East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
332 photos
12 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
GABAASA SAGANTAA IFOOMSA GALMEE

KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA FADIS

Sagantaan ifoomsa galmee Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Fadis haala miidhagaa, hawwaataa fi gurra namaa qabatuun qophaa’ee, dura bu’oota dargaggootaa Aanaa fi Araadalee Aanaa Fadis waliin milkaa’inaan gaggeeffamee xumuramee jira.

Sagantaan kun obbolummaa, tokkummaa, qindoominaa fi kutannoo irratti kan hundaa’e ta’ee, dargaggoonni hojii kheeyrii keessatti waliin dhaabbachuun isaanii keessaa ifatti mul’ateera. Hirmaannaan isaanii keessaa jaalala hojii, wal kabajuu fi waliin hojii keessatti ummaata  gaarii uumee jira.

Akkasumaas hoggaanttoonni fi itti gaafatamtoonni Mana Marii Dhimma Islaamaa bakka isaanii irraa argamuun saganticha irratti hirmaachuun isaanii saganticha caalaatti miidhagseera. Keessattuu Shekh Abdurahmaan, itti gaafatamaa Mana Marii Dhimma Islaamaa Aanaa Fadis fi itti aanaa isaanii Shekh Yaasin argamuun isaanii gorsa, jajjabeessaa fi ummaata  obbolummaa irratti hundaa’e dabarsaniin saganticha bareechisanii jiru.

Dura bu’oonni dargaggootaa Aanaa fi Araadalee keessaa hirmaatanis obbolummaa fi tokkummaa isaanii cimsanii itti fufuuf, akkasumas hawaasa isaanii qaalii tajaajiluuf qophaa’uu isaanii jechuun waadaa isaanii mootummaa fi kutannoo guutuun ibsanii jiru.

Sagantaan kun keessaa waliin dhaabbachuu, wal tumsuu fi hojii kheeyrii keessatti qindoominaan hojjechuun akka milkaa’ina guddaatti nama geessu keessaa tookummaa gaarii dabarseera. Fuuldurattis hojii obbolummaa, tokkummaa fi tajaajilli hawaasaa akka caalaatti cimu irraa abdii guddaan mul’ata.

Rabbiin hojii kheeyrii kana keessatti qooda isaanii bahatan hunda irraa haa jaalatu. Tokkummaan keenya humna keenya, obbolummaan keenya immoo miidhagina keenyaati. Aamiin.
🔗 𝐋𝐈𝐍𝐊 𝐆𝐀𝐋𝐌𝐄𝐄 𝐑𝐀𝐒𝐌𝐈𝐈:
🌐 https://membership.emyc.et
📲 Odeeffannoo hojii fi sagantaa guyyaa guyyaa argachuuf page keenya hordofaa:
🔗 https://www.facebook.com/share/1D77V1ejzE/
👍 Follow | Like | Share
Chaanaalii Telegram keenya irratti nu hordofaa, wal biraan gahaa!

🔗 https://t.me/IAK31
Chaanaalii keenya irratti:

Barnoota Diinii fi hawaasummaa
Odeeffannoo hojii dargaggootaa
Ergaalee tokkummaa fi obbolummaa
Sagantaalee fi hojii Kaawunsilichaa
Hubannoo fi gorsa dargagoottaa muslimaa,  hawaasummaa
ni argattu.
📌 Isinis:
• Join godhaa
• Share godhaa
• Obboloota keessan affeeraa
• Odeeffannoo gaarii wal biraan gahaa
Dargaggoonni har’aa ummaata boruu ijaaru. Kanaaf: 🔥 Ka’i!
🔥 Hirmaadhu!
🔥 Miseensa ta’i!

🕌 KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA GODINA HARARGEE BAHAA
East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ–MYC)

“Dargaggoota Cimaa Ijaaruun, Ummata Cimaa Ijaaruudha!”

https://t.me/IAK31