HIN GUBATIN BILCHAADHU MALEE!
Nami nyaata ibidda adoo hin fayyadamin bilcheessu hin jiru. Bilchinni yoomiiyyuu ibidda barbaada. Ibiddi amala isaatiin waan itti dhiyaate hin guba. Garuu yoo nyaati bilcheeffamu akka hin gubanne wonni godhu zayitii (bisaan) itti dabalamuudha. Ibiddi ammoo zayitii ykn bisaan bakka jirutti gubuuf adoo hin te’in bilcheessuuf oola. Ibidda wantoota gubee balleessu, nami bilcheessuuf akkuma itti fayyadamu, dhiibbaa fi qormaati jireennaa hedduun nuuti keessa dabarru nu bilcheessa malee, nu hin gubu! Qormaati jireennaa (Challenges) karaa gara garaatiin yoo nutti dhufelle nu gubee hin dande’u; Sababille Hafuura Qulqulluu ifi keessaa waan qannuuf. Worra Ayyaana Waaqaa ifi keessaa hin qanne garuu rakkinni isaan guba. Nuuti garuu itti hin gubannu; itti bilchaanna. Bakki Waaqi jireenna keenna itti hojjatee nama bilchaataa nu godhu UNIVERSITY caalaa jireenna keenna keessatti. Dhiibbaa fi qormaata jireenna keeti mudatu kamiiyyuu ITTI HIN GUBATIN, ITTI BILCHAADHU malee…Horaa Bulaa!

❤17👍2
UMURII_KEE_QUSADHU!
Qabeenyi wolqixa ilma namaa hundaaf kenname yeroo ta'uusaa yaadattaa? Yeroo kee fayyadamaarta moo yero'otti si fayyadamaa jirti? Yeroo kee waan umurii kee nyaatu irratti adoo hin te'in, waan qabatamaa irratti dabarsuu qabda. Aduun ganama erga baatee galiisaaf akkuma ariifattu, fixeensi yeroo muraasa turee akkuma dhabamu, daraaraan ariifatee akkuma harca'u, yeroon yoo hin fayyadamin akkasuma. Yoo ati itti fayyadamte garuu, akka qabeenya dhokataa baay'ee gatii guddaa qabuu fi ijjumaa hin dhumanneeti! HUBADHU! Yeroo kee bakka hin taanetti balleessuun, AKKA NAMA SHAAMAA(Dungoo) LAFA GUYYA'AATIIN BOBEESSUUTI! Guyyaa haguma barbaadde yoo bobeessite IFI xassa'aa (dungoo) faayidaa tokko male bada! Yeroo kee balleessuun ykn seeraan fayyadamuu dhabuun Umurii kee guutuu hiika dhabsiisuu fi Jireenna kee midhaan malee hambisuu waan dande'uuf, QAROOMMADHU! Yeroo qusachuun umurii ifii qusachuudha... Galatoomaa!

❤15⚡1