Yuunivarsiitiin Wachaamoo baratoota Yuunivarsiitii Aksum irraa fudhatee barsiisaa ture eebbisiise.

Yuunivarsiitiin Wachaamoo Yuunivarsiitii Aksuum sababa waraanaa birmadumma biyyaa kabachiisuuf taasifameen hojii baruu fi barsiisuu adda kan kute irraa baratoota fudhatee barsiisaa ture eebbisiise.

Baratoonni eebbifama kunneen damee barnoota Saayinsii uumamaa, Bizineesiifi Ikonomikisii fi dameewwan birnootaa biroon barnoota isaanii hordofaa kanneen turanidha jedhameera.

Eebba baratoota kanarratti Pireezidaantii Yuunivarsiitichaa doktar Habtaamyy Abbabaa dabalatee hoggantoonni mootummaafi maatiin baratoota argamaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Gabaasa Waloo Aministii Intarnaashinaalii fi Dhaabbanni Mirga Namoomaa Baasan Irratti Mootummaan Ityoophiyaa Ibsa Laate

Gabaasa waloo Aministii Intarnaashinaalii fi Dhaabbanni mirga namoomaa baasan irratti Mootummaan Ityoophiyaa ibsa laateera.

Mootummaan qabiyyee gabaasa dhaabbileen kunneen walqaayit irratti baasan of eeggannoon qorachaa jiraachuu ibseera.

Gabaasichi dhimmoota of eeggannoon ilaalamuu qaban kanneen akka jijjiirama siyaasaa, nageenyaa, dhimma daangaa keessoo of keessatti kan haammate ta’uu hubachuun barbaachisaa akka ta’e ibsameera.

Gabaasichi himannaa yakkoota duguuggaa sanyii, yakka waraanaa fi himannaa yakkoota dhala namaarratti raawwatan kan dhiyeesse ta’uu eerameera.

Mootummaan Ityoophiyaa sarbama mirga namoomaa warren raawwatan hunda gaafatamaa taasisuuf qophii ta’uu ibsichaan eerameera.

Kanarraa ka’uun bu’aa qorannoo waloo Komishiniin Mirga Namooma Ityoophiyaa fi Waajjira olaanaa Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti hundaa’uun mootummaan Humna Waloo Hundeessu ibseera.

Humni walichaa walga’ii 2ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen adeemsa qorannoo saffisiisuuf qajeelfama garaagaraa baasuu ibsameera.

Humni walichaa gabaasa kanaafis xiyyeeffannoo barbaachisaa kennuun dhiyeenyatti kan qoratu ta’uu eerameera.

Dhaabbileen lameen dhimmicha qorachuuf dhimmoota siyaasaa hedduu fayyadaman irratti mootummaan gaaffii dhiyeessuu ibsameera.

Gabaasichi of eeggannoo barbaachisaa ta’een raawwatamuu dhabuurra darbee fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsameera.

Gabaasichi akkaataa miira kakaasuunii fi gabaasa miidiyaa hordofee dhiyaachuun qabiyyee fi amanamummaa argannochaa gaaffii keessa kan galchu ta’uu ibsameera. Gabaasichi madaala kan hin eegne ta’uu ibsichaan kaafameera.

Gabaasichi yaadota furmaataa nageenyaaf hin fayyadne ka’uus mootummaan himannaa yakkoota sarba mirga namoomaa gadi fageenyaan qorachuun bu’aa argmu uummataaf ifoomsuuf kutannoo qabu irra deebiin kan mirkaneessu ta’uu ibsameera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Mootummaan US waayiloota Pirezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin fi ijoollee isaa dubaraa irra qoqqobbii kaa’e.

Kanneen qoqqobbiin irra kaa’ame keessaa Ministeerri Haajaa Alaa Raashiyaa Sergeeyi Lavroov fi baankileen gurguddoo ni argamu.

Murteen kun kan dhufe erga odeeffannoon haaraa miidhaa loltoonni Raashiyaa Yukireen keessatti geessisan keessuma kan magaalaa Buchaatti uumame ifa ta’ee booda.

Raashiyaan garuu, ragaa malee, kun wanta qondaaltota Yukireeniin qindaa’edha jetti.

Suuraaleen saatilaayitii lammileen nagaa yeroo Raashiyaan magaalaa Bucha to’atetti akka ajjeefaman mul’isus, Roobii darbe Putin kun gocha ''himata hamaa fi jallaa bulchiinsa Keyiivdha,'' jedhaniiru.

Mootummaan UK gama isaan dureessota saddeet fi Srebank fi Baankii Liqaa Moskoo dabalatee baankilee Raashiyaarra qoqqobbii dabalataa kaa’eera.

Gaamtaan Awuroppaas, yaaddoon yakka waraanaa dabalaa akka deemeen, gabaa kasalaa Raashiyaa addaan kutuu ykn dhiisuu irratti mari’achaa jira.

Wiixineen qoqqobbii haaraa kun Waashiingitaniin utuu hin beeksifamniin dura, Pirezdaantiin yuukireen Volodmiir Zeleenskii “murteessu dhabuu kamiyyu hin simadhu” jedhee ture.

Roobii haasaa paarlaamaa Ayirish irratti taasisaniin, biyyootii Awuroppaa tokko tokko kan “waraanni fi yakki waraanaa hanga kisaaraa diinagdee hamaa miti,” jedhanii amanan qoqqobbii cimaa akka deeggaraniif amansiisuun barbaachisaadha jedheera.

Dabaluunis, “ zayiiti Raashiyaa maashinii waraana Raashiyaa sooru hin danda’u,” jedhaniiru.

Ministeerri haaja alaa Yukireenis dabaluun, boba’aa fi zayiita irra qoqqobii kaa’uun kan barbaachisu dandeettii itti Raashiyaan waraanaa isheef fandii dhiyeessitu irratti dhugumaan miidhaa uumuufi jechuun Tiwiitara gubbaatti barreeaniiru.

Biyyootiin miseensa Gamtaa Awuroppaa, kan akka Jaramanii, annisaa Raashiyaa irratti guddaa hirkatanii waan jiraniif, kallattiin dame kanaratti tarkaanfii fudhachuuf murteessuu hin dandeenye.

Ta’us garuu, yeroo jalqabaaf, Komiishiniin Awurooppaa Kibxata, gabaa kasalaa Raashiyaa dhorkuuf yaada dhiyeesseera, kun ammo miseensota 27 hundaan walii galamuu qaba. Awurooppaan wagga waggaan kasala doolaara biiliyoona 4.4 ta’u Raahiyaa irraa bitti.

@Gadaapost
@Gadaapost
Magaalaa Finfinneetti bara baajataa 2014 kurmaana 3ffaatti eeyyamni invastimantii haaraan 3,005 laatamuu fi Raawwichi %111 ta’uu Komishiniin Invastimantii magaalichaa beeksiseera.

Raawwiin kun kan bara darbe yeroo walfakkataan walbira qabamee yoo ilaalamuu %8.6 caalmaa qabaachuu eerameera.

Raawwichi yaa’insa invastimantii magaalaa Finfinnee kan jajjabeessuu ta’uu ragaan Komishinicharra argame ni mul’isa.

@Gadaapost
@Gadaapost
Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota sadiif deeggarsa doolaara miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 taasise

Dhaabbanni gargaarsaa Ameerikaa ‘USAID’ Gaanfa Afrikaatti hongee muudateen walqabsiisee doolaara Ameerikaa miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 14 dabalatan deeggarsa namoomaa taasisuu beeksiseera.

Deeggarsichi Ityoophiyaa dabalatee Keeniyaa fi Somaaliyaatti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf kan ooluu ta’uu ragaan dhaabbatichaarra argame ni mul’isa.

Naannichatti hongee mudateen lammiileen miiliyoonni 20 deeggarsi midhaanii ariifachiisaan isaan barbachisaan tilmaamama.

Dhaabbatichi deeggarsichi ga’aa akka hin taanee ibsuun, qaamolee tumsiitoota idil addunyaa biroon deeggarsa akka taasisaan waamicha dhiyeesseera.

@Gadaapost
@Gadaapost
#MoE

Guyyaan ramaddii Yunivarsitii ifa ta'u hin murteeffamne.

Ramaddii dhaabbata barnoota olaanaa waliin wal qabatee gaafileen hedduu guyya guyyaan isa gaha jira.

Qaama ministeera barnoota dhimmichi ilaallatu kan gaafatame yoo ta'u, " guyyaa ramaddiin yuniversitii ifa itti ta'uu akka hin murtoofne " himaniiru.

Haga ramaddiin bahutti barattoonni fi maatiin guyyaa muraasaaf obsaan akka eegan gaafataniiru.

Barattoonnis oduu sobaa midiyaa haawasummattiin akka hin burjaajofne ergaa dabarsaniiru.

Ramaddii yuniversitiitiin walqabatee oduu haaraa argannu isin biraan kan geennu ta'a.

@Gadaapost
@Gadaapost
Gadaa Post
Photo
Guyyaa Kamisa har'aa kutaalee Itoophiyaa adda addaa keessatti aduun calaqqee ifaa geengoon marfamtee mul'achuun (Sun Halo) namootatti raajii ta'ee, miidiyaalee hawaasaarrattis fakkiin isaan qoodamaa jira.

Meetiriyoolojistiin BBC Kriis Faawikis Sun Halo (Aduun calaqqee ifaa kan ofii isheen marfamtee mul'chuun) kan mudatu kiristaalotni cabbii atimoosfeerii samii olii keessatti caccabanii argaman ifa aduu mataa ishee yeroo balaqqeessisan ta'ii mula'atudha jedhu.

Ta'iin kun halkanis wayita jiini guutuu taatee baatu akka mudachuu danda'u himan.

Ta'iin kun ganama har'aa magaalaa Finfinnee fi Harar dabalatee naannoo kaanittis mul'achuu namootni miidiyaalee hawaasaa irratti qoodaa turan.

Gariin namootaa ta'iin kun maali jedhanii yoo gaafatan, mallattoo waan gaarii hin taane ta'uu mala jedhanii Rabbi kadhadhaa yoo jedhanis maxxansaniiru.

Namni maqaa feesbuukii Hechman Z Adoni jedhamu qabu ammoo ta'iin kun magaalaa Harar keessatti mul'achuu suurotaan dabaalee maxxansee, ta'iin kun akkamiin akka mudatus barreesseera.

Naannoo magaalaa Finfinneetti calaqqee ifaa aduutti akka geengoo naanna'ee mul'ate halluu sabbata waaqayyoo kan qabu akka tures namootni barreessaniiru.

Ta'iin kun magaalaa Finfinneetti gara sa'aa tokkoof turuu isaa jiraattuun Finfinneerraa BBC'n dubbise tokko himteetti. Waanti argite ishee raajuus himteetti.
Ta'iin kun amma dura bara 1991, 2008 fi 2014 kutaale Itoophiyaa akka Maqalee, Baahirdaar, Jigjigaa, Finfinnee fi kaanittis mula'atee beeka.

Bara 2008 guyyaa Itoophiyaan filannoo biyyaalessaa gaggeessitu ta'iin kun mul'atee kan ture yoo ta'u, sana dura 1991 bara mootummaan Dargii kufe akka mul'atee yaadachuun jijjiirama mootummaa akeeka namootni jedhan turaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Magaalaa Jimmaatti buufataa fi terminaalli haaraan ijaaruuf ta’uu ibsame.

Dhaabbanni Tajaajila Geejjiba Galaanarraa fi Loojistikii Ityoophiyaa magaalaa Jimmaatti buufataa fi terminaala haaraa ijaarsisuuf ta’uu ibsameera.

Buufanni fi terminaalichi fayyadamtoota lixa biyyattiitti argamaniif dhiyeenyatti tajaajila kennuun daldala al-ergii fi alaa galan saffisiisuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Oomishaaleen qonnaa naannichaa tajaajila loojistikii si’ataa argatanii yeroon gabaa alaaf  akka qaqqabaniif ga’ee olaanaa kan taphatu ta’uu eerameera.

Ijaarsa buufatichaaf lafti hektaarri 20 filatamuu fi dhaabbatichi adeemsa kaffaltii beenyaa fi haalduree tokko tokko guutaa jiraachuu fi walharkaa fuudhiinsi lafaa yeroo gabaabaa keessatti kan taasifamu ta’uu ibsameera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Ministeerri Maallaqaa Shaqaxaaleen bu’uuraa eeyyama Sharafa alaa malee kallattiin akka galan murteessuu beeksiseera.

Shaqaxaaleen bu’uuraa kanneen akka Zayita nyaataa, Qamadii, Sukkaarri, Aannan Daa’immanii fi Ruuziin eeyyama sharafa alaa malee kallattiin karaa Komishinii Gumrukaan akka galan murtaa’uu Ministeerri Maallaqaa beeksiseera.

Ministeerri Maallaqaa akkaataa Xaalayaa gaafa guyyaa 22 /3/2013 lakkoofsa MA. 30 /7/ 51 barreesseen dhimmi kun akka raawwaatu, raawwii isaa ilaalchisee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hordoffii fi to’annoo cimaan akka taasiifamu murtaa'ee jira.

Maddi :- Ministeera Maallaqa

@Gadaapost
@Gadaapost
Namoonni gurmaa'anii lafa weeraranii fudhachuuf qophiirra turan to'annaa jala oolan.

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 9, qaxanaa 3'tti namoonni karaa qindaa’aa ta’een saamicha lafaa gaggeessuuf turan Poolisiin to'achuusaa beeksise.

Namoonni kunneen karaa qindaa’aa ta’een lafa misooma magariisaaf qophaa’e keessa yeroo garaagaraa seenuun bosona achi keessaa ciruun, karaa seeraan alaa saamicha lafaa gaggeessuuf osoo qophiirra jiranuu to’atamuun himameera.

Namoonni saamichicharratti hirmaachuuf turan 97, dubartoonni 20 fi dhiirri 77 kutaalee magaalaa Boolee aanaa 12 fi Aqaaqii Qaallittii aanaalee 5 fi 6 irraa walitti babba’an guyyaa har’aa ganama naannoo sa’aatii 12:00 to’atamuun himameera.

Saamicha lafaa kana keessaa namoonni 150 harka keessaa qabaachuufi oppireeshinii har’a ganama gaggeeffameen namoonni 10 miliquu komnikeeshinii magaalicha ibseera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Hajjiin baranaa ummataaf heyyamameera.

Sirni Hajjii sababa sodaa weerara dhibee kooviditiin waggaa 2'f adda citee turee, baranaa hajjitoota miliyoona 1'n akka gaggeeffamuu ministeerri hajjii fi umraa Sa'udi Arabiyaa ibsan.

Wantoota hajjaajonni baranaa guutuu qaban:-

1. Umriin isaani waggaa 65 gadi kan ta'anii fi talaalli koovidii kan fudhatan.

2. Deemsaan dura koovidii irraa bilisa ta'uu isaani waraqaa mirkaneessuu dhiyeessu qaban.
#EthiopianIslamicAffairsSupremeCouncil

@Gadaapost
@Gadaapost
Ibsa Koreen Hojiraawachiiftuu Kongirasii Federaalawa Oromoo (KFO)

Ibsa guutuu suuraan walqabateera👆

@Gadaapost
@Gadaapost
Lammiileen kumni 1,355 Saa’ud Arabiyaatti rakkoo keessa turan guyyaa har’aa gara Ityoophiyaa deebi’aniiru.

Lammiilee gara biyyaa deebi’an keessaa 350 daa’imman yoo ta’an, kanneen hafan ammoo dubartoota jedhameera.

Deebitootaaf kunuunsi barbaachisaan erga taasifameefi booda gara giddugalaa turtii yeroo akka deeman taasifamaaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost
Eeyyama daldalaa haaromsuu fi mana daldalaa saamsamee nan bansiisa jechuun itti gaafatamaan Birrii kuma 100 matta’aa fudhate harkaaf harkatti to’atamuu Poolisiin Finfinnee beeksiise.

Itti gaafatamaan Waajjira Daldalaa kutaa magaalaa Boolee Eebila 3, 2014 dhaabbata Konkolaataa dhiqaa Abeeneeza jedhamu sababa rakkoo nageenyaan saamsamee ture bansiisuu fi eeyyama haaromsuuf Birrii kuma dhibba 1 matta’aa wayita fudhatu harkaaf harkatti to’atamuu ibsameera.

Eeruu argameen Poolisiin Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa magaalaa Finfinnee waliin ta’uun namni dhuunfaan kun Kaafee Gamoo Golaagol irratti argamu keessatti maallaqicha wayita fudhatu harkaaf harkatti to’annoo jala oolchuu Poolisiin magaalaa Finfinnee ibseera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Namoonni 74 karaa seeran alaatiin biyyaa bahuuf turan qabaman.

Namoonni 74 karaa seeraan alaatiin guyyaa sanbataa ganama naannoo sa'aatii 11tti too'annoo seeraa jala ooluu isaani biiroon nageenya fi tasgabbii godina Baatii beeksiseera.

Konkolaataa Effeesara jedhamuun fe'amanii osoo biyyaa bahuuf jedhaman humna federaalaatiin kan qabaman dubartoota 20 fi dhiira 54 Walumaagalatti namoota 74 ta'uu ibsaniiru.

@Gadaapost
@Gadaapost