East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
359 photos
14 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA DADAR
Araddaa Biyyoo Nagayaa

Guyyaa har'aa Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Aanaa Dadar Araddaa Biyyoo Nagayaa keessatti marii bal'aa gaggeesseera.

Mariin kun bakka Duraa Bu'oonni Kaawunsilii fi bakka bu'oonni Mana Maree Dhimma Islaamaa Aanaa Dadar irratti argamanitti gaggeeffameera.

Mariin kun hojii kaawunsilii, gahee dargaggootaa, tajaajila hawaasaa fi kallattii hojii fuulduraa irratti xiyyeeffachuun adeemsifameera. Hirmaattonni mariichaa yaadaa fi gorsa isaanii dhiyeessuun hojii waloo irratti waliigaltee gaarii irra ga'aniiru.

Rabbiin hojii keenya keessatti milkaa'inaa fi bu'aa gaarii nuuf haa kennu.

Ustaaz Furqaan Sheekh Mohammad
Kominikeeshinii
Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Dadar
1
🕌 Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Godina Harargee Bahaa

Assalaamu'alaikum Warahmatullaahi Wabarakaatuh.

Galmeen miseensummaa akkuma itti fufeetti jira. Akkasumas caasaan ijaarsaa Kaawunsilii Aannaa irraa gara Araadaatti, Araada irraa immoo gara Gandaa keessatti ciminaan ijaaramaa jira. Alhamdulillaah.

Jabaadhaa dura-bu'oota Aannaalee hunda! Hojii cimaa fi bu'a qabeessa hojjechaa jirtanitti galanni guddaan isiniif mala. Rabbiin humnaa fi milkaa'ina isin haa dabaluu. Tokkummaa fi kutannoon itti fufuun Kaawunsilii keenya caalaatti haa jabeessu.
https://t.me/IAK31

Jazakumullaahu Khayran.
👍1
🤝 Warri miseensota haaraa add godhaa jirtan hundi keessan, Rabbiin isin irraa haa qeebalu.
📢 Ammas hojii gaarii kana itti fufaa; hiriyyoota,  keessaan affeeraa, miseensota haaraa add godhaa.
📿 Tokkummaan keenya haa cimu, hojii kheeyrii keenya haa dagaagu. Rabbiin hojii keessan keessatti milkii fi barakaa isin haa badhaasu.
https://t.me/IAK31
Jabaadhaa! Itti fufaa!
Warri hanga ammaatti hin galmaahin, linkii armaan gadii fayyadamuun ammauma galmaa'aa!
🔗 Linkii Galmee: https://membership.emyc.et
Miseensa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Itoophiyaa (EMYC) ta'aa! 💚🤝
1👍1
بسم الله الرحمن الرحيم
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Oduu Gammachiisaa
Waxabajjii 20, Bara 2018 A.L.I., Aanaa Mayyuu Muluqqee, Araddaa Ciirraatti sagantaan ijaarsa Kaawunsilii Dargaggoo Muslimaa haala gaarii ta'een gaggeeffameera.
Sagantaan kun bakka:
Itti Gaafatamaa Kaawunsilii Dargaggoo Muslimaa Aanaa Mayyuu Muluqqee, Sheek Abdulqaadir Muussaa Ahmed,
Itti Aanaa Dhimma Islaamaa Aanaa Mayyuu Muluqqee, Kabajamoo Sheek Ahmed Xayyiib,
Itti Gaafatamaa Dhimma Islaamaa Araddaa Ciirraa,
akkasumas koree isaanii fi hirmaattota biroo argamanitti raawwatame.
Saganticharratti kaayyoo, hojii, gahee fi barbaachisummaa Kaawunsilii Dargaggoo Muslimaa irratti mariin bal'aan taasifamee hubannoon cimeera. Marii bu'a qabeessa sanaan boodas Kaawunsiliin Dargaggoo Muslimaa Araddaa Ciirraa sirnaan hundeeffamee, miseensonni hoggansa isaa waliigaltee irratti hundaa'een muudamanii hojii isaanii eegaluuf qophaa'aniiru.
Milkaa'ina hojii kanaaf qaamolee hunda gumaacha isaanii taasisaniif galanni guddaan ni mala.
Rabbiin hojii kana keessatti nu milkeessu, dargaggoota keenya immoo tokkummaa, beekumsaa fi hojii gaggaariidhaan haa jabeessu. Aamiin.