Nama tokkoof icciitii tee himnaan; xiyya gaaf tokko ittiin darbatee siin waraanu kanniteefii jirta.
Namni gariin hoggaa siin wal -lole tarkaanfiin isaa ta duraa
iccitii tee san facaasudha ja'an.
Iccitiin hanguma si bira qofa jirtu iccitiidha . Si malee namni biraa dhageenyaan oduu gandaa taati.
┗━━━ ━━💞━━ ━━━┛

👍47❤21👌3🔥1
彡• Re’een baala agarte qeerransa hin argitu.
彡• Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu.
彡• Bara gaddaa mataa lafa godhu
📚 @jechama
❤20👍4
Bara tokko abbaatu mucaaf huccuu ayyaanaa bituuf gabaa deeme jedhan. Namichi kun mucaa isaatiin “Huccuun si badhaasun siif bita, gosa kam filatta.” yemmuu jedhuun, mucaan deebisee, “Kan barbaade haa ta‟u, garuu hunduma keessa isa hundarra shaggaa (the best one) naaf biti.” jedheen jedhama.
Eeyyee huccuu gosa barbaade, halluu itti bareede bituu qaba. Garuu kan bitamuu qabu, hunda caalaa shaggaa ta‟uu qaba. Barataa ta‟uu dandeessa, tarree warra jajjabaa hiriiruu qabda. Daldalaa yoo taates, tarree dureeyyii, hojjetaa taatullee tarree warra urjii ta‟anii, loltuu yoo taates loltuu haqaa, konkolaachisaa taatullee isa naamusa qabu, barsiisaa yoo taates isa barataa beekumsaafi ogummaan boruuf qaru ta‟uun sirra jiraata.
📚@jechama

❤63👍11👌1
Ammuma (Yoosu) Hojjachuu irraa bu’aa argattan:
Yeroma hojiin tokko fuundura keessanitti bahe hojjachuu jalqabuun irra caalaa isaa hojjachuudha.
Hojii keessan ammuma yoo hojjattan, qabeenyaa fi yeroo keessan qusattu. Sababni isaas, yommuu hojii gara fuunduraatti dabarsitan, hojii sa’aati walakkaatti fixu dandeessan guyyaa guutuu itti gubuu dandeessu, maallaqa kafaluun adabamu dandeessu. Fkn, bishaan, elektirikii yeroo isaatti yoo hin kafalin maaltu ta’aa?
Akkuma hojii keessan ammuma (yoosu) hojjattaniin, humni qaamaa fi sammuu keessanii ni cima. Sababni isaas, hojiin amma hojjatamu ba’aa gara fuunduraatti nama qunnamu namarraa buusa.

❤63👍54👌13
Forwarded from BarannoTech
Akkam jirtu maatiwwan, harra kitaaba mammaksa Afaan Oromo jedhu kana miidhagsinee isiniin geenyu jirra, gaafii maatiwwan Keenya hedduu irratti hundoofne, mammaksa 500+ ol, haala hawwataafi miidhagaa dubbisuuf mijataa taheen isinitti jabaa.
Baayyee itti gammaddu jennee yaanna Mee seenaa ilaalaa buufadha.
Yaadaafi komii kamiifuu asirraan nu qunnamuu dandeessu: @BarannooBot
Link kitaaba: 📥

❤17