Dhiirsi niitii sodaatu ilma hin dhalfatu.
Akka isaa beekaaf, bofa miila dhorke.
"Udaan ajaaf dhessan waan sodaaf dheessan itti fakkaata.
"Nama bara baasantu manaa nama baasa"
@jechama1 @jechama1
π @jechabot

#CALLEE_CITTE
ASOOSAMA SEENAA
KUTAA 1FFAA
Kotorri ganda qooqe ka magaalaan magaalatti hin jirre,ammaas baadiyyaas hin taane jidduu magaalaa Galamsoo fii machaaraa daangaa aanaa habroo fii daaroo labuu irratti argamtuudha.
Gaarri luuccoo kallattii kaaba lixaa irraa kaasee hanga kibba lixaatti gandichatti marfamee argamu akka shamara sakaaltuu fii kuulaan faayamtee bareechee jira.
Kara bahaatti yoo ga deemte ,dhagaan gorgaaddii walirra tattaa'an gamoo ogeeysi jabaan ana ifiin je'e jaareen ga taa'i jetti.Sanuu waan nama ajaa'ibu darbii darbii qoodamtee ,tartii tartiin tetteeysi.
Lagni dhungataa jidduu gorgaaddii kanaa yaa'uun immoo asphaaltii jidduu gamoowwanii taraaramte fakkiidha.
Birbirsii fii mukkeen biroo lagaa fii dhagaalee kana jidduu achii achi dhaabbatan muka gaaddisaaf jala boqachuuf itti yaadamanii dhaabbaman fakkaatu. Weenniin mukkeen kanarra ;jaldeeysaa fii qalameen immoo gamoo dhagaa kana irra akka waan baajataa fii qabeenya ifiitiin jaarrataniitti irra jiraatu. Inumaatuu gargar qoqqooddatanii namuu kanuma ifii qofa irra gaafa jiraatan kaartaa fii pilaanii itti baafatanii abbaa qabeenyummaa ifii mirkaneeyfatanii irra galuu sa nama jechisiisa.
Caalaan ganda kanatti akka lakkoofsa warra habashaa bara 1986 dhalate.
Caalaan joollee amma lafaa kaate tana hogguu ta'u warra isaatiif hangafa.
Bara dheengaddaa hogguu akkanaa jabilee eeguu yoo taate malee dilas qe'ee irraa fagaatee horii bobbaasuuf humni isaa hin jabaanne ture.
Ta'us garuu guyyaa tokko tokko guyyaa guutuu ta'uu baatus hanga waaree ooyruu isaanii ta mana biratti gad yaasee hanga itti baafamanii eegaa ture. Barana immoo caalaan jabaatee jira . Ariyu ni qaba. Dheeysus ni baya.
Kanaaf abbaan isaas horii eeguu akka qabu galgala osuma taa'anii dheehena eegattaa jirani itti hime.Caalaan hogguu kana dhagahu hedduu gammade.
Borurraa kaasee bobbaa waan eegaluuf halkan kana guutuu waan borumtaa bakka tikaatti godhu hunda yaadaa fi manaabaan daawwachaa bule.
Halkan sun itti dheeratus ganama akkuma bari'een ka'ee mooraa horii karra saaquun horii walakkaa dhaabbate. Loowwan keessaa gurrooleen lama kan Daalasii fi Bilisu jedhaman eda osoo hin elamamin bir'ii bulan waan jiraniif hogguu caalan karra mooraa banu bakka ciisanii olka'anii " ihii" jechuun bakka takkaa mar'achuuf ka'an.
Ka jabbiin isaanii mana jirtu itti gad dhiifamte sehaniiti hogguu caalaa malee jabbilee isaanii jalaa dhaban firraa marrachuu dhiisan.
Hanqanuma jidduudhaa haati caalaa aadde Kulaniin osoo biddeena itti qicaa jirtuu qoraan eeloo jalaa waan dhumeef qoraan mana jalaa fudhachuuf akkuma gad baateen caalaa mooraa walakkaa dhaabbatu achi laaltee agarte.
Isiinis hogguu kana gartu rifachuudhaan," mucaan har'a ganamaan mooraa keeysaa maal godha ,caalaa maal taate aabbii ? "jettee gaafatte.
Caalaaniis deebisee," ummii bar humaa hin taanee bobbaasuufin deema malee." Je'een.Haatinis amma haalli jiru galeefii ,"wayi mucaa kiyya marataa kana" jettee itti kofalte . Itti dabaltees ,"koottu mee maraataa sa'aa tanaan horii bobbaasanii mii" jettee itti dubbatte.
Caalaan fuula guuraa qalbiin cabtuun," akka horii namaa hunda dura sirritti quufaniifii bar" jechaa mataa lafatti gad qabataa mooraa gad bahe.
Haati caalaa waan uumameetu qalbii hate malee bideena eelooratti dhiiftee gad bahuu isii kataf jettee yaadattee," aha midhaan qisaas godhe" jechaa kara manaa ol deebite.
Caalaan haati yeroo tanaan loon bobbaasuu waan dhoorkiteef aaree manatti ol deebi'uu jibbee usee kaayyoo takka malee mana jala taa'ee muka qal'aa tokkoon lafa tattaraaruu eegale.
Osuma inni akkanarra jiruu abbaan isaa wuussaa bishaanii harka mirgaatti qabatee ,afrii uffatee rafaanii ture immoo darbatee bitaadhaan firratti qabaa akkuma fincaanii ga baheen caalaa mana jalatti argee ,"maaltaate gurbattii ?" je'ee gaafate.
Caalaan lafa taraaru dhiiseetuma ija qulumqulum godhaa abbaa isaa if gubbaatti ol ilaalee jecha tokko osoo itti hin dubbatin deebi'ee lafa laale.

Abbaan caalaa obbo Galmoon caalaan yoo mufate malee akka jalaa hin usne waan beekuuf isarraa waan ta'e gaafatee baruu dadhabnaan aadde kulanii manatti ol yaamee," intal mucaan kun maal ta'e ? " je'ee alaa ol lallabee gaafate.
Haati caalaatis sagalee Abbaa caalaa dhageessus wanni inni gaafatu waan adda hin bahaniif akka irra deebi'uuf ,"maal jette abbaa caalaa kiyyaa ? jetteen.
Abbaan caalaas irra deebi'ee," mucaa kana maal gootee mataa buusee ganamaan as taa'aan je'ee bar? "je'ee gaafate miira dheekkamsaatiin.
Haati caalaas deebiftee ,"maal godhuu? wayi isuma gaafadhu kaa 'maalin ta'e' je'a? " jettee deebifteef.
Abbaan caalaa gama lachuutu deebisaa quubsaa waan hin argataniif tanuma ifiin citaa tana mana fincaanii dhaqee as deeb'e.
Hogguu as deebi'u ammas caalaan bakkuma san waan jiruuf sossobee, "ka'i mee ni seennaa ka'i gaa leenca kiyya" jechaanii mataa haxa'aa muka inni lafaan taraaru san harkaa fuudhee darbuun ol seensise.
Hogguu isaan lachuu ol seenaan abbaan caalaa ganama akkaan ciniinta'uu isaa waan beeytuuf haati caalaa biddeena lamaan duraa oowwaa irraa fuutee ,qorii mukaa dhadhaa fii aannan bara meeqa dhuuydee leelte takka keeysa dachaaftee kaa'uun; itittuu aannanii ta qabee taaqexa gubbaatti fannisaa jiru tokko keeysa jirtu takka dakhatti itti nayxee as baafte.
Erga mataa abbaa caalaa gubbaa lafa keeysee booda bishaan harkaan dhiqatu fiddeefii, "mee as je'ii xuluq je'i hanqan buussaa godhuu xiqqo ni kutattaa " jetteen. Abbaan caalaatiis ammuma gad bahee dhiqatee waan jiruuf harka tokkuma qofa dura achi qabateetuma xuluq je'e.
Akuma lamaa sadi biddeena itittuun laaffifatee darbateen , Caalaa yaadatee ,"Caalaa kiyya ka'ii dhiqadhu mee wajji nyaannaa" je'een .
Caalaan akka kanaan dura beekuu fii dhagahaa guddatetti joolleen ciniintoo nama guddaa wajji nyaachuun qaanyii ta'uutti waan beekuuf, " an quufe" je'ee deebiseef. Abbaanis," ka'ii nyaadhu gaa" je'ee dubbii jajjabduu itti deebise. Osuma isaan asii wal dararanii haati caalaa sagalee abbaa caalaa jajjabduu alawaada keeysatti dhageeysee ,"maali sa ?jechaa achii as baate.
Itti fufa.
Amajjii 11 /2021
Ahmed Mohammed Roba
Machaaraa.

Dargaggoo Nagawoo Jimaa.
Nama dheeraa
π Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa magaalaa Maqiitti dhalatee kan guddatee fi achuma jiraataa jira.
π umurii= 24
hojjaan meetira 2.25
π kophee Lakkoofsa 54 kan ta'ee keewwata.
π Dhukkubsatee kutaa 8tti barnootasaa adda kutuuf dirqame.
π ''Sababii dhibeen isa mudateen barnoota addan kutuu irra darbee, Deemsa dadhabee, ulee qabatee deemuu eegale. Gara boodaa ulee qabateellee sadarkaa deemuu dadhaberra ga'e.
π Turtii waggaa 2'n booda hospitaala Xiqur Anbassaatii ba'ee amma fayyaa kan qabuufi deemsallee akka danda'a.
π ''Karoorri isaa ijoon barnoota xumuruu ta'uu kan hime dargaggoon kun, yeroo ammaa barnootasaa kutaa 8 adda kutetti deebi'uun sagantaa galgalaan barachaa jira.
π ''Barnoota cinatti osoo beekamtii argatee aadaa fi tuurizimii keessa seenee hojjetee fedhii qaba.'' beeksisa garaa garaa illee carraa hojjechuu osoo argatee akka fedhu dubbata.
π Obboloota dubaraa 5 fi dhiira 4 qaba garuu, Isaan hunduu hojjaansaanii dhedheeroo miti.
@jechama1
@jechabot π

Kutaa 2ffaa
Hogguu kana abbaan caalaa deebisee bakka haati caalaa jirtutti ,"boo kaatee hin dhiqattuu?" je'e caalaan . Haati caalaa immoo jidddun seentee ,"maal dhiqata nama guddaa wajjiin ciniintoo nyaataa ? mucaa kana balleeysuu dhiisi" jetteen.
Abbaan caalaatiis, " lakkii takkittii har'aa humaa rakkoo hin qabuu haa nyaatuu naatu je'ee mii " je'een. Isiinis abbaan caalaa, caalaan waan mufateef isa araarsuuf dirqamee akka godhaa jiru waan hubatteef ,"hayaa ka'ii dhiqadhu" jetteenii kara alawaadaa isii if booda deebite.
Achumaan caalaanis ka'ee dhiqatee abbaa wajjiin nyaachuu eegale.Osuma nyaatanii abbaan sossobaa duubbii lallaaftuun waan inni ta'e gaafachuu eegale."Aabbii korma kiyya an bar khonfeleeysaaf sin qabaa;maal taate ? mee na himi kaa." "Yoo naa himuu baatte eenyuuf himta?" jechaanii waan inni ta'e harkaa baasuuf yaale. Achumaan caalaanis bar abbaa "ati eda boru horii ni bobbaafta naan hin jennee?" je'ee gaafate abbaanis ,"eekaa duuba hoo ?" je'ee deebiseef.
"Ummaan na dhoorkite kaa duuba an nin oofa jennaan je'een".
"Maal horii moo?" je'e abbaanis caalaadhaan."Ee kaa" je'e caalaanis deebisee.
Hogguu kana abbaan isaatis ,"kun maal rakkoo qaba duuba hogguu bobbaan geeyse ni ooftaa tanaaf akkana godhattaa" jechaa jajjabeessuu fii tasgabeessuu eegale.
Osuma ja'uuti caalaanis har'a irraa kaasee horii bobbaasuun isaa waan jala murame ta'uu isii hubatee bolola bobbaaf qabu dila san xiqqo hir'isaa dhufuu eegale.
"Abbaa bobbaan sa'aa meeqatti geeysi silaa ?" je'ee gaafachuudhaan xiqqo ammallee jerjeraa fii anfiira loowwan bobbaasuuf qabu mul'ise.
Abbaanis deebi'ee ,"sa'aa 5: 30tti ni oofta kaa boo" erga je'eenii booda hoggu bobbaase booda maal akka godhuu qabu immoo itti himuu fii dhaamuu eegale.
"Laal caalaa gaafa boobbaaftu immoo horii midhaan namarraa akkaan eeguu qabda." " Joollee namaa wajjiin osoo taphattuu horiin waan namaa seenee tee shuummoon bishaan fixxee beekkadhu" je'ee akeekkachiise.
Calaanis ,"tana narratti dhiisi humaa horii keenya an akkatti ija irraa hin lipsadhu;jabaadheetin eega" je'ee waadaa seene.
Abbaan Caalaa yeroon yeroo oomishaa waan taateef, midhaan tumuudhaaf guuza galchaa kadhatamee waan jiruuf , achitti deemuudhaaf if qopheeysuuf jecha laaqana isaa nyaannaan ijabanaa kutachuuf jechaa kara iddoo isaa ta jirimeetti argamtutti , somba baas isaa gurmurraan dhawatee sududumaan qajeele.
Turtii yeroo muraasaa booda sa'aan bobbaa waan geeyseef haati caalaa kulaniin caalaa yaamtee ,"caalaa mee deemi mana jalaa qoraan keeysaa haanxii ejersaa takka ol naa fidi horii kana itti sii yaaseetiin sii qajeelchaa" jetteeni.
Caalaanis gamadeet akka jabbilee siilla quuftee burraaqaa gad bahee ejersa fideefi.
Haati caalaatiis qabee duraan dhiiyxee hanga ejersi dhufuufii ibidda gubbaa qabaa turte harka tokkoon as fudhattee harka tokkoon immoo haanxii ejersaa san fuutee ibidda keeyse.
Erga ejersichi qabatee belbelee booda keeysaa fuuteeti hafuuraan 'uf 'gootee erga dhaamsitee booda aara qabee keeysa qabdee qoraaste.
Achi booda caalaan "mee jabbii san lachuu itti ga dhiisi" jechuun ajaja erga dabarsitee booda gaadii fii bishaan harkaan dhiqattu akkasumaas barcuma irra teeysu fudhattee kara mooraa qajeelte.
Hogguu bira geeysu jabbileen lachuu hodhaa jiran.
"Caalaa koottuu jalaa qabi muka kanatti achi hidhi" erga jetteenii booda faraqa faraqaan saawwan lachuu irraa eelmitee manatti ol deebite.
Qadaada aannanii kutaa manaa irratti fannifteeti,biddeena dummuchoo ganama isaa oowwaa barbaree garaa jidduutti naquun walitti dumuceeysite achi keeyse tokko fuutee qandii kombortaa abbaa caalaa ka mataa gararrii jiru tokko keeysaa immoo mishiggir fuutee itti guduunfuun fuutee ga ba'uudhaan," caalaa horii hundaahuu irraa yaasi".Jettee ifiifis qarqara karra mooraa dhaabbachuun akka loowwan kararraa goranii waa hin balleeysine hayyisaafii hogguu isaan gad yaa'anii dhuman manarraa xiqqo gad qaceelchiteefi dumucoo erga kenniteefii booda," hayaa horii waan namarraa jabaadhu gaa " jechaa itti dhaammachaa geggeeysite.
Itti fufa....
Ahmed Mohammed Roba
Amajjii 17/ 2022