#Maallaqa_seeraan_ala_qabame ⤵️⤵️

Buufata xiyyaara Boolen gara Dubaayitti Doolaara kuma 33 fi 250, Riyaalii Saawudii kuma 6 fi 500 baasuf yeroo jedhamutti too’atameera. Maallaqni waraqaa almuniyeemin haguugamee bahuu yoo jedhu sakatta’iinsa tasaa hojjettootni Gumurukaa taasisaniin kaleessa walakessa guyyaa qabame. Maallaqa seeran alaa kana qabdee imaluuf kan turte shakkamtuu #Maqidas_Tsiggee to’annoo jala oolun qorannoon irratti taasifamaa jira.

Haaluma wal fakkaatun Mudde 10,2011 Doolaarri seeran ala daddabarfamaa ture kuma 41 fi 693 Jifgjigaatti qabamuun ni yaadatama. Gocha seeran alaa kana ittisuuf komishinichi xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu odeeffannoon Ministeera
Galiwwanii irraa argame ni mul'isa.
©OBN
@Gadaapost
@Gadaapost
Wallaggaatti namoonni ajjefaman‼️

Wallaggaa lixaa magaalota Gullisoo fi Ayira keessatti waraanni motummaa ummata nagaatti dhukaasuudhaan lammiilee lakkoobsi isaanii sirnaan adda hin ba'in ajjeefamaniiru. Kanneen mana waliin gubatanis jiraachuun ibsamaa jira. Namootni 7 haa du'anii haa jiraatanii eessa buuteen isaanii dhabamuunis ibsameera. Kaleessa Godina Qellem Wallaggaa naannoo magaalaa Gidaamiitti lubbuun Oromoota 4 waraanaan ajjeesamuun isaanii ni yaadatama.

Gama ODP irraa har'a Obbo Taayyee Danda'aa ibsa medialeef kennan keessatti waraanni mootummaa ummata nagaa kan hin ajjeesne ta'uu ibsan.
@Gadaapost
@Gadaapost
Simannaa jila ABO QC‼️

Jilli ABO QC Hayyu-duree dhaabichaa Obbo Galaasaa Dilboon durfamu, ganama har'aa gara biyyaatti deebi'e. Jilli kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee ga'utti hogganoota ODP fi namoota biroon simatameera. Waamicha dhaabolee siyaasaa biyya alaa jiraniif taasifame bu'uura godhachuun turtii waggaa dheeraa booda gara biyyaatti deebi'uu himan miseensonni jila kanaa. Jila kanaaf simannaan hawaasaa galma Giddugala Aadaa Oromoo Finfinneetti argamutti qophaa'eera.
©OMN
@Gadaapost
@Gadaapost
#ODUU_SIMBIRTUU/ Breaking‼️

Dura ta'aa paartii KFO Dr Mararaa Guddinaa, dura ta'aa dhaaba gamtaa paartilee biyyatti afur [ #Medrek ] ta'uun filatamaniiru. Baga gammaddan!

Medrek, coalition of four main opposition parties, elects Dr. Merera Gudina as Chairman. Congratulations!

Maddi:- Abrha Desta
@Gadaapost
@Gadaapost
Obbo Taakkala Uumaa‼️

"Kana booda lafa qonnaan bulaarratti kosii hin gannu" jedhan Injinar Taakkalaa Uumaa. Kantiibaa Itti Aanaa Magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa Ministira Saayinsii fi Tekinooloojii Obbo Geetaahun Makuriyaa waliin ta'uudhaan Piroojeektii dhabamsiisa kosii gogaa Sandaafaa ilaalchisee jiraattota naannichaa waliin mari'ataniitu.

Hawaasni Magaalaa Sandaafaa fi naannooshee kosiin achitti gatamu miidhaa akka isaanirraan gahaa jiru komatu. Sababa Piroojeektii kanaatiin qonnaan bultoonni lafti isaanii jalaa miidhame beenyaan gahaan akka kaffalamuu fi kosii hamma ammaatti achitti kuufamee jiru mala saayinsaawaa ta'een dhabamsiisuuf hojjetamaa akka jiru Injinar Taakkalaa Uumaa dubbataniiru.

Kana boodas Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kosii gosa kamiiyyuu naannoo sanatti akka hin ganne qonnaan bultootaaf waadaa galuusaanii odeeffannoon Waajira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa arganne ni mul'isa. Piroojeektiin dhabamsiisa kosii Gogaa Sandaafaa Birrii Biiliyoona tokkoon erga hojjetamee booda ji'a 8 qofaaf tajaajilee waggaa 2 dura hojii dhaabuunsaa ni yaadatama.
@Gadaapost
@Gadaapost
Bishooftuu‼️

"Rakkoo bulchiinsa gaarii waggaa 3 lakoofsiisetu nuuf deebi’ee" jedhan I/G Waldaa nadayanii Q/K/M/G/G obbo Asaaminoo Dabalaa. Maanguddootaa deggarsa hin qabne 254 fi daa’immannii 75 KG irraa hanga dhabilee barnoota ol aannootti deggara kan jiran himuun Rakkoo kana kantiibaan bulchiinsa magaalaa
Bishooftuu aadde Alamtsahaay Shifarraa rakkoo waggaa hedduu itti rakkachaa ture nuuf furani jiru jedhu. Obbo Asaaminoon lafa 500 kaarii nuuf kennamee jiru Waldaa nadayanii Q/K/M/G/G nuyi Nuyiif jechuuf manguddoo fi Daa’imman baka jireenyaa lafa kenname irratti dhagaa bu’uura Daarikteera Ol aanaa mana Sirreessaa Federaalaa Obbo Jamaal Abbaasoo fi Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu fi Miseensi Koree giddu galeessaa ODP Aadde Alamtsahaay Shifarraatiin dhaabatee jira. Kanneen deggaramaniis akka jedhanitti jireenya jijjirama akkasi yaannee hin beeknu gammachuun nutti dhagamee ibsachuuf nu rakkisa kan jedhan fi fuula durati akka ilaalamuu qabanis dubataniru. kantiibaan bulchiinsa magaalaa Bishooftuu aadde Alamtsahaay Shifarraa akka jedhanitti yeroo hundaa deggarsa barbaachisu gochuuf of duuba akka hin deebne himani jiru.
@Gadaapost
@Gadaapost
“Itoophiyaa keessa gaazexeessaan hidhame hin jiru” -CPJ
************************************

Koreen Falmituu Gaazexesitoota Biyyooleessaa (Committee to Protect Journalist) Itoophiyaa keessa waggoota 14 booda yeroo jalqabaaf gaazexessaan hidhame akka hin jirre ibse. Korichi xumura ALA bara 2018 ilaalchise ibsa kenneen mootummaan jijjirama galmeesisa jiru waliin wal qabatee midiyaalee hawaasa 260 ol banuusaa ibseera. Akkasumas gaazexeesitoonni hidhamanii turan guutummaatti hiikamusaanii ibsee, Itoophiyaan biyya yeroo jalqabaaf gaazexeessaan tokko illee itti hin hidhamne ta’uushee jajuun gabaasera.

Teessumasaa Niyuwoorki kan godhate koreen kun, sirna mootummaa duraatiin haala qabiinsa gaazexeesitootarratti himannaan mootummaarratti taasifamaa turuusaa yaadachiseera jechuun kan gabaase Ministeera Dhimma Alaadha.
©OBN
@Gadaapost
@Gadaapost
#ODUU_SIMBIRTUU‼️

Komishiniin Namusaa fi farra malaammaltummaa Oromiyaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa
Adaamaa duraanii Obbo Sisaay Nagaash dabalatee namoota shan to’annaa jala oolchuu beeksise. Obbo #Sisaay_Nagaash qabeenya uummataa fi mootummaa birrii miiliyoona 15 caalu malaammaluun shakkamanitti kan qabaman. Obbo Sisaay Nagash kanaan dura sadarkaa hooggansa gara garaarra kan turan yoo ta’u, wayita ammaa Pireezidaantii itti aanaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa ta’uun tajaajilaa jiru.

Shakkamtoonni har’a qabaman hundi, osoo hin qabamiin dura ragaan quubsaa ta’e hundi kan irratti barbaadamaa ture ta’uu, Ibsi komishinichi OBN’f kenne kan mul’isu. Komishiniin Namusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa torbee darbe namoota 75 birrii miiliyoona 71 malaammalan jedhee shakke to’achuun isaa ni yaadatama.

©OBN
@Gadaapost
@Gadaapost
Ibsa Biiroo Fayyaa Oromiyaa ‼️

Ogeessonni fayyaa ramadamanis rakkoo nageenyaa jiruun baqatanii bahaa jiru. Oromiyaa keessatti bakka rakkoon nageenyaa jiru tajaajilli fayyaa danqameera jedhama. Ibsa Biiroo eegumsa Fayyaa Oromiyaa kana argachuuf odeessa kana dubbisaa.👇

https://bbc.in/2EZ2SJJ
#Muudama Obbo Nigusuu Xilaahun‼️

Obbo #Nigusuu_Xilaahun Itti gaafatmaa akkasumas obbo #Kaasahuun_Goofee Itti aanaa itti gaafatamaa pirees seekireetariyaalii Waajjira Muummee Ministiraa ta’uun muudamaniiru.

Obbo Nigusuu Xilaahun miseensa koree giddu galeessa Paartii Demokiraatawa Amaaraa yommuu ta’an, naannoo Amaaratti sadarkaa Itti aanaa preezdaantitti hogganaa Biiroo Aada fi Tuiriizmii ta’anii hojjechaa jiru. Obbo Kaasahuun Goofee miseensa koree giddu galeessa Oromoo Demokiraatik Paartii yommuu ta'u, Deettaa ministeera Misooma Magaala fi Koonistiraakshinii ta'anii hojjechaa jiru.

Baatiwwaniin dura Billanee Siyyuum fi Heelen Yooseef Itti gaafatamtuu fi Itti aantuu Pirees seekireetariyaalii Muummee Ministiraa ta'uun muudamuun isaanii ni yaadatama.

©FBC
@Gadaapost
@Gadaapost
#Oduu_gaggabaaboo‼️

💢Magaalaa Adaamaatti lafti maqaa investimantiin qabame tajaajila malee ta'aa jiru malaammalummaaf saaxilamaa jira jedhan jiraattonni. Rakkoo lafa maqaa Investimantiin qabamee ture hojimaataan furaa jirra jedhe Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa.

💢Rakkoon nageenyaa humnoota hidhataniin daangaa naannolee Oromiyaa fi Beenishaanguul Guumuzitti uumame tasgabbaa’uu Komaand poostiin rakkinicha hiikuuf hundaa’e beeksise. Haa ta'u malee jiraattoonni naannoo sani dhimmichi ammas akka hin furamne fi har'as namni baayyeen miidhamani hospitaala Naqamtee akka galan dubbatu.

💢Namoonni Addunyaa kana irratti dhiibbaa fidan namoota mul’ataa fi jijjiirama isaaniif xiyyeeffannoo kennanii hojjetanidha jedhan Gargaaraan Pirofeesaraa Miratuu Shaanqoo. Hojiin baruu fi barsiisuu haala itti fufsiisuun danda’amurratti barattoota Yuunivarsiitii Wallaggaa waliin mari’atame.

💢Itti aanan Kantiibaa magaala Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa preezdaantota baankilee dhuunfaa 16 fi mootummaa 2 waliin waajjira isaanitti mari’ataniiru. Hoggantootni baankii kunneen bulchiinsi magaalaa rakkoo iddoo akka furuuf gaafataniiru. Baankonni gama isaanitiin itti gaafatamummaa hawaasummaa isaan irraa eeggamu bahachuuf qophii ta’uu himaniiru. Keessattuu gama carraa hojii uumuu dargaggootan deeggarsa kan godha ta’uu mirkaneessaniiru.

💢Magaala Finfinneetti paarkonni bashannanaa 3 Birrii miiliyoona 117 itti bahii ta’e bara kana kan xumuraman ta’uu ibsame. Magaalicha keessatti paarkonni bashannanaa dhabamuun yeroo baay’ee komiin qaama garaa garaa irraa ka’aa turee jira. Paarkonni ijaarsi isaanii waggaa shan dura eegale imbaasii Holaand duuba, ISA duuba fi paarkii bashannanaa Aqaaqii hanga yoonaatti xumuramuu dhabuun qaamni dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoo akka hin kennine agarsiisa jedhameera.
@Gadaapost
@Gadaapost
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Dambi Doolloo Dr Dalasaa Bulchaan kaleessa osoo gara Finfinnee imalaa jirani namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen konkolaachisaa isaani waliin butaman.
@Gadaapost
Ibsa BDhKMNO‼️
[ Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ]

Mootummaan Naannoon keenyaafi Ummanni keenya sochii hawaas diinadee naannichaa ol’aantummaan bulchanii, nageenyi mirkanaawee fayyadamummaaniifi hirmaannaan hawaasaa akka dabalu waggoota darban qabsoo hadhaawaa gaggeessaa turanii jiru. Loogummaafi cunqursaan sabummaa, qabeenya ofiitti sirnaan fayyadamuu dhabuufi rakkoon bulchiinsa gaarii hundee gadi fageeffatte fincila diddaa gabrummaaf ka’uumsa ta’uudhaan qabsoo taasifameen wareegamni qaqqaaliin ergii kafalame booda mirgi abbaa biyyummaa Ummata Oromoo mirkanaawuu jalqabera.

Gochooonnifi gochitoonni gidiraa saba cabsee ture burkutaa’ee Oromoon Nagaafi qabbana akka ta’eefi biyya bulchuu danda’u qabatamaan garsiisuun jalqabame jira. Akka naannoottiis Dhimma Oromoofi Oromummaarratti qaamni hunduu tokkummaan sochoo’uu akka qabu karaan banamee paartiileen siyaasaa maqaa Oromoon sochoowaniifi hayyoonni karaa dandeettii, beekkomsaafi qabeenya isaaniin waa’ee Oromoofi Oromiyaarratti bilisaan hoojjechuu akka danda’an ta’ee abdiin sabaa ifuu eegalee jira.
@Gadaapost
Yaa ta’u malee warri angoon harkaa baate shira nutti xaxuun jijjiiramni eegalame akka gufatu bakka bakkaa ibidda nutti qabsiisuu eegalan. Qaamni Beekees ta’e otoo hin beekin Qaama kaleessa nu qorqee arra nu cabsuu barbaaduuf meenshaa ta’e miiltoominni badii isaa diigumsaaf gadadoo ta’aa jira. Waliigalteen #ABO shaneen mootummaa waliin taasise hojiirra ooluu dhabuu isaatiiniis karaa kaayyoo warra kaleessa nu cabsanii milkeessuu danda’uun nagaan naannoo keenyaa boora’aa jira. Keessattuu Wallagga Arfaniifi Gujii Lixaa keessatti guyya guyyaan lubbuun namaa darbaa jira, qabeenyi barbaraawuun daandiin cufamuufii sochiin daldalaa gara lixaatti dhaabbachuu isaan sabni gidiraa hamaaf saaxilamee jira.

Manneen barnootaa hedduun cufamanii harra yeroo Oromoon dukkana keessaa ifatti bahuu eegalu daa’imman Oromoo doofummaa keessa akka turan ta’aa jira. Dhaabbiileen fayyaa tajaajila dhaabuu isaaniin deessuun karatti du’aa jirti, pirojektoonni bishaaniifi daandii guutumaa guututti dhaabbatanii jiru, sochiin daldalaa kamiyyuu waan hin jirreef hawaasichi rakkoo hamaaf saaxilamuu bira darbee sodaa nageenyaa hamaa keessa galee jira. Amma yeroon isaa kan dhugaa dhooksinee fedhii angoo giddu galeessa godhannee dhagaa walitti darbannu otoo hin tahin waan hunda dura nageenya ummata keenyaa durfannee dhagaa walirraa kaafnuudha.
@Gadaapost
Bakka Oromoon carraa Biyya bulchuu argatee saba mataa ol qabachiisee jijjiiramicha ceesisuuf tokkummaan sochoowaa jirutti ummata nagaa keessa sochoowaa balaa dhaqqabsiisuun, humna nageenyaa ummataaf dhaabbate ajjeesaa, meenshaa waraanaa saamaa hookkara uumuuniis ta’e miidhaa kana otuma ijaan arginu gurraaniis dhageenyuu akkuma warra kaleessa nu cabsanii harraas lafa Oromoo lafa dhiigaa gochuuf nurratti karoorfatanii hoojjechaa jiranii Oromoon Biyya bulchuu hin danda’uuf mootummaa cehuumsaatu barbaachisa jechuun jijjiiramicha gufachiisuu yoo
ta’e malee hin ceesisu. Oromoo salphisuu yoo ta’e malee furmaata hin ta’u, du’aatiifi gidiraa sabaa hammeessuu malee nagaa hin ta’u.

#Falli jiru qaamni Ummataafiin qabsaawa jedhu kamuu nageenya ummataaf dursa kennuu qaba Olaantummaan seeraa kabajamee sochiin idilee karatti deebi’uu qaba. Carraan Oromoofi Biyyaa Oromoofi Oromiyaa harka jira Waraana kaasanii dhiiga dhangalaasanii mootummaa dahdabsiisuufi diiguun yoo diinaaf karra bane malee tokkummaaf fala hin ta’u. Falli tokkummaafi nagaa seera kabajuufi kabajchiisuu qofa kanaaf ammoo mootummaan dirrqama qaba waan taheef Olaantummaan seeraa kabajamee nageenyi ummataa akka mirkanaawu hoojjechaa jira, ni hoojjetaas. Ummanni keenyaas tumsa gama isaa gochuu akka qabu Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha dhiyeessa.
@Gadaapost
@Gadaapost
Eebba Hospitaala Caancoo🏨

Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti Hospitaalli Caancoo Birrii Miiliyoona 70 oliin ijaarame eebbifame. Hospitaalichi har'a bakka Itti Aantuun Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Xayibaa Hasan, Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr Darajjee Dhugumaa, Bulchaan Godinichaa Obbo Musxafaa Abbaasimalii fi keessummoonni biroo argamanitti ebbifameera. Ijaarsaa fi meeshaa yaalaa guutuuf Birrii Miiliyoona 70 ol fixuusaa Dr Darajjee Dhugumaan himaniiru. Hanqina hoospitaalichaa keessattuu gama meeshaa fi ogeeyyiin jiru yeroo gabaabaa keessatti furuuf kan hojjetamu ta'uu kan waadaa Aadde Xayibaa Hasani.
©FBC
@Gadaapost
@Gadaapost
#METEC‼️

METEC hojjettootasaa 19,500 keessaa walakkaa ol kata’an geggeesseera. Fortune akka gabaasetti, ji’a amma keessa jirrurraa jalqabee hojjettoonni kuma 8 akka ittifufaniifi kanneen hafan dhaabbilee biraatti akka jijjiiraman kaan ammoo akka kontoraatnisaanii addaan citee geggeeffaman murteeffameera.

@Gadaapost
@Gadaapost
Barattoonni #ASTU du'ani argaman‼️

Barattoonni Yuunversiitii saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa sadii sababa hin beekamneen du'uun reeffi isaanii argame. Yuunversiitii saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa keessatti barattoonni sadii guyyaa kaleessaa fi hardhaa sababa hin beekamneen du'uun reeffi isaanii kuusaa bishaanii keessatti akka argaman gabaafameera. Rabbi maatii isaaniif obsaa fi jajjabina haa kennu.

@Gadaapost
@Gadaapost
Oduu gaarii‼️
Prezdaantii Univarsiiti Dambi Doolloo Dr. Dalasaa Bulchaan gadi lakkifameera.
@Gadaapost
@Gadaapost
Dhimma lixa Oromiyaa...‼️

Komaandi postiin godinoota Lixa Oromiyaa irratti ramadame, namoota qabuun hidhaa akka jiru beekameera. Gochi namoota qabuu kun magaalaalee akka Naqamtee, Gimbii, shaambuufi kkf’tti bal’inaan geggeeffamaa jira. Namoonni qabaman kunneen shakkii ABO waliin hariiroo qabdu jedhuun. Haga ammaatti namoonni meeqa akka qabaman beekamuu baatus garuu komaand postiin achitti ramadame miseensota ‘abbaa torbeen’ ala nama qabaa akka hinjirre dubbata.
©Raadiyoo Waazemaa
@Gadaapost
@Gadaapost