KENNAA
7.93K subscribers
2.26K photos
91 videos
25 files
1.88K links
KENNAA Dhaloota Qubeetiif!!
Walbarsiisaa wal bashannansiisuuf
Chaanaalii keenyaaf miseensa tahaa!!


Chaanaalii kana irraa👇
👉DA'AWAA
👉ODEEYFANNOO
👉WALALOO
👉ASOOSAMA
👉SEENAA fi kkf argachuu dandeessu!!
yaadaaf👇
@AbdiiBiyyaa iraan nu biraan gahaa!!
Download Telegram
Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota Chaanaalii keenyaa akkam jirtu !

1, Mee linkii asii gadii kana tuquun start godhaa

2, sana booda mission isinii kennu hordofuun coin argadhaa!

3 , mission keessaa join social community fi join binance kan jedhus xumuruu qabdu








https://t.me/tapswap_mirror_2_bot?start=r_480700549 🎁 +2.5k Shares as a first-time gift
🌿Ergaa Diinal Islaam🌹

#Nageenyi gaariin jaalala bana,onnee moosisa

Kanaaf akhlaaqni nuti nama biratti qabnu ykn ilaalchi namni biraa nuuf qabu Kan bareeduu qabu...
Sababa namni sun tola nutti ooleef ykn gaarii woyii nuuf ta'eef ta'uun qabu
Kana jechuun namni tokko hamtuuyyuu osoo sirratti raawwatee ati akka isaa ta'uun qabdu jechuudha

#Islaamummaan....
Hamtuu toltuun akka deebistu nu ajajji!!


Yaa Allaah karaa ofii jaalattu irratti nu qajeelchi, waan kheeyrii nuuf qabu nuuf kenni, waan kheeyrii nuuf hin qabne nurraa fageeysi.


Aamiin Aamiin Yaa Allaah


@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
Zeeyitii bituuf dhadhaa hin gurgurinii qabeenya kee gatii isaa beeki.

ila
Jiruun ilma namaa qormaata heddummaatti,jiruun akka marsaalee hawaasaa irraa mul’atutti jiraatama seetee lubbuu tee hin rakkisinii,ati teetuma ta nagaan maatii keetiin wajji oolchitee si bulchaa jirtu sana mi’eeffachuudhaaf yaali.

Ohhh!
Televiziyoonni,raadiyoon,Facebookiin,tiktokiin,U tubiin,wanti isaan babbareechanii mummuranii sii dhiheessan hundi,waan dhugaan lafarratti mul’tu osoo hin taane,waan osoo akkas tahee gaariidha jedhamee hawwamu namaaf facaasanii hubadhu.

Eeee
Namni waa agarsiisu tokko,namni waa himu tokko, namni namatti bahee lallabu tokko,dirqama irra jiru himaa jira malee,inni waan himuufi agarsiisu san ufii raawwataa jira jechuu mitii hubadhu.

Jaaloo
Osoo wal-hin beekin wal-fuudhanii,wal beeknaan kan walirraa baqatanii a humaan wal-hiikan hedduudhaa taajjabi,osoo wal hin argin wal faarsanii,erga wal-argan kan guyyaa tokko wal bira ooluu dadhaban hedduudhaa taajjabi,bultiin tasgabbiin ala ijaaramte diina walitti nama taasistii xiinxalli,wanti sooshaal miidiyaa irraa akka arganitti waraabatanis sanumaa beeki.

Namana
Kan waan ufii hin hojjanne namatti himaa,gaafa isarra gahe kararraa maqe heddutu jiraa uf tiksi,waan argitu hunda hawwaa hin oolinii gadi taa’i,jechaafi gochi wal-addaa beeki.

Hey
imala guddaa jalqabuuf guddinni umriitiifi furdiniin qaamaa si hin barbaachisuu beeki,karaa imala sirrii jalqabuuf guddina sammuu qofa gabbifachuu si feesisaa argi.

Yes
Boru gaaddisa muka qe’ee keetii jala taa’uuf,har’a biqiltuu baala babal’aafi daraaraa qabu gadi dhaabii kunuunfadhu.
Santu Seera!!





@Kennaapost @Kennaapost



T.me/Kennaapost
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Rabbiin warra gaggaarii warruma gaggaariif qooda. Hariiroon siifii Allaah gidduu jirtu bareedduu taanaan Rabbiin namuma bareedaa si badhaasa.


Kun immoo uffannaa fi tolfannaa irratti hin hundaa'u. Bareedinni qalbiidha malee uffataamiti.

Namni keessi tole gubbaanis daran tola, namni keesaatti jallina qabu hangam uffatus hangam fakkeeffatus jallinni irraa mul'ata.

Yaa Obboloota koo , fuudha yaadaa jirtaa ykn heeruma yaadaa jirtaa?.

Ergasiifuu qalbii tee Allaahaaf qulqulleessi, Rabbiin immoo qalbii qulqulluu si badhaasa. Bultii jaaruuf otoo intala/gurbaa janajjanuu hin jalqabne Allaah kee janajjanadhu.

Hanga daqiiqaa 40, 50 ,60...intala/gurbaa jaalattu amansiisuuf torba sagalee jijjiirtee hirriiba dhabdu daqiiqaa 10 qofa qalbii tee as deebisii wudu'a guuttadhuu raka'aa lama qofa salaatii harka kee ol qabadhuu nama diinii fi duniyaa teetiif gaarii ta'e Allaah kadhadhu.

Rabbiin isin haa milkeeysu.



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
KENNAA pinned a photo
♥️🍇JUMU'AA MILKAA'INAA🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu


Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️

صلی الله علیه وسلم

😊 اللَّهُمَّ صَلِّ وَ سَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ 😍

@Kennaapost
t.me/Kennaapost
🌿Ergaa diinal Islaam!!🌹

#Qalbiin ilma namaa hedduu haphiidha
🌿Miirri isaatis dafee miidhama
🌿Dubbii takkattii tasa nuti Itti dubbanneen
🌿Guyyaa isaa dukkaneessuu dandeenya
🌿Faallaa sanii dubbii gaarii nuti dubbanneen..
🌿guyyaasaa ibsinee gammadaa ta'ee akka oolu sababa ta'uu dandeenya

#kanaaf...
Dubbii keenya haa filannuu,jecha fayyadamnus haa qalbeeffannuu..
🌍Rabbiinis akkas nuun jedha👇👇
     "Woquuluu linnaasi husnaa"
Hiikni isaa(Namootatti waan gaarii dubbadhaa akka jechuuti)
Tarii Rabbiin dalagaa kanaan firdoowsiin nu milkeessuu danda'a..
Maal beekna Rabbiin gara laafessaa
Yeroo Hunda namootaaf gaarii haa taanuu,Gaarummaa haafacaafannuu
Qalbii isaaniis haa
gammachiisnuu
Qalbii isaanii gammachiisuu keenyaaf
Rabbiin guddate ol ta'e Qalbii keenyas gammachiisa waan ta'eef👌

@Kennaapost
@Kennaapost
@Kennaapost




T.me/Kennaapost
Fuula toluurra arraba toluutu caala kan jedhan argeen qissaa kana isiniif barreesse:
****
https://t.me/glababor/1259
Mootii tokkotu abjuudhaan (manaamaan) kan ilkaan isaa hundi irraa caccabee dhume arge. Achumaan nama abjuu hiiku waame.

Namichi jalqaba dhufe yeroma abjicha mootii irraa dhaga'u bifa rifaatuutiin fuulli isaa jijjiiramee "hiikti abjuu keessanii maatiin keessan hunduu dhumanii kophaatti haftu jechuudha" jedhe. Achumaan mootichi itti dallanee qabee hidhe.

Inni lammaffaa immoo yeroma abjicha dhaga'u gammadee fuula ife. "Hiikti abjuu keessanii, umriin keessan baay'ee dheeratee maatii keessan keessaa dhumarra duutu jechuudha" jedhe. Isa kanatti mootichi gammadee kennaa kenneefii badhaase.

Mee jecha isaan lamaaniituu ilaalaa: hiikti isaanii tokkuma. Garuu jecha adda addaa fayyadamanii inni tokko mana hidhaatti hafee inni kaan badhaafame.

Rabbiin arraba keenya nuuf haa mi'eessu; nuuf haa tiksus.



@Kennaapost @Kennaapost

T.me/Kennaapost
♥️🍇JUMU'AA MILKAA'INAA🍇🍇
💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗💗

Kabajamtootaa fi jaalatamtoota hordoftoota chaanaalii keenyaa baga guyyaa kabajamaa fi jaalatamaa guyyaa Jumu'aa guyyaa kheeyrii kanaan isin gahe.

Sunnaawwan guyyaa jumu'aa
• Qaama dhiqachuu
• Qeensa qorachuu
• Shittoo(Urgooftuu) fayyadamuu👉dhiira qofaaf
• Yeroon gara masjiidaa deemuu
• Suuraa Alkhahaf qara'uu
• Ergamaa Rabbii(Sa Al Ws) irratti salawaata heddummeessuu
• Uffata babbareedaa uffachuu
• Du'aa'II heddumeessuu
• Sadaqaa(Kennaa) heddummeessuu


Walumaa galatti wantoota kheeyrii heddumeessuu wantoota hamoo(sharrii) irraa fagaachuun jumu'aa keenya haadabarsinuu!!!!!!!!!

Guyyaa jumu'aa kanaan Rabbiin biyya keenyaa fi ummata keenyaaf nagaa nuuf haa buusu jedhaatoo Du'aa'II godhaa!!!
♥️Nagaa♥️Peace ♥️Salam♥️

صلی الله علیه وسلم

😊 اللَّهُمَّ صَلِّ وَ سَلِّمْ عَلَى نَبِيِّنَا مُحَمَّدٍ ﷺ 😍

@Kennaapost
t.me/Kennaapost
OF-TA'UUN OFUMAAFI



Hiriyoota muslimaa lamaan Ahmadiif Muhammad jedhaman lamaantu waliin imala ture. Imala isaaniitiin daandii osoo dhiibanii beela'an. Beela'anii deemuun itti cimus imalicha hin dhaabne.

Osoo deemanii bataskaana xiqqaa wayiitti bahan. Bataskaana kana keessaa fooliin nyaataa itti urgaahe. Fooliin nyaataa kun ofitti isaan waamee jennaan garaa jabaatanii darbuu dadhaban. Osoo garaan gaafii namatti dhiheessuu akkamitti foon waddamu bira darbu ree?

Mala malachuutti ka'an. Ahmad durumayyuu garaa isaatti garaa hin jabaatu. Garaa jaalata. Muhammad garuu akka Ahmad miti. Ahmad hiriyaa isaa Muhammad waamee "Beelaan garaa ofitti jabaannee bataskaana kana bira darbuurra maqaa keenya jijjiirannee seennee nyaanna!" jedhaan.

"Lakki hin ta'u!" jedhee harkatti dida Muhammad.

Ahmad immoo "Ati waan feete jedhi malee, amma booda maqaan koo Phaawuloosi!" jedhaan😅

"Nyaatichatu natti hafa malee maqaa kiyya hin jijjiiradhu; an Muhammaduma yoo na dhoowwatan na haa dhoowwatan!" jedhe.

Osoma akkasitti wal mormanii Bataskaana seenan. Akkuma seenaniin Qeesichi wayii isaan simate. Waan goraniifis itti himatan.

Qeesichi "Maqaan kee eenyu?" jedhee Ahmad gaafate.
Ahmadis "Phaawuloosi!" jedhee himate.
"Bareeda akkas taanaan, koottu na bira taa'i!" jedhee Qeesichi Ahmadiin jechuun koo Phaawuloosiin of bira kaa'ee gara Muhammaditti deebi'e.

"Maqaan kee eenyu?" jedhee Muhammadiin gaafate.

"Ana wanti fedhe natti hafee, osoo hin nyaatin beelumaan deema malee maqaan koo Muhammaduma." jedhee deebisaaf.

Qeesichis "Deemii nyaaticha hamma feete nyaadhu; hamma siif danda'ames irraa fudhadhuu galaa godhadhu!" jedhee Muhammadiin gaggeesse.

Phaawuloosiin ykn Ahmadiin immoo maal jedhe seetu "Hamma Soomni xumuramuuf na bira turiitii sooma booda waliin nyaanna!" jedheen.🤣

Of ta'uu dhabuun, Ahmadiin Phaawuloos gootee dirqiin osoo beela'uu isa soomsifte!😂

Nu haa baraaru! Isa Isa HuseneIsa Husenkatabe. Natti tollaan isiniif qoode. Ergaa guddaa irraa argattu!



@Kennaapost. @Kennaapost




T.me/Kennaapost
Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu

Guyyaan har'aa kun akka lakkoofsa islaamaatti bara haaraa Muharram 1, 1446 Hijiraadha.



Har'i muharram 1, ji'a 1ffaa bara 1446ffaadha. Jiini Muharram ji'a 1ffaadha. (Islamic Callander muharam 1, 1446 Hijir)


Baga guyyaa gammachuu kana geeysan. Ji'a kana guyyaa 10ffaa soomuun badii waggaa 1 guutuu namarraa qulqulleeysa. Warra irraa fayyadamu nu haa taasisu!!!



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
“Qabxiiwwan 10 kan Islaamummaan barbaachiseef..
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡

Kutaa 1ffaa
♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤♤

Barruu tana walii qoodaa keeyrii tana facaasaa. Jzk

🛑 1. Islaamummaan Yaad-rimee waa'ee Rabbii irratti yaada wal dhahaa hordoftoota isaa hin hubachiiftu. Waa'ee Rabbii ilaalchifte Islaamummaan yaada loojikii fi salphaa ta'e kenniti. Islaamummaa keessatti Rabbi tokkicha abbaas ta'ee, ilma hin qabu. Rabbi hiriyyaas ta'ee, waan isaan qixxaatu hin qabu. Rabbi Nama biraa baraaruuf Nama tokko hin ajjeesu. akka amantaa Islaamaatti Namni kan du'u ykn baraaramu hojii isaatiin ta'a. Walumaa galatti yaad-rimee loojikii fi yaada walaba kanaan amantaan Islaamaa muslimoonni akka amantaa isaatiin miira tasgabbii qabaatu gargaara.

🛑 2. Islaamummaan Ergamtootaa fi nabiyyoota Rabbii hunda ni qeebalti.

" إن كان حديث أَبِي ذَرُّ رَضِّيَّ اللهُ عَنْهُ الذي قال: قُلتُ: يا رسولَ اللهِ، كم وَفَّى عِدَّةُ الأنبياءِ؟ قال: مِئةُ ألْفٍ وأربعةٌ وعشرونَ ألْفًا، الرُّسُلُ مِن ذلك ثلاثُ مِئةٍ وخَمسةَ عَشَرَ جَمًّا غَفيرًا.»، يصح"

Baay'inni nabiyyootaa Kuma dhibba tokkoo fi digdamii afur 124 yoo ta'u, kana keessaa Ergamtoonni Dhibba sadii fi kudha shan 315 ta'u.
Islaamummaa keessatti nabiyyoota Rabbiin erge hunda ni jaallanna, isaan keessaa tokkollee mormuu fi haaluun dhoorkaa dha. Garuu; amantaawwan biroo kan akka Juushootaa (Yihudotaa) keessatti; Yesus Kiristosi fi Nabi Muhaammad ni didu. Kiristaanummaa keessatti immoo Nabi Muhaammad ni didu. 𝗜𝘀𝗹𝗮𝗮𝗺𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 keessatti garuu loogii tokko dalaguun malee ergamoota Rabbiin erge hunda ni fudhanna.
... لَا نُفَرِّقُ بَيْنَ أَحَدٍ مِّن رُّسُلِهِ

“ Nuti ergamtoota isaa irraa tokkos adda hin baafnu " Jedhan.” [Qur'aana 2:285]

🛑 3. Islaamummaa keessatti Rabbii fi nama jidduu jaarsummaan hin jiraattu. si'ii fi Rabbiin gidduu jiddu galeessi hin jiru, kallattiin Rabbiin kadhachuu dandeessa, Nama gidduu jiru hin barbaachisu. Yoo gara Rabbii deebi'uu barbaadde badii dalagderraa gaabbitee araarama Rabbi bira yoo barbaadde jaarsummaa qaama birootiin alatti ofumaa waan yakkiterraa deebi'uun araarama Rabbii kee biraa kajeeluu dha. Namni hunduu, hanga fedhes dadhabaa, hiyyeessa, wallaalas ta'u, Rabbii isaa waliin kallattiin wal qunnamuu danda'a.

🛑 4. Islaamummaan amantaa tokkicha Maqaa nama tokkoo ykn gosa ykn garee tokkootiin hin moggaafaminii dha. Hiikni maqaa Islaam jedhuu; Rabbii tokkicha dhugaatiif bitamuu, ajajamuu jechuu dha. Kanaafuu; hunda Nama Rabbiif ajajamuu ykn buluu Islaama jedhanii yaamuun ni danda’ama.
Garuu amantaawwan biroo fakkeenya yoo fudhattan, Maqaa Namaatiin amantaa isaanii moggaafatan, Kiristaanummaan, Kiristoosin moggaafamte, Kud-hiizimiin siddirataa guutamaa budihaan moggaafame, Koonfushi’anizimiin (confucianism) koonfuushes (confucius) Nama jedhamuun moggaafamte, Maarkiziimiin, karl maarkiziin moggaafame, Juda’iziimin gosa Judah jedhamuun moggaafame, akkasumas Hindu’izimiin gosa hindus jedhamuun moggaafame, garuu Islaamummaan kana hunda irraayyuu adda, dhaloota ykn mul’achuu Nama tokkootii fi gosa tokkoonis walitti hidhata hin qabdu.

🛑 5. Islaamummaa keessatti ibaadaan waa'ee sirna salaataa fi soomaa qofa miti. Ibaadaan; maqaa walitti qabaa waan Rabbi jaalatu hunda, jecharraa dalagarraa Kan dhoksaa fi kan ifaan dalagnus jechuu dha, akkasumas hojii Rabbiin gammachiisu kamiyyuu kan hammatee dha. Hojiin gaariin hundi gosoota Ibaadaati; jecha gaarii dubbachuu, hojii tokko Rabbiif qulqulleessanii dalaguu fi kanneen kana fakkaatuu dha. Gama biraatiin hojiin Rabbiin hin gammachiifne kamiyyuu cubbuudha; waa'ee Namaa hama dubbachuu, Nama gowwoomsuu, sobuu, namoota miidhuu fi kkf.

🛑 6. Islaamummaa keessatti Rabbiin yeroo hunda araaramaa yookaan rahamata godhaa hundaa olii ta'uu barsiisa. Yoo yeroo hunda towbatte (du'a dura) cubbuu hammam guddaa yoo hojjette iyyuu si fudhata. Rabbiin dhiifama sii gochuuf gatiin kaffalamuu hin jiru. Egaa; akka Kiristaana dhiiga Yesus Kiristosiin malee Waaqayyo dhiifama gochuu hin danda'u kan jedhu Islaamummaa keessa hin jiru.





Kutaan 2ffaan kunooti👇👇👇


@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
Qabxiilee Islaamummaan barbaachifteef
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡

Kutaa 2ffaa
♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡♡


🛑 7. Islaamummaan akkaataa jireenya keetii sii tartiibessiti. Ati eenyu akka taate, eenyu akka si uume, maaliif addunyaa tana keessa akka jiraataa jirtu fi garamittis akka deemaa jirtuu si barsiifti. Islaamummaan ammas rakkoolee jireenya keessatti muudataniif furmaataa fi qajeelfama Rabbiin biraa dhufe qaba.

🛑 8. Maddoonni Islaamaa ajaa'ibsiisoo fi dinqisiisoo dha. Isaanis gonkumaa kan dogongorri itti seenuu hin dandeenyee fi hin jallannee dha. Seenaa keessatti kitaaba kamiyyuu irratti kun ta’ee hin beeku. Maddoonni kunniin; Qur'aana Kabajamaa fi Hadiisa (sunnaa) Nabi Muhammadi ﷺ. Qur’aanni qulqulluun kitaaba addunyaa kanarraa jaarraa kudha afur oliif osoo hin jijjiiramnee fi hin tuqamne hafe dha.

(Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanii? Odoo waan Rabbiin alaa biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baay’ee argu turan.) [Qur'aana 4:82]

🛑 9. Islaamummaan beekumsa malee jaamaa hordofuu kan dhorku yoo ta'u sammuu keenyatti fayyadamnee dhugaa akka beeknu nu afeera, ragaa fi loojikii irratti kan hundaa'ee dha. Sammuun sammuu qabu itti gaafatamummaa fi itti gaafatamummaa amantiitiif bu’uura.
Qur'aanni qulqulluun aayatoota 6236 of keessaa kan qabu yemmuu ta’u, isaan keessaa aayatoonni 1000 ol ta'an, akka sammuu keenyaan yaaduu, xiinxaluu fi sammuu keenyatti fayyadamuu qabnu nu affeeru. Rabbiin olta'aan waan kamiifuu ragaa akka kenninu nu gaafata.

🛑 10. Sirni naamusa Islaamaa baay'ee ol’aanaa fi guutuu waan ta’eef biyyoonni seera Islaamaa karaa sirrii ta’een hojiirra oolchan yakka naamusaa xiqqaa qabu. Garuu Qaroomina warra lixaa keessatti faallaa kanaati, yaada shooshaalizimii fi Komiwunizimii ofumaa dhalchanii deebi'anii balaaleffatan, sanyummaa ofumaa dhalchanii deebi'anii sanyummaan akka gaarii hin taane barsiisu. Mee amma Namni dhuunfaa tokko haala wal faallaa kana keessatti akkamitti jireenya tasgabbii fi naamusa qabu jiraachuu danda'a...?

𝗤𝗼𝗽𝗵𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗮𝗻:
© Ifaa Dhugaa

Dubbistanii xumurtanii jirtuu ...?




@Kennaapost. @Kennaapost


T.me/Kennaapost
Assalaamu Aleeykum Aleeykum Aleeykum
Miseensota Chaanaalii keenyaa @Kennaapost akkam jirtu.

Telegram akkuma tiktok kaffaltii jalqabuuf jechaa jira. Kanaafuu linkii gadii kana tuquun seentanii join gochuu dandeessu!!




https://t.me/major/start?startapp=480700549

👑Help me to become best of the best in @Major and get some Stars!
15⭐️ invite bonus for you
50⭐️ if you are Premium Major
KENNAA pinned «Assalaamu Aleeykum Aleeykum Aleeykum Miseensota Chaanaalii keenyaa @Kennaapost akkam jirtu. Telegram akkuma tiktok kaffaltii jalqabuuf jechaa jira. Kanaafuu linkii gadii kana tuquun seentanii join gochuu dandeessu!! https://t.me/major/start?startapp=480700549…»
Dhaamsa kana qalbiin naaf dubbisaa ...

Duniyaa tana keessatti namni 100% waanni inni barbaadu cufti guutamteef hin jiru. Bakki waan barbaadan cufa itti Argatan Jannata Rabbii qofa! Tanaafuu Waan Dhabde ilaaluu caalaa, Waan Rabbiin siif kenne ilaalii, Irratti Rabbi galatoomfadhu.
Fkn:
Osoo namni meeqa kan mukaa fii Loon gabbaru jiruu, Ati Rabbiin islaamummaa siif kenne!
Osoo namni Ija, Gurra, Harkaa fii miila Hin qabne Hedduun tokko jiruu, Ati Rabbiin cufa siif kenne!
Osoo Namni Meeqa Dhukkubsatee mana yaalaa jiruu, Ati Rabbiin fayyaa siif kenne!
Osoo Namni Meeqa Mana hidhaa keessa jiruu, Ati Rabbiin Akka nagayaan maatii tee keessa jiraattu si Godhe!

Xiqqoo qabnurratti isa galatoomfanne, Rabbiinis Irratti nuuf dabala!
Alhamdulillaah .. Yaa Rabbi Galanni keeti!


Asumaanuu halkan Jumu'aa kanaan ergamaa keenya jaalatamaa irratti rahmata buusaa


❤️Sallallaahu Aleeyhi Wasallam ❤️



@Kennaapost @Kennaapost


T.me/Kennaapost
KENNAA pinned «https://t.me/hamster_koMbat_bot/start?startapp=kentId480700549 Play with me, become cryptoexchange CEO and get a token airdrop! 💸 2k Coins as a first-time gift 🔥 25k Coins if you have Telegram Premium»