East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
357 photos
12 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
HARDHA WAAYEE JINJANAA DUBBANNA😁!
.
Namoonni gariin yeroo dheeraa Wal janajjanuudhaan dabarsu
Jinjanaa tana hedduu jaallatu
Sa'aa lama sa'aa sadii sa'aa afur
Dargaggeessaa fi shamarri takka taa'anii chat waliif godhu

Maal.jechuu barbaade seetan
Namoonni akkanaa sa'àa dheeraa kana hunda obsa yoo qabaatan ta'e Jireenya keessan keessatti hoo hagam takka obsa waan biraatiif qabdan
Garaagarummaa nama milkaa'ee fi nama kaan gidduu jiru nuuf hin galle malee xiyyeeffannoodhaan waan tokko irra turuu danda'uudha maal.jechuudha seetan hanga xiyyeeffannoo keessan jinjanaa irratti deebistan San teette hintala takka janajjantu hanga teettee gurbaa tokko janajjantu San
osoo Xiyyeeffannoo Kee hojii irratti barnoota irratti kitaaba dubbisuu irratti deebiftanii Ni milkooftanii beekaa!

Guyyaa gaarii🙏
WAAN HIN FAKKAANNE GARUU DHUGAA TA'E!!!

1. Sinbirroon hin fincooftu.

2. Goondɑɑn tɑsumɑɑ hin rɑfu; sombɑs hin qɑbdu hojjetɑɑn wɑggɑɑ 7, Giiftiin Goondɑɑ wɑggɑɑɑ 15 jirɑɑtu.

3. Shɑɑrki ɑbɑdon hin dhukkubsɑtu.

4. Fɑrdi dhɑɑbbɑtee mɑlee ciisee hin rɑfu.

5. Kɑnniisni gɑrɑɑ lɑmɑ qɑbdi kɑn Dɑmmɑɑ fi kɑn nyɑɑtɑɑ.

6. Shɑɑrkiin ɑdii inni guddɑɑn osoo hin nyɑɑtin ji’ootɑ 3f turɑ.

7. Goondɑɑn ɑddunyɑɑ kɑnɑrrɑɑ hundi nɑmɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ hundɑɑf utuu hirɑmee Goondɑɑ miliyoonɑ 1 nɑmɑ tokko qɑqqɑbɑ.

8. Bɑrɑriin mɑtɑɑn ishee irrɑɑ cite lubbuun torbɑn tokkoof keessɑɑ hin bɑhu.

9, Hɑrreen ɑl tokkotti Miillɑ ishee ɑrfɑn ɑrguu dɑndeessi.

10. Doolfiiniin Bishɑɑn keessɑtti fɑgeenyɑ KM 24 irrɑtti sɑgɑlee dhɑgɑhuu dɑndɑ’ɑ.

11. Bookeen busɑɑ ilkɑɑn 47 qɑbdi.

12. Sɑrɑrri hɑrree didoo kɑmuu wɑl hin fɑkkɑɑtu.

13. Billɑɑchi miillɑ duubɑɑn dhɑndhɑmti.

14. Qɑɑmni sɑɑlɑɑ sɑrɑriitii dhiirɑɑ miilɑ isɑɑ irrɑtti ɑrgɑmɑ.

15. Kɑnniisni ijɑ shɑn qɑbdi!

16. Booyyeen ol jettee wɑɑ ɑrguu hin dɑndeessu!

17. Hɑntuutni yoo beellofte eegee ishee nyɑɑtti.

18. Hɑɑdhɑ mɑnɑɑ isɑɑf bineensi ɑmɑnɑmɑɑ jeedɑlɑ qofɑ.

19. Weeliin cuquliisɑɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ irrɑɑ guddinɑɑn hundɑ cɑɑlɑ.

20. Hoosiftootɑ keessɑɑ kɑn bɑlɑli’u simbirɑ hɑlkɑnii qofɑ yoo tɑhu Miilli ishee qɑqɑlloo wɑɑn tɑ'eefis deemuu hin dɑndeessu.

21. Simbirri hɑlkɑnii yeroo hundɑ holqɑ keessɑɑ yoo bɑhɑn gɑrɑ bitɑɑtti bɑlɑli’u.

22. Bofti dunuunfɑtus qolɑ ijɑɑn ni ɑrgɑ.

23. Bookeen busɑɑ inni dhiirɑɑ hin ciniinu.

24. Hɑntuunni lɑgɑɑ ji’ootɑ 18 keessɑtti hɑntuutni 2 qofti firɑ miiliyoonɑ 1 ni horɑtti.

25. Kɑnniifni tokko dɑmmɑ fɑllɑɑnɑ tokko qopheessuuf yoo xiqqɑɑte dɑrɑɑrɑɑ 4000 dhɑndhɑmti.

26. Cilɑlluun wɑggootɑ 3f wɑlitti ɑɑnsee rɑfuu dɑndɑ’ɑ.

27. Hɑɑdi sɑrɑriitii lɑmɑ osoo wɑlirrɑ bu'ee ɑkkɑ sibiilɑɑ ni jɑbɑɑtɑ.

28. Arbi fɑgeenyɑ Mɑɑyilii 3 irrɑtti bishɑɑn jirɑɑchuu isɑɑ ɑddɑ bɑɑsuu ni dɑndɑ’ɑ.

29. Qurxummiin Oyistiir jedhɑmu gɑɑfɑ wɑlqunnɑmtii gochuu bɑrbɑɑdu sɑɑlɑ isɑɑ gɑrɑ fedhetti ni jijjiirrɑtɑ.

30. Addunyɑɑ irrɑɑ wɑggɑɑ wɑggɑɑn oomishni 1/3 n ilbiisotɑɑn ni mɑncɑ’ɑ.

Kun hundumtuu rɑbbi tɑ'ɑɑ jennɑɑn hɑɑlɑ kɑnɑɑn Uumɑmɑn. Kɑnɑɑf mee uumɑɑ wɑɑqɑɑ kɑnɑ ilɑɑllee hɑɑ dinqisiifɑnnu!


sʜᴀʀᴇ💯sʜᴀʀᴇ💯sʜᴀʀᴇ
Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani.

Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata. Kayyoon kenyaa dhaloota boruutif riqichaa tannee tarkaanfachuu sudha.
Forwarded from Kedir Yakob
بسم الله الرحمن الرحيم

Ibsa RVUHC Muslimaa Jama'aa Dhimmoota Islaamummaa Dhimma dura bu'ootaa ilaalchisee baase
Akkasumas miessensa hundaaf
25/03/2016
Qabxii 6
Hunda dura Rabbii guddaaf galanni haa ga’u. Wan yeroo dheeraa hawwa turre, jechaa duraan hawwasin barattoota University jechaa jiruu nuura kaasee seenaa ajaa'ibaa tan takka hin hojjatamanii, Sirna ummataaf dhaabbatu kan umaanii keenyaa irraa fudhatuu,kan sabaafi sablammii biyyattii tokkoomsu, abbaa Nageenya labaasu ,kan jalaala magarsee jibbaa fageessuu, seenaa bar baran yaadatamaatu, akkasumas dubartoota dhaloota borii
Diiniin faayee baasuu waan tayeef
Dubartii gamaa lamaan qaraamte,adunyaaf gumaachuuf maqa dubartoota kenyaa mirga kabachiisu nuuf fide. Sheka kenyaa kabajamaa fi Jalaatamaa Sheka Tajuu Ahmad, barattoota kenyaa baranoota dhabbataan akka baratan godhee barasiisuuti jiraa, Kitaaba isaan barbaachisu bilisaan barattoota Muslimaatiif Ken jira. RVUHC MJ akka biyyaatti mul’ataa ta’an kennuufi sadarkaa fedaraalaati dhufanii akka dawaatan godhuudhaan degarsaa isaan barbaachisu kamiyyuu akka argaatanif karaa saaqe jira akkasumas sadarkaa (scholarship) akka ergaama Majilisaa fedaraalaa irra kan dhufee Sheka Harif waadaa seniif jira kkf irratti ni galateeffanna.
Akkuma beekamu shekini keenya yeroo ammaa barattoota college walitti hidhu irratti fuulleeffattee jira. Ilma sheka Adam Tullaa adunyaa irratti dhifaate demeedha, hawaasinni Muslimaa nama akkan kanaa ijolee ianif dhabbate qabaachuun Isaani badhaasa badhaasa caaluudhaa, sadarkaa University biyyaatti keessatti mul’ataa Guddaan hundeeffama ta'ee argamuun nuuf gammachuu guddaadha. yeroo ammaa tana barattoota kenyaa hundaa bifa isaaf mijaate baranoota walitti fufiinsa qabu akka argatu irratti fuulleeffattee barasiisaa jira.
Nuti akka RVUHC Muslimaa Jama'aa Dhimmoota Islaamummaa itti gaafatama guddaa barattoota Muslimaa waan qabnuuf wan danda'enyu hundaa tumsuu cinnaa dhabaachu dirqama qabna.

1.Barattooni muslimaa dhaabbata bakka isa bu'u RVUHC MJ dhimmoota Islaamummaa cinaa dhaabbachuun tattaaffiin Kayyoo Jama'aa dhugoomsuu godhamu keessatti, beekumsan, qabeenya,duraas dhimma Jama'aaf yeroo kenuudhan, obsaan, hifaana tokko maleetti, cinaa akka dhaabbatan waamicha goona.

2. Duraa bu'ooni imaana isaan irratti gatame fulduree Rabbiiti irra gafatamaan bekkaatani galmaan ga’uuf tattafachuu akka qabaan cimsinee isiin hubachiisan:
3. Barattooni Muslimaa Namuusa mirgaa isaa kabachiifachuuf dhaabbata isaa Jama'aa cinaa dhaabbachuun sochii cimaa gaggeessuuf, Namuusa Amantii teenyaa eguu, Fakkenyaa biyyaa ta'uu, Namuusa garii horaachuu wan namusaa Jama'aa fi Namuusa keessaan xuqquu irra akka of eeggatu waamicha taasifna.

4. Baranoota gamaa shamarani egalamee kan galmaan ga’uuf ykn gonfaachisuf, Barattooni muslimaa tokkummaa fi waldhaga'uun, wal jajjabbessuun, wan ta'eef Barattooni muslimaa milkaa’ina adeemsa kanaatif bakkaa bu'ootaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin akka dhaabbatu waamicha goona.

5. Duraa bu'ootaa itti gaafatamummaa isanii qixaa barbaadameen hin raawwane, caasalee Jama'aa garaa garaa keessa jiran calaluun qaamolee Anaatuman hojjaatan,fi kan hin hojjane akka amaan durati maqaadhaaf itti gaafatamummaa badhaatani waggaa naa huu qamaa kamiifuu obsa hin qabnuuf, qaamolee akkan sakatta’ee ejjannoo fudhachuun caaseffama isaa akka qulqulleessu  waamicha goona.

6. Adeemsa marii Jama'aa keenyaa keessatti barattooni muslimaa baay'inaan hirmaachisuun rakkoowwan, gaaffiiwwaniifi ajandaalee barattoota muslimaa barootaaf harkifamaa dhufan kaasuun Jama'aa barattoota hunda walqixxummaa fi haqqummaan keessumeessuu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti  gahee keenya akka ba'annuuf waamicha goona. Mashaallahaa, Allaah Kubra Allaah Kubra Allaah Kubra. Dhuma irratti maqaa RVUHC MJ, Bayee Galatoomi jennaani sheka kenyaa inshaallaha kayyoo kee dhugomsuudhaaf, daqiiqaa mitii secondit takkaa off dubaa hin jennuu Bi'iznillahi.
RAKKINNI HAA RAKKATU! (1).pdf
574.3 KB
Share 'RAKKINNI HAA RAKKATU! (1).pdf'
WANTOOTA HOJII IRRATTI DHIIBBAA UUMAN

■ NAMAAN DORGOMUU?
➶ Hojii hojjettus ta’ee waan irratti bobbaatee jirtu irratti namaan dorgomuuf osoo hin taane ofii keen dorgomaa hojjechuutu irra filatamaadha. Akka ilaalcha kootti ofii keen dorgomuu yeroon jedhu si isa kaleessaa caalaa si isa har’aa hojjechiisuu jechuudha.

➪ Fakkeenyaaf kaleessa waan hojjette tokkotti dhibbantaa digdamii shan taanan si isa har’aa immoo shantama
hojjechiisuu yaaluudha. Karaa biraan namaan dorgomuun kee rakkoo inni sitti uumuu danda’u muraasan sii kaasa.

➪ Namaan dorgomuun kee wantoota wanta ati qabattee jirtu irratti gufuu ta’aniif si saaxiluu danda’a. Innis hinaaffaa, jibba nama sana
cabsuuf karaa barbaaduu, kunimmoo gufuu kan inni sitti ta’uu danda’u silaa ati qooda hojii kee sammuu kee qulqulluun irratti xiyyeeffattu. wanta toora tokko ol si butuu hin dandeenye wantoota armaan olii keessatti kufta
jechuudha. Karaa biraan immoo waan humna keen olii akka ati hojjettuufis si saaxila. Fakkeenyaaf namni ati dorgomtuun sun dandeettii muka yaabuu qaba haa jennu. Yeroo inni muka yaabu atis muka yoo yaabde, yeroo inni bu’u immoo irraa kuftee
caccabuu dandeessa. Muka yaabuun isaaf dandeettiidha yookiin kennaadha. Siif garuu
miti. Nama taatee waan dhalatteef namni biraan waan godhu hundumaa gochuu dandeessaa miti. Akkasuma wanta ati gochuu dandeessu
garuu inni gochuu hin dandeenyes ni jira. Kun immoo dandeettii garaagaraa qabaachuun keenya utuu iddoo biraa hin dhaqin bifa garaa garaa, hojjaa garaa garaa qabaachuun keenyayyuu fakkeenya dandeettii garaa garaa qabaachuu keenya isa hangafaati. kanaaf dorommiin kee isa dandeettii si fakkaatu qabu akkasuma bifa si fakkaatu qabu suma waliin
ta’uu qaba.

■ HAMMA HOJJETTUU GADI HOJJECHUU
➶ Kun kan inni irraa madda jedhee yaadu, Inni angafaa dhibaa’ummaa yeroo ta’u inni itti aanu immoo wanta har’a hojjettu boriif kaawwachuudha jedheen yaada.

➪ Maalif dhiboofta? Hojii hojjettu sana tarii humnaan itti galtee? Fakkeenyaaf dhiibbaa maatiin moo namummaatu hojjetee milkaa’eef atis seente.
Deebiin isaa kana lamaan keessaa tokko ta’uu mala. Silaa hojii ati hojjechuu qabdu hojii
eenyummaa kee isa dhugaa ta’ee fi dandeettii kee madaalu ta’uu qaba ture. Kana wallaaluun kee immoo isaan armaan oliif si saaxiluu mala. Silaa hojiin eenyummaa kee isa
dhugaa ta’e kan gammachuu siif kennu kan ati akka bashannanaatti ilaaltudha. Malee kan ati itti dhibooftu ta’uu hin qabu. Itti dhiboofta taanaan hojii eenyummaa kee ilaallatu mitii dhiisii waan si
ilaallatu hojjedhu! Namoonni baay'een dhaabbilee garaa garaa keessa hojjetan kan isaan baay'inaan hojii isaaniitti dhibaa’oo ta'aniif akka ilaalcha kootti wantoota armaan oliiti jedheen yaada. Horii yookiin qarshii ilaalee dhaqe yookiin
hojiinumti nan darbinii dhaqerraan ala waan isa
ilaallatu miti ta’uu mala.

➪ Namni kamuu immoo akkuman dura kaase dandeettii garaa garaa qaba. Dandeettii isaa wallaaluu isaatu akkana isa godhen jedha. Kanaaf dandeettii hojii hojjennuu haa barruun dhaamsa kooti.

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇😂👇?
https://t.me/IAK31
Join and Share gochuu hin dagatinaa.
Dhugaa kee nama hin hubanne hubachiisuf  hin dhama'in.

Namoonni baay'en kan dhagahan, dhugaawwan ati dubbattu osoo hin taane, wanta dhagahuu barbaadan qofa dhagahan. Ati calliste jechuun ati soba, isaan dhugaa dubbatan jechuu miti. Akkas osoo hin taane dhugaa kee uuman keetif yeroon akka siif dubbatan taasisaa jirta jechuudha. Kan dubbatu hundi dhugaa hin dubbatu. Yeroo tokko tokko dhugaawwan uuman keetif yeroon siif dubbatan baay'etu jira. Kanaaf dhugaa koo namoonni naaf hubachuu didan jettee hin dhiphatin!

Halkan addaa isiniif hawweera🙏🏽.
👍3
"Karaan ati irra adeemtu sammuun kee sirriidha jedhee itti amannaan fageenya isaa hin sodaatin!"

Silas karicha ati itti amante sanatti milkaa'uuf rakkoo fi gadadoo , dadhabbii , bu'aa ba'ii hedduu ba'uu si gaafata MILKII fi injifannoon ati barbaaddu karaa kana malee hin dhufu.
kana ammoo amani !💯🙏🙏
🔥2
Dhaamsa guyyaa!!!!
Guyyaan Har'aa keeti waan taheef fayyadami. Boru jettee hin beellamin.
East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC) pinned «Dhaamsa guyyaa!!!! Guyyaan Har'aa keeti waan taheef fayyadami. Boru jettee hin beellamin.»
Dhaamsa guyyaa!!!!!!


Yeroo waa hojjattu ofii keen mari'achuu hin dagatin. Waan godhuuf murteessite gochuun duratti irra deddeebiin of gaafadhu. Siitu ofiif beeka waan taateef.

CARRAA GAARII!!!!!!!

JOIN and SHARE gochuun nu deeggaraa.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/IAK31
🌐 S.Ramakrishna Rao Hayyuun kun Pirofesara dame filoosfii(Philosophy) kan Universititii Mysore,kan biyya Hindi keessatti argamuuti.kitaaba isaa ‘Muhammad the prophet of Islam’ jedhu keessatti akkana jedhe:

“Waa’ee dhugaa Muhammad guutuutti argachuun baay’ee ulfaataadha.
Xiqqoodhuman irra isiniif baha:-

→ Muhammad nabiyyiidha (prophet)
→ Muhammad hogganaa waraanaati
→ Muhammad mootiidha
→ Muhammad loltuudha
→ Muhammad nama hojiiti/Businessman
→ Muhammad barsiisadha
→ Muhammad filoosoofiidha
→ Muhammad hogganaa biyyati
→ Muhammad gorsaa/dubbataadha
→ Muhammad haaromsaadha
→ Muhammad dahoo yatiimaati ykn mana abba hin-qabneeti(orphan)
→ Muhammad tiksaa/rakkoo irraa eegaa gabrootaati
→ Muhammad bilisoomsaa dubartootaati
→ Muhammad abbaa murtiiti
→ Muhammad qulqulluudha

Hojii guddaa fi gosoota taajila namaa Kana hunda keessatti inni dhugaan nama jabaadha/goota." Jedhe.

👉 Saayintistoonni, filoosoofaroonni, qabsaa'onni fi namoonni addunyaa kanarratti seenaawwan gurguddoo hojjatanii darban hedduun isaanii,nabi Muhammad ﷺ nama jabaa waan hundaan milkaahe jedhanii akka nabiif ﷺ kabaja qabanii fi isaan dinqisiifatan dubbatu.

● Nama jallatee hoongaheefi shayxaana yoo ta'e male uumamni nabi Muhammad ﷺ hin jaalanne hin jiru.

⚘️⚘️ Nagaafi rahmanni Rabbii irratti haa bu'u ⚘️⚘️
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
JOIN AND SHARE
https://t.me/IAK31
AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA?

Jiraachuuf jettee sobda.
Nyaachuuf jettee hatta.
✍️Gammachuudhaaf jettee ejjita.
✍️Sooreessa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru.
✍️Keessaan jiraadha jettee mana ijaarratta.
✍️Beekumsan argadha jettee ni baratta.
✍️Mucaan godhadha jettee fuuta naaf hin taane jettee hiikta
✍️Miilaan hin deemu jettee konkolaataa bitatta.
✍️Haadha manaa osoo qabduu kan biraa hawwita.
✍️Mucaa tokko yoo qabaatte isa lammaffaa yaadda.
✍️Diploomaa yoo qabaatte digriidhaaf dhippata.
✍️Maastarsii yoo qabaatte PhD
Yaadda.
✍️Mana tokko yoo qabaatte lammaffaaf dhippata.
✍️Konkolaataa tokko osoo qabduu kan biraa yaadda.
✍️Baadiyyaa yoo jiraatte magaalaa naannoo kee galuu hawwita. 
✍️Magaalaa naannoo kee yoo galtu Finfinne galuu hawwita.
✍️Finfinnee yoo galte immoo Awurooppaa,Ameerikaa hawwita.
✍️Ameerikaa yoo galte immoo pilaaneeti biraa arguuf wareegamta.
✍️Aangoon xiqqoo yoo qabaatte guddatti darbuuf dhiphatta.
✍️Bulchaa anaa yoo taate kan godinaa ta'uuf dhippata.
✍️ Bulchaa godinaa yoo taate Pirezdaantii ta'uuf yaadda.
✍️Pirezdaantii yoo taate ministeera muummee ta'uuf yaadda.

Obboleessa koo obboleettii koo

Guyyaa duutu yaaddee beektaa?
Yooman du'a jettee of gaafattee beektaa?
Of yaadadhu waan gaarii dalagi rabbii kee hin mufachiisin

Hiriyyaa keetiif Share↪️ godhi
👍1
East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC) pinned «AKKA DUUTU YAADDEE BEEKTAA? Jiraachuuf jettee sobda. Nyaachuuf jettee hatta. ✍️Gammachuudhaaf jettee ejjita. ✍️Sooreessa ta'uuf dhagaan ati gara hin galchine hin jiru. ✍️Keessaan jiraadha jettee mana ijaarratta. ✍️Beekumsan argadha jettee ni baratta. ✍️Mucaan…»
✍️Namoonni milkaa'oon adunyaa kanaa utuu hin Milkaa'in duraa milkaa'oo dha.

✍️Qajeelummaan kennuu qofa utuu hin taane fudhachuu dha.

✍️Qajeelummaan humna dhikkisaa namuummaa ittiin hubannu dha.

✍️Qajeelummaan sirriin dhikkisa dhiiga onnee keenyaa waliin hidhata kallattii qaba.

✍️Kufuun barbaachisaa dha. Kufaatii irraa ka'uun filannoo dha.

✍️Mi'eessituun ittoo akkuma mi'eessu rakkinni, kufaatiinis jireenyatti dhama godha.

✍️Seek to know, know what you seek!

✍️ Wanti yeroo hundaa qulqulleessuun nu barbaachisu yoo jiraate yaada sammuu keenya ti.

✍️ Jireenyi dhala namaa akka kitaabaa ti. Jalqaba, jidduu fi xumura qaba

✍️Jireenyi namaa tokkoon tokkoo ida'ama boqonnaawwan tarkaanfii jiraannu keessatti taasisnee dha.

Dhabamuu, cituun fuula tokkoo boqonnaa tokko keessatti ta'uu fuulli kitaabichaa hundi ciccite; jireenya sana jireenya miti, hin jechisiisu. Akkasuma,  haallu dhabeessummaan boqonnaa tokkoo kitaabichi boqonnaa maleessa hin jechisiisu.

✍️ Wanti madaaloon hin madaalle, humni dachee fi samii sochoosu, kan yaada dhala namaa yaaddessu, kan nama jabeessu, kan yaalee fayyisu, kan mogolee qallisu, kan humna haphisu, kan sanyii haphisu/yabbisu Jecha dha.

✍️Utuu wanta akka biqiltuutti dhaabamee biqilu ta'ee kan yeroodhaa yerootti dhalli namaa dhaabee kunuunsuu qabu yoo jiraatee Nagaa dha.

✍️ Wanti gaafannee deebii hin dhabne, barbaadnee argachuu hin dadhabne ofii keenya dha.

✍️Milkaa'inni dachee kanaa wanta nuti hammaarannetu nuuf hammaarama, wanta ittiin hammaarranneen, kallattii itti hammaarranneen nuuf hammaarama. Milkiin hammaarrannaa dha.
))Yuuniversiti Al-Qaraawiyyiin.((
Yuuniversiti Hangafa fi Jalqaba Aduunyaa tana.
Yuuniversiitiin al qarawiyyin yuniversiitoota adunyaa khana irraa jiran kheeysa isa jalqaba hundeeyfamedha. Bara 859 ALA tti(ji'a ramadaana bara 245 akka lakkoofa hijraati) shamaree Faaxuma al Fihiriyi jedhamtuun biyya Morookoo magaala Fiizitti hundeeyfame.

Jaarmaynii  yuniversiiticha jalqaba masgiida ture. Tahuus booda jaarmaya manneen isaa dabaluun gara mana barnoota (madarasaa)tti ol guddisun barnoota amantaa barsiisuu jalqabe.
Itti aansudhanis gosoota barnoota adda adda khaneen akka Fayyaa(medicine), seerluuga afaani, loojikii, herregaa, astroonomi fi kkf barsiisuun gara yuniversiititti ol guddate.

Haala khanniinsa barnoota isaatin yuniversiitichi hawwatamummaa gudda haawasa islaama khutaale adunyaa iddoo garagara jiraatan biratti argate. Sababa khanan baratooni baay'een biyyoota Africa, Eeshiyaa, Awroopaa faa irra barnoota barbaacha gara isaa dhufuu itti fufan.

Baratooni iddoowwan adda adda irra gara yuniiversiiticha dhufaan heddumachu irra khan kha'een ulaaga ittin yuniiversiiticha galan bahuun baratoota yuniiversiiticha galan nama qur'aana qomatti hafazee, afaan arabaa dubbachu dandahu fi dandeeyti beekumsaa waligalan madaalamee dabrutti dangeeyfame.

Yuniiversiiticha irra namooni babeekamoon muslimaa fi muslimaa hin tahin heddun barataani eeybifamaa turan kheeysa ibnu Khaldun, ibnu Rushdi, ibnu Arabi, qeensicha gudda warra lixaa khan lakkofsa 1,2,3... warra awroopa barsiisee Gerbert of Aurillac (Pope Sylvester II),Dutchman Golius faan isaan hangafa.

Yuniiversiiticha faakaltii gargara 425 jalatti sirna halaqaa(baratooni bifa geengootin barsiisatti marsanii ta'un barachu)tiin barsiisaa ture. Akkasumaas hanga yeroo ammatti akkaata baruu barsiisuu isaa khan ganama halaqaa saniin barsiisaa jira.

Yuniiversiitichi UNESCO dhan yuniiversiiti iddoowwan seena qabeeyii adunyaa tanaati fi Guinness World Records dhan yuniversiiti jalqaba hundaa'e jedhamuun galmee seenaa adunyaa tana irrati barraahe jira.
🎉2
NAMNI NAMA SADDEETII WAJJI TAA’E WAA 8 BARATA !!!


1: Namni Dureeyyii ykn Abboottii Qabeenyaa Wajjiin Taa’e Bolola Duniyaa Irraa Barata

2: Namni Hiyyeessa Wajjiin Taa’e Rabbiif Galata Galchuu Irraa Barata

3: Namni Nama aangoo Qabu wajjiin Taa’e Boonaa fii Gogiinsa Qalbii Dabalata.

4:Namni Nama Rabbi Hin Sodaannee waliin Taa’e Jallinaa fii wallaalummaa isaanirraa Barata.

5: Namni Ijoollee Wajjiin Taa’e Taphaa fii Qoosaa Barata

6: Namni nama badaa wajji Taa’e Badii hojjachuu irratti goota ta’ee, ibaadaarraa laaffattee, Toowbaa godhuurraa booda aanuu Barata.

7: Namni Nama Gaarii Wajjiin Taa’e Ibaadaa irratti bololuu fii Badii irraa of eeguu Barata.

8: Namni Beekaa Wajjiin Taa’e Beekkumsa Dabalatee if Gad Qabuus isaanirraa Barata.

• Namni Namuma wajjiin oolu fakkaata, Tanaaf nama wajjiin oollu sirritti ifirraa haa laalluu, Nama badaa irraa fagaannee Warra Gaggaarii Hiriyaa haa godhannuu.

Barreeffama kana dubbisaatii share waliif Godhaa.
👍1
👉Wantoota 12 kan yeroo hunda yaadachuu qabnu!.

1) wanti darbe kamiiyyuu jijjiiramuu hin danda'amu.
2)yaadni namootaa eenyummaa kee isa dhugaa ibsuu hin danda'u!.
3)amalli nama hundaa daandii adda addaati.
4)wanti hundi yeroo wajjiin tolaa adeema!.
5)murtiin ati murteessitu ibsituu amala keetiiti!.
6)Humnaa ol yaaduun gara dallanuutti(aaruutti) nama geessa!.
7)Gammachuun kee suma keessa jira!.
8)Yaadni gaariin waan gaarii uuma!.
9)seequun furtuu namoota ittiin banani!.
10)nama gaarii ta'uun kaffaltii si hin barbaachisuu!.
11)ati kan kuftu yoo dhiiste qofa!.
12)akkuma itti of yaadde taata!.
Yeroo dubbistee booda Bagan dubbise jetta, Daqiiqaa muraasa fudhuutii dubbisii!

#Namummaa: Seenaa garaa nama nyaatu!

#Dargaggeessi Samiir jedhamu magaalaa sochiin uummataa keessatti baay'atu tokko keessa ariifannaa, Jeequmsa, wacaafi iyya jireenyaa kan guyyaa guyyaan tahu danda'ee jiraata ture!

#Dargaggeessi kun akka dhuunfaa isaatti nama cimaa, jireenya isaa sirnaan gaggeeffachuuf carraaqudha. Jiruufi qormaata jireenya isaa keessatti isa mudatu kamiyyuu danda'ee abjuufi mul'ata isaa wajjin nama imalaa jirudha!

#Dargaggeessa qaxalee kana guyyaa tokko taate keessa namummaa isaa akka lilmootti waraanutu isa mudate. Yeroon sun yeroo magaalli inni keessa jiraatu baay'ee humnaa ol qorru ture. Galgala tokko Saamiir daandii namaan guutamee sagaleefi baay'inni namaa daandii namaaf hinlaanne keessa utuu fiigaa jiruu, maanguddoo tokko kan qorra hadhaaʼaa sanaan akka muka qilleensaan raafamutti hoollachaa, daandii irratti kottoonfatee jiru arge. Yeroo kana onneen dargaggeessa kanaa baay'ee dha'annaa isaa dabale! Hafuura dheeraas baafate! Garaan isaas baay'ee gadde! Namichattis goree erga ilaalee booddee, Uffataafi nyaata isa barbaachisu deemee hatattamaan fideef. Ijji maanguddoo kanaa kan duraan du'a eeggataa ture amma gammachuufi galataan guutamee jira. Lubbuun jiraachuuf baay'ee rakkachaa akka tureefi gaarummaa tokkollee namoota irraa barbaadee akka dhabe dubbate!

#Gochi garaa laafina dargaggeessa xiqqaa Saamiir jedhamu kun raawwate immoo abdii isa keessatti laafee du'uuf jedhu deebisee kan haaresseefi kaase ture. Wal arguun jara lamaan kanaa isaan gidduutti walitti dhufeenya waaraa uume. michootas taʼani. Erga guyyaa sanaatii Saamiir yeroo hunda namicha bira deemee daawwachaa ture. Deeggarsa qabeenyaa qofa utuu hintaʼin, kennaawwan garaa garaa qabatee akka hiriyyummaatti isa dubbisa ture.

#Secoondii, daqiiqaan, guyyootni, Ji'oonnis akkuma darbaa deemaniin, kunuunsaafi xiyyeeffannaa Saamiir itti fufiinsaan isaaf taasiseen fayyaan namichaa suuta suutaan fooyya'aa dhufe. Lubbuun yeroo tokko abdii homaatuu dhabdee du'a eeggataa turte, har'ammoo gargaarsa nama tokkootiin jajjabina argattee, miira gammachuu kan kaayyoon isaa haaromfame argattee jirti.

#Seenaan garaa nama nyaatu kun yeroo baayyee gochoota gaarummaa salphaa fakkaatan garuu jireenya namaa karaa irraa goree boolla gadi fagoo keessa bu'uuf daandii qabate qabee tuquun kan gara daandii jireenyaatti fidudha!

#Jeequmsaafi muddama jireenyaa keessatti gochaan gara laafinaafi gaarummaa dhala namaa inni guddaan guyyoota dukkanaa’oo ta’an gara ifatti fiduuf humna guddaa qaba. Sanyii abdii dhabeefi hidhata du'aa uumetti abdii horee akka lalisu godha.

Seenaa kanarraas kan hubannu tokkoon tokkoon keenya dandeettii ajaa'ibaa jireenya namoota biroo keessatti jijjiirama fidu, garaa madaa'e fayyisuufi abdii kufe kaasuu akka qabnu nu yaadachiisa.

#Yoo dhuguma miirakee xiqqoollee taatu tuqeera tahe namoota biraaf dabarsi!

#Moonaadha[Furtuun balbala yaadakoo ittiin banadhu anumarra jira(FB-YIBAJ)]