East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
359 photos
14 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
Baayyee baayyee ulfaadhaa!!!!!!
DHAABBANNEE HAA YAANNUU

"Hin gaddin!" Dhukkubni ni fayyama, Liqaan ni kaffalama, hiyyeessi ni durooma, hidhamaan ni hiikama, kan biyya ambaa jiru gara biyyaa ni deebi'a, kan cubbuu hojjate ni gaabba, araaramas rabbirraa ni argata dhugaan toowbannaan.

"Hin gaddin!" Yeroo dukkanni ifatti jijjiiramu, yeroo duumessi deemu hin arginee? Rakkoon nurra gahe mijaa'innaan bakka bu'a, yeroon dhufu ifaadha.

"Hin gaddin!" Hoo'i aduu hamaan gaaddisaan boqotama, dheebuun yeroo waaree bishaan qabbanaa'aadhaan qabbaneeffama, rakkoon beelaa daabboo hoo'aadhaan obsama, rakkoon hirriiba dhabuu boqonnaa gaariidhaan bakka bu'a, fayyaan deebinaan rakkinni dhukkubaa ni dagatama, nummaan yeroo xiqqoo haa obsinuu, yeroo xiqqoo haa dandeennuu.

"Hin gaddin!" Doktoroonni ( ogeeyyiin fayyaa ) hayyoonni, saayitistoonni fi k.k.f wanta duraan murteeffame jijjiiruu hin danda'an.

"Hin gaddin!" Gocha namoota biroo xiyyeeffannaa itti hin kenninu fayyaduu fi miidhuus ta'ee, jiraachisuu fi ajjeessuus ta'ee, mindeessuu fi adabuu hin danda'an waan ta'eef.

"Hin gaddin!" Maatii kiyya irraa kanaa san dhabe jennee hin gaddinu. Wanta rabbiin nuuf kenneen of geennee haa jiraannuu.

" Qooda jiruu duniyaa tana garii namaa gariidhaa ol goonee jirra... " ( 43:32 )
Jannata akka dachii fi samii bal'atu yaadadhu. Addunyaa kana irratti kan beelofte, kan gaddite ykn dhiphatte yoo taate gammachuu "jannataa" dhuma hin qabne yaadadhu. Yoo kana kan gootu taate kasaaraan kee gara bu'aatti, rakkoon gara baldhinnaatti jijjiiramaa deema.

■ Rakkoon sababa nu mudateef yoo kan gaddinu ta'e wanti fooyya'u hin jiru. Ilmi keenna barumsaan kufuuf yoo gaddine gaddi sun ilma keenna dabarsuu hin danda'u, abbaa keenna du'a irraa hin kaasu, qarshii nu jalaa badde hin argamsiisu, kasaaraa keenna gama bu'aa nuuf hin jijjiiru, kan waa hunda caalu immoo
"ISLAAMUMMAA" caalaa ilma namaa "#NABI MUHAMMADIIN" kan hordofannu qabnaa duuba maaliif gaddina re??

"Lafa Nagayaa naaf Oolaa bulaa"
𝐍𝐚𝐦𝐧𝐢 𝐍𝐚𝐚𝐦𝐮𝐬𝐚 𝐇𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐧𝐞 𝐁𝐞𝐞𝐤𝐮𝐦𝐬𝐚.𝐇𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐮
──── ◉ ──────── ◉ ────

☞ Beekkumsa qabaattee Yoo naamusa hin qabaanne beekkumsi kee San Sirritti hin mullatu, naamusa dhabuun Beekkumsa dhabdiifti.

✔️ Naamusa yoo qabaatte Beekkumsa Yoo hin qabnellee naamusni kee Sun Beekkumsa sitti godha.

☑️ ilmi Namaa naamusaan bareeda, naamusa gaarii qabaachuun badii hedduurraa Nama dhoorkiti.

🟢 Namni naamusa Qabu waan hin taane hin dubbatu

🟢 Namni naamusa Qabu bakka Hamtuu hin dhaabbatu

🟢 Namni naamusa Qabu waan badduu hin dubbatu

🟢 Namni naamusa Qabu Nama hin Hamatu.

Naamusni hin bitamu hin gurguramu

🔴 Haadhaa fi abbaan ilmaan Keessan Naamusa barsiisaa
🔴 Sheekhaa fi Darasaan barattoota Keessan Naamusa barsiisaa

🗯 Dhaloota Naamusa Qabu Haa oomishnu
🗯 Dhaloota Naamusa qabutu diinii Dhaalee dhaalchisa

🔵 Rabbiin Naamusaan tolchee nu Haa bareechu.

By: Dr. Ibsaa Dhugaa

┌˚❀‌──◌─♻️🔗──◌─❀‌˚┐
#Oduu_Ammee

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa har'a galgala irraa kaasee haga Boru Sanbata guddaa sa'aa 5:00'tti tajaajila kamuu kan hin kennine ta'uu beeksise.

Baankichi sababaa siistema isaa Fayyessuuf jecha tajaajila kan hin kennine ta'uu karaa fuula feesbuukii isaan ibseere.

Hagasitti namoonni maallaqa of harkaa hin qabne ATM fi Mobile Banking fayyadamaa jirtan baankichi tajaajila kana haga Sabata Guddaatti waan dhaabuuf, qarshii baasuun of harkatti qabadhaan dhaamsa keenya.

Share,like and Join gochuu hin dagatinaa.
👍1
#ወይ_ዱንያ

Daqiiqaafi sakandiitti
Addunyaan jijjiiramaa
Beekaadha inni jedhan
Wallaalaa ta'e argamaa

#ወይ_ዱንያ

Wallaaladha kan jedhan
Beekaa ta'ee argamee
Qabaataadha sooressaa
Kan jedhanis hiyyoomee

#ወይ_ዱንያ

Abbaa qabeenyaa ta'ee
Hiyyeessi inni miskiinnii
Kinoo gammadaa ta'ee
Inni beekamu gaddaanii

#ወይ_ዱንያ

Boyaa fi gaddaa ta'e
Kan hin beekne kolfu malee
Nama jiraadhaan beektuu
Dhageessa qabrii galee.

#ወይ_ዱንያ

Akkamitti ta'a jennee
Nuyiin yoo nu dhibellee
Wanti hunduu hin jijjiirama
Yoo Rabbi ta'e malee

...Ibsing A. Yusuf..........
👍1
Addunyaan tun waa hedduun gaafa guutamtu waa hedduus ni dhabdi. Wanni addunyaaf akka carraattiis ta'e ifaajee namoota gariin argaman jiraachuun isaanii fuuldurattiis wanti addunyaan hin qabaanne argamuu akka malan nutti akeeka. Kanaafuu wanti harra hin jirre kan boru argamuu danda'u ilma namaatiin akka argamu hubachuu qabda. Kana dhugoomsuuf yaalii hedduu namoonni baay'een godhaa akkuma jiran gufuu warra kanatti kan tahuus baayyeedha. Kana hubachuun nutiis addunyaaf waan gaarii gumaachuuf qophaawaa tahuu qabna. Qophaawuun dirqama. Hin qophooftu yoo taatees gufuu hin tahin. Qophaawaa tahuuf ammoo dubbisi, barreessi, shaakali, onnadhu.

Kuni dhaamsa kooti!!

.........Ibsing A. Yusuf.......
Forwarded from BBC AFAAN OROMOO
Namoonni hundeensaanii Filisxeem ta'ee fi hundeeffamuu biyya Israa'el booda dhiibamanii addunyaarra faca'an halaala taa'anii gidiraa uummatasaanii kana daawwachuuf dirqamaniiru.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/OLTt96p
𝙳𝚊𝚊𝚋𝚋𝚘𝚘 𝚐𝚞𝚋𝚊𝚝𝚊𝚊 𝚗𝚊𝚗 𝚓𝚊𝚊𝚕𝚕𝚊𝚍𝚑𝚊...!
***

Guyyaa tokko haati manaa ariitii guddaan osoo muddamtuu daabboo baay'ee guggubateeru "daabboon tasa na jalaa gubate dhiifama naaf godhi" jettee abbaa manaa isheef kennite."Giiftiikoo daabboo guggubataan baay'ee natti tola!" jedhee Abbaan manaa ishees harkaa fuudhee nyaachaa gara ilma isaatti galagalee, "Oolmaan mana barumsaa akkam ture?" jedhee isa gaafate.Ilma isaa waliinis haasa'aa itti fufan.Ilmi isaa yeroo kutaa ciisichaa isaatti deemuuf ka'u,abbaa isaatiin "Abbaa ati dhugumaa daabboo guggubataa hin jaalattaa"jedhee gaafate.

Abbaan isaas ofitti isa hammatee, "agartee mucaakoo! Haati kee yeroo hundaa osoo dhamaatu oolti.Hojiitu isheetti baay'ateetu malee daabboo tolchuu sirriitti beekti ture. dirqamteeti malee immoo daabboo gubataa akka nuti nyaatnu hin barbaaddu. Osoo namni ishee gargaareera ta'ee Daabboon kunis hin gubatu ture.kana irratti immoo daabboo gubate har'aaf yoo nyaatne eenyuun iyyuu hin miidhu.garuu kan nama miidhu jechoota fokkisoodha mucaa koo.haadhikee daabboon gubachuu isaa waan beekteettuuf isheetti himuunis ta'e jecha badaa ittiin jechuun hin barbaachisu.ishee mufachiisuu kiyya irra immoo yoo danda'ame ishee gargaaruutu gaariidha! Kanaafin akkas jedheeni!" Jedhee deebiseefi.

Abbaan manaa haadha manaa isaa hubatu Dhugumaan ogeessadha.haadhotaaf Jaalalaafi kabajatu mala malee jechoota badaa ta'aniin isaan arrabsuun barbaachisaa miti.Yoo danda'ame immoo isaan cina dhaabachuun gaariidha.daa'ima ofiis kabajiifi jaalalli haadha manaa ofiif qaban maal akka ta'e barsiisaa guddisuun gaariidha.jaalalli walutubuudha malee wal tumachuufi waltuffachuu miti.Warreen fuutan haadha manaa keessaniif kabaja kennaa.daa'ima keessan waan gaariidhaan qaraa guddisaa malee isaanduratti haadha manaa keessan hin gidirsiinaa!
HARDHA WAAYEE JINJANAA DUBBANNA😁!
.
Namoonni gariin yeroo dheeraa Wal janajjanuudhaan dabarsu
Jinjanaa tana hedduu jaallatu
Sa'aa lama sa'aa sadii sa'aa afur
Dargaggeessaa fi shamarri takka taa'anii chat waliif godhu

Maal.jechuu barbaade seetan
Namoonni akkanaa sa'àa dheeraa kana hunda obsa yoo qabaatan ta'e Jireenya keessan keessatti hoo hagam takka obsa waan biraatiif qabdan
Garaagarummaa nama milkaa'ee fi nama kaan gidduu jiru nuuf hin galle malee xiyyeeffannoodhaan waan tokko irra turuu danda'uudha maal.jechuudha seetan hanga xiyyeeffannoo keessan jinjanaa irratti deebistan San teette hintala takka janajjantu hanga teettee gurbaa tokko janajjantu San
osoo Xiyyeeffannoo Kee hojii irratti barnoota irratti kitaaba dubbisuu irratti deebiftanii Ni milkooftanii beekaa!

Guyyaa gaarii🙏
WAAN HIN FAKKAANNE GARUU DHUGAA TA'E!!!

1. Sinbirroon hin fincooftu.

2. Goondɑɑn tɑsumɑɑ hin rɑfu; sombɑs hin qɑbdu hojjetɑɑn wɑggɑɑ 7, Giiftiin Goondɑɑ wɑggɑɑɑ 15 jirɑɑtu.

3. Shɑɑrki ɑbɑdon hin dhukkubsɑtu.

4. Fɑrdi dhɑɑbbɑtee mɑlee ciisee hin rɑfu.

5. Kɑnniisni gɑrɑɑ lɑmɑ qɑbdi kɑn Dɑmmɑɑ fi kɑn nyɑɑtɑɑ.

6. Shɑɑrkiin ɑdii inni guddɑɑn osoo hin nyɑɑtin ji’ootɑ 3f turɑ.

7. Goondɑɑn ɑddunyɑɑ kɑnɑrrɑɑ hundi nɑmɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ hundɑɑf utuu hirɑmee Goondɑɑ miliyoonɑ 1 nɑmɑ tokko qɑqqɑbɑ.

8. Bɑrɑriin mɑtɑɑn ishee irrɑɑ cite lubbuun torbɑn tokkoof keessɑɑ hin bɑhu.

9, Hɑrreen ɑl tokkotti Miillɑ ishee ɑrfɑn ɑrguu dɑndeessi.

10. Doolfiiniin Bishɑɑn keessɑtti fɑgeenyɑ KM 24 irrɑtti sɑgɑlee dhɑgɑhuu dɑndɑ’ɑ.

11. Bookeen busɑɑ ilkɑɑn 47 qɑbdi.

12. Sɑrɑrri hɑrree didoo kɑmuu wɑl hin fɑkkɑɑtu.

13. Billɑɑchi miillɑ duubɑɑn dhɑndhɑmti.

14. Qɑɑmni sɑɑlɑɑ sɑrɑriitii dhiirɑɑ miilɑ isɑɑ irrɑtti ɑrgɑmɑ.

15. Kɑnniisni ijɑ shɑn qɑbdi!

16. Booyyeen ol jettee wɑɑ ɑrguu hin dɑndeessu!

17. Hɑntuutni yoo beellofte eegee ishee nyɑɑtti.

18. Hɑɑdhɑ mɑnɑɑ isɑɑf bineensi ɑmɑnɑmɑɑ jeedɑlɑ qofɑ.

19. Weeliin cuquliisɑɑ ɑddunyɑɑ kɑnɑ irrɑɑ guddinɑɑn hundɑ cɑɑlɑ.

20. Hoosiftootɑ keessɑɑ kɑn bɑlɑli’u simbirɑ hɑlkɑnii qofɑ yoo tɑhu Miilli ishee qɑqɑlloo wɑɑn tɑ'eefis deemuu hin dɑndeessu.

21. Simbirri hɑlkɑnii yeroo hundɑ holqɑ keessɑɑ yoo bɑhɑn gɑrɑ bitɑɑtti bɑlɑli’u.

22. Bofti dunuunfɑtus qolɑ ijɑɑn ni ɑrgɑ.

23. Bookeen busɑɑ inni dhiirɑɑ hin ciniinu.

24. Hɑntuunni lɑgɑɑ ji’ootɑ 18 keessɑtti hɑntuutni 2 qofti firɑ miiliyoonɑ 1 ni horɑtti.

25. Kɑnniifni tokko dɑmmɑ fɑllɑɑnɑ tokko qopheessuuf yoo xiqqɑɑte dɑrɑɑrɑɑ 4000 dhɑndhɑmti.

26. Cilɑlluun wɑggootɑ 3f wɑlitti ɑɑnsee rɑfuu dɑndɑ’ɑ.

27. Hɑɑdi sɑrɑriitii lɑmɑ osoo wɑlirrɑ bu'ee ɑkkɑ sibiilɑɑ ni jɑbɑɑtɑ.

28. Arbi fɑgeenyɑ Mɑɑyilii 3 irrɑtti bishɑɑn jirɑɑchuu isɑɑ ɑddɑ bɑɑsuu ni dɑndɑ’ɑ.

29. Qurxummiin Oyistiir jedhɑmu gɑɑfɑ wɑlqunnɑmtii gochuu bɑrbɑɑdu sɑɑlɑ isɑɑ gɑrɑ fedhetti ni jijjiirrɑtɑ.

30. Addunyɑɑ irrɑɑ wɑggɑɑ wɑggɑɑn oomishni 1/3 n ilbiisotɑɑn ni mɑncɑ’ɑ.

Kun hundumtuu rɑbbi tɑ'ɑɑ jennɑɑn hɑɑlɑ kɑnɑɑn Uumɑmɑn. Kɑnɑɑf mee uumɑɑ wɑɑqɑɑ kɑnɑ ilɑɑllee hɑɑ dinqisiifɑnnu!


sʜᴀʀᴇ💯sʜᴀʀᴇ💯sʜᴀʀᴇ
Gaafa waan haaraa eegaltu..!.

Dhugaan ati beekuu qabdu, yeroo ati waan haaraa eegaltu, namni si deeggaru muraasa yookiin dhabamuu danda'a. Wanti kun hin fayyaduu, ni ulfaataa, miidhaa qaba, karaan kun sirrii miti, siif hin milkaa'u jedhanii sitti iyyu. Sababni isaa ofiif sammuu waan ati hojjechuuf kaate hojiitti hiikuu miti yaada isaayyuu hin qabani.

Inumaayyuu akka ofiitti waan si ilaalaniif waan isaaniif hin danda'amneef atillee waan hin dandeenye isaanitti fakkaata. Kayyoon kenyaa dhaloota boruutif riqichaa tannee tarkaanfachuu sudha.
Forwarded from Kedir Yakob
بسم الله الرحمن الرحيم

Ibsa RVUHC Muslimaa Jama'aa Dhimmoota Islaamummaa Dhimma dura bu'ootaa ilaalchisee baase
Akkasumas miessensa hundaaf
25/03/2016
Qabxii 6
Hunda dura Rabbii guddaaf galanni haa ga’u. Wan yeroo dheeraa hawwa turre, jechaa duraan hawwasin barattoota University jechaa jiruu nuura kaasee seenaa ajaa'ibaa tan takka hin hojjatamanii, Sirna ummataaf dhaabbatu kan umaanii keenyaa irraa fudhatuu,kan sabaafi sablammii biyyattii tokkoomsu, abbaa Nageenya labaasu ,kan jalaala magarsee jibbaa fageessuu, seenaa bar baran yaadatamaatu, akkasumas dubartoota dhaloota borii
Diiniin faayee baasuu waan tayeef
Dubartii gamaa lamaan qaraamte,adunyaaf gumaachuuf maqa dubartoota kenyaa mirga kabachiisu nuuf fide. Sheka kenyaa kabajamaa fi Jalaatamaa Sheka Tajuu Ahmad, barattoota kenyaa baranoota dhabbataan akka baratan godhee barasiisuuti jiraa, Kitaaba isaan barbaachisu bilisaan barattoota Muslimaatiif Ken jira. RVUHC MJ akka biyyaatti mul’ataa ta’an kennuufi sadarkaa fedaraalaati dhufanii akka dawaatan godhuudhaan degarsaa isaan barbaachisu kamiyyuu akka argaatanif karaa saaqe jira akkasumas sadarkaa (scholarship) akka ergaama Majilisaa fedaraalaa irra kan dhufee Sheka Harif waadaa seniif jira kkf irratti ni galateeffanna.
Akkuma beekamu shekini keenya yeroo ammaa barattoota college walitti hidhu irratti fuulleeffattee jira. Ilma sheka Adam Tullaa adunyaa irratti dhifaate demeedha, hawaasinni Muslimaa nama akkan kanaa ijolee ianif dhabbate qabaachuun Isaani badhaasa badhaasa caaluudhaa, sadarkaa University biyyaatti keessatti mul’ataa Guddaan hundeeffama ta'ee argamuun nuuf gammachuu guddaadha. yeroo ammaa tana barattoota kenyaa hundaa bifa isaaf mijaate baranoota walitti fufiinsa qabu akka argatu irratti fuulleeffattee barasiisaa jira.
Nuti akka RVUHC Muslimaa Jama'aa Dhimmoota Islaamummaa itti gaafatama guddaa barattoota Muslimaa waan qabnuuf wan danda'enyu hundaa tumsuu cinnaa dhabaachu dirqama qabna.

1.Barattooni muslimaa dhaabbata bakka isa bu'u RVUHC MJ dhimmoota Islaamummaa cinaa dhaabbachuun tattaaffiin Kayyoo Jama'aa dhugoomsuu godhamu keessatti, beekumsan, qabeenya,duraas dhimma Jama'aaf yeroo kenuudhan, obsaan, hifaana tokko maleetti, cinaa akka dhaabbatan waamicha goona.

2. Duraa bu'ooni imaana isaan irratti gatame fulduree Rabbiiti irra gafatamaan bekkaatani galmaan ga’uuf tattafachuu akka qabaan cimsinee isiin hubachiisan:
3. Barattooni Muslimaa Namuusa mirgaa isaa kabachiifachuuf dhaabbata isaa Jama'aa cinaa dhaabbachuun sochii cimaa gaggeessuuf, Namuusa Amantii teenyaa eguu, Fakkenyaa biyyaa ta'uu, Namuusa garii horaachuu wan namusaa Jama'aa fi Namuusa keessaan xuqquu irra akka of eeggatu waamicha taasifna.

4. Baranoota gamaa shamarani egalamee kan galmaan ga’uuf ykn gonfaachisuf, Barattooni muslimaa tokkummaa fi waldhaga'uun, wal jajjabbessuun, wan ta'eef Barattooni muslimaa milkaa’ina adeemsa kanaatif bakkaa bu'ootaa sadarkaa sadarkaan jiran waliin akka dhaabbatu waamicha goona.

5. Duraa bu'ootaa itti gaafatamummaa isanii qixaa barbaadameen hin raawwane, caasalee Jama'aa garaa garaa keessa jiran calaluun qaamolee Anaatuman hojjaatan,fi kan hin hojjane akka amaan durati maqaadhaaf itti gaafatamummaa badhaatani waggaa naa huu qamaa kamiifuu obsa hin qabnuuf, qaamolee akkan sakatta’ee ejjannoo fudhachuun caaseffama isaa akka qulqulleessu  waamicha goona.

6. Adeemsa marii Jama'aa keenyaa keessatti barattooni muslimaa baay'inaan hirmaachisuun rakkoowwan, gaaffiiwwaniifi ajandaalee barattoota muslimaa barootaaf harkifamaa dhufan kaasuun Jama'aa barattoota hunda walqixxummaa fi haqqummaan keessumeessuu ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti  gahee keenya akka ba'annuuf waamicha goona. Mashaallahaa, Allaah Kubra Allaah Kubra Allaah Kubra. Dhuma irratti maqaa RVUHC MJ, Bayee Galatoomi jennaani sheka kenyaa inshaallaha kayyoo kee dhugomsuudhaaf, daqiiqaa mitii secondit takkaa off dubaa hin jennuu Bi'iznillahi.
RAKKINNI HAA RAKKATU! (1).pdf
574.3 KB
Share 'RAKKINNI HAA RAKKATU! (1).pdf'
WANTOOTA HOJII IRRATTI DHIIBBAA UUMAN

■ NAMAAN DORGOMUU?
➶ Hojii hojjettus ta’ee waan irratti bobbaatee jirtu irratti namaan dorgomuuf osoo hin taane ofii keen dorgomaa hojjechuutu irra filatamaadha. Akka ilaalcha kootti ofii keen dorgomuu yeroon jedhu si isa kaleessaa caalaa si isa har’aa hojjechiisuu jechuudha.

➪ Fakkeenyaaf kaleessa waan hojjette tokkotti dhibbantaa digdamii shan taanan si isa har’aa immoo shantama
hojjechiisuu yaaluudha. Karaa biraan namaan dorgomuun kee rakkoo inni sitti uumuu danda’u muraasan sii kaasa.

➪ Namaan dorgomuun kee wantoota wanta ati qabattee jirtu irratti gufuu ta’aniif si saaxiluu danda’a. Innis hinaaffaa, jibba nama sana
cabsuuf karaa barbaaduu, kunimmoo gufuu kan inni sitti ta’uu danda’u silaa ati qooda hojii kee sammuu kee qulqulluun irratti xiyyeeffattu. wanta toora tokko ol si butuu hin dandeenye wantoota armaan olii keessatti kufta
jechuudha. Karaa biraan immoo waan humna keen olii akka ati hojjettuufis si saaxila. Fakkeenyaaf namni ati dorgomtuun sun dandeettii muka yaabuu qaba haa jennu. Yeroo inni muka yaabu atis muka yoo yaabde, yeroo inni bu’u immoo irraa kuftee
caccabuu dandeessa. Muka yaabuun isaaf dandeettiidha yookiin kennaadha. Siif garuu
miti. Nama taatee waan dhalatteef namni biraan waan godhu hundumaa gochuu dandeessaa miti. Akkasuma wanta ati gochuu dandeessu
garuu inni gochuu hin dandeenyes ni jira. Kun immoo dandeettii garaagaraa qabaachuun keenya utuu iddoo biraa hin dhaqin bifa garaa garaa, hojjaa garaa garaa qabaachuun keenyayyuu fakkeenya dandeettii garaa garaa qabaachuu keenya isa hangafaati. kanaaf dorommiin kee isa dandeettii si fakkaatu qabu akkasuma bifa si fakkaatu qabu suma waliin
ta’uu qaba.

■ HAMMA HOJJETTUU GADI HOJJECHUU
➶ Kun kan inni irraa madda jedhee yaadu, Inni angafaa dhibaa’ummaa yeroo ta’u inni itti aanu immoo wanta har’a hojjettu boriif kaawwachuudha jedheen yaada.

➪ Maalif dhiboofta? Hojii hojjettu sana tarii humnaan itti galtee? Fakkeenyaaf dhiibbaa maatiin moo namummaatu hojjetee milkaa’eef atis seente.
Deebiin isaa kana lamaan keessaa tokko ta’uu mala. Silaa hojii ati hojjechuu qabdu hojii
eenyummaa kee isa dhugaa ta’ee fi dandeettii kee madaalu ta’uu qaba ture. Kana wallaaluun kee immoo isaan armaan oliif si saaxiluu mala. Silaa hojiin eenyummaa kee isa
dhugaa ta’e kan gammachuu siif kennu kan ati akka bashannanaatti ilaaltudha. Malee kan ati itti dhibooftu ta’uu hin qabu. Itti dhiboofta taanaan hojii eenyummaa kee ilaallatu mitii dhiisii waan si
ilaallatu hojjedhu! Namoonni baay'een dhaabbilee garaa garaa keessa hojjetan kan isaan baay'inaan hojii isaaniitti dhibaa’oo ta'aniif akka ilaalcha kootti wantoota armaan oliiti jedheen yaada. Horii yookiin qarshii ilaalee dhaqe yookiin
hojiinumti nan darbinii dhaqerraan ala waan isa
ilaallatu miti ta’uu mala.

➪ Namni kamuu immoo akkuman dura kaase dandeettii garaa garaa qaba. Dandeettii isaa wallaaluu isaatu akkana isa godhen jedha. Kanaaf dandeettii hojii hojjennuu haa barruun dhaamsa kooti.

🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇😂👇?
https://t.me/IAK31
Join and Share gochuu hin dagatinaa.
Dhugaa kee nama hin hubanne hubachiisuf  hin dhama'in.

Namoonni baay'en kan dhagahan, dhugaawwan ati dubbattu osoo hin taane, wanta dhagahuu barbaadan qofa dhagahan. Ati calliste jechuun ati soba, isaan dhugaa dubbatan jechuu miti. Akkas osoo hin taane dhugaa kee uuman keetif yeroon akka siif dubbatan taasisaa jirta jechuudha. Kan dubbatu hundi dhugaa hin dubbatu. Yeroo tokko tokko dhugaawwan uuman keetif yeroon siif dubbatan baay'etu jira. Kanaaf dhugaa koo namoonni naaf hubachuu didan jettee hin dhiphatin!

Halkan addaa isiniif hawweera🙏🏽.
👍3
"Karaan ati irra adeemtu sammuun kee sirriidha jedhee itti amannaan fageenya isaa hin sodaatin!"

Silas karicha ati itti amante sanatti milkaa'uuf rakkoo fi gadadoo , dadhabbii , bu'aa ba'ii hedduu ba'uu si gaafata MILKII fi injifannoon ati barbaaddu karaa kana malee hin dhufu.
kana ammoo amani !💯🙏🙏
🔥2
Dhaamsa guyyaa!!!!
Guyyaan Har'aa keeti waan taheef fayyadami. Boru jettee hin beellamin.
East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC) pinned «Dhaamsa guyyaa!!!! Guyyaan Har'aa keeti waan taheef fayyadami. Boru jettee hin beellamin.»
Dhaamsa guyyaa!!!!!!


Yeroo waa hojjattu ofii keen mari'achuu hin dagatin. Waan godhuuf murteessite gochuun duratti irra deddeebiin of gaafadhu. Siitu ofiif beeka waan taateef.

CARRAA GAARII!!!!!!!

JOIN and SHARE gochuun nu deeggaraa.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/IAK31
🌐 S.Ramakrishna Rao Hayyuun kun Pirofesara dame filoosfii(Philosophy) kan Universititii Mysore,kan biyya Hindi keessatti argamuuti.kitaaba isaa ‘Muhammad the prophet of Islam’ jedhu keessatti akkana jedhe:

“Waa’ee dhugaa Muhammad guutuutti argachuun baay’ee ulfaataadha.
Xiqqoodhuman irra isiniif baha:-

→ Muhammad nabiyyiidha (prophet)
→ Muhammad hogganaa waraanaati
→ Muhammad mootiidha
→ Muhammad loltuudha
→ Muhammad nama hojiiti/Businessman
→ Muhammad barsiisadha
→ Muhammad filoosoofiidha
→ Muhammad hogganaa biyyati
→ Muhammad gorsaa/dubbataadha
→ Muhammad haaromsaadha
→ Muhammad dahoo yatiimaati ykn mana abba hin-qabneeti(orphan)
→ Muhammad tiksaa/rakkoo irraa eegaa gabrootaati
→ Muhammad bilisoomsaa dubartootaati
→ Muhammad abbaa murtiiti
→ Muhammad qulqulluudha

Hojii guddaa fi gosoota taajila namaa Kana hunda keessatti inni dhugaan nama jabaadha/goota." Jedhe.

👉 Saayintistoonni, filoosoofaroonni, qabsaa'onni fi namoonni addunyaa kanarratti seenaawwan gurguddoo hojjatanii darban hedduun isaanii,nabi Muhammad ﷺ nama jabaa waan hundaan milkaahe jedhanii akka nabiif ﷺ kabaja qabanii fi isaan dinqisiifatan dubbatu.

● Nama jallatee hoongaheefi shayxaana yoo ta'e male uumamni nabi Muhammad ﷺ hin jaalanne hin jiru.

⚘️⚘️ Nagaafi rahmanni Rabbii irratti haa bu'u ⚘️⚘️
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
JOIN AND SHARE
https://t.me/IAK31