GEMECHU DUBE BONEYA
599 subscribers
97 photos
1 video
4 files
59 links
If Any One Be In Christ He Is New Creation!
Download Telegram
17
Oduu Aagaa (Misiraachoo)
Qorichi (Qorsi) Nuuf Dhalateera!
Hin sodaatina'a! Ani oduu gammadaa ta kolbaa maraaf gammada guddaa teetu isinitti odeessisaaf dhufe. Adha qachaa Daawwitiititti fayyisaan isiniif dhalateera; inni Goottaa Kiristoos.” Luqaas 2:10-11
Yesuus Kiristoos haga Maaramii durrittiirraa dhalatee woggaa 20025 te’ulle, jiraachuun isaa gaafas hin jalqabne.
Inni bara baraan dura jiraataa ture. Uumama maraa addee hin jirree fidee ka jiraachise Isa.
Isaan malee wonni kamiiyyuu jiraachuu kan hin dandeenne, Jecha jiraataa ka jireenni hundinuu isarraa biqile, madda ifa jireennaati.
Kiristoos nama ta’ee gara biyya lafaa dhufuu Isaan dura Jecha ta’ee biyya Waaqaa ture.
Uumamuu ol-gubba’aa fi lafaatiin (bara baraan) dura Kiristoos madda ifa jireennaa ture. Ifi jalqaba uumamaa Kitaaba Seera Dadaa 1:3 irratti ta’e sun, Kiristoosirraa dhufe. Inni abbaa (madda) ifa maraati, Yaaqoob 1:17.
... Baga Ittiin Isin gahe, Ayyaana kabajamu caalaa fayyisaa dhalate irratti xiyyeeffadhaa… Ayyaana Dansaa!
9👍7
1 Worra Qorontoosii 15:58
[58] Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha'aa dhaabbadha'a. Waan tokkolle'een hin daaqina'a. Hujii Gootta'aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te'in beeka'aatii, yennaa mara hujii Gootta'aa hujiisaaf jabaadha'a.
4
Waan Guddaa Baradhe Waan Guddaa Argadhe
WKWW Makaanee Yesuus Itoophiyaa Qajeelcha Ijoollee fi Dargaggootaa deemee, waan gaarii argeera, hojii Gooftaan karaa department kanaatiin hojjataa jiruuf Waaqa galateeffadha! Achi keessatti team sirritti qindooftee fi hojii Gooftaa ciminaan hojjattu argeera. Kennaa Kitaaba Woyyichaa (Macaafa Qulqulluu) fi kitaabota baay'ee naaf godhamettis hedduu gammadeera. Daarektara Qajeelcha Tajaajila Ijoollee fi Dargaggoo Wondmagegn Udessa Bidire guddaa ulfaadhu! Gooftaan badhaadha (Ayyaana) Isaa isiniif haa baay'isu!
6👍6
. YOOYYAA!
Kitaabi Woyyichi Oromoo Gujii application (soft copy) isaa gadhiifameera. (Gondooroo Qaraatii fi Gondooroo Haareya). Itti fayyadamuu yoo barbaaddan play store seenaatii YouVersion jedhaatii search godhaa, itti aansuun app "Youversion Bible App +Audio" jedhu bilbila keessan irratti install godhaatii erga keessa seentaniin duuba bakka language' jedhutti "kitaaba woyyicha" jedhaatii barreessaa. Erga keessaa filattaniin duuba download godhaatii itti fayyadamaa. (Youversion ka biraalle afaanota addunyaa kanaa ka kitaabi woyyichi ittiin hiikamee jiru hunda irraa argachuu dandeettan) https://play.google.com/store/apps/details?id=com.sirma.mobile.bible.android
16👍8👏3🤔2
«Jireenni namaa baceenna karraatiinii moti; tanaaf ilaalladha'a, joljolummaa maraa irraa ifi eegadha'a»
Wongeela Luqaasii 12:15 
👍169
በወንጌልና በክርስቶስ ህፍረት የለም
ያመሲህ የተሰኘ የእውነት ትግል (challenge) እሳተፋለሁ! በዚህና በምመጣም ዓለም የማይታፈርበት ምንም የለም ከኢየሱስ ውጭ። ክርስቶስን የምቃወሙት ሰዎች በአፋቸው እንጂ በልባቸው በድንጋጤ ይኖራሉ! ያሉበት የሕይወት መንገድ እንደማያዋጣቸው ልባቸው ያውቃል፤ መንፈሳቸውም ይመሰክራል። እውነታው ለመታረድ ወደ ቄራ ተመርተው እንደምጓዝ በሬ ጌታ ኢየሱስ ክርስቶስን ያልተቀበሉና የከዱ ሰዎች መጨረሻቸው የዘላለም ጥፋት ነው... የምያድን ክርስቶስ ብቻ ነው:::!!!
👍94👏3
. Yooyyaa!
Leetoo Technology hojii haaraa qabatee dhufeera. kalaqa software haaraa (Website, System development, E-learning, Mobile Application, Design graphics...) hojjachaa waan jiruuf, Namoota barbaadanuuf keessumattuu daldaltoota, dhaabbilee, Woldaa, manneen barnootaa fi namoota dhuunfaa ... website ykn system feetan kamiiyyuu gatii madaalawaa ta'een hojjata. Leetoo Technology dubbisaa.
Contacts
Whatsapp: +251993014145
https://t.me/leetoocompany
Facebook: https://web.facebook.com/leetoo.company
Phone: +251993014145
Email: leetoocompany@gmail.com
7👍7
Adoo Dubartiin Addunyaarratti Hin Uumamin…?
Dubartiin addunyaa kanaaf uumama murteessaa akka taate Waaqi jalqaba uumamaa irratti dubbate! Kaayoo Waaqaa galmaan gahuuf kennaa fi dandeettii ajaa’ibaa woliin dadantee Addaam biratti dabalamte. Akka lafti midhaagduu fi bifa Waaqayyoo qabaattu gaheen dubartootaa olaanaadha. Dubartiin ibsituu midhaaginaati. Adoo dubartiin addunyaa irratti hin uumamin ta’ee, Addaam gargaartuu fi fakkaattii ifii hin argatu ture, qofummaa keessattis hafa ture, haati, Obboleettiin, haati worraatii fi intalti hin argamtu ture.
Dubartoota maraaf baga guyyaa dubartoota addunyaalessaa ka bara 2025 ittiin isin gahe jedhaa, yeroon kun isiniif yeroo mata duree (gahee hojii) deeskii keessan irra jiruun, gaabbii seenaa darbeetiin, ilaalcha namootaatiin isin ifi daangessitanu adoo hin te’in, hafuura dammaqeen kaatanii yeroo isin addunyaa naannoo keessan jirurratti dhiibbaa jijjiiramaa dansaa uumtanu akka ta’e qaabadhaa.
Haadha tiyyaa fi obboleeyyaan tiyya, lubbuu le’aa! Bara dheeraa jiraadhaa!
👍18🥰61
Dimtu Students Fellowship Conference...
9👍2
Harma guuti malee haati harka hin guutu! (Wolaloo)
Mukooti duudiinuu ka ifii qaba gofa!
Marti hin midhaanessuu muka te'eef qofa!
Kuun raaqa dhiphisee utubaa darata!
Gariin gaalee te'ee mukootatti marata!
Keessa jira muki sanyiif te'u boru!
Unkuruurri obbee bonaaf ganna horu!
Haati namaa akka muka urruubuutii
Ka adoo hin ciramin hafee daraaruutii!
Burqituu jaalalli haalaan harkaa hin buune!
Ka yoo harma guute, yomuu harka hin guune!
Laafaa te'uu jabaa, dureessaaf hiyyeessa!
Ka diqattu hin qadduu ilmaan ifii keessaa!
Eebba duriif ammaa, adhaaf kaleessaati!
Burqaan jaalala isi'ii akka baleessaati!
Qabaattee horattee, dhaddee hiyyoontulle!
Furdattee qaldhattee, toltee hammaattulle!
Haafatti dirtee hin laaltuu ilmaan ifii oottee!
Buxxulliyyee gootii ifiif buqqujjoottee!
Haati abboo haadhuma yennaa kaajottelle!
Tuffatamuu hin qaddu yoo qamaacottelle!
Cintee dulloommattee haga lubbuu duutu!
Harma guuti malee haati harka hin guutu!
Haati maraa haadha, adoo adda hin fille!
Ani tiyya eebbisee eebbisaa isinille!
15