ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa 𓆩♡𓆪 Love ፍቅር 🔞
37.6K subscribers
490 photos
10 videos
15 files
756 links
😍🥰Jaalalaafii ergaalee jaalalaan wal qabatan gaggabaaboo as jalaa argattu😘🤩🥰😍😜❣️❤️‍🔥
😁😅🤣😂Dabalataan Qoosaa Bohaarsoo😇😋
Download Telegram
The greatest evidence of love...)👇

Hariiroo namoota wajjiin qabdu keessatti... namni tokko si jaalatuu isaa ragaan guddaan ati mirkaneeffatuu dandeessu... yeroo wal dhabbii qabdanitti kabaja inni siif muldhisuudha....!
Wal dhaba keessan keessattis hanga hayyamameef bira kutuu dhabuudha ...!

Yeroon Wal dhabbiidhaa.... jaalala keessatti, yeroo qormaata dhugaa ati hiriyyaa kankee/tee ittiin qormaatuu dandeessuudha....!

Namni hunduu yeroo nagaa fi tasgabbiin jiru... haasawa jaalalaa kana ni mimmi'eessa... garuu yeroo wal dhibdeen gidduu isaaniitti argame.. dhibee keessa isaa jiru hargufata.

Jaalala keessaa inni guddaan....(The greatest degree of love is...)
nama jaalattuun hanga feetes walitti buutu.... garuu nageenyii fi tasgabbiin keessa keetitti dhagahamuudha...!

@jireenya_jaalalaa 💔
"Account Facebook sobaa banadheen haadha warraakoo waliin haasa'uu yoon eegalu, abbaan mana ishee baatii kudhan dura du'uu natti himte." 🙄

Isaa moo ishee balleese..?


@jireenya_jaalalaa 💔
Televisiyoonni #Albaaniyaa gaazexeesitoonni dubartootaa guntutasaanii bakkeetti mul'isaa oduu akka dubbisaniif gaafate. Kunis ammoo daawwattootni tv irra media hawaasaa wan filataniif gara tviiti harkisuudhaaf jedhameetuudha jedhame. Maddi media hawaasaati.
🫣


@jireenya_jaalalaa 💔
Ofuma koon soba,obseen of jabeessuus yaala nan dagadha xiqqoon irraanfadha garuu...😌

Takkammoo akka nama abjuu keessaa dammaquun of ilaaleen of arguu dhaba,ofan barbaada anumti kunuu ana miti,Ofittan hima garuu of amansiisuun natti cime.

Ofittan haasa’a ofin dhaga’u, ofin gaafadha deebii ofiif hin kennu Jireenya abjuun jiraadhe ergan Si dhabeen ofis dhabe...😌

@jireenya_jaalalaa 💔
Jaalalli kan ibsamuun jechoota mimmidhagoon osoo hin taane gochaani.


🚸 🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
💉 Yeroo waan dhabde hedduu isaa qalbiidhaan of kennitee yaaddu, miirri ofii kun namaan dhidhimee qaama ofii namatti alagoomsee, eenyummaa ofii waliin walitti nama diinomsee, weerara yaadaatiin nama dhuunfata.

💉 Yeroo tokkotti, humna sanaan too'atamanii, jabina qaban, abdii qaban, dandeettii qaban, ofitti amanamummaa qaban hunda of harkaa harcaasanii ona ta'uun, duwwaa ta'uun, kophaa ta'uun nama dhuunfata.

💉 Waan of harkaa qaban dhabuun yeroo tokkotti daaraa nama godhee bubbeetti nama kenna. Keessumaa nama. Nama jechuun karaa tokko fira, karaa biraammoo diinas. Inni tokko dhimma anaa dhabee gaafa darbatee na bira darbu, inni biraan immoo "Anaan" jechuun haga humna isaa kufaatii na oolchuuf batattisa. Gaafa inni tokko dhugaa koo arguu dadhabee soba koo qofa odeessu, inni tokkommoo dhugaakoof abukaattoo dhabbata.

💉 Gaafa inni tokko tuffii, arrabsoo, abaarsa, nuffii, jibbaaf summii yaadaa waa'ee koorratti kuusaa oolu, inni biraan immoo, Zinnaara kabajaa, jaalalaa, ulfinaa, dinqisiifannaa, jajjabinaa,hamilee, hidhatee as bahee annisaadhaan na guuta.

💉 Kanaafi namarraa abdii kutuu wantin dadhabuuf. Hundayyuu jireenya ofii keessatti beekuun, arguun immoo akkam nama gammachiisa...? Garuu addunyaan keessoo dhala namaa buburreedha. Inni tokko keessi isaa summii ofitti ta'eetu, namaaf qooda. Wanti nuti qixa qabnu nama ta'uu qofa.

💉Kanaaf kan...! Nama itti of kennitu, nama jaalattu, nama jiraachuufii barbaaddu, nama yeroo mara ofbiraa qabaachuu feetu gaafa dhabdu miirri ofii kun waan qabnii dhiisan nama wallaalchisa. Agartuu ofii kun haguugamee homaa argee itti goruu wallaala.

💉Kana hunda keessatti garuu ati nama taatee dhaabbachuu qabda. Namni kaleessa ol fuudhee sibaachuu kajeelu hundi bor akkasana miti. Jijiiramaadha. Afaan kaleessa sijajeen deebi'ee si abaara. Afaan kaleessa si jabeesseen deebi'ee si mudhuksa. Afaan kaleessa gaarummaaf jabina kee himeen, bor dabaaf laafina kee odeessa. Kana keessatti garuu atiin ofitti araaramuu, dhiifama ofiif gochuu, dhiiftee tarkaanfachuuf qophaa'aa ta'uu qabda.

💉Jireenyi kee tarkaanfiikee waliin gaafa itti fufu, waan haaraan, namni haaraan fuuldurumatti si waliin itti fufa. Tokko deemu tokkotu dhufa.

💉Hagamuu jeeqamtu waan jeequmsa kee si dagachiisan, boqonnaa siif kennan, haalota sanarra si dabarsanitti xiyyeeffadhu. Murtii badii fidu murteessuuf yaaluurra, murtii ittiin of too'attuuf, of qabdu barbaaduutu fala. Amma garuu waan dhabde hunda yaaduurraa deebi'ii waan qabdu mara yaadi.

💉 Miirri kee warra kaleessaaf taatee kaleessaa ilaalee akkan of sindagachiifneef, waan fuulduratti ta'u har'a yaadaan itti qophaa'i. Namarratti haalarratti of dagattee gaaftokko akka tasaa kufta. Har'uma akkan kufnetti ofdanda'ii dhaabadhu.

💉 Yeroo ammaa kanatti anikun akka jechis gochis nan cabsineef, bakkaa nan sochoofnetti ejjeta toleen jira. Atis akka jechiif gochi hamoon humna si dhoowwan tasa hin'eeyyamin.

#Share & #Join
🚸
🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Intala dhiira lama janajjantu sana maqaa isii eenyu jedhanii waamu
.
.
.
#Bon_two🤣🤣

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
🙍‍♂️Haadha manaa jechuun seexana halkan halkan dhiiga kee xuuxxu dha

🙍‍♀️Abbaa manaa jechuun hantuuta halkan halkan bol’aatti fiiguu jechuudha.

😂😁😂🤣

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Forwarded from 🛍Con̈tact Telegram Messenger👑
Saree lakkoofsa meeqa irra jirtutu aannan dursee argata?
𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥
⦿ Lakk - 1
⦿ Lakk - 2
⦿ Lakk - 3
⦿ Lakk - 4
Anuma xuuxxa malee, xuuxxee waa nan xuruursituu.

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Love + Care = Mom
Love + Fear = Dad
Love + Fight = Brother
Love + Help = Sister
Love + Life = Life partner
#But
Love + Care + Help + Fear + Life + Fight = #Best_friend.❤️

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Abjuun abdiif deeggarsa kenna ; Abdiin carraaqqii namaa kakaasa!

Carraaqqiin milkaa’ina argamsiisa. Kanaaf abjuun kee hundee milkaa'ina keeti Yeroo tokko tokko rakkoo keenya irratti xiyyeeffanna maddi humna keenya guddaan eessaa akka dhufu illee nii daganna wanti hundi dursee ganamuma barreeffamee jireenya keessatti wanti irra deebi'ee barreeffamu hin jiru!

Kanaaf har'a gammadii boonii jiraadhu kan hafe waaqayyoof dhiisi namni ati jaallatu yoo si hin jaalanne yoo si ganes abdii hin kutatin ati Waaqayyo jireenya kee dhukkubbii fi qorichaan tolcha!

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
WANTOOTA UMURII DULLUMMAA IRRATTI ITTI GAABBUU DANDEESSAN

Yeroo dargaggeessa taanetti, waa'ee egeree osoo hin yaadin filannoo adda addaa filachuu dandeenya. Yeroo tokko tokko filannoowwan sun walakkeessa jireenya keenyaa keessatti nu madeessu. Wantoota namni tokko yeroo dulluma isaa itti gaabbuu danda'u keessaa muraasni kunooti:

1. Nama Siif Hin Taane Fuudhuu

Yeroo dargaggummaa keetiitti kaka'umsa fuudhuuf qabdu ilaali. Hiriyyoota kee fakkaachuuf, ykn ejjennoo hawaasummaaf ykn dhiibbaa irraa kan ka'e hin fuudhin. Jaalalaa fi hiriyyummaaf fuudhi, nama siif sirrii fuudhi, hiriyyaa kee dhugaa fuudhi. Sababni isaas, nama dogoggoraatti ykn sababa dogoggoraatiin yoo heerumte umurii kee guutuu nama sana waliin jiraatta. Sababa ati isa dogoggoraa filatteef, haalotni isin lamaan gidduutti hammaachuu dandaʼu; sana booda dhiphinni sammuu, miidhaan qaamaa, dhukkubbiin, salphinni, dhimmi mana murtii akkasumas hadhaa’ummaan waggoota walakkeessa jireenya kee keessa dhufu. Yeroo ijoolleen dhufan immoo haalichi caalaatti hammaata. Hiriyaa gaaʼelaaf yeroo dargaggeessa taatetti filannoo sirrii taʼe godhi.

2. Carraa Ati Itti Hin Fayyadamne

Yeroo dargaggeessa taatetti balballi hedduun ni banama, carraa hedduu argatta. Dargaggoonni hedduun sodaa, dadhabina ykn of tuuluudhaan carraawwan kana dhiisu. Dargaggeessa qaxalee ta'i. Tokko tokko immoo carraa baay'ee guddaan waan jiru waan itti fakkaatuuf carraawwan argatanitti osoo hin fayyadamiin hafu. Carraawwan jiranitti fayyadami ykn yeroo umuriin kee dulloometti duubatti deebitee carraawwan darbe sana qabaachuu barbaadda.

3. Gaa'ela Diigde

Kaadhima kee gaariitti heerumtee; ji'oonni jalqabaa gaa'ela keessa turan gaarii turan garuu yeroo muraasa booda qarshii fi hawwata keetiin hariiroo biraa qabaachuu jalqabde. Amanamummaa dhabde. Hiriyaan gaaʼelaa kee akka dhaabdu si kadhatte, ijoolleen kee si jalaa miidhamuu jalqaban, gaaʼelli kee diigamaa dhufe. Gaaf tokko yeroo umuriin kee dulloomu, dhimmoota siif hin fayyadne keessatti gammachuu yeroodhaaf qofa gaaʼela gaarii ijaaruu jalqabde sana balleessuu keef hammam gowwummaa keessa akka turte sitti dhagaʼama. Miidhaa ijoollee fi hiriyaa gaaʼelaa kee irratti geessistes ni hubatta.

4. Waaqa Ati Gante

Yeroo dulloomtetti ogeessa taata, jireenya karaa caalaatti hiikaa qabuun yeroo ilaaltu Waaqayyo caalaatti dhugaa ta'a. Garuu walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabdutti gammaduu jalqabuuf dulloomuu hin eegin. Yeroo dargaggeessa taatetti Waaqayyoon beeki, egeree kee Waaqayyoo wajjin ijaari. Dargaggeessa finciltuu yeroo umuriin deemu gara Waaqayyootti deebi'u hin ta'in.

5. Qaama Ati Miite

Jireenya kee guutuu waliin jiraachuuf qaama tokko qofa qabda. Sigaaraan, alkooliin ati garmalee fayyadamte, qorichi sammuu namaa hadoochu ati fudhatte akkasumas nyaata fayya-dhabeessi ati nyaatte suuta suutan si balleessu. Yeroo umuriin kee 50 ta’ee dhukkuboonni si qabanitti, yeroo dargaggummaa kee qaama kee osoo kunuunsitee hawwita; amma garuu miidhaan sirra gaheera.

6. Yeroo Qisaasessite:

Yeroo dargaggummaa kee kan yaaddoo, hariiroo dogoggoraa, dhibaa'ummaa, sababa baay'isuu fi waan hiika hin qabne hordofuun qisaasessite yoomiyyuu deebitee hin argattu.

7. Abjuu fi Dandeettii Ati Irratti Hojjachuu Dhiiste

Yeroo dargaggeessa taatetti dandeettii qabda. Wantoonni ati hojjechuu jaallattuu fi ga’umsa itti qabdu ni jiruu? Dandeettiiwwan sana guddifadhu, itti fayyadami, gufuuwwan si mudatanis abdii hin kutin. Abjuu kee irratti abdii hin kutin. Yoo abdii kutatte yeroo dulloomtetti hiriyoota kee kanneen waan jaallatanitti cichanii hojjetanii milkaa'an ilaaltee "Sun ana ta'uu danda'a ture" jettee ofitti yaadda. Ogummaa kee hordofi, barnoota jaallattu baradhu. Dirree si hin quubsine keessatti bara jireenyaa kee hin qisaasessin.

8. Qabeenya Ati Gattee Turte

Umurii oomishtummaa keetitti maallaqa gaarii walitti qabachaa jirtaa? Maallaqa sana kilaboota, jireenya of eeggannoo hin qabnee fi bittaa qisaasama fidu keessatti hin firfirsiin. Maallaqa sanaan investi godhii galii kee bal’isi. Yeroo dulluma keetti akka si kunuunsuuf nageenya isaa eegi.

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Nama jaallattuuf dhaala kenni.

9. Warra Ati Tuffatte

Yeroo dargaggeessa turtetti tuffii warra keetti argisiisuun salphaa sitti fakkaachuu danda'a. Garuu warri kee ammallee warra kee ta'u, ati isaan waliin walii galtus, walii galuu dhiistus, akkaataan isaanii maal iyyuu yoo ta'e. Yeroo dulloomtu, warri kee maaliif akka sitti dhihaachuu barbaadan ni hubatta. Akkuma umuriin kee dabalaa deemuun gatii isaa caalaatti argita.

10. Jaalala Dhugaa Ati Baqatte

Jireenya kee keessatti namni jaalala dhugaan si jaallatu jiraa? Nama sana hin dhiibin, yoo kana hin taane namni sun jireenya kee keessaa bahee jennaan nama bara jireenya kee guutuu si barbaachisu gonkumaa hin argattu. Nama jaalala dhugaan si jaallatu dhabdee jennaan "osoon ammallee nama sana waliin turee hoo?" jechaa akka jiraattu si taasisa.Yeroo qabdu hunda qabeenya godhadhu via Tilahun.

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Iccitii Shanan Haati Kee sitti hin Himne

❶Jireenya ofii dhiiftee siif jiraachuu ishee
❷Hirriba raftee si eeguu ishee
❸Hanga ati guddaa taatellee siif dhiphachuu ishee
❹Ciniinsuu irratti miidhamuu ishee
❺Yeroo ulfoofte dhukkubuu ishee

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Namni kamiyyuu jireenyakeef
akka siif murteessu hin eegiin.

Jireenya sirriin ati jiraachuu dandeessu isa ofiikeef murteessitedha. Sirrii fi badaan isaa immoo harka kee keessa jira. Namaan hirkoo hin godhatiin. Namni akka shambaqqooti. Guyyaa tokko laafee si jalatti cabee si kuffisa. Namni jabaadhu, ishoo siin jechuuf si jajjabeessuu danda'a malee bakka kee bu'ee siif jabaachuu hin danda'u. Bakka kee bu'ee miira keessakee siif ta'uu hin danda'u. Dhukkubbiin kanuma keedha. Namni siif boo'uu danda'a malee bakka kee bu'ee siif hin du'u. Jireenyikee akka konkolaataati. Konkolaataa namni lama hin oofu. Jireenyikees akkasi.

Namni lama siif hin jiraatu. Sumaaf suma qofa. Namni hanga bool'aatti si waliin deema malee si waliin bool'a hin lixu. Maarree nama isa kamiif furtuu jireenyaa laattee ofii balbala taatee jiraattaree? Abbalusheekoo waan jettu dhiisi. Nama hundaa gammachiisuu hin dandeessu. Namni gammachuu waan hin quufneef. Dursa ofiikeef of gammachiisi. Jireenya barbaadduuf dursa kenni🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Rakkoo keessa jirra 😎

⭕️ Yoo qabeenya horatte
"Jawwee manaa qaba"

⭕️ Yoo rifeensa guddiste
"Qawwee manaa qaba"

⭕️ Yoo isheen IPhone qabatte
"Qaama ishee gurgurteeti"

⭕️ Yoo inni Iphone qabate
"Dubartoota biyya Arabaa saameeti"

⭕️ Yoo fuute ykn heerumte
"Isaaf hin taatu/isheef hin ta'u"

⭕️ Yoo dhalchite ammoo
"Daa'imni isa hin fakkaatu"

Waan ta'emmaa dhukkubsanneerra 🤣


🌅 🤝🏾

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Hiriyaa dhabuu miti Hiriyaa siif yaadu dhabuutu si miidha!

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
#Onneen Qulqulluun waa 4 si gooti.
🔻 #Gowwaa
🔻 #Maraataa
🔻 #Daa'ima
🔻#Wallaalaa
Kanaaf kan sin kabajne kabajuun Dirqamaa Miti.

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Onnee ittiin nama jaalannu malee kan ittiin nama kadhanu hin qabnu.😁😲

🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐
Hin beeku akkan ta'u
Si malee jirachuu hin danda'u❤️
🌐 @Jireenya_jaalalaa 🌐