East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
359 photos
14 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
📢 ODUU GAMMACHIISAA 🟢
MUUDAMA HOGGANTOOTAA KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA QARSAA
Bismillaahir Rahmaanir Rahiim
Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Aanaa Qarsaa hojii da’awaa, ijaarsa dandeettii dargaggootaa, tokkummaa fi tajaajila hawaasaa cimsuuf hoggantoota isaanii haaraa muuduun hojii isaanii akka itti fufan gammachuudhaan beeksisa.

Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Qarsaa
Muudamni isaanii hojii keessatti kutannoo, amanamummaa, naamusaa fi dandeettii hoggansaa isaanii irratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u, hojii isaanii keessatti milkaa’ina guddaa akka galmeessan ni amanna.
Rabbiin hojii isaanii haa eebbisu; ummata tajaajilan keessatti jaalala, tokkummaa, walhubannoo fi hojii gaarii akka dagaagsan ni hawwina.
🌹 Ergaa Baga Muudamtanii
Baga muudamtan!
Rabbiin amanah isinitti kenname kana baachuuf beekumsa, ogummaa, hikmaa, obsaa fi milkaa’ina isiniif haa kennu. Hojii keessan keessatti qajeelummaa fi bu’aa gaarii akka argattan ni kadhanna.
"Namni hojii gaarii irratti ummata tajaajilu, Rabbiin isa ol kaasa."

🕌 KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA QARSAA
Tokkummaan Humna, Tajaajilli Milkaa’ina!
🌿 Baga Muudamtan! Rabbiin Isin Haa Milkeessu. 🌿
https://t.me/IAK31
🟢 ODUU GAMMACHIISAA 🟢
MUUDAMA HOGGANTOOTAA KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA MAYUU MULUQEE
Baga gammaddan!
Kaawunsiliin Dargaggoota Muslimaa Aanaa Mayuu Muluqee hoggantoota isaanii haaraa filachuun, hojii isaanii ifatti eegalee bu’uura hojii isaanii diriirsuun gara tajaajila caaluutti ce’eera.
Muudamni kun hojii dargaggootaa cimsuu, tokkummaa isaanii guddisuu, hojii da’waa fi tajaajila hawaasaa keessatti gahee isaanii akka caalaatti bahatan ni gargaara.
Hoggantoonni haaraan hojii isaanii amanamummaa, haqaqabeessummaa fi walta’iinsaan akka raawwatan hawwina.
Baga Muudamtanii hojii eegalani! Rabbiin hojii keessan haa milkeessu, bu’aa gaarii fi milkii isiniif haa kennu.
🕌 Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Mayuu Muluqee 🕌🤝🌿
https://t.me/IAK31
🕌 ODUU GAMMACHIISAA 🕌
Muudama
Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar

Baga gammaddan!
Officials Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar haala haarawaan muudamanii hojii isaanii eegalaniiru.
Rabbiin hojii isaanii haa eebbisu; amanamummaa, ogummaa fi kutannoodhaan dargaggootaa fi hawaasa isaanii akka tajaajilan Rabbiin isaan  haa milkeessu.
"Tokkummaan humna, obbolummaan jabina, hojii gaariin immoo milkaa'ina."
🎉 Baga muudamtan! Baga hojii gaarii kana eegaltan! 🎉
🕌 Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Bulchiinsa Magaalaa Dadar 🕌
🤝 Tokkummaan haa hojjennu, hawaasa keenya haa tajaajillu! 🤝
https://t.me/IAK31
1
🟢 BEEKSISA GALMEE MISEENSUMMAA 🟢

📢 Dargaggoota Muslimaa maraaf!

Tokkummaa, hojii gaarii, beekumsa fi tajaajila hawaasaa keessatti qooda fudhachuuf amma miseensa ta'aa.

Sagantaalee dargaggootaa keessatti hirmaadhaa
Odeeffannoo yeroo isaa eeggate argadhaa
Dandeettii fi muuxannoo keessan guddisaa
Hojii gaarii keessatti qooda keessan bahadhaa

📝 Amma Galmaa'aa: Linkii Armaan Gadii Kanaan Galmaawaa
https://membership.emyc.et

🔥 Har'a murteessi, har'a galmaa'i!

Dargaggoonni Amaanti fi hawaasaa keessatti gahee guddaa qabu. Kanaaf yeroo ammaatti hirmaannaa kee mirkaneeffadhu.
📲 Odeeffannoo fi hojiiwwan keenya guyyaa guyyaan hordofuuf:

NU HORDOFAA
📘 Facebook:
👉 Fuula Facebook EHZ-MYC
👉 https://www.facebook.com/share/1D77V1ejzE/
📢 Telegram:
📢 Telegram keenya irratti nu waliin ta’aa:
👍 Like | 🔁 Share | 📢 Hawaasa biraan ga’i
👉 Telegram EHZ-MYC
https://t.me/IAK31

📌 Isinis:
• Join godhaa
• Share godhaa
• Obboloota keessan affeeraa
• Odeeffannoo gaarii wal biraan gahaa
Dargaggoonni har’aa ummaata boruu ijaaru. Kanaaf: 🔥 Ka’i!
🔥 Hirmaadhu!
🔥 Miseensa ta’i!
🕌 KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA GODINA HARARGEE BAHAA (EHZ–MYC)

"Dargaggoota Cimaa Ijaaruun, Ummata Cimaa Ijaaruudha!"

📢 Ka'i! Hirmaadhu! Miseensa ta'i! 📢
1
بسم الله الرحمن الرحيم

السلام عليكم ورحمة الله وبركاته

📌 Waxabajjii 7, Bara 2018

Godina Harargee Bahaa, Aanaa Mayyuu Muluqqee, Ganda (Araddaa) Ifabaas keessatti, Itti Gaafatamaan Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Mayyuu Muluqqee, ittii gaafatamaan Manaa marrii dhimmaa islaamaa Aanaa mayyuu muluqqee,Kabajamoo Sheekh Ibraahim Abdurahmaan, akkasumas Koree Ol’aanaa Dhimma Islaamaa Aanaa Mayyuu Muluqqee, Koree Ol’aanaa Kaawunsilii Dargaggoota Muslimaa Aanaa Mayyuu Muluqqee, Koree Dhimma Islaamaa Araddaa Ifabaas, Imaamota Masjiidotaa fi Amiirota Dargaggootaa waliin mariin bal’aan, bu’a qabeessaa fi hubannoo cimsu gaggeeffameera.

Mariin kun hojii da’awaa, guddina dargaggootaa, cimina walta’iinsaa, kabaja seera Islaamaa, hojii masjiidotaa fi tajaajila ummataa irratti xiyyeeffachuun haala gaariin gaggeeffame. Hirmaattonnis yaada isaanii bal’inaan dhiyeessuun, hojii kheeyrii fi tajaajila ummataaf kennamu caalaatti cimsuuf irratti waliigaltee gaarii irra ga’aniiru.

Mariin kun obbolummaa, tokkummaa fi walhubannoo cimsuun hojii Islaamaa gara fuulduraatti milkaa’inaan akka itti fufuuf bu’uura jabaa kaa’eera.

Rabbiin hojii kheeyrii kana keessatti qooda isaanii bahatan hunda irraa haa qeebalu. Tokkummaa keenya haa jabeessu, hojii keenya keessatti milkii fi barakaa nuuf haa godhu.

والسلام عليكم ورحمة الله وبركاته. 🤲
1