East Hararghe Zone Muslim Youth Council (EHZ-MYC)
327 subscribers
359 photos
14 videos
1 file
64 links
Be improve your ability by reading!
Download Telegram
Kaawunsillii Dargagoota Muslimaa Aanaa Dadar bobbaaa Caasaa diriirsuu Araadaa irraati
🕌 KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA MAYYUU MULUQEE

Sagantaa Ifoomsaa Galmee fi Caasaa Diriirsuu Sadarkaa Araadaa irraa hanga Gandaatti

Guyyaa kaleessaa Kaawunsilliin Dargaggoota Muslimaa Aanaa Mayyuu Muluqee sagantaa ifoomsaa galmee miseensotaa fi caasaa diriirsuu sadarkaa Araadaa irraa hanga Gandaatti irratti marii bal’aa gaggeesseera.

Sagantaan kun keessatti dura-bu’oonni Araadaa fi dargaggoonni hedduun hirmaachuun hojii kaawunsilii irratti hubannoo waliigalaa isaanii cimsaniiru.

Marii bal’aa gaggeeffameen:

Galmee miseensotaa sirnaan gaggeessuu

Caasaa kaawunsilii cimsuu

Tokkummaa dargaggootaa guddisuu

Hojii da’awaa fi tajaajila hawaasaa babal’isu

Hirmaannaa dargaggootaa keessatti gahee isaanii guddisuu

irratti kallattii fi hubannoo waliigalaa irratti waliigalameera.

Dhuma irratti hoggantoonni kaawunsilii hojii kana milkeessuuf tumsa waliinii fi hirmaannaa dargaggootaa cimsuun hojii isaanii itti fufuuf waadaa isaanii ibsaniiru.

“Tokkummaan Humna, Dargaggoonni Immoo Egeree Ummataati.” 🤝🕌
🕌 KAAWUNSILII DARGAGGOOTA MUSLIMAA AANAA MIDHAAGAA TOLAA 🕌

📌 Bobba’aa Caasaa Diriirsuu Sadarkaa Araadaa irraa hanga Gandaatti

Kaawunsilli Dargaggoota Muslimaa Aanaa Midhaagaa Tolaa hojii ijaarsa caasaa isaanii sadarkaa Araadaa irraa eegalee hanga Gandaatti bal’inaan gaggeessaa jira. Bobba’aan kun hojii gurmeessuu, walitti hidhamiinsa dargaggootaa cimsuu fi hojii hawaasummaa keessatti hirmaannaa isaanii guddisuuf keessatti qooda olaanaa qaba.

Dura-bu’oonni Araadaa hojii isaanii naamusaa, itti gaafatamummaa fi obbolummaan gaggeessaa jiru. Akkasumas hojii isaanii keessatti tokkummaa, wal kabajuu, wal tumsuu fi hojii islaamummaa keessatti dammaqinaan hirmaachaa jiru.
🤝 Caasaan diriirfamaa jiru kun: • Tokkummaa dargaggootaa cimsuuf
• Hirmaannaa hojii hawaasummaa guddisuuf
• Dargaggoota keessatti hojii gurmaa’insaa dagaagsuuf
• Qindoomina hojii Araadaa fi Ganda cimsuuf
• Dargaggoota keessatti hojii obbolummaa fi wal tumsuu dagaagsuuf
hojii guddaa hojjechaa jira.

📖 Akkasumaas marii bal’aan ergaa irratti taasifameen booda dura-bu’oonni Araadaa hundi waadaa isaanii haaromsanii jiru. Caasaan isaanii akka jabbaatu, hojii isaanii akka cimu fi sadarkaa Ganda hundaatti caasaan isaanii akka diriiru irratti walii galanii hojii irratti Kaawunsilii  isaanii itti fufuun irratti argamu.
“Tokkummaan humna, gurmaa’inni milkaa’ina.”