GAGGEESSUMMAA
28.8K subscribers
206 photos
12 videos
23 files
330 links
👉 Jireenya milkaa'aa jiraachuuf kaka'uumsa YAADAA fi DANDEETTII dhokataa ofiitti fayyadamuuf qophii ta'uu barbaachisa!

https://m.facebook.com/Gaggeessummaa?refid=46&ref

✍️ @Gaggeessummaa_bot
Download Telegram
NYAATA MADAALAMAA SOORACHUU
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➨ Nyaanni guyyuu soorannu akkaataa jireenya keenyaa irratti bakka olaanaa qaba.
Gosti nyaataa kamtu qaama keenyaaf faayidaa olaanaa qaba? Keessumaa iyyuu namoonni furdina barbaadanii ol furdachuu fi furdina isaanii hir’isuu barbaadan ogeessi fayyaa nyaata akkamii akka sooratan isaan gorsa?
Nyaata filannee sooranna moo akkuma argameen sooranna? Barruu gabaabduu kana dubbisuun qoqqoodamiinsa nyaataa fi faayidaalee isaan qaama keenyaaf kennan ni hubattu!

Akkaataa Nyaata Fayyummaaf Itti Soorachuu Qabnu
Tartiiba Karoora Soorataa:


➨ Nyaata gosa garaa garaa fayyadamuun nyaata madaalamaa nyaachuu.
➨ Nyaata mi’aaawaa, faatii fi ashaboo hammaan xiqqoo fudhachuu.
➨ Foon guyyaa dhaabbataan soorachuu.
➨ Kaarbohaaydreetii hanga walfakkaataa ta’e soorachuu

Faayidaalee Nyaata Madaalamaa Soorachuu

➛ Sammuun namaa dafee waan tokko akka hubatuu fi yaadatu gochuu
➛ Dukkana keessatti dandeettii waan tokko arguu.
➛ Rifeensa, qeensaa fi gogaa bareessuuf.
➛ Lafee jabeessuu fi hir’ina dhiigaa ittisuu, dhukkuba sukkaaraa ittisuu.
➛ Anniisaa fi humna namaaf kennuu.

Albuudotaa fi Madda Nyaataa

➨ Kaalsiyeem (calcium):
Aannan, baaduu, shalalaa,
⁃ Lafee jabeessuu, Dhiiga ittichuu, Seelii kottoonfachiisuu

➨ Kolini (choline)
Aannan, tiruu, killee, ocholonii
⁃ Seelii hojjechuuf gargaara.

➨ Kiroomiyem (chromium)
Birokoli, dinnicha, foon, qurxummii, nyaata dheedhii
⁃ Qabiyyee sukkaaraa dhiiga keessaa too’achuuf.

➨ Kopperi (copper)
Nuugii, ija midhaanii, qamadii fi midhaan dheedhii
⁃ Ayiranii qaama keessatti hojjechiisuuf gargaara.

➨ Filooriyidii (fluoride)
Bishaan of keessaa filoorayidi qabu, qurxummii galaanaa tokko tokko
⁃ Guddina lafee, jabina ilkaanii kenna.

➨ Ayiranii (iron)
Baaqelaa, cooma, burtukaana
Dhiiga diimaaf barbaachisa.

➨ Magniziyem (Magnesium)
Kuduraalee magariisa, dinnicha, qamadii
⁃ Sochii onnee, kottoonfachuu maashaaleetiif, jabina lafeetiif gargaara.

➨ Potasiyem (potassium)
Dinnicha, muuzii, baaduu, aannan, kuduraa fi fuduraalee
⁃ Dhiibbaa dhiigaa too’achuu, Cirracha kale akka hir’atu taasisa.

➨ Seleniyem (Selenium)
Gogaa foonii, biqiloota tokko tokko biyyee seleniyem of keessaa qabu irratti biqilan, nuugii birazil
⁃ Seelii miidhama irraa hambisuuf gargaara. Hormoonii tayirooyidii jedhamu too’ata.

➨ Soodiyemi (sodium)
Nyaata soogidda itti dabaluun hojjetame kan akka nyaata restoranti
⁃ Dhangala’aa madaaluuf.

➨ Zinki (zinc)
Foon diimaa, midhaan dheedhii tokko tokko
⁃ Narvii, qaama ittisaa oomishuuf gargaara.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Dabalataan "Gosoota Nyaataa fi Faayidaalee isaanii" bifa PDF tiin yeroo dhihootti channel @Reading_PDF irratti isiniif gadhiisa.

Kanneen channel kana hin qabne join godhadhaa nu eegaa!
Forwarded from Reading PDF (Getu Abera✟)
Gosa Nyaata Madaalamaa.pdf
1.1 MB
Gosoota Nyaata Madaalamaa fi Faayidaalee Isaanii
👤 Getu Abera

📆 April, 2021

📚 ᴀꜰᴀᴀɴ ᴏʀᴏᴍᴏᴏ ᴘᴅꜰ
Fuula-14║Hanga-1.0MB
sʜᴀʀᴇ💯sʜᴀʀᴇ💯sʜᴀʀᴇ
@Reading_pdf
@Reading_pdf
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
SIIF JEDHEEN OF DHIISE!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ Haadha tokkotu ilma ishee tokko qabdu waliin jiraatu turan, haati kun rakkina ulfaataa keessaatti mucaa ishee guddisti, gargaarsa
biraa homaa hin qabdu turte. Nyaata xiqqoo yeroo argatte mucaadhaaf laattee, yoo hafe kun boodaaf sii ta'a jettee keessi mucaanis ati hoo?
Jedhee yoo gaafatu 'siif jedheen of dhiise' jettiin.

■ Mucaa isheef waan argatteen uffatasaa yoo jijjiirtuuf ati hoo? jedhee gaafata 'siif jedheen of dhiise' jettee deebistiif.

■ Haaluma kanaan mucaa ishee mana barumsaa galchite, inni guddatee yaaduu eegale, jireenyi haadha isaa waan itti dhagahamuuf yaada tokko murteeffate, barnoota isaa dhiisee hojii humnaa eegale. Haati isaa maaliif yaa ilma koo
anoo barattee bakka gaarii ga'uu keen hawwa maaliif maal taate? Jetteen innis deebisee ati naaf jettee of kee dhiisteetta dabaree koo ''siif jedheen of dhiise'' jedheen.

■ Hojii humnaa hojjatuun haadha isaa jiraachisaa osoo jiruu haati isaa dhukkubsatte, mana yaalaa yeroo galchu yaala isheef qarshii baay'ee gaafatame, wanti inni argatu nyaata isaanirra darbee homaayyuu oolchuu hin danda'u.
Doktoraan haati koo asuma haa ciiftu ani waanin argadhu walitti qabee nan yaalchisa
jedhee haadha isaa mana yaalatti gatee ofiif hojii humnaa oliif gad fiigee hojjatee galgala yoo inni deebi'u isheen dadhabdeetti.

■ Dhufee gurra isheetti jedhee harmee koo! Siif jedheen of dhiiseem ati naaf jedhii dhiisikaa jedhee hirqinfatee boo'e, ol jedhee gara waaqaa
ilaale haati koo naaf jettee of dhiiste anis dabaree kootti isheef jedheen of dhiise atis naaf jedhii haadha koo naaf dhiisi jedhee kadhata. Gidduu kanatti doktorri tokko ol seenee yoo ilaalu mucaa ilaalee dhaabbachuu dadhabee:-
Hin boo'in baasii isaa danda'ee harmee kee siifan yaala ittiin jedheen harmeesaa du'a irraa
hambiseef.

➠ Ol jettee dhaabbachuu keef sababa fayyina ishee taate
➠ Haatii kee siif jettee ofii ishee dhiiste ati hoo dabaree kee haadha keef maal gootee?
➠ Haadha hundumaa umurii dheeraa nagaa guutuun hawwa.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
➥ Waan yaaduu qabdu qofa yaaduu yoo dandeesse waan irraanfachuu barbaaddu ni irraanfatta.

➥ Akkasuma yaadolee gadhee hedduu jireenya kee balleessan jalaa miliquu dandeessa!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
THIS IS THE TIME!!!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲️ This is the time to succeed!
➲ ️This is the time to inspire!
➲ ️This is the time to think!
➲ ️This is the time to work!
➲ ️This is the time to befriend!
➲ ️This is the time to accomplish!
➲ ️This is the time to enjoy!
➲ ️This is the time to adore!
➲ This is the time to love!
➲ ️This is the time to care!
➲ ️This is the time to dream!
➲ ️This is the time to live a great life! 💬 Getu Abera


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
HUBADHU!
▬▬▬▬▬▬
➠ Guyyaatti umuriin namaa ni hir'ata garuu namni umuriin isaa hir'achuun kun isa hin yaachisu hin yaadatus. Qabeenyi isaa yoo hir'ate ni rifata. Qabeenyi ni argama kan deebi'ee hin argamne umurii ture.

Mee Sirriitti Dubbisi!
➛ Yoo kubbaa miilaa ilaaluu ta'e daqiiqaa 60 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo fiilmii ilaaluu ta'e daqiiqaa 250 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo facebook goroggoruu
ta'es sa'aatii 24 rakkoo hin qabu.
➛ Yoo barreeffama waatsaappii ta'e 60 ol dubbisuu danda'a.

● Garuu nama baay'eetti karaa jireenya bara baraa galuuf ittiin of qopheessu shaakaluun, Waaqayyoon kadhachuun, Macaafa Qulqulluu dubbisuun baay'ee itti ulfaata.

● Mee akkuma jireenya foonii kee cimsachuuf fiigdu, jireenya hafuuraatiinis guddachuudhaaf of qopheessi!

"Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu,wanta baayyeedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira."
— 1Ximotewos. 4:8

➊. Kaleessa jiraannee dabarree jirra hin deebi'u.
➋. Har'i ni darba; garuu seenaadhaaf ta'a.
➌. Boru itti gahuu keenya hin beeknu.

Anis, atis, isaanis karaa jirra deemutti jirra. Daandii irra adeemnu ammuma irraa jalqabnee bareechinee haa hubannu.

Kanaafuu nama hundumaa waliin nagaa dhaan jiraadhu! Dhiifama namaa godhi! Waaqayyos dhiifama siif godha.

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
WAAN BAATEEF HIN DAGATIN!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➥ Namoota lamatu rakkatanii jennaan wal duraa duubaan mana nama sooressaa tokko dhaqani. Namichi inni duraa akkuma "Warra Manaa!"
jedhee ol lixeen isaanumaa irbaata dhiyeeffatuu itti
dhaqe. Jarris "koottu nyaadhu" jedhanii teessisani. Innis fiigee dhiqatee maaddii isaaniitti dhiyaatee nyaata eegale.

➬ Otuma hin turiin ammas rakkataan inni lammaffaan dhufee "Warra Manaa" jedhe. Isaanis "noori koottu nyaata
nyaachaa jirra" jedhaniini. Inni garuu, "otuun waanan dhufeef isinitti hin himatin nyaata hin
nyaadhu!" jedheeni.

➬ Isaanis "tole waan dhufte
himadhukaa!" jedhan. Innis "bor ganamatti farda keessan barbaadeeni maaloo naaf ergisuu dandeessuu?" jedhe.

➬ Kana gidduutti namichi dura dhufee otuu dhimma isaa hin himatin nyaatatti gad jedhe sun "maal anisoo farda keessan barbaachan dhufe" jedhe. Isaan "garuu lakki ati durfamteetta". Jedhanii isa lamaffarra dhufeef farda laatani.

➬ WAAN BAATEEF HIN DAGATIN!

Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
KOPHEE SEEXANAA

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➬ Maqaan kophee seexanaa jedhamu kennameeraaf.
Kophee Seexanaa Dhiiga Namaa irraa Hojjatame.

➬ Kopheen doolaara 1,018 akka kan keenyaatti (birri 42,218) gurgurame kun, mallattoo fannoo gadi galagalee, mallattoo urjii (pentagiraamii) fi luqqisii macaafa qulqulluu "Luqaas 10:18" ofirraa kan qabu yoo ta’u, kophee Nike Air Max 97 jedhamu gegeeddaruun oomishame.

➬ Dhabbati MSCHF Wiixata kopheewwan 666 ta’an raapparii Lil Nas X waliin irratti
hojjachuun kan gadhiise yoo ta’u, daqiiqaa tokkoo gaditti kopheen hundi gurguramee akka dhumes hima.

➬ Nike kopheen kun mallattoo daldalaa keenya seeraan ala itti fayyadame jechuun himata.
Kopheen halluu gurraachaa fi diimaa qabu kun Wiixata MSCHF'n kan gadhiifame, sirbitu Lil Nas X haaraa Montero (Call Me By Your
Name) jedhu Jimaata YouTube irratti erga gadhiifamee booda.
Viidiyoon sirba kanaa yeroo weellisaan kun yeroo jannata irraa gara si’oolitti kophee kana
uffatee shubbisaa gadi bu’u mul’isa.

➬ Qabiyyeen viidiyoo fi kophee kanaa luqqisii Macaafa qulqulluu Luqaas 10:18 – "Seexanni akka bakakkaatti yommuu samii irraa kufu ani
argeera," jedhu kan eerudha.
Kopheen tokko tokkoon isaa bakka faanni luka ejjetu irratti dhangala’aa halluu diimaa fi dhiiga bicuu miseensota dhaabbata artii kanaan
gummachame of keessaa qaba. Dhaabbati kophee ispoortii oomishu Nike
himata Mana Murtii US Bulchiinsa Niiw Yoork jirutti dhiyeesse irratti Kophee Seexanaa kana akka hin eeyyamne yookiin hin simanne ibseera. "Dogoggorri akkanaa ammumaan uumamaa jiraachuu isaaf ragaan jira, mormii Kophee Seexanaa kana irratti ka’een ilaalcha dogoggoraa Nike oomisha kana eeyyameera jedhuun Nike qeeqamaa jira."

Bulchituu Dakoota Kibbaa Kiristii Noyem dabalatee namootni siyaasa tokko tokkoo fi hordoftoonni amantaa tokko tokko kophee kana Tiwiitara isaanii irratti balaaleffachaa jiru.

NUTIS AKKA
• CHANNEL KEENYAATTI,
• AKKA AADAA KEENYAATTI,
• AKKA AMANTAA KEENYAATTIS HAA BALAALEEFFANNU!!!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
NEVER SAY "NO WAY"
▬▬▬▬▬▬▬▬▬

➠ "Without the way, there is no going; without the truth, there is no knowing; without the life, there is no living."
— THOMAS À KEMPIS

➠ Have you ever faced a situation and said, "There is no way this can ever be?" Maybe some of these thoughts weigh on your mind:
• There is no way I can handle the pressure at work.
• There is no way I can pay my bills at the end of the month.
• There is no way to save my marriage.
• There is no way my children will ever grow up to be responsible adults.
• There is no way I can keep my house clean and straight.
• There is no way for me to open my own business.
• There is no way I can go back to college at my age.
• There is no way I can lose the weight I need to lose.

➠ I want you to know there is always a way. It may not be easy; it may not be convenient; it may not come quickly. You may have to go over, under, around, or through. But if you will simply keep on keeping on and refuse to give up, you will find a way.

➠ I want you to make yourself a promise. Promise yourself that you will never again say, "There is no way." The truth is, even when there seems to be no way, with God there is always a way.

➠ If you are a born-again Christian, the Spirit of God lives inside of you. All the creativity in the world resides in Him, and because He lives in you, you have access to all that creativity. The Holy Spirit
can give you ideas that never occurred to you and show you ways to do things you never thought you could do.


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
GAARII HOJJEDHU!
GAARII TA 'I!

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✧ Aristootil dubbii umurii dheeraa lakkoofsise tokko qaba: "Gaarii hojjedhuu gaarii ta'i!" Jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa waan gaarii
hojjechuu haa amaleeffannu!

✧ Hojiin gaariin gaafa irra deddeebi'ee hojjetamu ni
amaleeffatama. Amala nuuf ta'a. Wanti amaleeffanne immoo qaama jireenya keenyaa
ta'a. Otuma waan gaarii hojjennuu, namoota gaggaarii taana. Hojii gaariin nama gaarii nu taasisa jechuudha. Kanaaf akka ilmaan namootaatti yeroo hundumaa waan gaarii waliif
haa yaadnu, waan gaarii waliif haa hojjennu. Ija gaariin wal haa ilaallu, ilaalcha gaarii waliif haa qabaannu.

✧ Ganama yeroo hirriiba keenya irraa dammaqnu mara,
"har'a wanti gaariin ani hojjechuu danda'u maali?" jennee of haa gaafannu. Wanta gaarii hojjechuu dandeenyu hunda immoo haa hojjennu!!!

✧ Gaarummaan qajeeltoo jireenya keenya hoogganu nuuf haa ta'u!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
BARADHU!!!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➶ Fiilmiin amaariffaa "Rabbuunii" Jedhu dhaadannoo ajaa'ibsisaa tokko qaba.

➲ "Barataan yoo jiraate barsiisaan eessayyuu ni jira" jedha. Guyyoota tokkoon tokkoon dabarsinu keessatti oolmaan keenya akka baruumsaatti yoo irraa baranne nu caala wanta barbaadnu kan milkeessu hin jiru.

➲ Oolmaa har'a keessa oolte irraa hubannoo argatteen guyyaa kee boriif yaada haaraa qopheessita. Amala namoota milkaa'oo ta'anii keessaa inni tokko, yeroo hundumaa barnootaaf of qopheessu. Rakkinaa fi hanqina isaan mudate irraa barachuuf haala kamiyyuu keessatti qophaa'odha.

➶ Mahatama Gaandiin, "akka nama bor du'uu jiraadhu akka nama hanga xumuura addunyaa jiraatutti baradhu!" nuun jedha.

➀. 𝗗𝗵𝗮𝗴𝗴𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗮𝗿𝗶𝗶 𝘁𝗮'𝗶! 𝗚𝘂𝗿𝗿𝗶 𝗸𝗲𝗲 𝘁𝗮𝘀𝘂𝗺𝗮a 𝗮𝗱𝗮𝗯𝗮 (𝗿𝗮𝗸𝗸𝗼𝗼) 𝗸𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝘀𝗶 hi𝗻 𝗯𝘂𝘂𝘀𝘂𝘂𝘁𝗶!

➁. 𝗜𝗿𝗿𝗮 𝗱𝗲𝗱𝗱𝗲𝗲𝗯𝗶'𝗮𝗻𝗶𝗶 𝘆𝗮𝗮𝗹𝘂𝘂𝗻 𝗺𝗮𝗮𝗹𝗶𝗺𝗮a (𝗲𝗹𝗲𝗺𝗲𝗻𝘁𝗶𝗶) 𝗺𝗶𝗹𝗸𝗮𝗮'𝗶𝗻𝗮𝗮 𝗶𝘀𝗮 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮. 𝗬𝗲𝗿𝗼𝗼 𝗱𝗵𝗲𝗲𝗿𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮𝗮𝗳 𝗵𝘂𝗹𝗮𝗮 (𝗴𝗮𝘁𝗲) 𝗿𝘂𝗸𝘂𝘁𝗮𝗮 𝘆𝗼𝗼𝗸𝗮𝗮𝗻 𝘀𝗮𝗴𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗴𝘂𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗱𝗵𝗮𝗴𝗲𝗲𝘀𝘀𝗶𝘀𝗮𝗮 𝘆𝗼𝗼 𝘁𝘂𝗿𝘁𝗲, 𝗮𝗸𝗸𝗮 𝗻𝗮𝗺𝗮 𝘁𝗼𝗸𝗸𝗼 𝗱𝗮𝗺𝗺𝗮𝗾𝘀𝗶𝘁𝘂 𝗯𝗲𝗲𝗸𝗮𝗺𝗮𝗮𝗱𝗵𝗮.

➲ Guyyaa keenya injifachuu qabna.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Six Pointer Wisdom
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊ When you are alone,
mind your thoughts!
➋ When you are with friends,
mind your tongue!
➌ When you are Angry,
mind your temper!
➍ When you are with a group,
mind your Behavior!
➎ When you are in trouble,
mind your emotions!
➏ When God starts blessing you, mind your ego!


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
EENYUN GOWWOOMSE JENNA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➢ Namichatu loon baay'ee jaallata jedhama. Guyyaa tokko sangoonni isaa sadan furdifamanii baay'ee nama hawwatan jalaa badan. Utuma inni barbaaduu dukkanaa'e. Bineensi na jalaa nyaataaf dhiphina hamaatti gale.

➢ Bosona keessa jooree utuma barbaaduu gaafa falli dhibu bakkuma jiru jilbeenfatee, "Yaa Waaqayyo Sangoota koo kana yoo naaf galchite sadan isaanii keessaa tokko siifan kenna" jedhee kadhate. Kadhatee utuu inni afaanii hin fixin sangaan mar'ate.

➢ Booda bakka jilbeenfatee ol ka'ee "Dhiisi isan amma jedhe dhufaniiru" jedhe jedhama.

Meeqan keenyatu iddoo dubbii dubbanne dhaabbannee jirra laata?

❏ Hunduu jireenya fakkeessaa, jireenya na argaa, jireenya anatu caala malee kan dubbii fi haala isaa waliin deemu qabatee adeemuu raawwatee arguu irra "gaala lilmoo keessa bahuun" itti salphatu erga taanee bubbullee jira.

Kanaaf obboloota koo
→ Haala keenya,
→ Dubbii keenya,
→ Deemsa keenya,
→ Jireenya keenya,
→ Namummaa keenya waliin tokko haa goonuu! Of argaa fi na argaa irraa immoo haa fagaannuu.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
ILAALCHA KEEF MOO KAN NAMAAF IDDOO KENNITAA?
▬▬▬▬▬
▬▬▬▬
❏ Yeroo tokko haadha manaa fi abbaa manaatu baadiyyaa tokko keessa waliin jiraatu turan. Jarreen kun farda tokko qabu. Egaa guyyaa tokko iddoo ta'e deemuuf jedhanii farda isaanii yaabbatanii deemsa eegalan.

❏ Yeroo isaan lama ta'anii farda tokko yaabbatanii deeman namoonni isaan argan akka isaan beeyladaaf garaa hin laafnetti yaaduun itti aaruun hammeessuu eegalan. Yeroo kana abbaan manaa farda irra taa'un haati manaa immoo akka lafa deemtuuf murtessaan.

❏ Ammas Namoonni biroo isaan argan maal abbaan manaa ofittoo fi kan haadha manaa isaaf kabaja hin laanne jechuun isa arrabsuu eegalan.

❏ Namichi kunis dubbii namoota kanaa baqachuuf jecha ofii isaa farda irraa bu'uun haadha manaa isaa farda yaabsisuun ofii isaa immoo lafoo deemsa eegale. Yeroo kana immoo namoonni isaan argan abbaa manaa kanatti kolfuu eegalan. Akka inni gowwaa ta'eetti fudhachuunis hedduu itti qoosan.

❏ Dhuma irratti jarri lachuu lafoo isaanii deemuuf murteessan. Farda isaaniis harkisuun deemsa eegalan. Yeroo kana namoonni isaan argan hedduu raajeffamanii akkas jedhan
"Maal maatii gowwaa fi homaa hin beekne kun kan farda qullaa dhiisanii lafoo deeman!" jechuun isaan arrabsan jedhama.

Egaa obbolee koo meeqan keenyatu akka sammuun keenya nu ajaju dhiifnee gaggeessummaa nama biraan jiraataa jira?

✧ Hedduun keenya jireenya jiraannu akka waan namaaf jiraannuu, akka ebelu ta'eef, hafee malee jechuun kan kaayyoof karoora keenya dhiisne lakkoofsa hin qabnuum.

✧ Waan hiriyyaan isaa itti qooseef/ittiin mormeef qofa kan ajandaa karoora isaa jijjiiru meeqaf meeqatuu jiraam!

✧ Jireenyi kan jiraatamu akka nuuf mijatee fi haala keessa jirru waliin walbira qabuun malee ilaalcha namoonni nuuf qabaniin har'aa bor kan jijjiiraa oollu miti.

✧ Kanaaf kaayyoo itti amante sana hanga galmaan geessutti jecha namaa fi arraba namaa isa akka eboo nama waraanuuf bakka hin qabaatin! Deemsa kee itti fufii milkaa'i!

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Yoo Joobirri Tole Jedhe Lukkuun Gaggeessaa Joobiraa Ta'uuf Hin Saalfattu!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➬ Hima kana baay'een jaaladha. Dhugaa dubbachuuf Joobiirri tole jennaan Lukkuun ni gaggeessiti. Bakka oolmaa joobiraa osoo hin taanee bakka oolmaa ishee oolchiti. Hojii
joobirri beeku osoo hin taanee hojii beektu hojjechiisti! Hojii joobirri hojjatu lukkuun
karoora keessaa hin qabdu eessaa fiddee hojjechiisti? Nyaata inni nyaatu isheen
dhandhamtee hin beektu. Oolmaan ishee kosii irra, nyaanni ishee raammodha.

➲ Joobiirri lukkuun gaggeeffamu galma joobiraa osoo hin taanee galma lukkuuti ga'uumsi isaa.

➲ Kanaaf tole jechuu hin qabu malee tole jennaan lukkuun gaggeessuu hin saalfattu. Beekaa taatee osoo jirtuu beekaa ta'uu kee hin beektu
taanaan ati homaayyuu miti. Sababni isaa beekaan akka beekaa ta'ee hin beekne goota
rafedha. Gootni rafe immoo dammaquu yoo baate dabeessatu itti taphata bakka inni ciisutti. Wallaalaa akka siin hin jenneef wallaalaan isa ganaa baratuudha.

➲ Ati gaggeessaa akka gaggeessaa ta'e hin beekne yoo taate yoom illee gaggeeffamaa taatee jiraatta; akka goota rafee kanaati.

➲ Dammaquu si barbaachisa dammaqi! Namoonni dandeettii yookiin kennaa isaanii isa
dhugaa hin beekne gaafa hundumaa bakka amma jiran garasitti waan haaraa arguu hin danda'an. Fageessitee ilaaluu keetu bor deemtee bakka ati geessuuf akeektuudha.

Maddi: Kitaaba Seenaa Moo Seera Sodaannu jedhu kan Waadaa Bultiin barreeffame.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
WANTOOTA HOJII IRRATTI DHIIBBAA UUMAN
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
■ NAMAAN DORGOMUU?
➶ Hojii hojjettus ta’ee waan irratti bobbaatee jirtu irratti namaan dorgomuuf osoo hin taane ofii keen dorgomaa hojjechuutu irra filatamaadha. Akka ilaalcha kootti ofii keen dorgomuu yeroon jedhu si isa kaleessaa caalaa si isa har’aa hojjechiisuu jechuudha.

➪ Fakkeenyaaf kaleessa waan hojjette tokkotti dhibbantaa digdamii shan taanan si isa har’aa immoo shantama
hojjechiisuu yaaluudha. Karaa biraan namaan dorgomuun kee rakkoo inni sitti uumuu danda’u muraasan sii kaasa.

➪ Namaan dorgomuun kee wantoota wanta ati qabattee jirtu irratti gufuu ta’aniif si saaxiluu danda’a. Innis hinaaffaa, jibba nama sana
cabsuuf karaa barbaaduu, kunimmoo gufuu kan inni sitti ta’uu danda’u silaa ati qooda hojii kee sammuu kee qulqulluun irratti xiyyeeffattu. wanta toora tokko ol si butuu hin dandeenye wantoota armaan olii keessatti kufta
jechuudha. Karaa biraan immoo waan humna keen olii akka ati hojjettuufis si saaxila. Fakkeenyaaf namni ati dorgomtuun sun dandeettii muka yaabuu qaba haa jennu. Yeroo inni muka yaabu atis muka yoo yaabde, yeroo inni bu’u immoo irraa kuftee
caccabuu dandeessa. Muka yaabuun isaaf dandeettiidha yookiin kennaadha. Siif garuu
miti. Nama taatee waan dhalatteef namni biraan waan godhu hundumaa gochuu dandeessaa miti. Akkasuma wanta ati gochuu dandeessu
garuu inni gochuu hin dandeenyes ni jira. Kun immoo dandeettii garaagaraa qabaachuun keenya utuu iddoo biraa hin dhaqin bifa garaa garaa, hojjaa garaa garaa qabaachuun keenyayyuu fakkeenya dandeettii garaa garaa qabaachuu keenya isa hangafaati. kanaaf dorommiin kee isa dandeettii si fakkaatu qabu akkasuma bifa si fakkaatu qabu suma waliin
ta’uu qaba.

■ HAMMA HOJJETTUU GADI HOJJECHUU
➶ Kun kan inni irraa madda jedhee yaadu, Inni angafaa dhibaa’ummaa yeroo ta’u inni itti aanu immoo wanta har’a hojjettu boriif kaawwachuudha jedheen yaada.

➪ Maalif dhiboofta? Hojii hojjettu sana tarii humnaan itti galtee? Fakkeenyaaf dhiibbaa maatiin moo namummaatu hojjetee milkaa’eef atis seente.
Deebiin isaa kana lamaan keessaa tokko ta’uu mala. Silaa hojii ati hojjechuu qabdu hojii
eenyummaa kee isa dhugaa ta’ee fi dandeettii kee madaalu ta’uu qaba ture. Kana wallaaluun kee immoo isaan armaan oliif si saaxiluu mala. Silaa hojiin eenyummaa kee isa
dhugaa ta’e kan gammachuu siif kennu kan ati akka bashannanaatti ilaaltudha. Malee kan ati itti dhibooftu ta’uu hin qabu. Itti dhiboofta taanaan hojii eenyummaa kee ilaallatu mitii dhiisii waan si
ilaallatu hojjedhu! Namoonni baay'een dhaabbilee garaa garaa keessa hojjetan kan isaan baay'inaan hojii isaaniitti dhibaa’oo ta'aniif akka ilaalcha kootti wantoota armaan oliiti jedheen yaada. Horii yookiin qarshii ilaalee dhaqe yookiin
hojiinumti nan darbinii dhaqerraan ala waan isa
ilaallatu miti ta’uu mala.

➪ Namni kamuu immoo akkuman dura kaase dandeettii garaa garaa qaba. Dandeettii isaa wallaaluu isaatu akkana isa godhen jedha. Kanaaf dandeettii hojii hojjennuu haa barruun dhaamsa kooti.

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnu!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι

sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
SAMMUU KEENYATTI HAMMAM FAYYADAMAA JIRRAA?
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➲ Dandeettiin sammuu namaa dhokataadha. Yommuu ittiin hojjetan ba'ee mul'ata. Ittiin hin
hojjene taanaan garuu sammuun dadhabaa fakkaata.

➲ Sammuu ofii hojjechiisuun dandeettii horachiisuu utuu hin taane, dandeettii sammuu
sanaa hojiitti hiiksisuudha.

▷ Saayintistiin guddichi dhalootaan Yihuudii,
lammummaan isaa Ameerikaa ta'e Albeert Enistaayin utuu addunyaan hamma sana sammuu isaa ajaa'ibsiifattuu akkana jedhe, "Dandeettii sammuu kootti harka dhibba
keessaa harka digdamii shan (25%) qofaan waanan fayyadame natti fakkaata!" Jedhe.

▷ Hayyuun Wiiliyaam Jeems jedhamu immoo giddu galeessaan ilmaan namootaa 10%-12% qofaa sammuu isaaniitti akka fayyadamanii darban ibseera. Kana jechuun sammuun ilmaan namaa heddumminaan hojii isaa utuu hin hojjetin akkuma waliin dhalatetti waliin du'a jechuudha. Biyyeen albuuda guddaa hammana ga'u kuufachaa jirti.

➲ Addunyaa kana caalaatti dandeettii sammuu namaa qabeenya isaa kan godhate biyyeedha jechuudha.

➲ Akka ta'utti sammuu kee hojjechiisuu shaakali!
⁃ Karoorsi!
⁃ Hojjedhu!
⁃ Waan hojjettu madaali!
⁃ Bu'a - qabeessa ta'i!
⁃ Addunyaan dirree waldorgommiiti, ammuma ka'ii gara dirreetti makami!

Milkaa'inni fagoo miti, barruu harka kee keessa jira.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
JECHA HAYYOOTAA
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
➊. Abrahaam Liinken
— Namoonni hammuma gammaduuf sammuu isaanii qopheessan gammadu.
— Waan feete ta'i; garuu itti cimi!
— Suuta jedheen deema; garuu tasumaa booddeetti hin deebi'u.
— Kufaatii keef dhimma hin qabu; kanan dhimmu ka'uu keef!

➋. Beenjaamiin Firaankiliin
— Namni obsa qabaachuu danda’u waan barbaadu argachuu danda’a.
— Qophaa 'uu yoo dadhabde kufaatiif qophoofta.
— Yookiin waan dubbifamuuf malu barreessi!
— Yookiin waan barreeffamuuf malu hojjedhu!
— Investimentiin beekumsa irratti ta'u dhala hunda caalu namaaf kaffala.
— Foddaan mana kee fuullee yoo qabaate, ollaa keetti dhagaa hin darbatin!

➌. Guutamaa Budihaa
— Kan nuti taanee jirru bu'aa wanta nuti yaadneeti.
— Namni ogummaadhaan jiraatu du'ayyuu hin sodaatu.
— Yoo waa dubbachuu feete yeroo hundumaa dubbiin sun dhugaa, barbaachisaa fi gaarii ta'uu of gaafadhu!
— Okkoteen copha cophaan guutti!
— Gammachuun keessa keetii dhufa, alaa hin eegiin!
— Rakkoon kee maali seete? Yeroo qaba jettee yaadda.

➍. Maatamaa Gaandii
— Namni dadhabaan dhiifama hin godhu. Dhiifama gochuun amala nama jabaati.
— Gammachuun yeroo waan ati yaaddu, waan ati dubbattuu fi waan ati hojjettu tokko ta'aniidha.
— Namni gaariin michuu uumama hundumaati.
— Namni bu'aa yaadota isaati, waan yaadu ta'a.

➎. Maartiin Luuter Kiing
— Umurii qofaa lakkaa'uu dhaan dheerina yeroon namaa nyaatame caalaa kan nama gaddisiisu hin jiru.
— Humni diina ofi irratti jijjiiruu danda’u tokkichi jaalaladha.
— Namni dhiifama gochuuf humna dhabe, jaalachuuf humna hin qabu.
— Urjoota arguu kan dandeessu dukkana keessatti qofaadha.
— Fincilli sagalee warra hin dhaga'amneeti.

➏. Maazar Tereezaa
— Namootatti kan murteessitu yoo ta'e, isaan jaalachuuf yeroo hin qabaattu.
— Jechoonni gaggaariin gabaaboo fi salphoo ta'uu danda’u, sagaleen isaanii garuu dhuma hin qabu.
— Namoota dhibba nyaachisuu yoo dadhabde tokko qofa nyaachisi!
— Hojiin jaalala hin qabne garbummaadha.
— Jireenyi namoota kaaniif hin jiraatamin jireenya miti.

Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι



sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺
Gorsa!!!
▬▬▬▬▬
➊. Iddoo Hundumaatti gaarummaa hojjedhu! Yoos maqaan kee bakka gaaritti waamama.
➋. Eenyummaan kee inni qajeelaan bakka oolteen utuu hin taane, hojii bakkichatti hojjetteen madaalama.
➌. Amma dandeessu namoota onnachiisi! Nama tuffachuu hundumtuu gochuu danda'a waan ta'eef.
➍. Gammachuu argachuu kan dandeessu gaafa kaayyoo keetiif jiraattudha.
➎. Yeroo keetti fayyadami! (Use time wisely)


sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ​
@Gaggeessummaa
@Gaggeessummaa
🔺ᴊᴏɪɴ🔺