Dargaggeessi dheerinaan Nagawoo Jimaa 'nan caala' jedhu Gujiirraa as bahe

Maqaan isaa Awwaluu Buxxuulaa jedhama. Dhalatee kan guddate Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti.

Ilma horsiisee bulaa ta’uu kan himu Awwaluun, dheerinni isaa garmalee dabalee namoota caalaa dhufuu kan bare yeroo umriin isaa ganna 15 ture ta’uu yaadata.

“Ani Ijoollummaa kiyyatti loon tiksaa guddadhe. Booda mana barumsaa galee hanga kutaa saddeetii baradhe. Ani mucaa dhumaa waanin ta’eef abbaan kiyya ‘barumsa dhaabii karra kiyya dhaali’ jennaan qe’eetti deebi’ee niitii fuudhe,’ jedha.

Awwaluun amma hojii horsiisa beelladaa keessaa bahee daldala irrattii hojjechaa jira.

Beeyiladaafi albuudota magaalaa Shaakisoo fi Finfinnee gidduu daldala.

Dargaggeessi umuriin isaa ganna 24 kun, dheerinni isaa meetiraa lamaa fi seentimeetiraa 35 dha.(BBC)

@Gadaapost
@Gadaapost
HACHALU HUNDESSA AWARD

👉Dorgomtoota Xummuraa weellisaa Haaraa

@Gadaapost
@Gadaapost
HACHALU HUNDESSA AWARD

👉Dorgomtoota Xummuraa Sirba Cimaa

@Gadaapost
@Gadaapost
Humni Qilleensaa Itoophiyaa mata duree “Qeerransoota 2014” jedhuun Paayileettoota leenjisaa ture guyyaa har’aa eebbisiisaa jira.

Sirna eebbaa kanarratti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeefi Itaamaajoor Shuumii Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiildi Marshaal Birhaanuu Juulaa dabalate hoggantoonni naannoolee, hoggantoonni waraanaa biyyoota garagaraa, hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, hoggantoonni olaannoo mootummaa, keessummoonni waamichi taasifameefi jiraattoonni Magaalaa Bishooftuu argamaniiru. #RIB

@Gadaapost
@Gadaapost
Oduu Gaddaa

Haati manaa Obbo Dinquu Dayyaasaa, Aadde Faanuu Abaataa Adunyaa kana irraa Du’aan Boqotaniiru.

Sirni Awwaalchaa ishee har'a geggeefameera. Obbo Dinquun sirnicha irratti argamuu akka hin dandeenne miidiyaa hawaasummaa irratti ibsaniiru.

Maati fi firoottan isaa hundaaf jajjabina hawwina.

@Gadaapost
@Gadaapost
Badhaadhinni waraana TPLF waliin qabuuf falli karaa nagaa akka barbaadamuuf murteesse

Rakkoo Kaaba Itoophiyaa jiruuf karaa Gamtaa Afrikaatiin filannoowwan karaa nagaan hiikuu akka barbaaadamuuf paartiin biyya bulchaa jiru Badhaadhinni murtee dabarsuu isaa aanga'oonni Paartichaa himan.

Paartiin Badhaadhinaa dhuma torban darbeerra, kora hoji-raawwachiiftuufi Koree Giddu-galeessaa gaggeessuu hordofee ibsa baaseen waraana Kaaba Itoophiyaafi dhimmoota waqtaawoo ta'an biroo irratti mariyatee murtee dabarsuun isaa himameera.

Itaanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa kan ta’an Obbo Adam Faaraah ibsa kennaniin, Koreen Giddu-galeessaa walgahii taa’en dhimoota diinagdee, nageenyaa, siyaasaafi hawaasummaa irratti maarii taasiseera jedhan.

Akkasumas, korichi dhimma nageenyaan wal-qabatee dhiyeenya kana taatewwan Gambeellaafi Wallagga Lixaatti uumame balaaleffachuun haleellaa mootummaan qaamolee rakkoo nageenyaa geessisan jedhe irratti fudhateen hedduu isaanii akka dhabamsiise ibsaniiru.

Ministirri Haqaa Dr. Geediwoon Ximootiwoos ibsa kennaniin, rakkoo Kaaba Itoophiyaatti mudateef filannoon karaa nagaa akka ilaalamu Koreen Giddu-galeessaa Paartii Badhaaninaa murteessuu isaa ibsaniiru.

Korichi murtee kana irra kan gahe rakkoolee waraanni qaqqabsiisu hir’isuuf, humna guutun gara misoomatti fuulleffachuufi haalota siyaasaa fooyyessuufi maree biyyoolleessaaf haala mijeessuuf akka ta’e itti dabaluun ibsaniiru.

Mareen nagaa kun gaafa gaggeeffamu heera biyyattii bifa kabajeen, fayidaa bu’uura biyyattii bifa hin sharafneefi qajeeltoofi dursummaa Gamtaa Afrikaatin gaggeeffamuu qakka qabu korri kun murtee akka dabarse ibsanii jiru.

Dursaan TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eel (PhD) mootummaan isaanii marii ifaa mootummaan Keeniyaa eegaleef bakka buutota isaa erguuf qophii ta'uu xalayaa banaa dhaabbilee idil-addunyaaf torban dura barreessaniin beeksisanii turan.

Dabratsiyoon xalayaa isaanii kana keessatti, Gamtaan Afrikaa waraana kana dhaabsisuu irratti gahee fi gaafatama irraa eegamu hin baane jechuunis komataniiru.

Jaarsummaan mootummaa Keeniyaa eegalame itti fufaa, hunda hammataa, walabaa fi haqa qabeessa kan jedhan Dabratsiyoon, mootummaan Ameerikaa, Gamtaan Afrikaa, Gamtaan Awurooppaa, Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniifi Yunaayitiid Arab Eemireets qooda keessaa akka qaban himan.

Sochiiwwaniifi tuttuqqiin filannoo nageenyaa kana jeeqan kamiyyuu yoo jiraatan mootummaa tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu beekamuu akka qabuufi kanaaf ammoo qaamoleen nageenya fi odeeffannoo biyyaalessaa qophaa’oo akka ta’anis ibsaniiru aanga'oonni Paartii Badhaadhinaa.

Obbo Adam Faaraah gama isaanitiin, “Uummata waliin ta’uun seenadhumaan diinota Itoophiyaa warra ta’an balleessun badhaadhina ni mirkaneessina,” jedhan. 

Muummichi Ministeeraa Abiy Ahmad dhiyeenya haasaa paarlaamaa irratti taasisaniin mootummaan isaanii qaama nagaa barbaadu kamuu waliin nagaa akka buusu dubbatanii turan.

Mootummaan ibsa har’a baasen waraana ji'a 19 oliif kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture ilaalchisee hidhattoota Tigraay wajjin karaa nagaa xumurachuuf fedhii akka qabu agarsiisus, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)- kan ‘Shanee’ jedhuun waamu wajjin garuu nagaa buusuf waan jedhe hin qabu.

Kanaan dura Ajajaa Olaanaan Waraana Bilisummaa Oromoo Kumsaa Dirribaa BBC waliin turtii taasiseen, dhimma waraana dhaabuufi mootummaa wajjin mariyachuu ilaalchisee, bakka qaamni sadaffaan isaanifis mootummaafis ta’u jirutti mariyachuuf waamichi yoo godhameef qophii akka ta’an ibsuun isaa ni yaadatama.

@Gadaapost
@Gadaapost
Magaalaa Buraayyuutti Yuuniversiitiin Riifti Vaalii Kaampaasii Dirree Gafarsaa jedhamuun beekamu guyyaa har'aa Waxabajjii 28/2022 maqaasaa gara" Yuuniversiitii Riifti Vaalii Kaampaasii Hacaaluu Hundeessaa" jedhutti geeddarateera.

Sagantaa kana irratti qondaaltonni KFO Prof. Mararaa Guddinaa dabalatee hoggantoonni muraasni argamaniiru.

Dabalataanis, hoggansi olaanoon Yuuniversiitii Riifti Vaalii, hojjattoonni, barattoonnifi hawaasni naannoo saganticha irratti argamaniiru.

Saganticha irratti sirna dungoo ibsuutiin yaadannoo waggaa 2ffaa Artist Hacaamuu Hundeessaa raawwatameera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Gareen mariisisuuf filatame!

Paartiin Badhaadhina biyya bulchaa jiru marii nageenyaatiin waraana kaaba Itiyoophiyaatti gaggeeffamaa ture akka dhaabbatu murteessee jiraachuun isaa ni beekama.

Haaluma kanaan Mootummaan Federaalaa garee nagaaf mariisisu muuduun isaa mirkanaa'eera.

Miseensota garee:

1ffaa. Dammaqaa Mokonnin - walitti qabaa
2ffaa. Dr. Giidiyoon Ximoxi'oos - Miseensa
3ffaa. Obbo Tamasgen Xiruuneh - Miseensa
4ffaa. Ambaasaaddar Hasan Abdulkaadir - Miseensa
5ffaa. Ambaasaaddar Reedwaan Huseen - Miseensa
6ffaa. Lt. Gen. Birhaanu Baqale - Miseensa
7ffaa. Dr. Geetaachoon Jambar miseensa ta'uun filatamaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Siidaan Jeneraal Waaqoo Guutuu eebbifame

Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Siidaa Jeneraal Waaqoo Guutuu eebbisiisaniiru.

Siidaan kun Birrii miiliyoona 21’n kan ijaarame ta’uu ibsameera.
Siidichi Addabaabaayii Jeneraal Waaqoo Guutuu boca holqa Soof Umar qabu irratti siidaan Jeneraalichaa dhaabbachuu himameera.

Jilli Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu guyyaa har’aa proojektoota garaagaraa eebbisiisuun hojii eegalchiisaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Yaneenash Araarsoofi Awwaluu Buxxuulaa: Shamarreefi dardara dheerinaan Itoophiyyaarraa sadarkaa tokkoffaarratti argaman

Shamarree Yaneenash Araarsoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Aanaa Jimmaa Gannatii, Magaalaa Haratootti dhalattee guddatte. Shamarreen umurii 30 tun meetira tokkoofi seenti meetira 95 (1.95cm) kan dheerattu yoo ta’u, korniyaa dubartiitiin dheerinaan akka Itoophiyaatti sadarkaa 1ffaa, akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 2ffaa ta’uun galmee dinqisiisoorratti galmoofteetti.

Dargaggoo Awwaluu Buxxuulaa ammoo Godina Gujii Bahaa, Aanaa Gooroo Doolaatti dhalatee guddate. Dargaggoon umurii 24 kun, dheerinnisaa meetira lamaafi seentimeetira 35 (2.35cm) yoo ta’u, korniyaa dhiiraatiin akka biyyaatti sadarkaa tokkoffaarratti argama.

@Gadaapost
@Gadaapost