Ministeerri Albuudaafi Boba'aa har'a Hagayya 24/2011 dhaabbilee torbaaf eeyyama yaali Albuudaa, dhaabbilee sadiif ammoo eeyyama oomisha Albuudaa kennu isaa beeksiseera. Dhaabbileen eeyyama argatan kun naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa fi Benishaangul Gumuzitti misooma Albuudaatin kan bobba'aanidha.
@Gadaapost
@Gadaapost
@Gadaapost
@Gadaapost
Mariin hayyootaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Maricharratti obbo #Leencoo_Lataa fi obbo #Jawaar_Mahaammad argamaniiru. Waraqaan ka'umsa marii dhiyaatee irratti ni mari'atama. Waltajjichi gama hundaan haala cee'umsa Oromoorratti mari'achuuf kan kaayyeffatedha. Marichi waajjira dhaabaa ODPtti gaggeeffamaa kan jiru yammuu ta'u, hirmaattonni 1300 ol argamaniiru.

💊Mala fayyaa💊
Malattoowwan dhibee Sukkaara⬇️
• irra deddebiin fincaan fincaa'u
• bishaan baay'ee dheebochuu
• beela haamaa
• fedhii fi xiyyeeffannoo dhabu
• hir'ina ulfaatina qaamaa
• dadhabina harka fi miila
• dandeetti ilaalu ijaa hir'isu
• madaan qaama keenya irra jiru dafee fayyuu dhabu
• balaqqamuu(hoqqisuu)
Fayyaa ta'aa❗️

“Afaan Oromoo guutummaa gaanfa Afriikaatti waan dubbatamuuf, Afaan Hojii Federaalaa akka ta’u dhiibbaan godhamaa waan jiruuf, tajaajiltoonni jiran Afaan ummatichaa waan hin beeknee fi Naannoo Oromiyaatti manni Amantaa Ortodoksii akka qaama alagaatti waan ilaalamuuf ummaticha Afaan Oromoon tajaajiluun ilaalcha kana jalaa baraaruuf Manni Lubummaa Ortodoks Tawahidoo Oromiyaa akka banamu barbaachisaa ta’ee argame”.
💬Qees Balaay Mokonnin
@Gadaapost
@Gadaapost
💬Qees Balaay Mokonnin
@Gadaapost
@Gadaapost
MM Dr Abiyyi Ahmad MM Israa'el waliin mari'atan⬆️
Daawwannaa hojiif Israa'el kan jiran MM Abiy Ahimad MM Israa'el Benjaamiin Neetanyaahuu waliin wal arganii mari'atan. Hogganoonni lamaan marii isaanii boodas waliigaltee qabxiilee shan qabu waliif mallattessaniiru. Hariiroo diinagdee biyyooti lamaan qaban jabeessanii itti fufsiisuu. Waliigalteewwan ammaan dura dhimma qonnaa, bishaan, jallisii, fayyaa, saayinsii fi teeknoolojii irratti mallatteeffaman waloon hojiitti hiikuu. Dhimmoota akka nageenya Saayibarii (Cyber security), Telekomunikeeshinii, Saayinsii Hawaa fi Teekinoolojii irratti waliigaltee dabalataa mallatteessuuf haal-duree jiru xiinxaluu. Hojiirra oolmaa waliigalteewwan kanaa keessatti rakkoolee mudachuu malan to'achuufi mala kaa'aa deemuu. Biyyootni lamaanuu gama isaaniin hojiirra oolmaa waliigalteewwan mallattaa'an hundaa hordofuu fi xiinxaluun qabxilee shanan irratti waliigalamanidha.
Maddi: BBC Afaan Oromoo

Feestivaalli Nageenyaa fi Jaalalaa magaalaa Jigjigaatti gaggeefamaa jira
Feestivaalli Nageenyaa fi Jaalalaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sumaalee magaalaa Jigjigaatti gaggeefama jira. Feestivaalicha irratti Itti aanaa mootummaa naannoo Sumaalee obbo Musxafee Mahaammad dabalatee abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, Ugaazota fi abbootiin Gadaa hirmaachu irratti argamu. Feestivaala Nageenyaa fi Jaalalaa Ministeerri Nageenyaa naannoo sumaalee waliin ta’uun kan qopheessan yoo ta’u, sirna ho’aa kana irratti jiraattoonni Jigjigaa fi naannoo ishee hirmaachaa jiru.
Gabaasni kan OBN'ti

Liigiin Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa (HRLHA) biyya keessatti hojii eegale
Bara 1996 hundeeffamee dhiibbaa mootummaa irraa isa mudateen biyyaa kan godaane Liigiin Mirgoota Namoomaa Gaanfa Afriikaa biyya keessatti hojii eegale. Liigichi bara 2007 biyya Kanaadaa keessatti galmaa'ee dhimmoota mirgoota namoomaa biyya Itoophiyaa ilaalchisee hojjetaa akka tureefi bara 2011 dhaaba mirga namoomaaf falmu ta'ee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti galmaa'u isaa hundeessaa 'HRLHA' fi daayirektara olaanaa liigichaa kan ta'an Obbo Gaaromaa Waaqasaa himaniiru. Namoota mirgi isaani sarbamef deeggarsa seeraa taasisuu, manneen hidhaa daawwachuu fi ragaalee walitti qabuu akkasumas filannoowwan taajabuu fi dhimma filannoo irratti filattoota fi taajjabdootaaf hubannoo uumuu irratti akka fuulleffatu dhaabichi beeksisera.

“Barri 2012 bara waan jalqabne itti xumurruudha”-Obbo Shimallis Abdiisaa P/I/A//M/N/Oromiyaa
Waltajjiin Marii boqonnaa qophii karoora Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ODP bara 2012 guyyoota shanan darbaniif Adaamaatti taa'amaa ture har'a waaree booda bakka Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti xumurame. PIAMNO Shimallisiifi Itti Gaafatamaa Waajjira ODP Giddu-galeessaa Obbo Addisuu Araggaa kallattii hojii mootummaafi paartii itti raawwatamu kaa'aniiru. Obbo Shimallis ergaa dabarsaniin bara kana bara hojiilee gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa jalqabne itti xumuru ta'a jedhaniiru. Hojiin hojjennus qulqullinaan, ariitiin, baasii xiqqeessuufi hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa haala mirkaneesseen kan madaalamaa deemu ta'a. Dhimmoonni marii kanaan bilcheeffamanii ilaalame keessaa tokko raawwii karoora hojii bara darbeeti. Karoora bara darbee keessatti hojiiwwan karoorfamanii raawwatan ciminootaafi hanqinaalee turan adda baasuun seecca'ameera. Maddi rakkoo hanqina waliin walqabatu gahumsi hoggansaa laafaa ta'uufi kutannoon walfaana socha'uu dhabuu akka ta'e hubatameera. Qaawwa hanqina kanaa irraa barachuun karoora bara kanaa keessatti kutannoofi xiiqiin hojjechuuf waliigalteerra gahameera.
Hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru hojii karoorfate ummata hirmaachisuun raawwachuuf mariin Kun onnachiiseera. Hojii ijoon inni biroo ammoo caaseffama dinagdee cimsuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessudha. Gama kanaan mariin yeroo irratti fudhachuun gadi fageenyaan ilaalame haala qonna naannichaa ammayyeessuun oomishaafi oomishtummaa guddisuun itti danda'amu, ummanni Oromoo sadarkaa dinagdee hogganuurra akka gahu tarsiimoofi mul'ata qabaachuun hoggansi xiiqiifi kutannoon hojjechuuf ejjannoo walfakkaataan qabameera. Oomisha guddatu waliinis walitti hidhamiinsi gabaa sirrii diriirsuun murteessaa akka ta'e ilaalameera. Dhimmi Carraa hojii kallattii hundarratti babal'isuutis xiyyeeffannoo olaanaan itti kennameera. Sosochii ummataa daangaa hanga daangaatti uumuun nageenyaafi olaantummaa seeraa mirkaneessuun jijjiiramicha sadarkaa barbaadamurraan gahuu, kenniinsa tajaajilaa cimsuun itti quufinsa ummataa mirkaneessuu fi rakkoon bulchiinsagaarii akka maqfamu hojjechuun irratti walii galameera. Hojiilee Misooma hawaasummaa ilaalatuunis dhimmi qulqullina barnootaafi tajaajila kenniinsa fayyaas xiyyeeffannoo olaanaan hojjetama jedhameera.
Gabaasni kan BDhKMNO

Lammileen Itoophiyaa Saa'uditti qabamani hidhaman gara biyyaatti deebifamaa jiru
Guyyaa 10 dura Sa'ud Arabiyaa Magaalaa Makkaatti lammilee Itoophiyaa 105 qophii simannaa Janaraal #Kamaal_Galchuu irratti qabaman hidhaman keessaa dubartoonni 18 gara biyyaatti deebifamaniiru. Kanneen qophii kanarratti qabaman keessa kan hayyama hojii qaban gadhiifamanii kan hin qabne dabalataan kamisa dhuftu gara biyyatti deebisuuf akka jiru Qoonsilaan Jiddaa beeksiseera.

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii hawaasa daldalaa waliin mari'achaa jira. Ministeerichi qaala'iinsaa fi daballii gatii seeran alaa meeshaalee fi tajaajila addaddaarratti muul'atu to'achuurratti hawaasa daldalaa waliin mari'achaa jira.
@Gadaapost
@Gadaapost
@Gadaapost
@Gadaapost
Bara 2012 naannoo Oromiyaatti sadarkaa magaalaa fi baadiyyaatti namoota miiliyoona 1.5 ol hojiitti galchuuf karoorfameera
Waltajjii marii marsaa jalqabaa Manni Maree Misooma Intarpiraayizii fi Indastirii magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jiruun, bara 2012tti hoji dhabeeyyii miiliyoona 1.5 hojiitti galchuuf karoorfamuun ibsameera. Waltajjichaan raawwiin hojii godiinaalee fi magaalota Oromiyaa gama carraa hojii uumuun bara 2011 keessa hojjetan dhiyaatee gamaaggamameera. Gabaasichaanis raawwiin hojii dhiyaate gadi aanaa ta'uun ibsameera. Milkaa’ina carraa hojii uumuu bara 2012tif walitti hidhaminsa gabaatin cinaatti bajatni Birrii biliyoonni 12 qabamuun eerameera.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uuman Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Deenmaark Kaariin Poolsan waliin mari'atan
Injiinar Taakkalaan yaa'ii kantiibota idil addunyaa C-40 Deenmaark Kooppan Haaganitti gaggeeffamurratti akka hirmaatan affeerramaniiru. Yaa'iin jijjiirrama qabeenya qilleensaa fi eegumsa naannoorratti xiyyeeffatu kun Onkololeessa 17 amma 20, 2012tti gaggeeffama. Injiinar Taakkalaan eegumsa naannoo fi misooma magariisaa magaalaa Finfinnee ilaalchisee haasaa ni taasisu jedhameera. Masaraa Kristiyaansibargitti maatii mootota Deenmaark waliin ni mari'atu jedhameera.

Balaa tiraafikaa naannoo Tigraayitti mudateen lubbuun namootaa darbe
Balichi godina Jiddugaleessaa, aanaa Laalaay Maaycaw; iddoo Duuraatti jedhamutti kan mudate. Balichaanis namoonni 3 lubbuu isaanii dhabaniiru. Namoota lubbuu isaanii dhabaniin alas 8 cimaa miidhamaniiru. Balichi Haayruufiin geejiba ummataa magaalaa Shireerraa gara magaalaa Maqaleetti imalaa ture Siinoo Traakiin walitti bu'uun kan mudatedha. Waajjirri Traafiik Poolisii aanaa Laaylaa Maaycaw akka beeksisetti sababiin balichaa ariitidha.
Maddi: FBC

Lammiileen Ityoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiraatan taateewwan balaa qaqqabsiisuu malanirraa akka of eeggatan waamichi dhiyaate
Afrikaa Kibbaatti Imbaasiin Ityoophiyaa lammiileen Ityoophiyaa taateewwan balaa qaqqabsiisuu malanirraa akka of eeggatan waamicha dhiyeessera. Dhaabbilee daldalaa biyyoota alaarratti saamichi raawwatamaa jiraachuu, walitti bu'iinsii fi rakkoon tasgabbii uumamuu imbaasichi maddoota addaddaa wabeeffatee ibsa baasera. Haaluma kanaan lammiileen Ityoophiyaa biyyattii keessa jiraatan taateewwan saamichaa, walitti bu'iinsaa fi rakkoo tasgabbiirraa akka of eeggatan waamicha dhiyeessera. Meeshaalee qaalii ta'an qabatanii akka hin sochoone, rakkoon mudatu amma tasgabbaa'utti suuqota akka hin banne, odeeffannoo akka wal jijjiiranii fi poolisiif eeruu akka laatan dhaamera. Deeggarsa barbaachisaa karaa imbaasichaatin argachuuf sararoota bilbilaa 012 346 42 57 fi 012 346 29 47 fayyadamuun akka danda'amu ibseera.

Namoonni sanduuqni reeffaa weellisaa beekamaa bakka awwaalchaatti akka banamu dirqisiisan adabaman‼️
Weelisaa beekamaa Afrikaati kan jedhu DJ Arafat lammii Ayivoorii Kosti yoo tahu ji’a darbe balaa Doqdoqqeen du’ee ture. Poolisiin Ayivoorii Koosti namoota 12 dinqisiifattoota weellisaa beekamaa kanaati jedhee fi sirna awwaalcha irratti sanduuqni reeffaa akka banamu dirqisiisan adabuu beeksise. DJ Arafat balaa doqdoqqeen kan lubbuun isaa darbe yoo tahu sirni gaggeessaa fi awwaalchaa bakka namootni kumaatamni argamaitti Jimaata darbe raawwateera. Viidiyoon yeroo sanduuqni banamu agarsiisu ammoo lammiilee Ayivoori Koosti dheekkamsiiseera. Kun kan tahe ammoo dhuguma du’uu isaa shakkuun akka tahes himameera.
Gabaasni kan BBC'ti

#Xalayaa_KFO ⬆️
KFOn iyyaannoo isaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaaf xalayaadhan dhiyeeffate.

Ibsa BDhKMNO‼️
"Seeraan ala hidhatanii Oromiyaa keessa socho'uun kanaan booda hin danda'amu"
Hogganaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Admnaasuu Daamxon ibsa har'a laataniin akka beeksisanitti, dirree siyaasaa bal'ate keessatti qaamni seeraan ala hidhatee socho'u kamuu ummata Oromoof hin barbaachisu. Bara 2012tti qaama seera qabeessa; mootummaatin alatti qaamni biroo hidhatee Oromiyaa keessa sochoo’uu hin danda’u. Mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii hojjetu keessatti qaama olaantummaa seeraa cabsu seeratti ni dhiyeessa jedhan. Mootummaan kanaan duras olaantummaa seeraa kabachiisaa turera; adeemsa kana keessattis miseensa paartii morkataa waan ta'aniif qofa, qaama kamuu hin hiine jedhan obbo Admaasuun.
Mootummaan qaama nageenya booressuu fi seeraan ala socho'urratti, hojii seeratti dhiyeessuu ni hojjeta jedhan. Naannoon Oromiyaa nageenya isaa kabachiisuuf humna nageenyaa gahaa qaba; bara 2012ttis humna nageenyaa haaraa leenjisuun hojiitti ni galchina jedhan. Obbo Admaasuun ibsa isaanitiin akka beeksisanitti, Fulbaana 1, 2012 irraa eegalee siiviil sarvaantiin tajaajila lammummaatin tajaajila si'ataa fi qulqullina qabu laachuuf torbanitti hojii idileetin ala sa'aatii 5 dabalataan hojjechuuf qophaa'era.

Magaalaan Finfinneen bara 2012tti ibsaa daandirraa 6000 hojjechuufi
Magaalaan Finfinnee bara 2012tti ibsaa daandirraa 6000 hojjechuufi. Hojiin ibsaa daandiraa kunis dhaabbii tuggee ibsaa haaraa fi ibsaawwan suphaan isaan barbaachisu kan dabalatudha. Jijjiirraan ampoolii 5000 kan hojjetamu yammu ta’u; kanneenis kan hin hojjennee fi argaaf rakkisoo kan ta’anidha. Ibsaawwan daandirraa nageenya hawaasaa kabachiisuu fi sochii tiraafikaa milkeessuu keessatti ga’ee olaanaa qabu. Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii Finfinnee akka beeksisetti hojichaaf baajanni Birrii miiliyoonni 40 qabameera.
Gabaasni kan FBC'ti

Gamtaa Afrikaatti nagaa kabachiisaa ergama Soomaaliyaa; raayyaa Ityoophiyaaf beekamtiin kenname
Gamtaa Afrikaatti nagaa kabachiisaa ergama Soomaaliyaa; raayyaa Ityoophiyaaf beekamtiin kenname. Miseensonni raayyaa beekamtiin kennameef ergamarratti ga’umsa agarsiisan, biyyattiin akka tasgabbooftu ga’ee olaanaa ba’ataniini. Ajajaan humna Gamtaa Afrikaatti nagaa kabachiisaa ergama Soomaaliyaa/Amiisoom Leetanaal Jeneraal Xigaabuu Yilmaan akka beeksisanitti raayyaan Ityoophiyaa ergamasaa ga’umsaan ba’achuudhan shororkeessummaarratti injifannoo galmeessiseera.