East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
332 photos
12 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
8 Habits for Success

1.Read every day
2. Focus on high-level tasks.
3. Make your health a priority.
4. Learn from people you admire.
5. Plan your day the night before.
6. Keep your goals in front of you.
7. Take action, even when it's scary.
8. Have a powerful & inspiring "why."
📚 WAANTOOTA NAMA SOOMANU TOKKO IRRAA BARBAACHISAN 📿
•┈┈┈┈•✿🍃🍂🍃✿•┈┈┈┈•

🏷 ينبغي للصائم ان يكثر من الطاعات، ويجتنب جميع المحرمات ،فيصلي الصلوات الخمس في أوقاتها مع الجماعة، ويترك الكذب والغيبة والغش،والمعاملات الربوية،وكل قول او فعل محرم.

✅️ Namni soomana soomu :-

✔️ Ibaadaa Rabbii heddummeessuu
✔️ Haraama hundarraa fagaachuu
✔️ Salaata shanan yeroo isiitti
Jamaa'aadhaan salaatuu
✔️ Kijiba dhiisuu
✔️ Nama hamachuu
✔️ Nama gowwoomsuu
✔️ Dhala (Ribaa) nyaachuu fi
✔️ Jechootaa fii hojiilee dhoowwa tahe hundarraa fagaachuu qaba.

🏷 قال النبي ﷺ " من لم يدع قول الزور ،والعمل به ،والجهل،فليس لله حاجة في ان يدع طعامه وشرابه."
[رواه البخاري]

🪴 Nabiin keenya ﷺ akkana jedhan :

''Namni jecha cubbuu haasawuufii itti hojjachuu hindhiisin, kan Wallaalummaa(badii) hindhiisin rabbiin nyaataafii dhugaatii 
dhiisuu isaarraa dantaa hinqabu''

📚 Bukhaariitu Gabaase 📚

💭 Anaafi isinillee warra soomane irraa milkaawu nu haa godhu
As wr wb obboleeyyan kiyya.
Soomana guyyaa 9ffaa xumurree 10ffaa eegaluuf jirra alhamdulillaah.

Rabbiin nurraa haa qeebaluu jabaadhaa.
👍2🔥1
Wantota sooma keessa eeyyamaman
**
1/ Bishaan keessa seenuu fi ofirra naquun, dhangalaasuun ni taa.

Hadiisa keessatti akka dhufetti Rasulli (SAW) haala soomaa jiranuun dheebuu ykn gubaarraa kan ka’e bishaan ofirra dhanglaasu turan”. Ahmad, Maalikii Fi Abuu Daawudtu sanada sahihaan gabaasan. 
Fedhii namtichaatiin male yoo bishaan garaa isaa seene soomni isaa hin cabu.

2/ Janaabaan osoo jiranii fajriin namatti ba'uun sooma hin miidhu.
وفي الصحيحين عن عائشة رضي الله عنها، أن النبي صلى الله عليه وسلم " كان يصبح جنبا، وهو صائم، ثم يغتسل ".

Bukhaarii fi Muslim keessa akka jirutti Rasuulli (SAW) soomaatuma janaabaan bulanii ganama erga ifee dhiqatu ture.

3/ Kuulii ijaa kuullachuu, ijatti waa cobsachuu fi kkfn ituma dhandhamni isaa itti dhaga'ameellee sooma hin cabsu. 
وعن أنس: " أنه كان يكتحل وهو صائم ".
Anasirraa akka dhufetti odoma soomaa jiruu kan kuullatu ture.

4/ Nama of eeggachuu danda’uuf haadha manaa isaa dhungachuun ni eeyyamama:
فقد ثبت عن عائشة رضي الله عنها قالت: " كان النبي صلى الله عليه وسلم يقبل وهو صائم، ويباشر وهو صائم
Aa'ishaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) “osoo soomanii kan dhungatan turan”. Hadiisni umar irraa odeeffames akka inni eeyyamamu agarsisa. Kana keessatti jaarsaa fi dargaggoo osoo adda hin basin yoo kan shahwaa /fedhii/ kaasu ta’e dhorgamaa dha. yoo homaa fedhii hin kakaafne ta’e rakkoo hin qabu.

5/ Koobbannaa:
فقد احتجم النبي صلى الله عليه وسلم وهو صائم رواه البخاري
Bukhaarii keessatti akka dhufetti ergamaan Rabbii (SAW) soomaa koobbataniiru. Khilaafni jidduu ulamaa ni jira. Garuu yoo kan dhiigni ba’u qaama namichaa dadhabsiisee sooma irraa isa laaffisu ta’e dhisuutu filatamaa dha.

6/ Lulluuqqachuu fi bishaan funyaan seensisuu:
Lulluuqachuu fi bishaan funyaan seensisuun rakkoo hin qabu. Garuu fuuyaan seensisuu kassatti daangaan ga’uun barbaachisaa miti.
فعن لقيط ابن صبرة أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " فإذا استنشقت فأبلغ، إلا أن تكون صائما ".رواه أصحاب السنن. وقال الترمذي: حسن صحيح.

Laqiix Ibnu Saburaa irraa akka odeeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan: “Yeroo funyaan seensifattu yoo kan hin soomne taate daangan ga’i”. warra sunanaa arfantu gabaasan.
Namni soomu qoricha funyaan keessa kaa'achuu beektoleen dhowwaniiru.  Nama lulluuqqatuu fi bishaan funyaan seensifatu kassatti yoo osoo inni hin barin bishaan garaa seene soomni hin badu jecha jedhutu filatamaa dha.

7/ Beektoleeen akka jedhanitti marfee waraannachuunis sooma hin cabsu.

8/ Akkasumas wantootni eeggachuf hin mijoofne kanneen akka gororaa, dhukkee /quttoo karaa irraa, daakuu mana baaburaatii namatti quttaa'uu fi kkf sooma hin cabsan.

قال ابن عباس: لا بأس أن يذوق الطعام الخل، والشئ يريد شراءه.
Ibnu Abbaas akka jedhetti namni nyaataa fi wanta bituu fedhu dhandhamuun sooma isaa hin cabsu. Foolii gaari urgeeffachuun, shittoo garaa garaa dibachuun, kuuliinii fi kkf’’n sooma hin cabsan.

9/ Nama soomuuf hanga fajriin bahutti nyaachuu, dhuguu fi wal-qunnamuun ni eyyamama.
روى البخاري، ومسلم، عن عائشة رضي الله عنها: أن النبي صلى الله عليه وسلم قال: " إن بلالا يؤذن بليل، فكلوا، واشربوا، حتى يؤذن ابن أم مكتوم ".
Aa’ishaa irraa akka odeffametti Rasuulli (SAW) akkana jedhan "Bilaal halkaniin azaanaa hanga Ibnu ummi maktuum azaanutti nyadhaa dhugaa." Bukhaari fi Muslimtu gabaasan.
Ibnu ummi Maktuum kan azaanu yeroo salaanni ga'e eeggateeti.

10/ Dubartiin aadaa ji'aa /haydii qabdu ykn dhiiga dahaa qabdu yoo fajrii dura irraa cite eega fajriitii dhiqattee soomu ni dandessi.

©️ Gaalii Abbaa Boor
𝐖𝐀𝐋𝐋𝐎𝐎𝐍 𝐍𝐔 𝐖𝐀𝐀𝐌𝐀𝐀 𝐉𝐈𝐑𝐔𝐔!

Waraana ummata Walloo irratti baname waan salphatti laaluu qabnuu miti. Hawaasni hundi bakka hundaa dammaqee waan kana mormachuu qaba. Imaamonni masjiidaa, majliisni naannoleetiifi hoggantoonni majliisa federaalaa, dhimma kanarratti waan danda’an hunda godhuu qaban. Osoo hawaasni Walloo dhumu, osoo miidhaan jechaan ibsuun hin danda’amne isaan irra gahu cal’isuun hin taatu. Hundi dammaqee mootummaa irratti dhiibbaa godhee, hawaasa kanaaf dirmannaan akka taasifamu godhuu qaba. ummanni Walloo qaama keenya. Miidhamni isaanii miidhama keenya. Roorroo walirratti laaluun hin taatu. Bakka jirruu waliif dirmachuu qabna.

Ummata Walloo irraa waraanni dhaabbatee hin beeku. Ta’us yeroo Ramadaanaa eeguudhaan obboloota keenya irratti gocha gara jabeenyaa hedduu raawwachuu irratti argaman. Kun ammoo waan akka tasaa mudate osoo hin taane waan itti yaadamee hojjatamaa jiruudha. Kanaafuu bara baraan rakkoo deemaa jirtu tana dhaabsisuudhaaf namuu bakka jiruu dammaqinaan hirmaachuu barbaachisa.

Waraana hamaa yeroo ammaa godina Walloo keessatti gaggeeffamaa jiruun, namoonni madaawan wal’aansa gahaa argachutti hin jiran. Gara Magaalaa Adaamaa deemanii akka hin wal’aanames karaa cufaadha. Imala dheeraa baasii guddaa gaafatuun namoonni muraasni gara magaalaa Adaamaa deemuun tajaajila wal’aansaa muraasa argachaa jiran. Warri carraa argatee gara magaalaa Adaamaa imale kunis gargaarsa nurraa barbaada. Nuti hundi bakka jirrurraa wal gurmeessinee, namoota wal’aansaaf gara Adaamaa deeman kana bira dhaabbachuu qabna. Waan qabnu walitti buusnee obboleewwan keenyaaf tumsuun dirqama Islaamummaati.

Rabbiin ummata Wallootiif haa dirmatu. Tumsa isaatiin isaan bira dhaabbatee nasriin isaan haa gammachiisu
👍1🔥1
Hooggantoonni Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa namoota lola humnoonni finxaaleyyii faannoo uummata Oromoo Walloo irratti bananiin miidhamanii Hospitaala Adaamaatti wal'aanamaa jiran daawwatuun deeggarsa taasisaniif.

Jilli hooggantoota Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa kanneen akka Pirizidaantii Mana maree dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa
Sheek Jamaal Muussaa, Itti gaafatamaa Hajjii fi Umraa  Sheek Jamaal Aliyyii fi Barreessaa Majliisa Oromiyaa Doktar Mohaammad Hakiim dabalatee abbootii amantaa muslimaa biroo of keessaa qabu har'a waaree booda miidhamtoota Hospitaala Adaamaa jiran bira dhaquun jajjabeessanii jiru.
🎉2
Salaatni Tarawiihaa Sunnaalee Ramadaanaa Jajjabduu Kheeysaa Tokko..

Inniis Araarama Rabbii namaaf arkamsiisa.. akkuma Ergamaa Allaaha irraa dhufetti.. " Namni halkan Ramadaanaa Dhaabbate dhugoomsaa haala tahee fi Ajrii Rabbirratti hisaabbataa haala taheen.. Diliin isaa tan dabarte hundi isaaf araaramamti..

Akkasuma dhaabata halkanii kan Ramadaana booda irratti nama leenjifti.. sha3aa'ira Amantii islaamaa mullisu kheeysaa tokko..

Lakkofsi Murtaawaan 'hangana salaataa' ja'u Ergamaa Allaahaa irraa nutti hin dhufne... ammoo Irra hedduun salaata Rasuulaa SAW kan halkanii 11-13 ture.. yeroo tokko tokkoos sanii ol salaata..

Waa'ee lakkoofsa salaata halkanii kheeysatti Salafoota kheenya gaggaarii irraa oduu garagaraatu nutti gahe.. kan 11 ja'uu fi kaan 23, kaan 39.. kana malees ni jira.. akka walii galaatti, sunnaan halkanii lakkooysaan murtooytuu miti.. namuu hanga dandahu salaatuu ni dandaha.. kan 11 filattee fi kan 23 or 39 filatees karaarraa hin baanee..

Qabxiin biraa Ergamaan Rabbii SAW akkana ja'an.. " Namni Imaama wajjiin salaate hanga Imaamni fixatutti.. sawaaba dhaabbata halkan guutuutu isaaf katabama".. kanaaf imaama duubaan salaanne hanga inni fixatuu isaa wajjiin turuun keenya ajrii guddaa qabaachuu isaa hin dagatinaa..

Hubachiisa: Akka fatwaa Ulamaa'ii rraa kennametti.. Imaamni masjidaa yoo nam lama tahan.. kan dhaabbata walii gargaaran, kana jechuun:( tokko hanga duraa namaan salaatee, kaaniis hanga boodaa namaan salaatu).. isaan lamaanuu akkuma imaama tokkootti laalaman.. saniifuu ajrii dhaabbata halkan guutuu arkachuuf, imaamni jijjiiramuus hanga salaatni dhumuu turuun keenya barbaachisaa dha jachu..

Salaatni taraawiiha jamaa'aan salatamuun isaa beekkamaa dha.. kuniis dhalaaniis dheeyxee salaatuu ni dandeeysi jachuu.. yoo fitnaan amanamte.. bikka fitnaan sodaachisutti ammoo manumatti salaatuu tu barbaachisa jachu..

Ergaa tana wanniin boodaan fideef.. naannoo hedduutti shamarranii fi dargaggoon tokko tokko maqaa salaata Taraawiihaatiin manaa bahanii haalli badaan Rabiin hin jaalanne isaanirraa mullata..

Diliin Ramadaana kheeysaa, akkuma Ibaadaan dachaa taatutti..

Qixaaxni dilii tiis dachaa tahuun isaa beekkamaa dha..

Rabbi haa sodaannuu obbaleeyyan..

Jia kana keeysaas ibaadatti haa jajjabaannu..

Rabbi nuuf haa laffisu.
🛑 Laylatul qadri warra salaatuufi warra masjiida keessa jiru qofaafii miti

Warra xurii laguu irra jiruu fi warra dhiiga dahuumsaa irra jiran, imaltoota... faayidaan halkan kanaa isin hindarbin. Zikrii fi ibaadaawwan garagaraatin jajjabaachuu qabdan. Halkan san keessatti du'aa'ii baayyisuu hindagatinaa laylatal qadri warra salaatuu fi warra masjiida keessa jiran qofaafii miti.

Namni baayyeen masjiida yoo hindeemin faayidaa(kheyrii) kana waan argatu itti hinfakkaatu. Kun dogongora! Wanni guddaan nurraa eegamu ibaadaarra jiraachuu keenya.  Nama dandeettii qabuuf garuu suunnaa Nabiiyyii keenya jaalatamaa(saw) hordofuuf masjiida osoo jiraannee nijaalatama. Yoo hindandeenne bakkuma jirrutti kan hojiirra jiru bakka hojiitti kan mana jiruu manuma keessatti ibaadaarratti jajjabaachuu qaba.

Rabbi laylatul qadriin nu haa qunnamsiisu!
#Eenyutu Leylatul Qadriin argata?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Guyyaa sana beekuuf beekuu dhabuu miti dubbiin, Kurnan xumuuraa keeyritti cimuudha malee.

#Namni halkan san niyyaa tolfatee tattaafate kamuu badhaasa kana ni goonfata!

#Dhukkubsataan hospitaala siree gubbaa jirus.

#Imalaan imala irra jirus Namuu bakka jirutti halkan kana zikrii fii waan shari'aan hojjachuu isaaf hayyamte yoo hojjate ni argata!

#Halkan kana maaltu hojjatama?!
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

#Salaata (Magribarraa qabee hanga subhiitti,salaata sunnaalees)
#Qur'aaana qara'uu
#Zikrii heddummeessuu.
#Sadaqaa kennachuu.

#wanta keyri jedhame, hundaa hanga danda'ameen godhuu dha!

Du'aa'ii halkan leeylatal qadrii jedhamtu
ाााााााााााााााााााााााााााााााााााा

سألَتْهُ صلى اللهُ عليهِ وسلَّمَ عائشةُ رضي الله عنها : إنْ وافقتُها فبِمَ أدعو؟ قال قولي : اللهمَّ إنك عفوٌ تحبُّ العفوَ فاعفُ عني.

🏷Allaahumma innaka afuwwun, tu hibbu al-afwa fa'afu annii.

Yaa rabbii kiyya ati irra namaaf dabraadha, irra namaaf dabruus jaallatta, irra naaf darbi.
As wr wb

Jabeenya argachuuf jabaatanii hojjachuun gahaadha
Knowing more is occur with Reading more.

Reading more need your time management.

TO manage your time be ready your self.

Then you can achieve to your goal in aim of allah!!!
🎉2
Jiraachuun Keenya nu qofaaf osoon hin taane uumama biroo hin fayyadu taanaan jiraachuu dhabuutu caala!
Mul'ataaf malee mul'achuuf hin hojjatin

Mul'anni kee bakka ati gahuu barbaaddu sitti mul'isa. Namni mul'ata qabu mul'ata isaa galmaan gahuuf jiraata. Namni mul'ata isaa galmaan gahuuf hojjatu galma ni ga'a. Namni mul'achuuf hojjatu galmi isaa mul'achuuf males mul'ata waan hin taanef galma gahu hin qabu.

Namni mul'ata qabuu fi mul'ataaf hojjatu akka Ifaa bara baraan hin dhaamnetti mul'anni isaa ol baasee isa mul'isa. Namni mul'achuuf hojjatu immoo yeroo ta'eef akka Ifaa billic jedhee takka ifee deebi'ee dhaamuu mul'atee bada. Yoomiyyuu yoo ta'e mul'achuuf osoo hin taane, mul'ata kee galmaan gahuuf hojjadhu.

Uffata feete uffadhu, konkolaataa feete qabadhu, barbaaddu xiyyaara feete qabaadhu, qabeenyi kee ittiin mul'achuuf osoo hin taane mul'ata kee galmaan ga'uuf hojjadhu. Waan mul'ata ittiin galmaan geessu malee waan ittiin mul"attu barbaadutti yeroo kee hin gubin. Addunyaa kan jijjiiran namoota mul'achuuf dhama'an osoo hin taane, namoota mul'ata galmaan ga'uuf dhama'aniidha.
The owner of this channel has been inactive for the last 17 months. If they remain inactive for the next 10 days, they may lose their account and admin rights in this channel. The contents of the channel will remain accessible for all users.
❤️❤️❤️❤️🎓
Channel name was changed to «East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)»