Namichi ummanni Wiixata lafarraa bada jedhe to'atame

Naannoo Amaaraa Jiddugaleessa Goondar aanaa Xagadeetti ummanni guyyaa Wiixataa akka lafarraa badu namichi hime to'annaa seeraa jala oole. Oduu namichaatin ummanni naannichaa burjaajjii fi sodaa keessa galuu isaati kan himame.

Obbo Qannaaw Abajjaan Sadaasa 21,2011 halkan sa'aa 8:00tti Jannata ga'een deebi'e, ummanni guyyaa Wiixataa akka lafarraa badu Waaqni natti himeera jechuudhan jiraattotatti sodaa uuma. Namichi akka jedhutti Jannata yammuu galu kitaaba kadhannaasaa qabateet ture. Jannata yammuun turetti Waaqa dubartii takka waliin argeera; isheenis Maaramii natti fakkaatti jedheera. Waaqni kitaaba kadhannaakoo na harkaa fuudhee, ummanni Wiixata akka badu natti himeera jedheera.

Dhimmicha addabaaba'iitti, manneen amantaatti, dhaabbilee barnootaatti lallabaa waan tureef ummanni sodaa keessa galeet ture. Sababii kanaan barattoonni guyyoota muraasaf barnoota hafaniiru, jiraattonnis naannicha gadhiisanii baqataniiru. Namichi oduu dharaatin burjaajjii uumuu isaatin to'atamee qoratamaa jiraachuu Dhaabbanni Sabqunnamtii Naannoo Amaaraa beeksiseera.
©FBC
@Gadaapost
@Gadaapost
Ethiopia 🤝 United Arab Emirates

Ityoophiyaa fi Arabni Emmereetota Gamtooman yakkoota faayinaansii daangaa cehan ittisuuf walii galan

Ministirri Dhimma Alaa FDRI
Dooktar Warqinaa Gabayyoo fi Ministirri Dhimma Alaa Araba
Emmereetota Gamtooman Sheek Abdullaahiin Zaayid Al Naahiyaan waliin Abuu Daabitti mari’atan. Marii isaanitiinis hariiron biyyoota lamaanii sadarkaaolaanaa irra gahuu kaasun, hariiroo kana caalatti cimsuun biyya isaanii fayyadamaa taasisuuf waliigalaniiru. Ministironni lamaan yakkoota faayinaansii daangaa cehan waliin ittisuufi yeroo raawwatames qindoominaan qorachuu haala dandeessisu irratti mari’ataniiru.

Abbaan Alangaa walii gala FDRI obbo Birhaanuu Tsaggaayee marii kanarratti kan hirmaatan yoo ta’u, invastimantii, bittaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran biroo waliin ittisuu fi waraanuf walii galameera. Yeroo itti aanuttis yakka kana ittisuuf bu’uura seeraan deeggaruun kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.

Marii boodas hojjettootni Ityoophiyaa haala biyyicha keessatti jiraatan fooyyeessuuf sanada walii galtee mallatteessaniiru.
©FBC
@Gadaapost
@Gadaapost
Mooyyalee‼️

Mooyyaleetti maaltu deema jira ?
“ Makalaakiyaan Uummata galaafatte.
=============================
Guyyaa 17-12-2018 Mooyyalee Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa Lola magaala Mooyyaleetti guyyoota 9f deemaa turee lubbuu lammilee hedduu galaafate namoota kumaatamaan lakkaa'aman qa'ee fidhaabsisuuf fedhii hin qabdu turte. Guyyaa 03-04-2011 galgalaan baatee sababa tokko malee maanguddoo fi abbootii qabeenya keenya fixxe. Guyyaa 04-04-2011 ajaja tokko malee kaampii poolisii seenuun humna poolisii Oromiyaa dabalatee nama 7 ijjeesuun 14 madeessite.

Guyyaa kaleessa immoo Mooyyale waraana cimaa keessa oolte. Garriin akka waan dhufa keesummaa quba qabduu humna qabdu cufaa fayyadamtee hospitaala Fulleessa gubuuf yaalii gugurdaa godhaa oolte. Yeroo shanii ol ibidda nu takka hin dhaga'iniin haatee. Taatullee dhugaa waa'eli waaqa yaaliin warraa hin milkoofne. Sa'aatii 7:00 geennaan ajajaan waraana kaampii Mooyyalee waliin ta'uun ooraliin Buuladii dhaqani achi oolan. Xuyyuuraan dhumnaan ooraliin kaan deebi'ee. sa'aatii 10:30 irratti ajajaa waraana Kibba Itoophiyaa kan ta'e Jeneraal Shuumaa kan jedhamu Xuyyuuraan Mooyyale dhufan. Hooggansa AANAA Mooyyalee warra Hoteela Kookeet keessatti argan daqiiqaa shaniif walitti qaban. Yeroo kana dhukaasa cimaatti gaggeeffamaa ture.

Jeneraal Shuumaan waan sadii qofa jedhe.
1⃣. Ani xaalayaa mallattoo Lammaa Magarsaa qabdu harkaa qaba.
2⃣. Daqiiqaa 30 keessatti waraana keessan akka dhukaasa dhaabee deebi'u ergaa dabarsaa
3⃣. Kun ta'uu baannaan isanii fi waraanallee irratti tarkaanfii fudhadha. Achiin baanee deebinee speakeriin labsinaa jedhani Hirmaattoti marii gaaffii qabnaa jennaan gaaffii tokkolleen hin keesummeessinu jedhee Garrii dubbisuu dhaqe.

Akkuma innii ol ka'een Garriin daqiiqaa soddomaan jedhan akkuma nama ergaa argatee ibidda gugurdaan nu hadhuu jalqabde. Meeshaaleen gugurdaan takkaa Mooyyale keessatti hin dhuqaafamin dhuqaafamin jalqabe. Uummati keennin Ittisa irratti cimee injifannoo galmeessaa ture. Jeneraal Shuumaan akkuma gama Garriiti deebi'een bakka waajjira Telee fuuldura dhaabattee karaa Asfaaltii gubbaa waan dhaabata hundaa dishqaa fi bireenaan hadhuu eegale. Hoteela Baqqalaa Moollaa dura paatroolii dhaabee namuma arge cufaa rasaasaan ficcisiisuu eegale. Waraani keenna dura fi duuballee hadhamaa waan jiruuf fuluma arguun deebi'u eegale. Ka karaa Asfaaltiitti mullate cufa rasaasaan ficcisiisuu itti fufe. Garriin immoo humna qabdu hundaan nu hadhaa jirti. Rasaasa tokko gama isaanitti hin dhukaasne. Garriin Manneen duraan hin gubamin hedduu fuula dura Jeneraal Shuumaatti gubuu eegaltee. Gara galeelle hin millanne. Osoo akkanuma sirbaa Mana gubduu aduun dhiitee aru dadhabne.

Kanaafuu, Jeneraal Shuumaan uummata araarsuuf ykn tarkaanfii gama lachuu fudhatee waraana addaan baasuuf osoo hin taanee ajaja kallattiin itti kennameen ilmaan Oromoo ficcisiisuf kan dhufee ta'uu nuuf mirkaneessee jira. Haga ammaatti dooti 12 madaan 14 ol. “
©Hamza Borana
@Gadaapost
@Gadaapost
#Labsii_dhiifama/የምህረት አዋጅ‼️

Labsiin Dhiifama namoonni yakka adda addaa irratti hirmaatan yakka hojjatan gutummaa gututti haqameefi ummata waliin makamanii misooma biyyatti irratti gahee isaani akka gumaachan taasisuuf bahe Muddee 16/ 2011 ALH akka dhumu ykn hojii isaa akka fixatuu Abbaa Alangaa Federaala beeksise.

በተለያዩ የወንጀል ድርጊት ውስጥ የተሳተፉ ሰዎችን ለድርጊታቸው የወንጀል ተጠያቂነታቸውን በጠቅላላው በመሰረዝ ወደ ሕብረተሰቡ ተቀላቅለው በሀገር ግንባታ ውስጥ የበኩላቸውን ድርሻ እንዲያበረክቱ ለማስቻል ታስቦ የወጣው የምህረት አዋጅ ቀነ ገደቡ ታህሳስ 16 ቀን 2011 እንደሚያበቃ ከፌደራል ጠቅላይ ዐቃቤ ሕግ ያገኘነው መረጃ ጠቆመ።
©Federal Attorney General
@Gadaapost
@Gadaapost
Prof. Asmaroom Laggasaa‼️

Yunivarsiitiin Finfinnee Pirofeesar Asmarom Laggesaaf badhaasa Doktara Kabajaa keenneefi
---
Hayyuu beekamaa sirna Gadaa Oromoo irratti qorannoo hedduu geggeesssan fi kitaabota barressan Piroofesar Asmaroom Leggesee gumaacha isaan taasisaniif Yunivarsiitiin Finfinnee guyyaa har'aa badhaasa doktara kabajaa keenneefi. Sirna kanarratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktara Kabajaa Lammaa Magarsaa, Abbootiin Gadaa Hayyoonni fi keessummoonni Kabajaa argamaniiru.
@Gadaapost
@Gadaapost
⚫️🔴⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴⚪️⚫️🔴⚪️Oromoon kamuu hidda jabaa 'Oromummaa' jedhamu qaba calluma jedhame kan bittinaa'u miti. Anaaf,
-Booranaas Oromoodha.
-Gujiis Oromoodha.
-Wallaggaas Oromoodha.
-Arsiis Oromoodha.
-Haarargees Oromoodha.
-Baalees Oromoodha.
-Walloos Oromoodha.
-Shawaas Oromoodha.
-Jimmaas Oromoodha.
-Iluus Oromoodha.
👉 walqoqqoduuf ulaa hin baniin!
*kanuma dubbiin!!
@Gadaapost
@Gadaapost
Itiyoophiyaanonni 80 Taanzaaniyaa fi Liibiyaatti godaansarra turan gara biyyaa deebi'an. Godaantonni kanneen har'a gara biyya isaanii kan galan yaa'ii Gamtaa Afrikaarratti Ministirri Dhimma Alaa Dr Warqinah Gabayyoon gitasaanii Taanzaaniyaa waliin Itiyoophiyaanonni hidhaarra jiran hiikamanii gara biyyaa akka deebi'an bu’uuruma gaafataniini.

Haaluma kanaan Itiyoophiyaanonni 231 himannaan isaanii adda citeefii akka hidhaadhaa ba'an taasifamee har'a ganama lammiileen 65 gara biyyaa deebi'aniiru. Kan hafanis qindoomina Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Godaansa Idil Addunyaa waliin ta'uun gara biyyaa ni deebi'u jedhameera. Adeemsa diippiloomaasii amma ammaatti taasifameen lammiileen 36 Liibiyaadhaa hiikamanii gara biyyaa deebi'aniiru. Lammiileen Sudaanitti daddabarsitoota seeran alaatiin ittifamanii jiran 15 akka deebifaman poolisii waliin dubbatamaa jira jedhameera.
©OBN
@Gadaapost
@Gadaapost
ODUU SIMBIRTUU‼️ #Balaa_Xiyyaara

Xiyyaarri Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa ta'e B787-900 kaleessa Buufata Xiyyaara Oosilootti osoo balalliif qophaa'a jiru balaan irra qaqabe jira. Ka'umsi balaa kanaas cabbii kolaa isaa irratti kufame harcaasa osoo jiru Poolii dhaabbate waliin waliitti bu'uu isaati. Sababa kanaanis Balallin guyyaa kaleessa haqame jira. Miidhan qaqabees kolaa xiyyaarichaa gara mirgaa irrattidha.

Akka ibsi Daandii Xiyyaara Itiyoophiyaa baasee mul'isutti, Imaltoota hunda gara hoteelaa geessuu akka boqqatan taasisuu isaa ibseera. Daandii Qilleensa Itiyoophiyaas imaltoota sababa kanaan osoo hin geejjibsiisin hafee dhifama gaafateera. Kana malees, haala itti geejjibsifamanis mijeessuu isaa beeksisera.
©OBN
@Gadaapost
@Gadaapost
ODUU AMME‼️ #Balaa_Fanjii

Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti balaa fanjiin namoonni 10 du’an⤵️

Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti konkolaataa ummataa Asoosaa irraa gara Toongoo imalaa ture irra balaa fanjii qaqqabeen namoonni 10 du’aniiru. Komishiniin Komishinara Poolisii naannichaa Sayfaddiin Haruun TOItii akka ibsanitti balaan kun har’a ganama konkolaataa ummataa imaltoota 18 fe’ee Asoosadhaa gara Toongoo imalaa ture fanjiin dhoowun qaqqabe jedhaniiru.

Balaa kanaan imaltootni konkolaataa keessa turan keessaa 10 battalumatti lubbuun isaanii darbeera. Kanneen miidhan irra gahe hospitaala Beegitti wal’aansi taasifamaafi akka jiru kan ibsan Komishinarichi, sababni balaa kanaa qoratamaa jira jedhaniiru.
©FBC
@Gadaapost
@Gadaapost
Wixineen labsii Boordii Filannoo Biyyoolessaa irra deebiin hundeessuuf gargaaru qophaa'e
***********************************

Wixineen labsii Boordii Filannoo Biyyoolessaa irra deebiin hundeessuu gargaaru qophaa'un himame. Abbaan Alangee Waliigalaafi Waajjirri Yaa'ii Gorsaa Seeraafi Haqaa wixinee labsii qophaa'erratti paartilee siyaasaa waliin mari'achaa jiru. Wixineen labsii qophaa'e qaawwota kanaan duraa hiikuudhaan, hirmaannaa paartilee siyaasaa maraa ni mirkaneessa jedhameera.

Wixineen labsii qophaa'ee irratti mari'atamaa jirus keeyyattoota 36 hammateera. Kanaan dura miseensota boordichaa muudaa kan ture ministira Muummee ture. Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatifis dhiyaatee ragga'aa ture. Wixinee ammaatiin ammoo ministirri muummee koree walabaa miseensota sagal qabu hundeessu. Korichis lakkoofsa miseensotaa dachaadhaan dabaluudhaan ministira muummeef dhiyeessa. Itti aansuunis paartilee siyaasaa waliin irratti mari'achuudhan, walitti qabaafi ittaanaa adda baasuun mana mareetti dhiyaatee ragga'a.

©Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa
@Gadaapost
@Gadaapost
#Book - Available at:
💢Finfinne [Addis Ababa]
💢Avenue: Churchill Avenue
💢Building: Tracon Building 1st Floor
💢Shop: Inneho Books (እነሆ መጽሐፍት)
@Gadaapost
@Gadaapost
Obbo Musxafaa Omaar‼️

Wal-dhabdeen tibbana magaalaa Mooyyalee keessatti Oromoo Booranaafi Sumaalee gidduu ture daba siyaasaatiin kan hammaate malee haaraa kan dhalate miti jedhu Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Sumaalee Obbo Musxafaa Omaar.

"Namoonni duraan aangoorra turan qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf jecha, 'liyyuu poolisii' sochoosanii miidhaa hedduu qaqqabsiisanii jiru naannolee daangaa Oromiyaa fi Sumaalee irratti'' jedhan.

©OBN
@Gadaapost
@Gadaapost
Manni marichaa wixinee labsii raayyaa ittisaa ragga’e
************************************

Manni maree bakka bu’oota uummataa bara hojii arfaffaa, walgahii idileesaa 13ffaa har’a gaggeesseen, qaboo yaa’ii bara hojii arfaffa walgahii idilee 11ffaa sakkatta’uun guutummaatti ragga’eera.

Dabalataanis wixinee labsii raayyaa ittisaa fooyyessuuf dhiyaate, kan raggaasise yoo ta’u, kanaan dura kan turerraa keyyattootni 28 akka fooyya’an ta’eera. Kunneen keessaas rayyaan ittisischaa dabalataan human galaanarraafi humnoota Ispeesiifi saayibeerii akka of keessatti qabatu taasifamuusaa beekameera.

©Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa
@Gadaapost
@Gadaapost
Obbo Dammaqaa Mokonniin‼️

Ministira Muummee Ittaanaa Dammaqaa Mokonniin gara Sudaan deemuun pirezdaantii Sudaan Omar Albashir waliin marii’ataniin walitti dhufeenyi biyyoota lamaan gidduu jiru gara sadarkaa foyya’aatti akka ce’udha. Yeroo ammaa Itoophiyaan sochiilee jijjirama bal’aa taasisaa jiraachuushee Obbo Dammaqaan eeranii, jijjiramichi guutuu akka ta’uuf dhimmoonni xiyyeeffannoon itti kennamee hojjetama jiru keessaa walitti dhufeenya biyyoota oollaa waliin cimsuudha jedhaniiru. Kana malees xiyyeeffannoonsaanii inni guddaan daangaa dhuunfachuu otoo hin taane naannawaa sanatti nageenyiifi tasgabbii mirkaneessuun qonnaan bultoonni hojjetanii akka jijjiraman taasisuu akka ta’e TOItti dubbataniiru.

©Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa
@Gadaapost
@Gadaapost
#HIREE‼️

Diraamaan Afaan Oromoo 'Hiree' kan torbanitti guyyaa tokko OBN TV irratti darbu fi taatoota dabalate qooda fudhattoota diraamichaa dorgommii #ODA_AWARD irratti akka hin hirmaanne fi hirmaachuus akka hinbarbaanne Daayrektarri diraamicha #Kumsaa_Taammana haala armaan gadiitin ibseera.⤵️

"Diraamaan #HIREE fedha dorgommii kamiyyuu dorgomuu hin qabu. Fedha keenya waan hin taaneef dhiisneerra! Namni dhunfaan maqaa Hiree tiin dorgomuus hin jiru. Kanaaf bara kana dorgommii #ODA_AWARD keessa jiraachuu dhiisuu keenya kabajaan isiin beeksifna. Inni Guddaan aartii Oromoo isa metira lama achi deemee meetira afur as deebi'u kana keessatti ummataaf waan gaarii hojjachuuf yaaluu dha!"

©Kumsaa Taammana
@Gadaapost
@Gadaapost
Oduu Amme‼️

Ganama har'aa waajjira Adda Bilisummaa Oromoo ABO guddicha Gullallee keessaa #Dr_Gadaa_Oljirraa dabalatee namni lama humna tikaan mootummaan butamanii achi buuteensaanii dhibame!
©ONN
@Gadaapost
@Gadaapost
ODUU SIMBIRTUU/ሰበር ዜና‼️

Bulchiinsi Motummaa Naannoo Oromiyaa namoota duraan hogganoota waajjiraalee adda addaa turani fi malaamaltummaan shakkaman to'annoo jala olchuu jalqabe. Waajjiraalee kana keessaa Waajjira liqiifi quusannaa Oromiyaa, konistraakshinii hojii bishaanii Oromiyaa, Biiroo Eegumsa Fayyaa, Biiroo bittaa fi kkf keessatti argamu. Hanga ammaatti hoggantoonni olaanoo Waajjira liqiifi qusannaa 14 to'atamaniiru.

የኦሮሚያ ብሄራዊ ክልል መንግስት በቀድሞ የተለያዩ መስሪያ ቤት ኋላፊዎች ሆነው በሙስና በተጠረጠሩ አመራሮች ላይ በቁጥጥር ስር የማዋል እርምጃ ጀመረ። ከእነዚህ መ/ቤቶች የኦሮሚያ ብድርና ቁጠባ ተቋም፣ ውሃ ስራዎች ኮንስትራክሽን ፣ ጤና ቢሮ፣ የክልሉ የግዢ ቢሮ …ወዘተ ይገኙበታል። በደረሰን መረጃ መስረት 14 የብድርና ቁጠባ ስራ አሰኪያጆችና ከፍተኛ ባለስልጣን መታሰራቸውን ተገልጿል።

©Gulale Post
@Gadaapost
@Gadaapost
Ibsa Obbo Daawud Ibsaa ‼️

Mootummaan naannoo Oromiyaa naannichatti nagaan akka bu'u fedhii guutuu qaba taanan, nuti ammas mariidhaf qophiidha jedhan hayyu dureen ABO obbo Daawud Ibsaan. Obbo Daawud har'a waaree booda miidiyaaledhaaf ibsa laataniiru.

Obbo Daawud ibsa laataniin, humni nageenyaa siyaasarraa walaba akka ta'u barbaanna jedhaniiru. Humni nageenyaa kan mootummaa akka ta'u malee, kan paartii akka ta'u hin barbaannu jedhan. Waraanni Bilisummaa Oromoo humna nageenyaa mootummaatti akka makamu, koreen waloo akka hundaa'u mootummaa waliin waliigalleet turre jedhan. Waraana Eertiraadhaa deebi'ee Ardaayitaa jiru hoggansi Adda Bilisummaa Oromoo akka hin daawwanne mootummaadhan ittifamneerra jedhan ibsichaan. Darbees humnichi mooradhaa akka hin baane dhoorkamuu kaasan.

Mootummaan naannon Oromiyaa Janaraal #Kamaal_Galchuu hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa godhee muudun, humni ABO hidhate mootummaa akka shakku taasiseeras jedha. Raayyaan ittisaa mootummaa naannoo hidhattoonni jiranitti qubsiifamuun, walitti bu'iinsi akka uumamuuf sababii ta'eera. Kanarraa kan ka'e lixa Oromiyaatti raayyaa ittisaa fi WBO jidduutti walitti bu'iinsi uumameera jedhan obbo Daawud.

Yaata'uutii mootummaan naannichatti nagaa buusuuf fedhii qaba taanan, nuti mariidhaf qophiidha jedhan hayyu dureen ABO. Filannoon dhufus yeroo qabameefitti akka gaggeeffamu barbaanna jedhaniiru obbo Daawud Ibsaan.
@Gadaapost
@Gadaapost
Itiyoo Telekoom‼️

Meeshaaleen seeraan ala tajaajilli Iityoo Teelekoom ittiin kennamaa ture to'ataman. Meeshaaleen to'atamanis siim booksidha. Magaalaa Finfinneetii 34, magaalaa Jimmaatii 32; waliigalaan siim booksin 66 qabamaniiru.
@Gadaapost
@Gadaapost