East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
359 photos
14 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
بسم الله الرحمن الرحيم
السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
📌 Waxabajjii 6, Bara 2018
Godina Harargee Bahaa, Aanaa Dadar, Magaalaa Dadar keessatti, Itti Gaafatamaan Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Dadar, Kabajamoo Sheekh Mahadii Aliyyii Itti Gaafatamaa Mana Marii Dhimma Islaamaa Aanaa Dadar fi Kabajamoo Sheekh Bayaan Itti Aanaa Mana Marii Dhimma Islaamaa Aanaa Dadar, akkasumas Koree Ol’aanaa Dhimma Islaamaa Aanaa Dadar, Koree Ol’aanaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Dadar, Koree Dhimma Islaamaa Araddootaa, Imaamota Masjiidotaa fi Amiiroota Dargaggootaa waliin mariin bal’aan, bu’a qabeessaa fi hubannoo cimsu gaggeeffameera.
Mariin kun ijaarsa caasaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa sadarkaa Araddaa fi Masjiidotaa saffisaan cimsuu, hojii da’awaa babal’isuu, dargaggoota dammaqinaan hojii Islaamaaf qopheessuu, akkasumas hojii masjiidotaa fi tajaajila hawaasaa daran fooyyessu irratti xiyyeeffate.
Hirmaattonni marii kanaa yaada isaanii bal’inaan dhiyeessuun, hojii kheeyrii fi tajaajila ummataaf kennamu caalaatti guddisuuf irratti waliigaltee cimaa irra ga’aniiru. Mariin kun obbolummaa, tokkummaa, walhubannoo fi walta’iinsa cimsuun hojii Islaamaa gara fuulduraatti milkaa’inaan akka itti fufu bu’uura jabaa kaa’eera.
Rabbiin (SWT) hojii kheeyrii kana keessatti qooda isaanii bahatan hunda irraa haa qeebalu. Tokkummaa keenya haa jabeessu, hojii keenya keessatti milkii, barakaa fi ikhlaasa nuuf haa godhu.
🤲 Rabbiin hojii keenya hunda keessatti nu haa milkeessu.
والسلام عليكم ورحمة الله وبركاته.