East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
359 photos
14 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
🕌 As-Salaamu Aleykum Warahmatullaahi Wabarakaatuh
Alhamdulillaah, Waxabajjii 14, 2018 A.L.I irratti Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Aanaa Mayyuu Muluqqee bakka hoggantoonni Dhimma Islaamaa fi hojii dargaggootaa argamanitti, Amiirrota Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Araddaa Finxabas waliin marii bal'aa fi bu’a qabeessa ta’e gaggeesseera.
Mariin kun hojii dargaggootaa cimsuu, hojii da’awaa babal’isuu, akkasumas tokkummaa, obbolummaa fi qindoomina hojii keessatti dargaggoonni Muslimaa gahee isaanii akka guddisan irratti xiyyeeffatee gaggeeffameera.
Marii kana keessatti hojiiwwan yeroo itti aanu irratti kallattiiwwan garaagaraa kaa’amanii, hojii ijaarsa dargaggootaa, leenjii, hubannoo amantii fi tajaajila hawaasaa irratti caalaatti akka hojjetamu irratti waliigalteen gaariin irra gahameera.
Rabbiin ﷻ hojii gaarii kana keessatti hirmaattota hundaa haa milkeessu; hojii isaanii keessatti ikhlaasa, obsa fi milkaa’ina isaanii haa dabalu.
🤝 Tokkummaan Humna 📿 Obbolummaan Bu’uura Milkaa’inaa 🕌 Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Mayyuu Muluqqee