π‹π’π›π«πšπ«π² 𝐈𝐬π₯πšπšπ¦πšπšπŸ“šπŸ“–πŸ“˜πŸ“•πŸ“šπŸŒΉπŸŒΉα΅α΅ƒβΏα΅ƒ Κ°α΅’α΅’ α΅ˆα΅˜α΅‡α΅‡β±Λ’α΅—α΅‰α΅‰??
11.6K subscribers
463 photos
46 videos
180 files
812 links
Ω„ΩŽΨ§ Ω†ΩΨ±ΩΩŠΨ―Ω مِنكُمْ Ψ¬ΩŽΨ²ΩŽΨ§Ω“Ψ‘Ω‹ ΩˆΩŽΩ„ΩŽΨ§ Ψ΄ΩΩƒΩΩˆΨ±Ω‹Ψ§
🌐 Channel kana irraaπŸ‘‡
πŸ“š Kitaabban
🎡 Nashiidaa haaraya
😁 Kolfaaf
✍️Kana Beektuu?..ni Argattu
πŸ“² Yaadaaf @Library_Islaamaabot
πŸ“² Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š
Download Telegram
βœ… Waggaa sadii guutuu dambii tokko malee teenye. Kanaafuu yoo ariitiin mirkanaa'ee waan ittiin walii gallu yoo hin kaa'anne khilaafatu dheerata. Yoo fooyyessuu barbaachises erga mirkanaa'ee fooyya'uu danda'a. Kan mirkaneessus warra 25 ti. Ibsa ijjannoo yeroo darbee kan ulamoonni 17 irratti mallateesse keessattis warra 25tu mirkaneessa jedha.
βœ… Yoo kan Sharaatan bu'uura hin godhatin maal irraa kaana?

Kanarraa ka'anii ulamoonni warri 25 dambii kana fooyyessuufi mirkaneessuu irratti hojjatu. Rabbiin yaada keenya galmaan nuuf haa ga'u.
Waan adeemsa kana irraa taajjabe yoo Rabbiin jedhe gabaabseen kaasa.
πŸ‘5πŸ‘1
Oduu GAMMACHIISAA😁😁😁😁😁

♻️Namoota #Nashiidaa_haarawa_Ustaaz_Raayyaa_Abbaamaccaa eegaa turtan maraafβœ‹πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™πŸ™

βœ…Maasha Allah kinoo Album 35 A gadi dhiifameeraπŸ™πŸ™ daqiiqaa 26:30 kan dheeratu kinoo daqiiqa muraasaa bodaa qofa na eegaa share godhaa #buufachuuf
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

#JOIN @Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
πŸ‘1
Audio
🌹🌹🌹🌹🌹🌹
🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀🎀
Maasha Allah kinnoo caqasaa 🎀🎀🎀 #Nashiidaa_Ustaaz_Raayyaa vol 35ffaaπŸ‘πŸ‘
#Guutuu_buufachuuf✍
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
Maqaa kanniisaa yoo kaasnu, hundi keenya waahee dayma isaa yaadanna. Daymi fayyaa ilma namaatiif akkaan barbaachisaadha. Qananii Rabbiin guddaan nutti arjoome keessaa kanniisni isa tokko jechuu dandeenya. Kanniisni sanyiiwwan gurguddoo torba qaba. Gareen torban kunniin ammoo sanyii xixiqqaa 44tti qoodama. Walumaa galatti kanniisni garee uumee, qubsuma tolfatee keessa jiraata. Qubsumni kanniisaa gaagura ilmi namaa tolchuufi, qubsuma inni mataa isaatiin ijaarratu tahuu dandaha. Garee tokko keessa ammoo kanniisa gosa sadihitu jira. Isaanis:- Kanniisa mootii, kanniisa dalagduu fi kanniisa kormaati. INSTANT VIEW tuqaa waa'ee uumama kanaa baldhinaan dubbisaa. https://blog.nuuralhudaa.com/kanniisa-bee-da27246f2c44
πŸ‘4
πŸ˜‚BashannansiisaaπŸ˜‚
Namicha tokkotu dhibee waa nama #dagachiisu qaba achiin mana yaalaa deemee

#Doctor:maal maal taate
#Isaa:doctor na dhukkuba waa dagachuu natti baayyisa

#Doctor :akkam akkam si godha

#Isaa: maaltuπŸ™„πŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚πŸ˜‚
😁7πŸ‘2πŸ‘1
Etiyoo Telekoomiin waa'ee gochoota hannaa fi gowwoomsuu #9090 irratti na beeksisa jedheera.

Itiyoo Telekoomi tajaajila hannaa telekoomii gabaasuuf lakkofsa ergaa barreeffama gabaaba ifa godheera.

Lakkoofsa armaan gadii fayyadamuun ergaa keessan bilisaan #9090tti erguun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamuuf maamiltoonni tumsa akka gootan gaafataniiru.

Ethio Telecom waa'ee gowwoomsaa telecom # 9090 naaf beeksiseera.

Ityoo Telekoom hanna tajaajila telekoomii gabaasuuf ergaa barreeffamaa baase.

Lakkoofsa armaan gadii dabarsuudhaan ergaa keessan bilisaan 9090 # erguun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamuuf maamiltoonni tumsa akka gootan gaafataniiru.

N:

- Yeroo bilbilli biyya alaa isinitti bilbilame, lakk. 1 dursuun erga keessan kaa'u.

- Yeroo "Missed Call" hin beekne kan biyyaam alaa isinirra seene, lakk. 2 dursa kennuun,

- Maallaqa, kaardii ykn paakeejii moobaayilaa namni isin hin beekne na ergiif yoo isin amansiise lakk. 3 dursuun.

- Ergaan sobaa yoo isinitti dhufe lakk.4 dursa kennun,

- Lakkoofsa Bilbilaa fi jecha icciitii(password) nama hin beekneen yoo gaafatamtan lakk. 5 dursa kennuun,

- Ergaa barreeffamaa hannaa fi gowwomsaa biroo yoo gaafatamtan , lakk 6 dursa kennuun nuun gahuu dandeettu.

πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘πŸ‘

@Library_Islaamaa
πŸ‘1
Baatii Ramadaanaa dabre keessa muslimni guutuu addunyaa keessa jiraatu hedduun soomana furuudhaaf timiratti dhimma bahaa ture. Kunis dhaamsa Rasuulli ο·Ί yeroo soomana furru, timiraan akka lulluuqannu nuuf dhaamaniin walqabata. Rasuulli ο·Ί ogeessa fayyaatii miti. Akkanaanis ofirraa kaasanii waa hin haasayan. Waan Rabbiin isaan beeksise qofa nuuf dhaaman. Nutis kana waan beeknuuf dubbii isaanii amannee fudhanne. Osoo Saayinsiin ammayyaa qorannoodhaan bira hin gahin dura, waan isaan nuuf himan fudhannee itti fayyadamutti jirra. Saayinsiin ammayyaa ammoo reef tana qorannoo garagaraa godhuudhaan bu’aa timira keessa jiru nuuf himaa jira. Nutis barruu tana keessatti waa’ee muka timira irraa qabxiilee muraasa isiniif dhiheessina. INSTANT VIEW tuqaa dubbisaa https://blog.nuuralhudaa.com/muka-timiraa-de0a456448f8
πŸ‘1
Ajab jiruu duniyaa
Wama ajaa'ibaa
Hunduu numa fiiga
Hunduu ni ta'aabaa

Kaanis haqqii dhaaba
Kaan haqqii dadhabaa
Yoo qalbiidhaan lallee
Woma nama dhibaaπŸ€”


Waa lama bitatee
Gurgurata gabaan
Yookaanii jennataa
Yookaanii azaabaa

Meeshaan rabbii jabeenya
Hunduu gabaa gabaa
Azaabnis tolaa miti😳
Ta'aabachuu qabaa🀭

Waan rabbi dhowwe hunda
Hojjachuu qabaa
Kunoo ittuma jirraa
Yaa dheeraa gabaabaaπŸ₯Ί

Jiruu bal'ifachuuf
Cunqursee wal dhiiba
Yoo qalbiidhaan laallee
Woma nama dhibaaπŸ€”

Jiruu gabaabduudhaaf
Argaa wal dadhabaa
Yaa namani arra geesse
Biyya duniyaa gubbaa


Ammalee banaa nuuf jira
Ulaan toobaa
Utuu hin dhufin qabaaan
Toobadhaa hardhumaa
Ittiin nu #milkeessii yaa Allah yaa rahmaan🀲🀲🀲🀲🀲🀲🀲🀲🀲
#JoinπŸ‘ πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
@Library_Islaamaa ♻️
@Library_Islaamaa ♻️
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
❀2πŸ‘2
#JawarMohaammad

Jawar Mohammed (Itti aanaa Dura Taa'aa Kongirasii Federaalawa Oromoo) erga gadhiifamanii booda gaaffiifi deebii addaa Ubuntu TV'f yeroo jalqabaaf taasisan.

Gaaffii fi deebii kanarratti gaaffii Jawaar gaafatame keessaa tokko oduu waa'ee isaa naanna'aa turan qulqulleessuuf ture, Jawaar paartii biyya bulchaa jiru waliin hojjataa jira, kan hiikames saniifi, ammas hojii mootummaa hojjata jira kanneen jedhaman irratti ibsa godheera.

Jawaar Mohaammad:

"Oduu kana dhaga'eera. Nama tokko waliin walitti muffii dhuunfaa hin qabu." Kan hidhames garaagarummaa siyaasaatiin malee walitti bu'iinsa dhuunfaan miti.

Ministeera Muummee waliin wal hin argine; Garuu yoo na qunnamuu barbaade yeroo hundaa qophiidha. Muummee ministeera / Abiy waliin qofa osoo hin taane Marroo waliinis, Dabra tsiyoon waliin fi humnoota waldhabdee yeroo ammaa biyya keenya keessatti hirmaataa jiran hunda waliinis wal arginee biyya keenya gara nagaa fi misoomatti deebisuuf, eenyuuyyu waliin hojjachuuf, waliin tumsuuf, nama kamiinuu bakka kamittiyyuu waliin haasa'uuf qophiidha.

Ani kan hin barbaadne garuu, eenyuun waliiniyyu tumsee gara waraanatti seenuu hin barbaadu. Nama kamiinuu waliin.

Hayyoonnii waraana keessatti hirmaatanii fi kan hin hirmaannes hundi gara minjaala nagaa dhufuu qabu jedheen amana. Ani isaan tokkollee waliin waldhabdee dhuunfaa hin qabu.

Kanaaf paartiin biyya bulchaa jiru biyya bulchaa jira; Biyya geggeessaa jira, paartiin biyya bulchaa jirus rakkoo biyyattii keessatti gaheef itti gaafatama guddaa kan fudhatudha, akka hogganaattis Muummicha ministeeraati, Furmaata barbaaduuf yoo ta’e hirmaannaan isaanii, fedhiin isaanii murteessaadha.

Kanaafuu, akka hogganaa dhaaba siyaasaa tokkoottis ta'e akka lammii biyya kanaatti dhimma nageenyaa irratti hiree biyya keenyaa jijjiiruuf paartii biyya bulchaa jiruu fi muummicha ministeeraa fi qaama kamiinu waliin hojjechuuf qophiidha. Hoggansi biyya keenyaas kanaaf qophaa'uu qaba.

Haalli biyya keenyaa maaf isa waliin haasofte, inni bar seexana ykn inni bar ergamaa dha jechuun akka nu hin baafne waggota 4, fi 2'n darban arginee jirra.

Kanaaf ammas irra deebi'uun kan dubbadhu, humna siyaasaa kamiinuu waliin, hooggansa siyaasaa kamiinuu waliin ummata keenya rakkoo kana keessaa baasuuf hojjachuu qabna jedha.

Asirratti wanti ani ifa gochuu barbaadu humna kamiinuu akka jaarmayaatti, akka dhuunfaatti, akka hogganaa tokkootti; Beekumsa koo fi sagalee kootti fayyadamee biyya keenyaa fi ummata keenya daandii nagaa fi misoomaatti deebisuu barbaada.

Garuu faayidaa dhaabbata ykn nama dhuunfaa kamiifuu akka ta’u hin barbaadu; Ani eenyuufuu boba’aa ta’uu hin barbaadu, abbaa irree kamiiyyuu, Waraana kamiyyuu deeggaruu hin barbaadu.

Nama gara nagaa dhufuu barbaadu waliin hojjechuuf qophiidha, kunis balaaleffannaa miti, kun sirriidha jedheen amana. Kanaaf waraanni dhaabbachuu qaba. Waraana dhaabanii gara walii galtee dhufuu qabna jedha."

via::tikvahethafaanoromoo
πŸ‘6❀3
HubadhuπŸ‘πŸ‘πŸ‘

Yeroo namoonni ati hin beekne si jibbuu eegalan.yoos yeroo ati gaarii tahuu kee beekuu qabduudha πŸ™

✍Dhaamsa Billionara #Addunyaa_Keenyaa_Elon_Mask
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
#JOINπŸ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
#Rakkoo_Network
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

Rakkoo #Network kana
Rabbi sumattin hima
Ilmi namaa didee
Yoo hinqabnes dhimma
~
Furmaata barbaada
Rakkoon keenya heddu
Keessa haa dubbadhu
Kan #network gidduu~n
~
Godinni koo jimma
Aanaan saxxamaadha
Rakkinni networki
Akkaan xaxamaadhaa
~
Guyyaan guyyaa fuudhee
Walitti dabarsaa
Furmaata isaa eegna
Itti baasaa aarsaa
~
Rakkadheen dubbadhee
Naa beekaa yaa firaa
Akki #aanaa_saxxammaa
Addunyaarra jiraa?
~
Dhimmaa bilbilachuuf
Yoo bilbila fuutee
Badeka networkiin
Tasa achi buutee😩
~
Akka paarlaamaattii
Harka koo ol kaasee
Network barbaaduun
Akkanni na aarse😠
~
Ana kan na dhibee
Na dinqe akka malee
Bara dhufaa darbaa
Furmaata maaf dhabeeπŸ€”
~
Koo rakkoo hin qabu
#Mukayyuu nan yaabaa
Fayyadameen bu'a
Akkuma alaabaaπŸ˜ƒπŸ˜ƒ
~
Garuu akkamitti
Kophaan jiraadha moo
Ani fayyadamee
Kanimmoo dhaba moo
~
silaa naan dubadhaa
Callisee hin taahuu
#Qaamni_dhimmi_laalu
Akka nuuf dhagahuuπŸ‘Œ
~
Taahee yaadaa ooleen
Lubbuu kootiin jedhee.
Abshir furmaanni ni dhufaa
Yoo Rabbichi jedhee
~
Ee dhugaadha dubbiin
Rabbiin nuuf gahaadhaa
Inni kadhaa namaa
Akkaan dhagahaadhaa
\\\ \\\ \\\ \\\
~~~~
ByπŸ‘‰RD
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
#JoinπŸ‘‡

@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
πŸ‘6
HubadhuπŸ‘πŸ‘πŸ‘

Yeroo namoonni ati hin beekne si jibbuu eegalan.yoos yeroo ati gaarii tahuu kee beektuu qabduudha πŸ™

✍Dhaamsa Billionara #Addunyaa_Keenyaa_Elon_Mask
♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️♻️
#JOINπŸ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
#Kana_beektuuπŸ€”πŸ€”πŸ€”
~ ~~~
βœ… Giddu galeessaan, dhiironni guyyaatti sanyii kormaa (sperm cell) miliyoona 10 qopheessu.πŸ₯΄ Kun ammoo saba
addunyaa guutuu irra jiru ji’oota 6 tti iddoo buusuu
dandeessisa! 😊 bro ati #Aadamuma kaa 😁

βœ… Seelota qaama namaa keessaa inni guddaan hanqaaquu dubartootaa (egg cell) yommuu ta’u, inni hunda irra xiqqaan immoo sanyii kormaa (sperm cell) dha. πŸ‘
Subhaanallah Guddinni kan Rabbii dhaabama irraa nu Uumee nu argamsiiseeti✍

#JoinπŸ‘‰@Library_Islaamaa
😁2
Deeggaraa majiliisaa.

Deeggarsa majiliisaa
Ni deeggarra ni hiriirraa
Muslimni bahaa dhihaa
Hiriiraa ni hiriirraa!

Hayyoota keenya cinaa
Irree tokkoon dhaabbannaa
Diina burkuteessinee
Cabsinee irra aannaaπŸ’ͺ

Deeggarsa majiliisaa
Hiriiruuf kottaan baanaa
Harka wal qabannee
Irree tokko taanaa

Hayyootaa keenya cinaa
Yoon hiriirre maaliree
Milkii jiru argachuun
Ulamaa yoon tumsinee

Owwaadhaa gamtaa dhuunfaan
Waamicha majilisaa
Dhiibbaa sirna darbee
Ofirraa kuffisaaπŸ™

Aangoo abbaa irree
Mormaa ni morminaa
Ammanaa ifa arguun
Kun baraa ciminaaπŸ™

Rabbiin nurraa ha kaasu
kan namaan qabne naasuu
Haqni bakka qabatee
Tokkummaan nu haa kaasuu✍✍✍

♻️Obbolessa keessan RD Irraa✍
♻️#Join @Library_Islaamaa
πŸ‘3πŸ”₯1
Muslimni obbolessaa muslimaati.doc
2.5 MB
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š

Eee dhugaadha muslimni obboleessa πŸ™πŸ™
Kitaaba bareeddaa page xiqqoo kan ammoo ergaa guddaa qabu kana buusaa dubbisaaπŸ‘πŸ‘πŸ‘
πŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“šπŸ“š
Join share πŸ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
πŸ–ŠπŸ–ŠπŸ–ŠπŸ–ŠπŸ–ŠπŸ–ŠπŸ–ŠπŸ–Š
❀2