Jechoota Gaggaarii️️
16.8K subscribers
1.63K photos
220 videos
1 file
1.84K links
Chaanala Telegram keenya kana irraa odeessaalee Baha Giddu-galeessaa hordofuu ni dandeessu.

Toora kana irraan taatewwan Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa dabalatee Seenaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa (Middle east ) salphumatti afaan keessaniin hordofaa
Download Telegram
ILMA UMRIIDHAAN ABBAA CAALE!
**************-******************
Ktaabni Saboota keenya kan kiristiyaanootaa kan isaan gara wangeelaa koottaa jedhanii halkanii fii guyyaa itti nu waamaa oolan ilmi waggaa Lamaan umriidhaan abbaa caala jedhee nu barsiisa. Dhuguma kana sammuun namaa ni fudhattii? Mee waliin haa ilaallu:
-
❝Waaqayyo yommus warra Filiisxiyaa fi Araboota warra biyya Itoophiyaa bukkee jiraatan Yoraam irratti in kaase. Isaan Yihudaatti duulanii qabatanii mi'a mana mootichaa keessa jiru hundumaa in saaman; kana malees niitota isaa fi ilmaan isaa fudhatanii in adeeman; ilmaan isaa keessaa Ahaaziyaa isa quxisuu malee tokko illee hin hafne. Kana hundumaa booddee immoo Waaqayyo, dhukkuba mar'umaanii isa ittii fayyuun hin danda'amneen isa in rukute. Mootichi waggaa lama guutuu dhukkubichaan rakkachaa erga turee booddee, mi'i garaa isaatii isa keessaa gad jigee, inni dhiphina guddaadhaan in du'e; sabni isaa ulfina abboota isaatiif ibidda bobeessaniiru, ulfina isaatiif garuu ibidda hin bobeessine. Inni mootii ta'ee mo'uu yommuu jalqabe nama waggaa soddomii lamaa ture; Yerusaalem keessa taa'ee waggaa saddeet mo'e; yeroo inni du'e namni isaaf hin gaddine; inni mandara Daawit keessatti in awwaalame; haa ta'u iyyuu malee, iddoo awwaala moototaatti hin awwaalamne. ❞ (Macaafa Seenaa baraa isa lammaffaa 21:16-20)
-
❝Yommus warri Yerusaalem keessa jiraatan ilma Yoraam mootichaa, Ahaaziyaa isa quxisuu iddoo abbaa isaatii in moosifatan; ilmaan Yoraam warri angafoonni hundinuu yommuu warri biyyicha lolan warra Arabaa wajjin dhufanii isaan rukutan dhuman; kanaaf Ahaaziyaan ilmi Yoraam mootichaa, mootii Yihudaa ta'e. Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa Afurtamii lamaa ture; inni waggaa tokko Yerusaalem keessa taa'ee mo'e. ❞ (Macaafa Seenaa baraa isa lammaffaa 22: 1-2)
-
● XIINXALA!
Akkuma olitti dubbiftan; Abbaa Ahaaziyaa kan ta’e mootichi Yoraam jedhamu Isiraa’el irratti moo’uu kan jalqabe umriin isaa waggaa 32 (soddomii lama) ture jedhameera. Akkasumaas Isiraa’el irratti kan moo’e waggaa 8 (saddeetiif) jedhamee jira. Umriin isaa amma (32+8) waggaa Afuratama jechuu dha. Sana booda akka du’eefii akka awwaalameedha Keewwatichi kan ibsu. Haa ta’uu malee garuu bakka mooticha kanaa bu’ee kan immoo ilma isaa quxusuu kan tahe Ahaaziyaa yeroo aangeeffamu umriin isaa waggaa 42 (Afurtamii lama) jedha macaaftichi.
-
●GAAFII: -
Abbaan kan du’e waggaa Afurtammaffaa isaatti yoo ta’e ilmi isaa immoo bakka abbaa isaa bu’ee kan moo’e umrii isaa waggaa 42ffatti yoo ta’e ilmi abbaa waggaa Lamaan caale jechuudha? Osuma jennu ilmi quxusuu waggaa Lamaan abbaa yoo caale hangafoonni hoo meeqaan caalu laata?

-
●XIYYEEFFANNOO!
Macaafni Baayibiliin Afaan Oromoo (Kan Macaafa Qulqulluu moggaasa jedhamuun beekkamu) waan kana dhooksuuf jecha Umrii ilma mootichaa ibsu kan kitaaboota Afaan biroo keessatti ❝Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa Afurtamii lamaa ture.❞ jijjiiruudhaan ❝Ahaaziyaan mootii yommuu ta'e nama waggaa Diigdamii lamaa ture.❞ jedhanii fooyyeessanii kaa’aniiru.Kitaaboota biraa akka fakkeenyaatti yoo ilaallu:-
-
☞ King James Version:
❝Forty and two years old was Ahaziah when he began to reign, and he reigned one year in Jerusalem. His mother's name also was Athaliah the daughter of Omri.❞ (2 Chronicles 22: 2) (KJV)
-
☞ New Revised Standard Version:
❝Ahaziah was forty-two years old when he began to reign; he reigned one year in Jerusalem. His mother's name was Athaliah, a granddaughter of Omri.❞ (2Chr 22: 2 ) (NRSV)
-
☞ Revised Standard Version:
❝Ahazi'ah was forty-two years old when he began to reign, and he reigned one year in Jerusalem. His mother's name was Athali'ah, the granddaughter of Omri.❞ (2Chr 22: 2) (RSV)
-
☞ Macaafa isa Afaan Amaaraa irratti immoo:
❝አካዝያስም መንገሥ በጀመረ ጊዜ ዕድሜው አርባ ሁለት ዓመት ነበረ፥ በኢየሩሳሌምም አንድ ዓመት ነገሠ፤ እናቱም ጎቶሊያ የተባለች የዘንበሪ ልጅ ነበረች።❞ (መጽሐፈ ዜና መዋዕል ካልዕ 22: 2)
-
●GAAFII:
Eegaa akkuma amma ilaallu kitaaboonni biraa kanneen umrii mucichaa waggaa 42 jechaa jiru. Gaafiin ani kitaaba isa Afaan Oromoo kana irraa qabu:
❶.Kitaabni inni Afaan Oromoo kun Afaan kam irraayi gara Afaan oromootti hiikame?
❷.Iddoo kanaa fii i
ddoowwan baay’ee kan rakkoo wal fakkaataa qaban kanneen fooyyeessuudhaaf eenyutu Aangoo isiniif kenne?
❸.Afaanoota biraa irraa haala adda ta’een kan afaan Oromoo qofti maalif fooyya’ee argame?
❹.Jecha fooyya’e kanaa fii jecha Kitaaboota afaanoota biraa irra jiran keessaa kamtu jecha waaqayyooti?
❺.Yoo dhuguma kitaabni kun jecha waaqayyooti jettanii kan itti amantan taate jecha waaqayyoo fooyyeessuun maalif barbaachise? Moo isintu beekumsaan waaqa keessan caala?
____
Obboleesaa Keessaan:-
... Elias Mohammed
____
Barnootaa fii Gorsa Gara garaa argachuuf peejii kiyya kana 'like' godhaa na hordofaa.
Click and Like ➤➤ https://www.facebook.com/elias.muhmmed
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
Forwarded from Jechoota Gaggaarii️️ (Ãbđø ÃlGãżį)
Gootichi Ordogaan Humna Waraana Turkii Jabeessuu Akkuma Itti Fufetti Jira

Raajii Dha

Odeeffannoo Guutuu Isaa Daawwadhaa
https://youtu.be/xtzzfo0RIBU
Maaltu Gaafii Sitti Ta'e?
***
Maqaa Rabbii akkaan mararfataa ta'eetiin jalqaba.

Hordoftoota fuula feesbuukii (facebook page) kiyyaa hundaaf. Dhimma islaamummaas ta'ee amantoota biraa irratti gaafii isinitti ta'e kamiyyuu gara ergaa keessootiin (inbox message) naaf ergaa. Aniis hanga Rabbiin kiyya naaf laaffisetti ibsa itti laadheen deebisee isinii maxxansa inshaa Allaah! Ergaa lana namoota hanga ammaatti fuula kana hin hordofiniifis #Share godhaa.

____
Obboleesaa Keessaan:-
... Elias Mohammed
____
Barnootaa fii Gorsa Gara garaa argachuuf peejii kiyya kana 'like' godhaa na hordofaa.
Click and Like ➤➤ https://www.facebook.com/elias.muhmmed
❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊-❊
Forwarded from Eid Abdusalam
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Eid Abdusalam
ﺍﻟﻠﻬُﻢ ﺻﻞِّ ﻋﻠﻰ ﻗُﺮﺓ ﺃﻋﻴﻨﻨﺎ ﻣُﺤﻤﺪ ﻭ ﺁﻟﻪِ ،
ﻭﺍﺣﺸُﺮﻧﺎ ﻓﻲ ﺯﻣﺮﺗﻪ، ﻭ ﺍﺟﻌﻠﻨﺎ ﻣﻦ ﺃﻫﻞِ ﺷﻔﺎﻋﺘﻪ،
ﻭﺃﺣﻴﻨﺎ ﻋﻠﻰ ﺳُﻨﺘﻪ، ﻭ ﺗﻮﻓﻨﺎ ﻋﻠﻰ ﻣﻠّﺘﻪ، ﻭﺃﻭﺭﺩﻧﺎ ﺣﻮﺿﻪ ﻳﺎﺣﻲّ ﻳﺎﻗﻴﻮﻡ
@EidAbdusalam
Forwarded from Eid Abdusalam
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Nuuralhudaa (RNH_Telegram)
​​Paartiileen Siyaasa Oromoo adeemsa ce’umsa biyyattii galmaan gahuu irratti wal tumsaadhaaf sanadii walii galtee mallatteessan

Odeeyfannoo #Nuuralhudaa
October 1, 2019

Paartileen Siyaasa Oromoo ibsa ejjannoo sirna mallattoo irratti baasaniin akka jedhanitti, ji'oota shanan dabran marii bal’aa kan geggessaa turan tahuu ibsuun, guyyaa hardhaa dhimmoota gurguddoo irratti waliin hojjachuuf sanadii walii galtee kan mallatteessan tahuu ibsan.

Paartileen kunniin ibsa isaanii kanaan, dhimma ummtaa irratti tumsaa Olaanaadhaan waliin hojjachuu qofa osoo hin taane, mariin kun akka itti fufu koree “Gaaddisa Hoggansa Oromoo" kan jaarmiyaalee siyaasa hunda qixa keessummeessuu fi mariisisu kan hundeessan tahuu beeksisan.

Sirna Mallattoo galgala kana Hoteela Sky Light jedhamutti geggeeffame kana irratti, Muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad, Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa, Obbo Jawaar Muhammad dabalatee hoggantoonni paartilee siyaasaa Oromoo fi namoonni beekamoon argamanii jiru.

#Paartiilee_Siyaasa #Oromoo
#HalalMeme

Fact!

Forward Godhaa

(SAW)

Ergaalee Biroof Channel Telegram Keenya Join Godhaa

@Jechotagaggaarii
@Jechotagaggaarii
@Jechotagaggaarii
Forwarded from Eid Abdusalam
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Eid Abdusalam
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Forwarded from Eid Abdusalam
Faruq احمد:
❤️# Gurbaan yaanni itti jabaate tokko gama sheeyticha dhufee
Gaafate akkana ja"e:
Yaa Sheeka wlhi gama kee niin dhufe kaniin hulaa furmaata takkallee hin qabne yaada na jirurraa...!!!

Sheytichi : gaafi lamaan si gaafadha deebisa isaanitin fedha ja"en ..
Gurbaan : gaafadhu ja"en !!

Sheeytichi gaafa duniyaa tanarra dhuftu rakkoo amma dubbattu tana ni qabda ja"en...
Lakkii hin qabu ja"en gurbaan .

Sheeytichi ammaas : gaafa duniyarraa deemtu rakkoo sanii wajjiin ni deemta ja"en.?
Lakkii hin deemu ja"en gurbaan.

Sheeytichi : rakkoo si wajjiin hin dhufin si wajjiniis hin deemneef hiraaru dhabuudha.
Haalli sirraa eeggamu yaanni kun si qabuu dhabuudha.

Sheeytichi akkana ja"e dhaamsa dhaameef ...
Rakkoo duniyarratti obsi
Laalchi ati gama samii laaltu kan gama dachii laalturraa haa heddummaatu haalli ati feetu siif arkama ja"en..!!!

Yeroo hunda kofali rizqiin tee qoodamte jirti, guyyaan ati jiraattus siif katabame jira,haalli duniyaatis itti rakkachuu hin feesisu sababaan harka rabbii waa hunda dandahu waan jirtuuf...

أبتسم فرزقك مقسوم وقدرك محسوم وأحوال الدنيا لا تستحق الهموم لأنها بين يدي الحي القيوم .
@EidAbdusalam
@EidAbdusalam
@EidAbdusalam
Forwarded from Eid Abdusalam
❤️Hirribaan duratti hin irraanfatin...

1. Wadda"atte rafuu..
2. Raka"a lama salaatu...
3. Salaata witrii salaatu..
4. Firaasha kee oggu sadi (3) bismallaah jechaa irraa haxaawu...
5.zikrii hirriba jachuu..
6.salaatu subhiitif ka"u niyyachuu..
7.hirriba kee niyyaa ibaadarratti jabaachutin rafuu..
8.yeroo raftu haala nama takkatti hamtuu fi histii hin yaanneen rafuu...

" nama rabbiin irratti laaffiserratti laaftuudha ,yoo dalaguu dadhabde rabbiin akka si dandeeysisu kadhadhu..."

* hundinuu hadiisa rasularraa fudhatame. *

@EidAbdusalam
@EidAbdusalam
@EidAbdusalam
Walaloo Ajaa'ibaa Waloo Huseen Dabalaa Dhimma Baankii Zaad Irratti Magaalaa Jimmaatti Walaleesse Maashaa Allah Daawwadhaa
https://youtu.be/A2OTl9AY2Tc
Kaayyoon "Gaachanaa Tube" maali?

https://youtu.be/ZCQo4D0eJL8
Jechoota Gaggaarii️️
Photo
#SafirEdris| «Ustaaza Qaalii»

Toora Miidiyaa Hawaasumma Irratti Ustaazota Dammaqinaan Ilmaan Islaamaa Barnoota Amantaa Islaamaa Barsiisaa Jiran Keessaa Sadarkaa Duraa Irratti Kan Argaman Ustaaz Safir Edris Abu Hafsa Dha, Bakka Isaan Jiraatanis Ta'e Walitti Dhufeenya Jabaa Qabaachu Dhabnus Nama Ani Hojii Isaaniitiif Onnee Kiyya Irraa Jaaladhu Fi Dinqisiifadhu Dha

Hamilee Fi Obsaan Yeroo Dheeraaf Dirree Daa'awaa Islaamaa Keessatti Shoora Guddaa Kan Taphatan Ustaaz Safiir Akka Fuula Facebook Isaanii Irratti Maxxansaa Jiranitti Gidduu Kana Rakkoo Muddamaa Keessa Akka Jirantu Himama

Ustaaza Keenya Kana Daqiiqaawwan Muraasa Dura Rakkoo Isaanii Hubachuuf Karaa Inbox Quunnamee Akkan Odeeffadhe 'tti Rakkoon Jabaa Turtii Waggootiif Isaan Muddaa Kan Ture Yoo Ta'u, Rakkoo Isaan Mudatee Jiru Kun Garuu Amma Fala Argachuuf Akka Jedhu Naaf Himanii Jiru

Kanaaf Obboleewwan Islaamaa Mee Du'aa'ii Haa Goonuuf Akka Rabbi Rakkoo Kana Irraa Furu

Yaa Rabbi Rakkoo Ustaaza Keenyaa Kana Irraa Nuuf Furi
https://www.youtube.com/watch?v=aruuUSQS3Tw&t=179s&app=desktop

SHARE Waliif Godhaa

©Jechoota Gaggaarii
#Like_Share