Bohaartii Media
1.41K subscribers
298 photos
3 videos
5 files
193 links
- Oduu haaraa. - Isportii
- Jecha beektotaa - Makmaaksa
- Qoosaa kofalchiisoo
- Seenaa gaggabaaboo fi barsiisoo ta'an argachuuf nu hordofaa!

Isinis @jechabot irratti nuuf ergaa.

Garee @oromiyaaharmee Join godhaa
Download Telegram
Forwarded from Bohaartii Media
JECHA HAYYOOTA

~Gabrummaa irra duuti bilisummaadha.......Elemoo Qilxuu
~Oromoof duullee oromoof duune.........Jeneraal Waaqoo Guutuu
~Kan keessa beekuuf lolli tapha.........Abishee Garbaa

👉 Muktar Ahmed irraa!
@jechabot irratti nuuf ergaa
@jechama1 join godhaa!
Rakkoo koo afamii ciisi
Miilaan sirra deemaa
Du'ii awwaalami
Ililcheen biyya yaama
Gara jabina kee seenesseen
Dhala namaaf dhaama

©Amiin Waaree
@waareewalaloo join godhaa!!
@jechama1 join & share godhaa
Namni Hundi Dhagaa gara Muka firii qabuutti Darbata.

Gamni dogoggora namaa irraa barata, gowwaan garuu dogoggora mataa isaarraayyu hin baratu
.

@jechama1 @jechama1
💌 @jechabot
Ceephoon kee nan takaalu
Jajuun kees nan ceesisu
Anaan Ana ta'uu beeka
Kan kuffisuufi kan kaasu
.....,.................................
@jechama1 @jechama1
👉 📩 @jechabot @jechabot
Forwarded from WAAREE WALALOO
Yeroo rakkoo qofarratti xiyyeeffattu rakkootu sitti baayyataa deema.
Yeroo furmaata irratti xiyyeeffattu ammoo carraa hedduu argataa dhufta.

@waareewalaloo join godhaa
Bakka mul'ata keetii
Gaafa itti geesse
Gaafa abjuun kee dhugoome
Bakka gaarii teesse
Boru fira siif tahu
Kan har'a si dheesse

Har'a haala kee ilaalanii
Hancufa rakkinaa sitti tufu
Guyyaa milkaa'ina kee
Si iyyaafatanii dhufu
Gaaromina siif qaban
Himachuu itti fufu

Atis isa darbe kaastee
Hin booressin madda
Utuu ati dhiisteyyuu
Yaadee yaadda'ee gadda

Kan namaatiif yeroo hin gubin
Hin yaadinis hamaa
Kaayyoo keetti cichi
Cehi laga gama

©Amiin Waaree tiin.
@Ameeafrica
@jechama1 miseensa tahaa
Share & like
Forwarded from WAAREE WALALOO
Yuunivarsiitiiwwan jaalalaarran
Anoo reefun eebbifame
Ijjikoo argaa kee halaalaan
Arrabni koo siin weeddifame

Kunuunsa siif godhuun
Digrii koo jalqabaa
Kolfee si bashannansiisuuf
Anoo maastariin qaba

Umrii koo si tursiifachuuf
Reefu doktariin jalqabe
Ogummaa jaalalaa keessaa
Anoo maalan dhabe

Ramaddii naaf baasi
Bakka banaa laali
Onnee keetti na qacari
Ogummaa keen na yaali

Furtuu rarraafamtuu hin eegin
Qabda bakka banaa
Jabeessii kunuunfadhu
Ogeessa akka kanaa

# qorri waan baayyee nama haasofsiisaa Aabbee

@waareewalaloo join & share

©Amiin Waaree tiin
Adaamaa 2021
Forwarded from WAAREE WALALOO
Dhaabbadhee of ilaaleen
Ofuma koon taajjabe
Koo dhiiseen warra ollaakoo
Tokko qorachuun jalqabe

'Free' maalii keenya
Hin jedhu warri ollaa
Ilmaanitti ulee kennu
Ofii bu'anii boolla

Taa'anii hin odeessan
Iccitiif of bobeessan

Dhoksanii awwallatu
Ni suphatu isa cabe
Ani hooy hooyii qofaan
Ilmaan dhale dhabe

Isaan citanii ciccitanii
Ilmaan qabsiisu karaa
Ani ajajamuuf jaji'amutti
Fixee dabarse baraa

Hin gamtoomu hin tokkoomu
Ani yooman jedhe
Dhiigaa roorrifamuu
Ani yooman fedhe

Harkaa miillikoo
Kurfaa'ee ajajamee
Jabinni irreekoo
Sammuukoon jajamee

Dhoksee haguugee
Cuccufadhee qaawwa
Bara jireenya koo
Tokkoomuu koon hawwa

©Amiin Waaree tiin
👇👇👇👇👇
@waareewalaloo
👆👆👆👆👆👆👆 itti makamaa
Join & share
Addunyaa kana irraa rakkoo inni guddaan IJA dhabuu miti, osoo ija qabanii mul'ata dhabuudha.
👉 Helen keler
@jechama1 @jechama1
💌👉 @jechabot
Bakka mul'ata keetii
Gaafa itti geesse
Gaafa abjuun kee dhugoome
Bakka gaarii teesse
Boru fira siif tahu
Kan har'a si dheesse

Har'a haala kee ilaalanii
Hancufa rakkinaa sitti tufu
Guyyaa milkaa'ina kee
Si iyyaafatanii dhufu
Gaaromina siif qaban
Himachuu itti fufu

Atis isa darbe kaastee
Hin booressin madda
Utuu ati dhiisteyyuu
Yaadee yaadda'ee gadda

Kan namaatiif yeroo hin gubin
Hin yaadinis hamaa
Kaayyoo keetti cichi
Cehi laga gama


©Amiin Waaree tiin
👇👇👇👇👇👇
@waareewalaloo join godhaa!!!
@jechama1 join godhaa
👆👆👆👆💪
Hin gamtoomu hin tokkoomu
Ani yooman jedhe
Dhiigaa roorrifamuu
Ani yooman fedhe

Harkaa miillikoo
Kurfaa'ee ajajamee
Jabinni irreekoo
Sammuukoon jajamee

Dhoksee haguugee
Cuccufadhee qaawwa
Bara jireenya koo
Tokkoomuu koon hawwa

@waareewalaloo join godhaa!!
@jechama1 join godhaa
Forwarded from WAAREE WALALOO
Qullaa gadi dhufne
Uffannee itti fufne

Laafaa taanee
Yommuu lafa geenyu
Jabaannee kaanee
Hojjachuun dandeenyu

Qabeenya hin horanne
Kiisiittis hin qabanne

Dhiqee uffisee
Namaatu nu baata
Jalqabaaf dhumnisaa
Akkana fakkaata

Yerichi gabaabaadha
Jireenyi irra lafaa
Kan viillaa jalli hidhaas
Yoom jiraatee hafaa?

©Amiin Waaree tiin
@waareewalaloo walaloowwan argachuuf join godhaa
Dukkana yeroof jettee abdii hin kutatiin!
@jechama1 @jechama1
💌👉 @jechabot
Forwarded from WAAREE WALALOO
Yuunivarsiitiiwwan jaalalaarran
Anoo reefun eebbifame
Ijjikoo argaa kee halaalaan
Arrabni koo siin weeddifame

Kunuunsa siif godhuun
Digrii koo jalqabaa
Kolfee si bashannansiisuuf
Anoo maastariin qaba

Umrii koo si tursiifachuuf
Reefu doktariin jalqabe
Ogummaa jaalalaa keessaa
Anoo maalan dhabe

Ramaddii naaf baasi
Bakka banaa laali
Onnee keetti na qacari
Ogummaa keen na yaali

Furtuu rarraafamtuu hin eegin
Qabda bakka banaa
Jabeessii kunuunfadhu
Ogeessa akka kanaa

@waareewalaloo join & share
Forwarded from WAAREE WALALOO
Rakkoo har'a harkaa si qabdu tana guyyaa tokko yaadan if duubatti laaltee itti kofluuf teessa.

@waareewalaloo join and share
Muka hundeen jabaa
Isa Abboota keenyaaf marge
Abbaa caarraa ta'ee
Utuun firiisaa argee

Takka Afaanii baafadhee
Jabinasaa gaafadhee

Akka qottoo jallisan
Utuu natti himee
Silaa sanyii keen facaasa
Cichee itti cimee

Yaa isa gaaddisaaf ta'u
Rooba na qolachiisu
Utuun si qabaadhee
Har'a nan hollachiisu

©Amiin Waareetiin
@jechama1 miseensa tahaa
@waareewalaloo join godhaa!!!
Forwarded from WAAREE WALALOO
Gorsi koo dhugaan ani akka aantee kootti isin gorsu , Keessa kee, eenyummaa kee, amala kee, haala jiruuf jireenya kee, seenaa dhugaa kee, eenyummaa dhugaa kee, tasuma nama hagamuu sitti dhiyaatuuf hin qoodin, of hiiktee, nama amantee of hin mul'isin.

Eenyumtuu, alaamumatti, seequuf, irra gubbaa qaama namummaa kee yoo beeke siif wayya.

Amalootan olitti tarreesse kanaan hiriyaa sobaa ittiin si madaalu malee, hiriyaa dhugaa ittiin si jaallatee si waliin turu hin argattu.


@Siifan02
@waareewalaloo join godhaa!!
👆👆👆👆👆👆
Forwarded from Jobs sites (Tolisis Bedada)
#Maaluma_Naaf_Wayya

Qimmiiddaa qirqirsaa fakkaatu
Kan jireenya koo uruursu
Ijjannaa koo na falfalee
Teessuma koo na furursuu

Yaa'ii teessoo wal saamuuf
Dirree koorratti taa'amuu
Ani keessummaa ta'een
Ormi jilaaf waamamu

Daboon ani hin beekne
Jila yaa'ii warra firaa
Anaaf jiruun sunsuree
Maafan arga gidiraa?

Taphataan marti keeti
Gooliin lachuuttu dhiitta
Dorgommii yeroon xumurteef
Ana maaf hojii na hiikta

Takkaa na sossobaa
Takkaa na qimmiidda
Daaraa narraa dhiqxee
Dhoqqeemmoo na dibda

Marti kee faalladha
Bitaa natti gale
Mana keetti sangaatu
Waatiyyoo siif dhale

Adiin siif gurraacha
Gurraachi siif adii
Badiin kee naaf tola
Tolli koo siif badii

Barbaaddu ol yaata
Akka bishaan gaayyaa
Amala keetu addaa
Maaluma naaf wayyaa?

@siifjedhee
Forwarded from WAAREE WALALOO
Dhokachuudhaaf yaaltee
Hamma dandeessu maltee
Muka duuba baatee
Mataan gadi-jettee
Argamtee yoo qabamte
Maal nama komatta?
Teessee hidhii of nyaatta?
Dugda keetu si mullate
Situ dhokannaa gowwaa dhokate
©Amiin Waaree tiin

@waareewalaloo join godhaa