๐‹๐ข๐›๐ซ๐š๐ซ๐ฒ ๐ˆ๐ฌ๐ฅ๐š๐š๐ฆ๐š๐š๐Ÿ“š๐Ÿ“–๐Ÿ“˜๐Ÿ“•๐Ÿ“š๐ŸŒน๐ŸŒนแตแตƒโฟแตƒ สฐแต’แต’ แตˆแต˜แต‡แต‡โฑหขแต—แต‰แต‰??
11.6K subscribers
463 photos
46 videos
180 files
811 links
ู„ูŽุง ู†ูุฑููŠุฏู ู…ูู†ูƒูู…ู’ ุฌูŽุฒูŽุงู“ุกู‹ ูˆูŽู„ูŽุง ุดููƒููˆุฑู‹ุง
๐ŸŒ Channel kana irraa๐Ÿ‘‡
๐Ÿ“š Kitaabban
๐ŸŽต Nashiidaa haaraya
๐Ÿ˜ Kolfaaf
โœ๏ธKana Beektuu?..ni Argattu
๐Ÿ“ฒ Yaadaaf @Library_Islaamaabot
๐Ÿ“ฒ Buy Ad:https://telega.io/@Library_Islaamaa
๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š๐Ÿ“š
Download Telegram
Baruumsi madda qaroominaati. Biyya jijjiiruu keessatti gumaatni inni qabu guddaadha. Nama barateetu waa adda baafatee beeka. Nama beekutu waa dalaguu dandaya. Kan biyyaaf faaydaa qabuus nama beekumsa goonfateedha. Arraan tana keessattuu jaarraa 21ffaa kana keessa baruumsi teeknolijiin deeggaramutti jira. Haa tahue malee babalโ€™achuun teeknolojii gama birootiin miidhaa biraatis qabatee dhufe. Dhalootni lafaa dhufu hedduun meeshaalee teknolojiitiin boojiโ€™amee hidhaa jabduu keessatti argama. Haati daaโ€™imni akka itti hin boonyeef, abbaanis akka dalagaa irraa isa hin shaagalleef jecha meeshaalee elektrooniksii itti kennee ofirraa qaba. joolleen meeshaa kana wajji guddatte, gaaf ol jabaattes meeshuma kanatti haajamti. Kanaafis xiyyeeffannaan joolleen baruumsaaf kennan laaffataa dhufeera. Kun ammoo buโ€™aa barbaachisu argamsiisaa waan hin jirreef, Chaayinaan tooftaa haaraya tokko hojiirra oolchutti jirti. INSTANT VIEW tuqaa tooftaa Ajaa'ibaa Chaayinaan hojii irra oolchaa jirtu kana dubbisaa https://blog.nuuralhudaa.com/yaalii-xiyyeeffannoo-barattootaa-dabaluudhaaf-chaayinaan-godhaa-jirtu-6c557e4e03c9
kotta_kolfaa.pdf
955.3 KB
๐Š๐Ž๐“๐“๐€๐€ ๐Š๐Ž๐‹๐…๐€๐€๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚

๐ค๐ข๐ญ๐š๐š๐›๐š๐š ๐›๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐ž๐ž ๐›๐š๐ซ๐ž๐ž๐๐š๐š ๐ค๐š๐ง ๐ฆ๐ฎ๐ค๐ฎ๐ฎ ๐ฌ๐ข๐ง๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š ๐๐ž๐ž๐ฆ๐ฌ๐ข๐ฌ๐ฎ ๐ค๐š๐ง๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐›๐จ๐ก๐š๐š๐ซ๐š๐š ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐š๐ฌ ๐›๐š๐ซ๐š๐๐ก๐š๐š๐Ÿ‘
๐ŸŒนโœ…๐ŸŒนโœ…๐ŸŒนโœ…๐ŸŒนโœ…

โœ…Yaada,qeeqaaf gaaffiif๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaabot
โœ… Kitaaba haaraawa of biraa qabdan nuu erguuf๐Ÿ‘‰ @Raadaa16_bot

Miseensa channel kanaa tahuuf Kana Tuqaa๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐Ÿ‘‰ @Library_Islaamaa
๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†๐Ÿ‘†
โ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธ
๐Ÿ‘3
Cuunfaa marii dambii majlisaa irratti guyyaa har'aa Caamsaa 09/2014 geggeeffame
@Gali Ababor
๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ๐Ÿ’ฆ

Marii guyyaa har'aa irratti yaanni baay'een hirmaattotaan ka'ullee qabxiilee sadan armaan gadiitu yeroo dheeraa fudhatan:-

1ffaa:- Jechi dambicha keessatti "Ahlussunnaa waljamaa'aa" jedhu 'Ashaa'iraafi maaturiidiyyaa qofa' ta'uu isaatiif ibsi itti dabalamuu qaba yaada jedhuudha. Yaanni kun guyyaa kaleessaa caamsaa 08 kaafamaa oole ta'us har'as maricha dheeressuufi yeroo bitachuuf falmii amansiisaa hin taane armaan gadii dhiheessan.

โœ… Majlisni ulamoota amantii Islaamaa turaa hordofaniin waan hundeeffameef dirqama itti dabalamuu qaba. (Affaar irraa Sheyk Alii Miraah)

โœ… Aqiidaan Ashaa'iraa sirrii ta'uun kitaaba "Jawharat Attawhiid" keessatti ibsame waan ta'eef itti dabalamuu qaba. (Jigjigaa irraa Sheyk Aadam Ahmad)

โ˜Deebii yaadolee kana mormuuf kennaman :-

โœ… Erga Rabbiin "ู‡ูˆ ุณู…ุงูƒู… ุงู„ู…ุณู„ู…ูŠู†" "Isatu Muslimoota jedhee isin moggaase" jedhee maqaa dabalataa godhannu malee jechuun sirrii miti; yeroo qabsoo 'Dimtsaachin Yissemaas' gareen Ahbaashaa maqaa 'Ashaa'iraa, maaturiidiyyaa' jedhu haguuggatanii rakkoo guddaa uuman waan ta'eef dirmammuu hamaa qabna. (Sheyk Saalih Muh. Daf'ullaah Banii Shaangul)

โœ… Sheykh Eliyaas Ahmad deebii bal'aa itti kennanii yaada armaan gadii ibsaniiru:-

* Dhaabbatichi Hammataa yoo hin taane warri Ashaa'iraa hin taane kan akka Dr Jeylaan akkamitti majlisa seenan?
* Aqiidaa Ashaa'iraatu sirriidha yoo jenne warri akka Imaam Ashaafi'iifi sahaabonni warri Ashaa'iraa dura turan baaxila irra turan jechuudhaa?
* Dirqama ijjannoo Al-Ash'arii hordofuu qabna yoo jedhames Abulhasan Al'ash'ariin ijjannoo isaanii jijjiiranii yaada Imaamu Ahmad akka fudhatan kitaaba isaanii 'Al'ibaanaa Fii USuul Addiyaanaa' keessatti sirriitti ibsaniiru. Yaada kana Ibn Asaakir kitaaba isaa "Tabyiin Kazib Almuftarii" keessatti sirriitti ibsaniiru. (Sheyk Eliyaas Kitaabicha dubbisaa ibsan.)
* Maddi aqiidaa keenyaa Qur'aanaafi hadiisa jechuun maal nu sodaachisa?
โœ… Muslimni gara gadii jiru kan 99.9% ta'u waan kana irraa homaa hin beeku. Kanaafuu isa dhiisuu qabna. (Nabiyyuu Ayyaalew)



#2ffaa/Majlisichi eenyuun hogganamuu qaba ajandaan jedhu kaleessas har'as ka'ee jira.


๐Ÿ‘‰Warri ulamaa qofaan hogganamuu qaba jedhan yaada armaan gadii kaasan :-
โœ…Ulamoonni dhaalaa nabiyyootaa waan ta'aniif isaan haa hogganan. (She Alii Miraah)
โœ… Ulamaan hin hogganamu jechuun Islaamummaa qeequudha. (Obbo Abdurrahmaan)
โœ… Ulamaan hin hogganamu jechuun ulamoonni ga'umsa hin qaban jechuudha.
โœ… Ulamootaan haa hogganamu yeroo jennu dhimma ogummaa ilaallatu irratti ogeeyyii isaan jala ramaduu wajjin.

โ˜ Deebii yaada kanaaf kenname:-
โœ… Ulamoonniifi hayyoonni biroo wal keessa filatamanii waan ulamoonni hin dandeenye kanneen akka karooraa, istraateejii baasuufi kkf hayyoonni haa hojjatan jenne malee ulamaan hin hogganin namni jedhe hin jiru. Achiin hadiisni " ุฅุฐุง ูˆุณุฏ ุงู„ุฃู…ุฑ ุฅู„ู‰ ุบูŠุฑ ุฃู‡ู„ู‡ ูุงู†ุชุธุฑ ุงู„ุณุงุนุฉ" jedhu himame. Hoggansi dandeettii gaafata waan ta'eef.

#3ffaa/Wixinee dambii kana eenyu haa mirkaneessu?
๐Ÿ‘‰Qabxiin kun ajandaa manichaa ta'uu baatus sa'aa bal'aa fudhatee kaafame.
โœ… Ulamoonni 25 Sharaatanitti filataman majlisa qindeessuudha malee ga'ee dambii mirkaneessuu hin qaban. (Eliyaas Isheetuu)
โœ…Sanadicha mirkaneessuuf ariifachuu dura mana keenya cufannee mari'achuu qabna. Yoo akkas hin taane sanadichi mirkanaa'us rakkoolee bu'uuraa waan qabuuf hojiirra ooluu hin danda'u. (Muhabbaa)
โœ… Ulamoonni kanneen warra 25 caalan baadiyyaa zaawiyaafi hariimaa keessa waan jiraniif osoo isaan hin mariisisin mirkaneessuun abbaa irrummaati jedhan.
โœ… isin warra 25 ni kabajna; garuu ulamoota baadiyyaa jiran bakka ni buutuu hii? (I/A majlisa Finfinnee Alii Muhammad)
โ˜Deebii qabxiilee kanaaf kenname :-
โœ… Mirkaneessuufi dhiisuun ajandaa keenyaa miti; warra 25 kan ilaallatuudha.
๐Ÿ‘3
โœ… Waggaa sadii guutuu dambii tokko malee teenye. Kanaafuu yoo ariitiin mirkanaa'ee waan ittiin walii gallu yoo hin kaa'anne khilaafatu dheerata. Yoo fooyyessuu barbaachises erga mirkanaa'ee fooyya'uu danda'a. Kan mirkaneessus warra 25 ti. Ibsa ijjannoo yeroo darbee kan ulamoonni 17 irratti mallateesse keessattis warra 25tu mirkaneessa jedha.
โœ… Yoo kan Sharaatan bu'uura hin godhatin maal irraa kaana?

Kanarraa ka'anii ulamoonni warri 25 dambii kana fooyyessuufi mirkaneessuu irratti hojjatu. Rabbiin yaada keenya galmaan nuuf haa ga'u.
Waan adeemsa kana irraa taajjabe yoo Rabbiin jedhe gabaabseen kaasa.
๐Ÿ‘5๐Ÿ‘1
Oduu GAMMACHIISAA๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜

โ™ป๏ธNamoota #Nashiidaa_haarawa_Ustaaz_Raayyaa_Abbaamaccaa eegaa turtan maraafโœ‹๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™๐Ÿ™

โœ…Maasha Allah kinoo Album 35 A gadi dhiifameera๐Ÿ™๐Ÿ™ daqiiqaa 26:30 kan dheeratu kinoo daqiiqa muraasaa bodaa qofa na eegaa share godhaa #buufachuuf
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

#JOIN @Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘1
Maqaa kanniisaa yoo kaasnu, hundi keenya waahee dayma isaa yaadanna. Daymi fayyaa ilma namaatiif akkaan barbaachisaadha. Qananii Rabbiin guddaan nutti arjoome keessaa kanniisni isa tokko jechuu dandeenya. Kanniisni sanyiiwwan gurguddoo torba qaba. Gareen torban kunniin ammoo sanyii xixiqqaa 44tti qoodama. Walumaa galatti kanniisni garee uumee, qubsuma tolfatee keessa jiraata. Qubsumni kanniisaa gaagura ilmi namaa tolchuufi, qubsuma inni mataa isaatiin ijaarratu tahuu dandaha. Garee tokko keessa ammoo kanniisa gosa sadihitu jira. Isaanis:- Kanniisa mootii, kanniisa dalagduu fi kanniisa kormaati. INSTANT VIEW tuqaa waa'ee uumama kanaa baldhinaan dubbisaa. https://blog.nuuralhudaa.com/kanniisa-bee-da27246f2c44
๐Ÿ‘4
๐Ÿ˜‚Bashannansiisaa๐Ÿ˜‚
Namicha tokkotu dhibee waa nama #dagachiisu qaba achiin mana yaalaa deemee

#Doctor:maal maal taate
#Isaa:doctor na dhukkuba waa dagachuu natti baayyisa

#Doctor :akkam akkam si godha

#Isaa: maaltu๐Ÿ™„๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚๐Ÿ˜‚
๐Ÿ˜7๐Ÿ‘2๐Ÿ‘1
Etiyoo Telekoomiin waa'ee gochoota hannaa fi gowwoomsuu #9090 irratti na beeksisa jedheera.

Itiyoo Telekoomi tajaajila hannaa telekoomii gabaasuuf lakkofsa ergaa barreeffama gabaaba ifa godheera.

Lakkoofsa armaan gadii fayyadamuun ergaa keessan bilisaan #9090tti erguun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamuuf maamiltoonni tumsa akka gootan gaafataniiru.

Ethio Telecom waa'ee gowwoomsaa telecom # 9090 naaf beeksiseera.

Ityoo Telekoom hanna tajaajila telekoomii gabaasuuf ergaa barreeffamaa baase.

Lakkoofsa armaan gadii dabarsuudhaan ergaa keessan bilisaan 9090 # erguun tarkaanfii hatattamaa akka fudhatamuuf maamiltoonni tumsa akka gootan gaafataniiru.

N:

- Yeroo bilbilli biyya alaa isinitti bilbilame, lakk. 1 dursuun erga keessan kaa'u.

- Yeroo "Missed Call" hin beekne kan biyyaam alaa isinirra seene, lakk. 2 dursa kennuun,

- Maallaqa, kaardii ykn paakeejii moobaayilaa namni isin hin beekne na ergiif yoo isin amansiise lakk. 3 dursuun.

- Ergaan sobaa yoo isinitti dhufe lakk.4 dursa kennun,

- Lakkoofsa Bilbilaa fi jecha icciitii(password) nama hin beekneen yoo gaafatamtan lakk. 5 dursa kennuun,

- Ergaa barreeffamaa hannaa fi gowwomsaa biroo yoo gaafatamtan , lakk 6 dursa kennuun nuun gahuu dandeettu.

๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ‘

@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘1
Baatii Ramadaanaa dabre keessa muslimni guutuu addunyaa keessa jiraatu hedduun soomana furuudhaaf timiratti dhimma bahaa ture. Kunis dhaamsa Rasuulli ๏ทบ yeroo soomana furru, timiraan akka lulluuqannu nuuf dhaamaniin walqabata. Rasuulli ๏ทบ ogeessa fayyaatii miti. Akkanaanis ofirraa kaasanii waa hin haasayan. Waan Rabbiin isaan beeksise qofa nuuf dhaaman. Nutis kana waan beeknuuf dubbii isaanii amannee fudhanne. Osoo Saayinsiin ammayyaa qorannoodhaan bira hin gahin dura, waan isaan nuuf himan fudhannee itti fayyadamutti jirra. Saayinsiin ammayyaa ammoo reef tana qorannoo garagaraa godhuudhaan buโ€™aa timira keessa jiru nuuf himaa jira. Nutis barruu tana keessatti waaโ€™ee muka timira irraa qabxiilee muraasa isiniif dhiheessina. INSTANT VIEW tuqaa dubbisaa https://blog.nuuralhudaa.com/muka-timiraa-de0a456448f8
๐Ÿ‘1
Ajab jiruu duniyaa
Wama ajaa'ibaa
Hunduu numa fiiga
Hunduu ni ta'aabaa

Kaanis haqqii dhaaba
Kaan haqqii dadhabaa
Yoo qalbiidhaan lallee
Woma nama dhibaa๐Ÿค”


Waa lama bitatee
Gurgurata gabaan
Yookaanii jennataa
Yookaanii azaabaa

Meeshaan rabbii jabeenya
Hunduu gabaa gabaa
Azaabnis tolaa miti๐Ÿ˜ณ
Ta'aabachuu qabaa๐Ÿคญ

Waan rabbi dhowwe hunda
Hojjachuu qabaa
Kunoo ittuma jirraa
Yaa dheeraa gabaabaa๐Ÿฅบ

Jiruu bal'ifachuuf
Cunqursee wal dhiiba
Yoo qalbiidhaan laallee
Woma nama dhibaa๐Ÿค”

Jiruu gabaabduudhaaf
Argaa wal dadhabaa
Yaa namani arra geesse
Biyya duniyaa gubbaa


Ammalee banaa nuuf jira
Ulaan toobaa
Utuu hin dhufin qabaaan
Toobadhaa hardhumaa
Ittiin nu #milkeessii yaa Allah yaa rahmaan๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ๐Ÿคฒ
#Join๐Ÿ‘ ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa โ™ป๏ธ
@Library_Islaamaa โ™ป๏ธ
๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน๐ŸŒน
โค2๐Ÿ‘2
#JawarMohaammad

Jawar Mohammed (Itti aanaa Dura Taa'aa Kongirasii Federaalawa Oromoo) erga gadhiifamanii booda gaaffiifi deebii addaa Ubuntu TV'f yeroo jalqabaaf taasisan.

Gaaffii fi deebii kanarratti gaaffii Jawaar gaafatame keessaa tokko oduu waa'ee isaa naanna'aa turan qulqulleessuuf ture, Jawaar paartii biyya bulchaa jiru waliin hojjataa jira, kan hiikames saniifi, ammas hojii mootummaa hojjata jira kanneen jedhaman irratti ibsa godheera.

Jawaar Mohaammad:

"Oduu kana dhaga'eera. Nama tokko waliin walitti muffii dhuunfaa hin qabu." Kan hidhames garaagarummaa siyaasaatiin malee walitti bu'iinsa dhuunfaan miti.

Ministeera Muummee waliin wal hin argine; Garuu yoo na qunnamuu barbaade yeroo hundaa qophiidha. Muummee ministeera / Abiy waliin qofa osoo hin taane Marroo waliinis, Dabra tsiyoon waliin fi humnoota waldhabdee yeroo ammaa biyya keenya keessatti hirmaataa jiran hunda waliinis wal arginee biyya keenya gara nagaa fi misoomatti deebisuuf, eenyuuyyu waliin hojjachuuf, waliin tumsuuf, nama kamiinuu bakka kamittiyyuu waliin haasa'uuf qophiidha.

Ani kan hin barbaadne garuu, eenyuun waliiniyyu tumsee gara waraanatti seenuu hin barbaadu. Nama kamiinuu waliin.

Hayyoonnii waraana keessatti hirmaatanii fi kan hin hirmaannes hundi gara minjaala nagaa dhufuu qabu jedheen amana. Ani isaan tokkollee waliin waldhabdee dhuunfaa hin qabu.

Kanaaf paartiin biyya bulchaa jiru biyya bulchaa jira; Biyya geggeessaa jira, paartiin biyya bulchaa jirus rakkoo biyyattii keessatti gaheef itti gaafatama guddaa kan fudhatudha, akka hogganaattis Muummicha ministeeraati, Furmaata barbaaduuf yoo taโ€™e hirmaannaan isaanii, fedhiin isaanii murteessaadha.

Kanaafuu, akka hogganaa dhaaba siyaasaa tokkoottis ta'e akka lammii biyya kanaatti dhimma nageenyaa irratti hiree biyya keenyaa jijjiiruuf paartii biyya bulchaa jiruu fi muummicha ministeeraa fi qaama kamiinu waliin hojjechuuf qophiidha. Hoggansi biyya keenyaas kanaaf qophaa'uu qaba.

Haalli biyya keenyaa maaf isa waliin haasofte, inni bar seexana ykn inni bar ergamaa dha jechuun akka nu hin baafne waggota 4, fi 2'n darban arginee jirra.

Kanaaf ammas irra deebi'uun kan dubbadhu, humna siyaasaa kamiinuu waliin, hooggansa siyaasaa kamiinuu waliin ummata keenya rakkoo kana keessaa baasuuf hojjachuu qabna jedha.

Asirratti wanti ani ifa gochuu barbaadu humna kamiinuu akka jaarmayaatti, akka dhuunfaatti, akka hogganaa tokkootti; Beekumsa koo fi sagalee kootti fayyadamee biyya keenyaa fi ummata keenya daandii nagaa fi misoomaatti deebisuu barbaada.

Garuu faayidaa dhaabbata ykn nama dhuunfaa kamiifuu akka taโ€™u hin barbaadu; Ani eenyuufuu bobaโ€™aa taโ€™uu hin barbaadu, abbaa irree kamiiyyuu, Waraana kamiyyuu deeggaruu hin barbaadu.

Nama gara nagaa dhufuu barbaadu waliin hojjechuuf qophiidha, kunis balaaleffannaa miti, kun sirriidha jedheen amana. Kanaaf waraanni dhaabbachuu qaba. Waraana dhaabanii gara walii galtee dhufuu qabna jedha."

via::tikvahethafaanoromoo
๐Ÿ‘6โค3
Hubadhu๐Ÿ‘๐Ÿ‘๐Ÿ‘

Yeroo namoonni ati hin beekne si jibbuu eegalan.yoos yeroo ati gaarii tahuu kee beekuu qabduudha ๐Ÿ™

โœDhaamsa Billionara #Addunyaa_Keenyaa_Elon_Mask
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธ
#JOIN๐Ÿ‘‡
@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
#Rakkoo_Network
๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡

Rakkoo #Network kana
Rabbi sumattin hima
Ilmi namaa didee
Yoo hinqabnes dhimma
~
Furmaata barbaada
Rakkoon keenya heddu
Keessa haa dubbadhu
Kan #network gidduu~n
~
Godinni koo jimma
Aanaan saxxamaadha
Rakkinni networki
Akkaan xaxamaadhaa
~
Guyyaan guyyaa fuudhee
Walitti dabarsaa
Furmaata isaa eegna
Itti baasaa aarsaa
~
Rakkadheen dubbadhee
Naa beekaa yaa firaa
Akki #aanaa_saxxammaa
Addunyaarra jiraa?
~
Dhimmaa bilbilachuuf
Yoo bilbila fuutee
Badeka networkiin
Tasa achi buutee๐Ÿ˜ฉ
~
Akka paarlaamaattii
Harka koo ol kaasee
Network barbaaduun
Akkanni na aarse๐Ÿ˜ 
~
Ana kan na dhibee
Na dinqe akka malee
Bara dhufaa darbaa
Furmaata maaf dhabee๐Ÿค”
~
Koo rakkoo hin qabu
#Mukayyuu nan yaabaa
Fayyadameen bu'a
Akkuma alaabaa๐Ÿ˜ƒ๐Ÿ˜ƒ
~
Garuu akkamitti
Kophaan jiraadha moo
Ani fayyadamee
Kanimmoo dhaba moo
~
silaa naan dubadhaa
Callisee hin taahuu
#Qaamni_dhimmi_laalu
Akka nuuf dhagahuu๐Ÿ‘Œ
~
Taahee yaadaa ooleen
Lubbuu kootiin jedhee.
Abshir furmaanni ni dhufaa
Yoo Rabbichi jedhee
~
Ee dhugaadha dubbiin
Rabbiin nuuf gahaadhaa
Inni kadhaa namaa
Akkaan dhagahaadhaa
\\\ \\\ \\\ \\\
~~~~
By๐Ÿ‘‰RD
โ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธโ™ป๏ธ
#Join๐Ÿ‘‡

@Library_Islaamaa
@Library_Islaamaa
๐Ÿ‘6