojii dhaqeen
Sammuu kootti odeessaa

Dafeen irraanfadhu
Sammuudhaa nan baduu
Anis jalqabe kaa
Taahee qofaa gadduu

Ayiiii jedhee qalbi cabee
Akkuma nam kamuu
Gadda qofa taaneem
Maal taatani namuu🤔

Gammachuu barbaada
Facebook tti ol bahee
Dubbiin faallaa tahe
An akkanan sehee

Gadduma agartan
Maa fiddanii dhoobduu
Gadda nama dhuunfaa
Maaliif biyyaa qoodduu

Xiqqoodhuma ishiillee
Irraan hambiftanuu
Maal giroon waan jiru
Hunda asitti haanuuf

Nanbeeka hedduun namaa
Du'aa'iif jedheetuu
Kan inni maxxansuu
Male gochuuf miti namni haa dhiphatuu

Kan gamatti du'eef
Kan asiifi achii
Facebook irra jechuu
Dhageessanii awwaalchii
😳😁
Waanan jedhus dhabee
Yaa rabbi ni beektaa
Gadda nurraa fuudhii
Situ keessa beekaa

Gadadoo irraa fuudhii
Gammachiis 70 koo
Si male maal qabna
Maaloo yaa rabbii koo

♻️by Raa daa

لَا نُرِيدُ مِنكُمْ جَزَآءً وَلَا شُكُورًا
🌐 Channel kana irraa👇
📚 Kitaabban
🎵 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu

📲 Yaadaaf @Library_Islaamaabot
📲 Join gochuuf https://t.me/joinchat/AAAAAExkjFc1rEMDqSpL4g
📚📚📚📚📚📚📚📚📚
👍6
Allaattiin kun kopha kopha jiraata. Yeroo wal qunnamtii wal hormaataa walitti dhufuun isaanii hin oolamu. Garuu akkaataan jireenya isaanii akkuma ilma namaati. Allaattiin kormaan tokkoofi dhaltuun takka yeroo tokko yoo wal qunnamtii wal hormaataa raawwatan, haga isaan keessaa tokko du’utti jarri lachuu allaattii biroo wajji wal qunnamtii wal hormaataa hin raawwatan. Innis isii malee gara biraa hin deemu. Isiinis isa malee allaattii biraa wajji wal qunnamtii wal hormaataa hin raawwattu. link tuqaa barruu guutuu dubbisaa. https://nuuralhudaa.com/31101/
👍6
#Update: Hamiltan TV

Alhamdulillah banameera🙏🙏
Ustaaz Kaamil Shamsuu " Rakkoon wajjira Hamiltan mariidhaan furamee jiraa" jechuun fuula Feesbuuk isaa irratti beeksisee jira.

Akkasuma namni cufsiise nama dhuunfaa tahuu ibsanii,namichis too'annoo seeraa jala ooluun ibsameera🙏🙏🙏🙏🙏🙏
👍21
Namni Rabbitti amanee (muslimni)fedhinnaa isaa cufa rabbiif kenne waggaa eeggatee miti kan inni rabbiif galata galchu🙏
Akkuma rabbiin nuuf hime erga uumamnee kaanee hanga duuti nutti dhuftutti kan nuti rabbiin gabbarru.

♻️Wanni an kana kaaseef akkuma isinuu beektan jia kana keesaa #Irreechi ni kabajama, kun immoo muslimaaf dhorgaadha🚫
Kanaaf fuuldura kana barumsa waan kanaa gadi fageenyaan baranna insha Allah🙏🙏🙏🙏
irreecha.pdf
928.6 KB
🤔 Wuyi dinqii kinoo🤔🤔
Kitaaba bareedduu waa'ee #irrecha jedhu kana buusii dubbisi namni hunduu dubbisuun dirqama sin darbin #fuula 6 qofa 👌
Daqiiqaa 15 keessatti raawwaatta 🙏🙏🙏
📚📚📚📚📚📚📚📚📚

𝐂𝐨𝐦𝐦𝐞𝐧𝐭 𝐧𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮𝐟 ♥️
👇👇👇👇
@Library_Islaamaabot
@Library_Islaamaabot
♥️ 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗚𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳 ♥️
👇👇👇👇👇
🌹 @Library_Islaamaa
🌹 @Library_Islaamaa
♻️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ ☝️♻️
💐🍂💐🍂💐🍂💐🍂
👍3
👆👆👆Kitaaba hedduu bareedaa kana buusa dubbisaa barumsa guddaa irraa argattanii
🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀🍀
📚📚📚📚📚📚📚📚📚
Irreechi shirkiidha
Irree keenya mitii
Shirkiin akkamitti
Irree keenya taatii
👍2
#IRREECHAA FI #MUSLIIMOOTA
🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴🌴
Kutaa ❶ffaa
#OROMUMMAA FI #ISLAAMUMMAAQomoo koo Oromummaan kennaa rabbiin nu badhaaseedha. Oromummaan eenyummaa keenya. Oromummaan dhiiga keenya. Oromummaan foon keenya. 🙏🙏
Saba kabajamaa fi bal'aa kan seenaa fi aadaa boonsa qabu kana keessaa dhalachuu keennaaf galanni Uumaa uumamtootaaf haa ta'u.
Akkuma Oromummaan tokko taane afaan tokko afaan Oromoo fi lafa takka Oromiyaa walitti qabna. Garuu amantaa tokko walitti hin qabnu. Gar-tokkeen Kiristiyaanaa , kun ammoo Waaqeffataa fi Gariin keenya ammoo amantii Islaama hordofna.

Nuti Musliimonni amantii Rabbiin irraa nuu kennamte Islaamummaa tan Quraanaa fi Hadiisaan tumamte lafa teesse qabna. Heera fi seera amantii kamiitittuu hin haajomnu. Amantii biroollee xureessuuf mirga takkaa hin qabnu; rabbiinillee irraa nu dhoorga waan ta'eef.

"وَلَا تَسُبُّوا الَّذِينَ يَدْعُونَ مِن دُونِ اللَّهِ فَيَسُبُّوا اللَّهَ عَدْوًا بِغَيْرِ عِلْمٍ"

"Warra Rabbii alatti waan biraa gabbaran hin arrabsinaa beekumsa maleetti jibbaadhaan Rabbiin arrabsu waan ta'eef"              
      Al-An'am 6:108

Akka amantii Islaamaatti aadaawwanii fi duudhaaleen Ummanni oromoo qabu kanneen amantii islaamaatiin walitti hin buune hunduu nuuf heyyamamoodha.
Ammoo aadaalee fi duudhaaleen heera Islaamaatiin wal faalleessan yoo ta'an tasumaa musliimaa fi amantii Islaamaa biratti fudhatama hin qabus nutis ni falleessina.
Nuti Musliimonni akka Uumaan itti na gabbaraa jedhetti isa gabbarra malee mataa keenya irraa, ykn akka amantiin islamummaan ala jiru sirna waaqeffanna isaanii gaggeeffatanitti miti.
📛Mee waa'ee irreechaa ija #Islaamummaatiin haa ilaalluu:-🤔
➠Ayyaanni Irreechaa biyya Itoophiyaa tanatti keessattu dhalattoota Naannoo Oromiyaa birattii fi kibba Itoophiyaatti jiraattota naannoo sidaamaa biratti bal'inaan kabajama. Keessattuu dhalattoota naannoo Oromiyyaatiif akka tokkummaatti ilaallama. Garuu Irreechi maali? Yaada jedhuu fi qabxiilee kanaan wal fakkaatan kan biroollee kutaalee itti aanan keesastti qabadhee dhihadha.
#IRREECHI_MAAL⁉️(Kutaa ❷ffaa) itti fufa....
Join share
📚📚📚📚📚📚📚📚📚
𝐂𝐨𝐦𝐦𝐞𝐧𝐭 𝐧𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮𝐟 ♥️
           👇👇👇👇
@Library_Islaamaabot
@Library_Islaamaabot
♥️ 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗚𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳  ♥️
     👇👇👇👇👇                         
🌹 @Library_Islaamaa
🌹 @Library_Islaamaa
♻️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ ☝️♻️
💐🍂💐🍂💐🍂💐🍂
👍1
#IRREECHI_MAAL⁉️(Kutaa ❷ffaa)👇👇Odeeffannoo
Barsiisaa Beekan Gulummaabarreeffamaan nuu ergan jedhee kan Charinnat Hundeessaatiin barraa'e keessatti Irreecha gara hedduun hiikaniiru. Kunoo haala armaan gaditti qindeessinee dhiyeesineeerra jedha Charinnat hundeessaa:-
📛#IRREECHA/ IRREESSA: Irreechi sirnaWaaqeffachuu gamtaadhaan Tulluufimalkaarratti ba’anii waaqa kadhatanii fiitti galateeffataniidha."➢Hiikkaa kana irraa wanti hubannu Irreechi sadarkaa jechaatti "galata" ykn "gabbartii (ibaadaa)" jechuu dha. 'Galatni' kun kan dhihaatuuf waaqayyo jedhamee kan yaadamu #Waaqa_Gurraachaaf dha.
➢Akka hordoftoota amantii kanatti Waaqa (Rabbii)n akka bifa Gurraachaatti yaadan. Sirna kadhannaa isaanii keessattis "#Gurraacha_garaa_garbaa..." jedhanii kadhaa godhan.Asirratti wanti hubannu waaqa akka waan ijaan argaaniitti bifa kennaniif. Garuu akka amantii Islaamaatti Rabbiin kan ijaan arge tokko namaatu hin jiru. Bifti isaas Gurraacha, diimaa ykn adii jechuu hin dandeenyu.
📚Ammas barreeffama #Charinnat Hundeessaa keessatti akkas jedha:-

📛"...Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis ni qaba....Gara warra waa beekuu deemanii namaaf himamu tokkoof kaffalu (galchu). (Warra waa beeku kan jedhaman warra Ayyaantuu, warra qaalluu, eker-dubbistuu, warra callee ilaalu,…jechuudha). Kafaltiin warra waa beekuu kennamu galchaa jedhama. Galchi kunis yeroo baay’ee marga ykn coqorsaafi maallaqa waliin qabanii iddoo galchaaf qophaa’etti irreeffatu. Galchi akkuma humnaatti marga ykn coqorsa qofaa ta’uus ni danda’a...."➢Asirratti #warra_waa_beeku jechuun waan dhokatoo kan namootaatti hin mul’anne beekan jechuudha.
Warri akka ekera-dubbiftuu,Ayyaantuu, warri Callee ilaalu, Qaalluun hundumtuu warra waan fagoo beekan jedhamanii yaadamaniidha.
♨️ #Ayyaantuu/Ayyaantota:-Warri ayyaantuu jedhaman osoo hin qaallomiin kennaaWaaqaan kan milkooman, waan hojjetaniifi dubbatan kan fiixa bahuuf
♨️ #Maallima/Caamsituu:- Maallimni yoo eebbisan dhageessifachuufi warra ‘arraba gurraachaa’ yoo abaaran balleessuu danda’aniidha jedhamee amanama. Warra Rooba caamsanii fi roobsisan jedhames amanama.
♨️ #Eker_dubbiftuu:- Warri kun kanneen lubbuu warra du’ee afuuraan dubbisaniimaatiifi qe’eesaaniif dhaamsa ykn gorsa kennan jedhamanii yaadaman.
♨️ #Moora_Laaltuu:- Isaan kunis kennaa addaa kan namni biraa ijaan arguu hin dandeenye moora horii, barruu harkaa, siinii bunaa, aara gaayyaa fi aara ixaanaa ilaaluun waan namaaf himan jedhama.
Ilaala mee akka ilaalcha warra waaqeffataatti warri asiin oli kun hunduu warra waan fagoo beeku jechuudha. Warra waa beeku kanaaf galchaa qopheessaniif bira deemanii irreessa godhu. Garuu akka amantii Islaamaatti wanta namarraa fagoo (Geeybi) rabbiin malee kan beeku hin jiru jennee amanna. Rabbiin Quraana keessatti akkana jedha:-
۞ وَعِندَهُ مَفَاتِحُ الْغَيْبِ لَا يَعْلَمُهَا إِلَّا هُوَ
Hiikkaan isaas:"Furtuuwwan fagoo Isa(Rabbiin) bira jira. Isa malee homtuu ishee hin beeku."            
[✍️Al-An'am 6:59]
Keeyyata biraatiinis Rabbiin akkana jedha:-"²⁶.عَالِمُ الْغَيْبِ فَلَا يُظْهِرُ عَلَىٰ غَيْبِهِ أَحَدًا  ²⁷. إِلَّا مَنِ ارْتَضىٰ مِن رَّسُولٍ..
."Hiikkaan isaas:"²⁶(Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul'isu.²⁷Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul'isu)..."              [
✍️Al-Jinn 72:26-27]
➢Inni beekumsa namarraa fagoo ni beeka jedhu #Xaaguuti ( الطاغوت) jedhamee beekkama. '#Xaaguuti' jechuun cufuma waan Rabbiin alatti gabbaramu jechuudha. Gabbartiin Rabbiin alatti taasifamtu hunduu ammoo kufrii (Rabbiin ganuu) dha.
♻️Walumaagalatti hiikka Irreecha irraa wanti hubannu Irreechi ayyaana warri waaqa gurraacha gabbaran ykn waaqeffattoonni gabartii itti godhanii fi gara birootiin warra waa beeku jedhan sani biraa deemani galchaa kennuufi dha. Akkuma Kiristiyaanonni ayyaana Iida irratti hin argamne, akkuma waaqeffattooni ayyaana Iida irratti hin argamne nutis musliimonni ayyaana irreechaa irratti argamuu wanti nu kakaasu takkas hin jiru dhoorkamaadha.
👍4
Waa'ee waaqeffataa ilaalchise kitaabni amantichaa akka bulmaataatti barraayee Uumaa irraa kennameefii hin jiru. Sababa kana irraa kan ka'e akkaataan isaan ittiin waaqa gurraacha waaqeffatanis garagaradha. #WAAQEFFANNAAN_MAALI⁉️
(Kutaa ❸ffaa...itti fufa
Join share
📚📚📚📚📚📚📚📚📚
𝐂𝐨𝐦𝐦𝐞𝐧𝐭 𝐧𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮𝐟 ♥️
           👇👇👇👇
@Library_Islaamaabot
@Library_Islaamaabot
♥️ 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗚𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳  ♥️
     👇👇👇👇👇                         
🌹 @Library_Islaamaa
🌹 @Library_Islaamaa
♻️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ ☝️♻️
💐🍂💐🍂💐🍂💐
#WAAQEFFANNAAN_MAAL⁉️(Kutaa ❸ffaa
Waaqeffannaan amantii giddugalaa fi gara Kibba Itoophiyaatti hordoftoota bicu hin jedhamneen kabajamaa fi hordofama turedha. Amantichi kun afoolumaan malee kitaabaan barraayee wanti taa'eeru hin jiru. Sirna ittiin bulmaata dhaabbata hin qabu.
Baroota dhihoo asi ammoo sababa Siyaasaatiin walqabsiisanii yagguu kana lafa qabsiisuuf tattaafatan argaa jirra.
Waa'ee amantii waaqeffannaa ilaalchisee sirni ittiin bulmaataa barraayee ifa ta'eeru hin jiru. Yaada dhuunfaa kan hordoftoota amantichaa malee waa'ee amantichaa kana jedhamee irratti walii galameeru hin jiru. Hunduu waanuma naa ife jedhe waa babarreessa malee wanta qabatamaa hordoftoonni amantichaa irratti walii galan hin jiru. Saniif dha Waaqeffannaan "amantii afoolaati'' kan jennu.
Waaqeffannaan jecha Waaqa jedhu irraa dhufe jedhanii itti fayyadaman. Waaqni naannoo Oromiyaatti akka gabbaramaatti yaadu, tokko tokko ammoo argamsiisaa guddaaa (Supreme Being) akka ta'etti fi gamtokkeen isaanii ammoo akka Uumaatti amanu.
➠Hordofaan amanticha kan dhiiraa waaqeffata yoo ta'e kan dubartii Waaqeffattuu jedhamti.♻️Waaqeffattoonni akkamitti amanu⁉️
Amantichi kitaaba dhaabbata barraayee lafa taa'eeru waan hin qabneef bakkaa bakkatti gargar ta'u danda'a:-
📛Dur waaqni namoota waliin jiraata ture jedhu. Namoonni waan badaa hojjachuu eegallaan isaan irraa gargar bahe jedhanii amnu.
📛Waaqni (akka yaada isaanittii Rabbiin) bifaan gurraacha jedhanii amanu. Yeroo sirna kadhaa taasisanis waaqa gurraacha jedhanii yaammatu.
📛Waaqa samitti fakkeessu. Laftis haadha manaa waaqaati jedhanii yaadu.
📛Waaqa kadhachuuf gara gaarota bahu. Iinis duumeessa fakkeeffamee dhihaata jedhanii yaadu.
📛Muka Odaatiif iddoo addaa kennuuf. Aarsaa garagaraatiif muka odaa jalatti wareega godhu (Tokko tokko odaa akka mallattoo amantiitti fudhachuun morma isaanii irratti rarraafatu.)
📛Galataaf jedhanii Mukoota, Haraawwanii fi gaarota irratti bahuun ayyaana irreessa kabaju. Waaqaaf marga qabatanii bahuun bisaan irratti bitttinneessu.
📛Waaqayyo namoota cubbuu hojjatan adabuuf sihoolin inni qopheesse hin jiru jedhan.🙈
♨️ Qaamni rooba roobsu fi caamsu danda'an Maallima ykn camsitu jedhanii amanan.
📛 Lubbuu warra du’ee afuuraan dubbisaniimaatiifi qe’eesaaniif dhaamsa ykn gorsa kan kennan #Eker_dubbiftuu jedhanii yaadu. 😁
♨️ Isaan kennaa addaa kan namni biraa ijaan arguu hin dandeenye moora horii, barruu harkaa, siinii bunaa, aara gaayyaa fi aara ixaanaa ilaaluun waan namaaf himan  #Moora_Laaltuu jedhanii amanu.
♻️Walumaagalatti amantichi afoola irratti kan bu'uureffate waan ta'eef hordoftoota amantichaa birattis mallattoon keenya kana jedhanii dubbatu hin danda'an.
Namoonni Waaqeffannaa hordofan yoo ilaallu namoota gosa sadii arganna:-
❶ffaa:- Isaan hubannoo amantichaa hin qabnedha.
➢Ilaalchi isaanii jechuma irraa ka’uun "Waaqa'' kan jedhu jecha Afaan Oromoo jedhanii yaaduun akka Gabbartiitti itti fayyadamu. Kana irra kan darbe beekumsa biroo hin qaban.
❷ffaan:- Isaan gam-tokkoon hubannoo amantichaa qaban.
➢Isaan kun amanticha akkuma afoolaatti ilaalu.
❸ffaan:- Isaan hubannoo amantichaa gadi fageenyaan beekan jedhaman.
➢Isaan kun warra amanticha sanyummaa Oromootiin waliin walqabsiisanii babal'isuuf isaan ifaajanidha. Isaan hubannoo qabu jedhaman malee sanyummaa qofaan amanticha olfuudhuuf halkaniif guyyaa dadhaban.
➢Isaan hubannoo qaban jedhaman kun mallattoo amantichaa dhaabbate ta'ee fi ittiin bulmaata amantichaa bifa ammayyaatiin bareechanii dhiheessuuf yaalii godhu.

''Akkuma Musliimonni waggaa waggaan Iida lamaan kabajatan Waaqeffattoonnis Irreechaa waggaa waggaa eeggatanii irreeffatu''.  
👇👇
♻️Mohammed Ibrahim Ali)
🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷🌷
IRREECHI AADAA MOO AMANTIIN WALQABATA⁉️(Kutaa ➎ffaa.....conti
📚📚📚📚📚📚📚📚📚
𝐂𝐨𝐦𝐦𝐞𝐧𝐭 𝐧𝐮𝐮 𝐤𝐞𝐧𝐧𝐮𝐮𝐟 ♥️
           👇👇👇👇
@Library_Islaamaabot
@Library_Islaamaabot
♥️ 𝗝𝗼𝗶𝗻 𝗚𝗼𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳  ♥️
     👇👇👇👇👇                         
🌹 @Library_Islaamaa
🌹 @Library_Islaamaa
♻️☝️☝️☝️☝️☝️☝️ ☝️♻️
💐🍂💐🍂💐🍂💐
👍5
..Musliimni osoo beekuu irreecha dhaqe Islaamummaa ganee jira...

♻️ Mufti Sheikh Aadam Tuulaa)
=🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿🌿
Beekaan qoricha wallaalaati. Mee
beekaan keenya #Muftii #Sheikh #Aadam
Tuulaa waa'ee Irreechaa ilaalchisee
asiin dura maal jedhan!?
#Gaaffii gaafataa "Namni Irreecha
dhaqe Murtiin isaa maali"!?
#Deebii_Sheekaa "Musliimni osoo
beekuu Irreecha dhaqe kafare (amantii
Islaamummaa irraa bahee) jira, dafee
Shahaadaa
jachuu
(Islaamummaa
deebiuu) qaba" jedhee deebise!👌👌👌
#Gaafataa:???
"Namni nama tokko
gargaaree Irreechatti erge hoo"!?
#Deebii_Sheekaa- "Rabbiin hamtuu
irraa wal-dhoorkaa, gaaritti wal-ajajaa
jedha. Kanaaf namni kun dilaawee
(cubbamee) jira. Dafee toowbachuu
(garaa Rabbii deebi'uu) qaba" jedhaniin
#Gaaffii_gaafataa:-?? "Sheekkan #jaalala
#namaa #barbaaduuf jecha "waa'ee
Irreechaa" hin dubbanne yoo!?👌
#Deebii Sheekaa: "Yeroof namni isa
jaalatus, booda Rabbiin nama hunda isa
jibbisiisa" jedhan.
Dhuma irratti
Sheekni akkana jedhan:
"Gargaarsa Rabbiitiin, gabrummaa
duraan dhamdhamaa turre irraa bilisoomneerra. Garuu ammaas yoo
waan Rabbiin hin jaalanne hojjanne,
Rabbiin gabrummaa tan duraatirra hamtuutti nu deebisa.Rabbi
sodaadhaa" jedhaniti dhaamatan!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
IRREECHI AADAA MOO AMANTIIN WALQABATA⁉️(Kutaa ➎ffaa)
Ammas barreeffama Charinnat Hundeessaatiin (#Sirna_Gadaa,_Siyaasa_Oromoo Tuulamaa:_ful. 80) wabii godhachuun akkana jedha:-
❝...Gama biraatiin yoo ilaalle Irreechi ayyaana. Sirna kadhaa fi galata Waaqaaf godhamuudha.  #Ayyaana_amantii_Oromoo,_Waaqeffannaa, kan Oromoon kabajuudha. Kan Oromoon bahee itti Waaqa galateeffatuu fi imaanaa Waaqa irra bulfatuudha. Irreechi ayyaana Waaqa kadhannaafi Waaqa galateeffannaati...❞
➙Asirratti #Ayyaana_amantii_waaqeffattootaa akka ta'e barreeffamichi kun ifaan ifatti lafa nuu kaayeera. Wanti haalaan hubachuu naa qabdan #Irreechi_Ayyaana_amantii jedhe malee #ayyaana_aadaa hin jenne.
Charinnat barreeffama isaa itti fuufuun akkana jedha:-❝...Irreechi kan deemamuuf aadaa calaqqisiisuuf qofa miti. Kaayyoon kabaja ayyaana Irreechaa inni guddaan Waaqa galateeffachuudha...❞
➙Asirratti kaayyoon kabaja ayyaana irreechaa inni guddaan 'waaqa galateeffachuu, gabbaruu, kadhachuu, faarfachuu,  jabeeffachuu' akka ta'e ifaan ifatti lafa taa'eera.

Gochoonni kun ammoo amantiin walqabata malee tasumaa aadaan walqabatuu hin danda'u.Wanti Rabbiin irraagalata itti barbaadan hundi "Ibaadaa" (Gabbartii) jedhama. Nuti musliimonni ammoo akkaataan Rabbiin itti gabbarruu fi galateeffannu Quraana fi Hadiisaan kan lafa taa'eru qabna. Heera fi dambii warra Waaqeffattootaatti dhimma hin qabnu.
Nuti Musliimonni dalagaa amantiin teenya itti nu hin ajajne yoo dalagne Rabbiin biratti fudhatama hin qabu.

♻️Ergamaan Rabbii faaruu fi nageenyi Rabbii isaan irra haa jiraatuu akkana jedhan:-
(مَنْ عَمِلَ عَمَلًا لَيْسَ عَلَيهِ أمرُنا فَهُوَ رَدٌّ).
❝Namni dalagaa takka kan ajajani keenya irra hin jirre dalage isarratti deeffamtuu (irraa hin fuudhamtu).❞  
(✍️Musliimtu gabaase)

Barreeffama waa'ee Irreechaa ilaalchisee Obboleessa keenya Urjii Ahmadiin barraaye keessatti akkana jedha:-❝...Wanni kun(ayyaanni  Irreechaa jechuu isaati) Aadaa Osoo hin tahin amantii taheeti eegale. Warri eegales galata Waaqaa barbaada eegalan. Aada jechuunis waan Ilmi namaa uumee irratti waliif galejechuudha. Aadaan amantii tahuu dandaha.Waaqeefatummaan Aadaa fii amantiidha. Aadaa tahuun Isaa Ummataatu uume, Amantii tahuun Isaa galata Rabbirraa itti barbaaduudha. Ayyaana Waaqa itti gabbaran jennee fudhannus akkaataan Muslimni Rabbi itti gabbaruu fii itti kadhatu Tartiiba mataa Isaa qaba. Waan Karaa Quraanaa fi Hadiisaan Ibaadaa tahee hin dhufin akkamitti dalagnee galata Rabbirraa barbaanna? Kanaaf Ayyaanni Irrechaa Ayyaana Keenyaa (kan musliimotaati) miti. Amantii of dandeeyse (Islaamummaa) qabna!...❞ jedhee yaada isaa goolabe
📚📚📚📚📚📚📚📚
MUSLIIMONNI MAALIIF IRREECHAA IRRATTI HIRMAATU⁉️(Kutaa 6⃣ffaa)
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺🌺
👍3
Barattoota Qorumsa Biyyoolessaa fudhattan maraaf.
Akkuma beekamu guyyaa:30/1/2015 irraa egalee qorumsi akka eegalu beekamaadha haata'u malee waantota kanneen armaan gadii qabattanii akka argamtan BBO ibseera.
📝Barattooti social barattaan hunddumti keessan gaafa Guyyaa 27,28/1/2015 akka moora Universiitiitti akka argamtan ibsameera haa ta'u malee Guyyaa:29/1/2015 Ibsi akkaataa qormaati itti laatamu kan isiniif laatamu ta'a.
Akkasuma Barattooti Natural barattan hundi gaafa guyyaa 6/7/2/2015 moora university keessatti akka argamtan ibsameera.
Guyyaa:7/2/2015 akkaataa Qorumsa itti qoramttan Ibsi kan isiniif laatamu ta'a.
#Nyaata gogaa yookis waanta jiidhinsa hin qabne.
#Uffata uffatanii ciisan kan akka Ansoolaa Buddilibsii
#Borsaa
#Dabtara/Yaadannoo
#Hirsaasii/Qalama/Fi Balleessituu
#Fi uffata jijjiiraa
#Qarshii muraasa of heeggannoodhaaf

📝Waantota dhorkaa ta'an
#Meeshaa suura kaasuu mooraa keessa seensisuun dhorkaadha
#Meeshaa Video waraabu
#Meedhaale electronics ta'an kamiyyuu moora seensisuun dhorkaadha
#Haxareeraafi waantota qormaaataa Fi waantota akkanaa seensisuun dhorkaadha.

Hubadhaa:Hamma danddeessanitti barattoota kutaa 12 qormaata Biyyoolessaa fudhatan kamiifuu forward,Share godhaafii.

QORMAATA GAARII!!!
👍71
MUSLIIMONNI MAALIIF IRREECHAA IRRATTI HIRMAATU⁉️(Kutaa
6⃣ffaa)▼
Eega ayyaanni Irreecha ayyaana warra waaqeffataati jettanii musliimonni hedduun maaliif irratti hirmaata jechuu dandeessu. Sababni isaas Musliimonni hedduun ilaalchota lamaan liqimfamanii guyyaa irreechaa irreecha irratti hirmaatu.
WALLAALA(HUBANNOO DHABA)      °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
. Namoonni baayyeen amantiin isaan hordofaa jiran, maal akka ta'e, maal maal akka mormu, maal maal akka heeyyamu, hubannoo humaatuu hin qaban. Sababbii dhuma kanaaf irra hedduun qeerroo fi qarree ISLAAMAA Kan jam'aa fii jum'aa irrattuu hin hirmaanne gaafa irreechi gahe dibbee tumaa fiigan.
. Namoonni muraasni immoo yaada sabummaan(sabboonummaan) liqimfamanii irreechaa fi oromummaa wal qixxeesu. Akka yaada warra kanaatti Oromummaan namaa tokkoo yoo marga qabatee dirree irreechaa dhaabbate qofaadha. Akkuma hundi keenya beeknu Oromummaan dhiigadha malee gad-xiqqeessinee yoo irreechaa wajjiin wal-qixxeessine dogongora guddaadha. Irreechi duudhaa ummanni Waaqeffataa qabu kumaatama keessaa tokkodha malee murteessaa ykn mallattoo Oromoo ta'uu fi dhiisuutii miti. Garuu nama amantii waaqeeffannaa hordofuuf irreeffachuun dirqama tahuu danda'a. Namoota amantii biroof ammoo hin heyyamamu, sababni isaa manni amantii tokkoo kanuma amantichaati malee namni barbaade akka barbaadetti dhaqee borcuu hin qabu ture. Kana kan mormachuu qabu silaa warruma waaqeeffattootaa ture.Garuu isaanis akka waan hanqina hirmaataa qabanii Sobanii kan hunda keenyaati jechuun nama sabbakuu malee waanuma kanaatuu hin qaban.
DHIMMA SIYAASAATIIF     °°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
Akkuma beekamu Irreechi duudhaawwan Waaqeffattoonni qabu keessaa tokkodha . Duudhaa kana immoo addunyaatti agarsiisuu fi duudhaa kana ol fuudhanii mullisuuf jecha amantii isaanii moggaatti dhiisanii kanneen dhimma siyaasaaf jecha fiiganis hedduudha. Namoonni kunniin maalummaa amantii isaaniis hamma tokko inuma beeku, garuu otuma beekanii amantii isaanii dhiisanii baqatu. "Kaasuun nama dhiba nama beekaa rafe" akkuma jedhamu namoonni kunniin siyaasa gabbaru malee amantii isaanii irraa ni laafu. Oolmaaf bultiin isaanii dhimma siyaasaati malee dhimma amantii quba hin qaban. Guyyaa tokko #Masjiida, guyyaa kaan immoo Bataskaana, guyyaa itti aanu immoo chaarchii dhaqanii dhimma siyaasa isaani daldalaa oolu.
◍Har'af Xumuradhe Horaa Bulaa◍◍◍
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
👍1😁1