GEMECHU DUBE BONEYA
598 subscribers
97 photos
1 video
4 files
59 links
If Any One Be In Christ He Is New Creation!
Download Telegram
Adoo Dubartiin Addunyaarratti Hin Uumamin…?
Dubartiin addunyaa kanaaf uumama murteessaa akka taate Waaqi jalqaba uumamaa irratti dubbate! Kaayoo Waaqaa galmaan gahuuf kennaa fi dandeettii ajaa’ibaa woliin dadantee Addaam biratti dabalamte. Akka lafti midhaagduu fi bifa Waaqayyoo qabaattu gaheen dubartootaa olaanaadha. Dubartiin ibsituu midhaaginaati. Adoo dubartiin addunyaa irratti hin uumamin ta’ee, Addaam gargaartuu fi fakkaattii ifii hin argatu ture, qofummaa keessattis hafa ture, haati, Obboleettiin, haati worraatii fi intalti hin argamtu ture.
Dubartoota maraaf baga guyyaa dubartoota addunyaalessaa ka bara 2025 ittiin isin gahe jedhaa, yeroon kun isiniif yeroo mata duree (gahee hojii) deeskii keessan irra jiruun, gaabbii seenaa darbeetiin, ilaalcha namootaatiin isin ifi daangessitanu adoo hin te’in, hafuura dammaqeen kaatanii yeroo isin addunyaa naannoo keessan jirurratti dhiibbaa jijjiiramaa dansaa uumtanu akka ta’e qaabadhaa.
Haadha tiyyaa fi obboleeyyaan tiyya, lubbuu le’aa! Bara dheeraa jiraadhaa!
👍18🥰61
Dimtu Students Fellowship Conference...
9👍2
Harma guuti malee haati harka hin guutu! (Wolaloo)
Mukooti duudiinuu ka ifii qaba gofa!
Marti hin midhaanessuu muka te'eef qofa!
Kuun raaqa dhiphisee utubaa darata!
Gariin gaalee te'ee mukootatti marata!
Keessa jira muki sanyiif te'u boru!
Unkuruurri obbee bonaaf ganna horu!
Haati namaa akka muka urruubuutii
Ka adoo hin ciramin hafee daraaruutii!
Burqituu jaalalli haalaan harkaa hin buune!
Ka yoo harma guute, yomuu harka hin guune!
Laafaa te'uu jabaa, dureessaaf hiyyeessa!
Ka diqattu hin qadduu ilmaan ifii keessaa!
Eebba duriif ammaa, adhaaf kaleessaati!
Burqaan jaalala isi'ii akka baleessaati!
Qabaattee horattee, dhaddee hiyyoontulle!
Furdattee qaldhattee, toltee hammaattulle!
Haafatti dirtee hin laaltuu ilmaan ifii oottee!
Buxxulliyyee gootii ifiif buqqujjoottee!
Haati abboo haadhuma yennaa kaajottelle!
Tuffatamuu hin qaddu yoo qamaacottelle!
Cintee dulloommattee haga lubbuu duutu!
Harma guuti malee haati harka hin guutu!
Haati maraa haadha, adoo adda hin fille!
Ani tiyya eebbisee eebbisaa isinille!
15
SUBSCRIBE :- Workineh Ture
https://youtube.com/@workinehture?si=dL15E_pxXrIajKaB
Abbaan keenna Faar.Worqinaa Turee kanaan dura YouTube Channel maqaa isaaniitiin baname hin qabanu. Amma garuu kunoo channel haarawa ka ifii isaanii banatanii ittiin tajaajiluu jalqabaneeran. Kanaafuu Link asi gubbaa jiru kana tuqaatii ykn YouTube irratti "Workineh Ture" jedhaa search godhaatii seenaa Subscribe, Like, Share godhaa tajaajila kana deeggaraa eebbifamaa!
4
Ilmi Abbaa Qabu Dabbusaa Hin Qabu
Kallachi maati'ii arnyi sa'aaf namaa
Ka Waaqi mootonsee angeesse ganamaa
Abbaan salphaa motii ka ba'atuu worra
Finiina hin dadhabuu qabbanaa fi qorra
Hundee hawaasumma'aa bu'uura maati'ii
Namarraayyuu darbee ka sa'aaf waati'ii
Kookkisee guddisaa habbaaree sunqatee
Ilmaan boxxorreessaa ta ifiitiin huqqatee
Milkii ilmaaniitiif rukke'een machayee
Jilbiiffatee qotee harka buuqqachayee
Ka daare uffisee ka beelote sooree
Ilmaan calkii godhaa ifii isaatiif qooree
Miila laalesseefii rakkina deesisa
Ifiif buusaa te'ee ijoollee ceesisa
Barsiisaa jalqabaa, mana barumsaati abbaan hin quufamu!
Inninuu kitaaba irraa dubbifamu
Ilmi abbaa qabu dabbusaa hin qabu
Bara hammaattelle waan qoonqo'oo hin dhabu.
Abbaan yoo hiyyoomeef laafelle abbuma
Abbootii eebbinnaa eebbisaa ammuma...
13
HIN GUBATIN BILCHAADHU MALEE!
Nami nyaata ibidda adoo hin fayyadamin bilcheessu hin jiru. Bilchinni yoomiiyyuu ibidda barbaada. Ibiddi amala isaatiin waan itti dhiyaate hin guba. Garuu yoo nyaati bilcheeffamu akka hin gubanne wonni godhu zayitii (bisaan) itti dabalamuudha. Ibiddi ammoo zayitii ykn bisaan bakka jirutti gubuuf adoo hin te’in bilcheessuuf oola. Ibidda wantoota gubee balleessu, nami bilcheessuuf akkuma itti fayyadamu, dhiibbaa fi qormaati jireennaa hedduun nuuti keessa dabarru nu bilcheessa malee, nu hin gubu! Qormaati jireennaa (Challenges) karaa gara garaatiin yoo nutti dhufelle nu gubee hin dande’u; Sababille Hafuura Qulqulluu ifi keessaa waan qannuuf. Worra Ayyaana Waaqaa ifi keessaa hin qanne garuu rakkinni isaan guba. Nuuti garuu itti hin gubannu; itti bilchaanna. Bakki Waaqi jireenna keenna itti hojjatee nama bilchaataa nu godhu UNIVERSITY caalaa jireenna keenna keessatti. Dhiibbaa fi qormaata jireenna keeti mudatu kamiiyyuu ITTI HIN GUBATIN, ITTI BILCHAADHU malee…Horaa Bulaa!
17👍2