Ethio Tech Crypto
6.83K subscribers
1.46K photos
46 videos
668 files
197 links
🚀 Daily Crypto Updates | Airdrops | Signals | News  | Crypto Store 🏪

📊 Master the market with trusted crypto insights 
🎯 Smart Trading Strategies & Signals

📩 For Ads/Collab:- @Sooretti1
Download Telegram
Ethio Tech Crypto
Photo
Good By ✋🏻
Yeroo tokko tokko namni ati baay’ee jaalattu diina kee ta’uuf utuu hin taane, imala si waliin qabu xumuree michuun kee kaleessaa sirraa fagaata. Ati garuu yeroo dheeraaf “maalan itti hir’ise?” jechuun of gaafatta. Utuuma gaarii waliif yaadduu jireenyi addaan isin fageessiti. Dhugaan jiru garuu namni hundi jireenya keenya keessa barabaraan jiraachuu dhiisuu isaati. Kitaabni boqonnaa garaagaraa qaba. Boqonnaan tokko tokko fuula baayyee qaba; boqonnaan kaan ammoo fuula gabaabaa qaba. Boqonnaan tokko tokko nama gammachiisa, kaan ammoo nama boossisa. Jireenyis kitaabadha.

Namoonni tokko tokko boqonnaa jireenya keenyaa keessaa kutaa muraasa ta’anii barreefamanii gara keenya dhufu; seenaan isaanii gabaabaa ta’us dhiibbaan isaan jireenya keenya keessatti qaban guddaa ta’a.
Jaalalli isaanii si gammachiiseera ta’a, deemuun isaanii ammoo laphee kee cabsuu mala. Garuu yeroo tokko tokko nama dhabuun adabbiif miti; qophii jireenyaa kee isa itti aanuuf waan tokko si barsiisee, akka ati jireenya dhufuuf galaa wayii gudunfattee qophooftuuf si jabeessuuf ta’a. Nama si dhiisee deemeef in deebineef yeroo hunda balbala laphee kee banuun eeguu irra, ofii keetiif balbala haaraa banadhuu jireenyaaf qophii jabaa taasisi.

Ilaa, namni kan kee ta’e sirraa hin dheessu; nama sirraa hiiqe ammoo humnaan qabdee akka si bira turu gochuu hin dandeessu. Kan garaan fira hin goone, adaraan fira hin godhu. Kanaaf yeroo imalli namni tokko si waliin godhu dhumu, dhuma isaa irratti boo’uu qofa osoo hin taane waan irraa baratteefis galateeffadhu. Sababni isaas yeroo hedduu barumsi guddaan kan argamu yeroo onneen dhiigdee, lapheen keenya cabduudha. Jireenyi ammoo nama cabee ka’eef hiika haaraa kenna. Namni miidhamu malee, kophaa ta’u malee, yeelalu malee waa hin baru dheedhiidha. Bilchaachuuf abidda yaabuun durqamadha. Bilchaachuu hawwaa qorumsa sodaachuun dogoggora. Isa deemeef nagaa dhabanii qalbii kee tasgabbiin guuti.
Kan deeme eeguutti, kan dhufu dhabda beekkadhu firako.

Bulaa egaa

Keenboon Abrahaam
❤8
Akkam Jirtu
Naga Keessan
Har'aa Gafii Si Gammachu Dhufne Channel Kan In Jalalatu Akkuma Duri Oddeessa Hara Isinf Haa dhiyessu
Anonymous Poll
91%
Eyye
9%
Lk
🥰1
❤1
Ethio Tech Crypto
Photo
Shamarree kun Sarah Jade jedhamti. Lammii Awustiraaliyaati. Bilbila isheetiin viidiyoo osoo of waraabaa jirtuu, Simbirroon “Peewee” jedhamtu, saffisa guddaan kallattiin fiigaa dhuftee ijashee keessaa fudhattee oolte.

Qorattoonni akka jedhaniitti, simbirri kun, simbirroo nama miitu hin turre. Tarii suuraa ishee bilbila keessatti agarteet, Simbira biraatu natti fiigaa jira jettee qabachuufidha jettee akkas gochuu malti jedhaniiru. Ijishee yaala argatee guutummaatti fayyeera. Saffisaafi ilkee simbirittii akkaata irra gaheen yoo ilaalamu, Iji ayyaantuu jechama jedhu dhugoomsa. Osoo Kaameeraa ilaalaa, viidiyoo of waraabdanii warri gufattanii kuftan harka baasaa.🕊️🚶
#pewe #bird
Ethio Tech Crypto
Photo
Uummata ofiif ija jabummaan falmuufi sodaa tokko malee hanga Muummee Ministeeraatti qaama dhimmi ilaallatu dura dhaabbatanii gaaffii bu'uuraa dhiyeessuu moo, sodaa siyaasaan ukkaamfamanii waanuma ol irraa ergamu qofa ajajamanii uummata ofiitti fe'uutu sirriidha?

Gaaffiin jalasiin kaase, "Kiraa manaafi galiin hawaasni keenya argachaa jiru wal madaalaa hin jiru," kan jedhu dhugaa haalamuu hin dandeenyedha. Hojjetaan mootummaa karaa qaxxaamuraa galii biraa hin qabne, mindaa qarshii kuma saddeet (8K) argachaa, kiraa manaa qarshii kuma kudhan (10K) kaffalaa jireenya isaa gaggeessuuf waldhaansoo hadhaa'aa keessa jira.

Garuu, warra keenya biratti uummanni rakkoof gaaffii tokkollee akka hin qabneefi wanti hunduu akka guutameefitti (badhaadhummaa keessa akka jirutti) gabaafama. Dhugaa lafa jiruufi dhiibbaa diinagdee uummatni keessa jiru hubatee, namni ija jabummaan ija keessa ilaalee gaaffii sabaa gaafatu meeqa laata? Namoota muraasa akka Ab-taayyee danda'aa fa'a qofatu dhiibbaa kana cabsee dhugaa dubbachaa ture; inniyyuu yeroo ammaa haalli isaa maal akka fakkaatu nama hundaaf ifadha...
Ethio Tech Crypto
Photo
Walaloon kun seenaa gootummaa fi abbummaa lafaa uummata Oromoo, keessattuu naannawa Finfinnee jiru kaasuudhaan eegala. Iddoowwan akka Gullaallee fi Abbichuu kaasun, ummanni Oromoo lafa isaa irra akkamitti jiraachaa akka turee fi eenyu akka itti abbaa ture yaadachiisa. "Galaan Finfinnee marsee" yeroo jedhu, uummanni keenya magaalattii marsuun eegaa fi kunuunsaa akka ture addeessa. Haa ta'u malee, sirna dhufaa darbaan humnaan wal irraa fagaachuu fi diigamuun akka mudate mul'isa.

Laal Galootoo Gullaalleen kan Tufaa
Laal Galootoo
Gaara Abbichuu turii
Laal Galootoo
Galaan Finfinnee marsee
Laal Galootoo
Silaa akka jaalalaa laal Galootoo
Wal irraa hin fagaannuu
Laal Galootoo
Jara nu fageessee

Itti fufuudhaan, diigamuu sirna hawaasummaa, aadaa fi dinagdee uummata Oromoo haalan addeessa. "Gaara diigamuu hin mallee" jechuun, tokkummaa fi sirna jabaa uummatichi qabu kan hin diigamne fakkaatu sana, waraana qofaan osoo hin taane, tooftaa fi fakkeessuudhaan "seeqanii sesseeqanii" akka gargar faffacaasan saaxila. Kunis gowwoomsaa fi shirri seenaa keessatti uummata Oromoo irratti raawwatame hangam ulfaataa akka ture haala qabatamaa ta'een lafa kaa'a.

Diiganii gaara sanaa gaara diigamuu hin mallee
Nu baasan addaan baanee nu addaan bahuu hin mallee
Soorettii haadha sooree irbaanni irra buusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii kan gargar nu baasan jara

Achiin booda madda hawwii fi dhukkubbii guddaa ibsa. "Galaanee"n asitti intala dhuunfaa qofa osoo hin taane, biyya, lafa, fi eenyummaa ofiiti. Yeroo rakkoon (qorri) hammaatu, namni morma Galaanee (biyya ofii, haadha ofii) jala dheessuun amala. Haa ta'u malee, dhiibbaa irra gaheen darabaa ormaatti baqachuun dirqama ta'eera. Fageenyi kun immoo dhukkubbii qaamaa fi hafuuraa uummatichaa ta'uu isaa agarsiisa.

Koo Galaanee tiyyaa
Qotiyyoon abbaan didaa yaa didaa harqoota keessaa
Koo Galaanee tiyyaa
Qorra baraan dadhabee morma kee jalattan dheessaa
Koo Galaanee tiyyaa
Sululta loon hin tiksuu darabaatti galcheeraa
Koo Galaanee tiyyaa
Yooman dhufee si argaa ani si irraa fagoon jiraa

Yaadni lafa fi biyya ofii, akkasumas mirga ofii sarbamuu namatti dhukkubbii cimaa "caccabsee na nyaatee" jedhu fida. Sabni mirga isaa sarbame, haqa isaa mulqame qaamaan jiraatus, hafuuraan cabeera; kanaafis "Ani hin jiruu" jechuun miidhama uummata Oromoo dhoksaatti baachaa ture baasee dubbata.

Maalan jiraa maalan jira maalan jiraa
Yaa Galaanee
Maalan jiraa maalan maalan jiraa caccabsee na nyaatee jira
Ani hin jiruu Ani hin jiruu
Yaa Galaane
Ani hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu

Ergaan sirbichaa inni ijoon madaa xiinsammuu fi miidhama dhalootaa kan dirmammuu ijaan hin mul'anne qabu ibsuudha. Namni qaamaan rukutame madaa qabaata, inni garaan miidhame garuu hin mul'atu. Sabni seenaa isaa dhabe dhukkubbiin inni keessaa qabu kan ijaan mul'atu caalaa kan gadi fagaatedha. Xumura irratti heera uumamaa akeekkachiisa: namni qabeenya fi lafa uummataa sarbee abdatu tasgabbaa'ee akka hin bulle, abbaan dhugaas hanga mirga isaa deebifatee argatutti gubaan caccabsee akka isa nyaatu ibsa.

Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii
Yaa Galaanee
Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii
Nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii
Yaa Galaanee
Maalan jiraa maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa
Ani hin jiruu Ani hin jiruu yaa Galaanee
Ani hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu
Qotee qotee namichi
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee
Yaa Galaanee
Maalan jiraa caccabsee na nyaate jira

Gabaabumatti, sirbi "Maalan Jiraa" daawwitii seenaa fi dhiibbaa hawaas-siyaasaa uummata Oromooti. Walaloon kun falmaa, obsaa fi abdiin lafa ofiitti deebi'uu kan keessatti dhugoomfamedha. Hacaaluun sagalee warra sagalee dhabanii ta'uudhaan dhugaa kana aartiin dhalootaaf dhiiseera, nutis waan kana barreessinee hubannoo dhalootaaf qooduun nurraa eegama.
na Oofkalchaa!
🔥3❤1
Ethio Tech Crypto
Photo
🔴 FBI Federeeshinii Kubbaa Miilaa Arjantiinaa Irratti Qorannoo Jalqabe

🪧 Mormii Masrii fi Qorannoo FBI Argentina Irratti
*****
🇪🇬 Waancaa Addunyaa 2026 kanaan morkii edaan Arjantiinaan Masrii 3-2n injifattee gara marsaa itti aanuutti ceete. Haa ta'u malee, Masriin gooliin seeraan ala haqamuu fi balleessa Mohaammad Salaah irratti raawwatame hordofee Peenaalitiin naaf kennamuu dhabeen FIFAtti iyyannoo galfatteeti.

👉 Kanaa malees, gaazexaan Arjantiinaa La Nación gabaasa baaseen iccitii biraa saaxileera. FBI fi Abbootiin Alangaa Ameerikaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Arjantiinaa (AFA) irratti qorannoo jalqabaniiru jedhe.

🇦🇷 Federeeshinii Kubbaa Miilaa Arjantiinaa (AFA) qorannoon kun kan isarratti baname, maallaqa doolaara miiliyoona 300 ol ta'u karaa seeraan alaa sochoosuun waan shakkameefi jedha La Nación maddi biyyattii kun.

➡️ Kun ammoo Argentinaan morkii dirree irraan qofa osoo hin taane karaa seeraan alaa dirreen alaas imalteetti jechuun himannaa leenjisaan Garee Biyyaalessaa Masrii Hossam Hassan kaleessa dhageessisaniif beekkamtii kenna.

2️⃣ Dhimmoonni lamaan kun injifannoo Arjantiinaa irratti mormii fi gaaffiiwwan hedduu akka ka'an taasiseera.
👍4
Suuraan miidiyaa hawaasaa irra bal'inaan naanna’aa jiru kun gareen kubbaa miilaa biyyaalessa Morookoos waltajjii dorgommii Waancaa Adduunyaa #FIFA dhaan bulfamu irratti al seerummaa fi 'sanyummaa' dhabsisuuf eegalametti makamuu agarsiisa.

Tapha Waancaa Adduunyaan morkii Masrii fi Argentina gidduutti kaleessa gaggeeffameen murtii abbaa murtee taphichaa irratti qeeqni ka'u falmii guddaa kaasuun ni beekama.

Kaleessa taphicha irratti Leenjisaan Garee Biyyaalessaa Masrii Hossam Hassan harka isaa lamaan wal qaxxaamursuun ilaalchi sanyummaa akka dhaabbatu waamicha taasisuu hordofeeti, mallattochi namoota ispoortii hedduufi isaan kaaniinis kan irra deebi'amaa jiru.

Kubbaan miilaa dirree dirree dorgomtoonni ga'umsa taphaan itti wal dorgoman ta'ee itti fufuu qaba jechuun kanaan ala garuu sanyummaafi murteen harka wayyaa jalaa waltajjii Waancaa Adduunyaa irratti akka bakka hin qabaanneefi hirmaattonni marti ija walqixaan ilaalaman waancichi taasifamuu itti fufeera.
❤1
Muuxannoo kun biyya keenyas dhufuu qaba.🚶
Biyyi Dubai(UAE) dhaadannoo 🥪 “Bread for All” jedhuun, namni kamuu hagabuu akka hin bulle jechuun, maashinoota daandiirra dhaabuun kaffalti malee namni fedhe akka daabboo bilisaan fudhatuuf ol kaa'aniiru. Maashinni kun, sa'atii 24 guutuu tajaajila Kenna.
❤1
📄 Tajaajila Qophii CV Ogummaa
✔️ CV ogummaa qophaa'aa
✔️ Akkaataa ammayyaa (Modern CV Format)
✔️ Afaan oromoo ,Ingilizii / Amaaraa
✔️ Damee hundaaf (Fayyaa, Daldala, Injinariingii fi kkf)
🎯 Carraa kee ol kaasi — CV adda ta'e qabaadhu!
📩 Telegiraamiin nu argachuu dandeessu: @Galiikee
CV tolchuuf odeeffannoo isin irraa barbaachisan:-

1️⃣ Maqaa guutuu
2️⃣ Guyyaa dhalootaa fi umurii
3️⃣ Mana barumsaa sadarkaa 8ffaa hanga 12ffaatti barattanii fi bara barumsaa
4️⃣ Qabxii Yunivarsiitii (GPA) fi maqaa Yuunivarsiitii
5️⃣ Damee itti eebbifattan
6️⃣ Waraqaa ragaa qabdan
7️⃣ Muuxannoo hojii
8️⃣ Dandeettii adda addaa (Kompitarii, Afaan, fi kkf)
9️⃣ Dandeettii afaanii (Amaariffaa, Ingiliffaa, Afaan Oromoo fi kkf)
🔟 Reefireensii ta’uuf iimeelii Yuunivarsiitii fi (yoo jiraate) Po.Box
1️⃣1️⃣ Maqaa hoogganaa damee fi lakkoofsa bilbilaa
1️⃣2️⃣ Odeeffannoo dhuunfaa kee
1️⃣3️⃣ Suuraa
1️⃣4️⃣ Jabinaa kee
✔️ Afaan oromoo , Amaaraa fi Afaan Ingiliziin qophaa’aa
📩 Telegiraam: @Galiikee Amma nuun argachuu
Professional Cv hojetaa jiraa

Kan Hojii
Kan scholarship ( Europa standard)
PDF dhaan isinii erginaa
@Galiikee nuu dubisaa
👍2
Eenyutu Mo'ata Arjentiinaamoo Ingilandi?
#argentina #england
Si'a 7 gudeedamte. Si'a 11 yaalii ajjeechaa of irratti raawwatte.

Dubartiin kun lammii Itiyoophiyaa ti. Haatishee nama biyya Itiyoophiyaa yeroo taatu, abbaanshee nama biyya Xaaliyaanii ti. Abbaanshee mucummaatti irraa duunaan haadhasheetu dha kan guddise. Namtichi biyya Yamanii tokkos erga abbaanshee du'anii akka abbaatti gargaaraa akka ture dubbatteetti.

Yeroo umuriinshee waggaa 14 guutu, haatishee barnootaaf gara biyya Engiliziitti ergan. Waggaa 2 barattee barnootashee akkuma xumurteen, haadhishee bilbilaniifii, gara biyyaa galuu barbaaddamoo achuma turta? jedhanii gaafatan. Gara biyyaa kanaa dhufuu akka hin barbaanne, achuma turuu akka qabdu haadhasheetti himte. Isaanis in eyyamaniif. Ogummaa fayyaa barattee lisence fudhattee turte.
🔥2
Kutaa 2ffaa

Biyya Englizii jiraachuu itti fufte. Mana qumaaraatti qarshi qabduu taatee miindeffamte. Guyyoota gara jalqabaa warruma tapatu callistee ilaalti malee ofii hin tapattu ture. Booda keessa garuu booji'amaa dhufuu jalqabde. Guyyaa jalqabaa qarshii 3, guyyaa lammataa qarshii 10 kaffaltee akka tasaatti qumaara tapachuu jalqabde. Araada qumaaraa akka yaallootti keessaa ba'uu hin dandeenye keessatti kuftee of agarte.

Araada gara biraa dhugaatii jedhamuunis mo'atamtee hooggansa ofiishee jalaa baate. Afaansheetiin akka dubbattetti, dhugaatii baay'ee dhuguu irraa kan ka'e, qalqalloo hadhooftuu (የሀሞት ከረጢት )yaalii baqaqsanii hodhuutiin of keessaa baastee gatte.

Addunyaa qumaaraatii fi dhugaatiin booji'amtee jireenyashee itti fufte. Gidduu kanaan abbaa manaa argattee gara Kanaadaa deemte. Magaalaa Edementom jiraachuu jalqaban.

Kanaadaa deemtee guyyaa lammataa qilleensa fudhachuuf manaa baatee ollaa manasaaniitti mana qumaaraa tokko agarte. Mana qumaaraa sana seente. Doolaara 70 baattee turte. Tapa si'a tokkootiin daqiiqaa 2tti harka qullaatti hambisani. Warri kanaadaa kun warra Englizii irra baay'ee cimoodha, baay'ee tapatu jechuun dubbatte.

Galgala mana galtee, qumaara tapattee doolaara 70 akka nyaatamte abbaa manaasheetti himte. Abbaan manaashee baay'ee gaddee; baay'ee aarees, haadha manaakoo dhabeera jechuudhaan natti dubbate jette.

Hata'u malee ammas qumaara tapachuu irraa booda hin deebine. Yeroo baay'ee deddeebitee tapatti. Altokko tokko yoo nyaatte si'a baay'ee ammoo ni nyaatamti. Tibba tokko doolaara kuma 55 nyaatameera jette.

Utuu kanaan jirtuu ijoollee 2 godhatan. Mucaa jalqabaa ji'a 7tti, mucaa lammataa ammoo ji'a 5tti deesse. Rakkoo fayyaa waan qabduuf yeroo malee kan deesse yeroo ta'u, cimina yaala fayyaa biyya sana jiru irraa kan ka'e ijoollonni sun lamaan rakkoo fayyaa tokko malee guddachuu dandaa'an jetteetti.

Abbaan manaashee jibbaa dhufe. Silumayyuu mucaa irraa godhachuuf malee jaalalashee akka hin qabne itti hime. Maatiinshaas hin jaallatan turani.

Maatiinsaa, isaan irraa hiiqanii magaalaa gara biraa kan Toroontootti dhiyoo jirtu tokko jiraatu. Guyyaa tokko abbaa manaasheetti bilbilanii ijoollee fidii kottu ittiin jedhani. Ishee garuu fiddee hin dhufin ittin jedhani. Yeroo inni maatiisaa wajjin kana haasa'u gurrakootiinan dhaga'e jechuun dubbaatteetti.

Bariinaan Edementom irraa ka'anii maatii bira deemuuf balalii taasisanii. Toroontoo ga'anii, abbaan manaashee eessa deemuu akka barbaaddu yaadashee gaafate. Gara Itiyoophiyaa dhufuu akka feetu itti himte. Asumaan maaf hin deemturee jedhee gaafate. Itti mari'anna jetteen. Toroontoo bulani. Ganama ka'ee, doolaara 70 isheedhaaf kennee, ofii ijoolleesaa lamaan fudhatee gara maatiisaatti qajeele. Adda ba'an jechuu dha. Lammata walitti hin deebine. Yeroo sana mucaanshee angafaa waggaa 2, kan lammataa ammoo waggaa 1 turani.

Mana boqonnaa barbaachaaf utuu magaalaa keessa asiif achi deddeemtuu Habashoonni tokko itti ba'anii butani. Mana keessatti hidhatani; human traffic irratti geggeessani. Kutaa ciisichaa keessaa akkasheen hin baane godhani. Guyyaa torbaaf, guyya guyyaatti dhiirotni garaa garaa torba dhufanii waliin turuudhaan gudeedani. Gaafa guyyaa 7ffaa inni tokko dhufee shaaworii gali jedheen.

Kutaa shaaworii seente. Foddaan mana dhiqannaa sun banaa ture. Karaa foddaa sanaa alatti gadi utaaltee sagalee guddaadhaan iyyaa, qullaashee daandii irra fiiguu jalqabde. Jaartiin tokko mana keessaa karaa qaawwaa fuulleetti arganii, bilbilanii poolisii waamani.

Poolisiin fuudhee mana yaalaa geesse. Ji'a shaniif erga ciistee booda fayyitee baate. Warri ishee daffaran walakkaansaanii qabamanii seeratti dhiyeeffamani.

Jaalallee gara biraa USA jiraatu tokko qabatte. Yeroo kana dhiphina hamaa keessa seentee turte. Yaalii of ajjeesuus deddeebitee gochaa turte. Baay'ee baay'istees dhugaatiitti of gattee turte.
🔥2
Kutaa 3ffaa

Guyyaa tokko jaalalleeshee bira USA deemte. Iddoo inni jiraatu daangaa Kanaadaatti dhiyoo waan ta'eef isa bira ga'uudhaaf daqiiqaa baay'ee muraasa konkolaataan deemti. Manasaa keessa gara shugguxii shaniitu jira ture. Biyya Amerikaatti namni meeshaa waraanaa lama sadii qabachuun seeraan eyyamamaa dha.

Mana jaalalleeshee utuu jirtuu guyyaa tokko dhiphinni hamaan itti dhagaa'ame. Inni mana hin jiru ture. Dhugaatii jajjabaa dhugdee waan turteef dhiphina hamaa keessa seentee of ajjeesuu barbaadde. Kaasenaa keessaa shugguxii fuutee, afaan galchitee, addasheetti qadaaddee, yaa waaqayyo kana kanan godhu waan humnakoo gararraa ta'eefidha, ijoolleekoo adaraa sitti kennadheera jedheen kadhadhe jette.

Shugguxii sana addakootti kaa'ee gaafan saabuu jalqabu, sagaleen dhiiraa tokko saabi, ofitti dhukaasi naan jedhe jette. Gala galee gaafan ilaalu namni hin jiru; garuu sagaleen in dhagaa'ama jette.kunimmaa seexana dha, seexanaaf harka hin laadhu jedheen shugguxii sana ofirraa fuudhe jette.

Yeroo lama sadii shuguxii fudhadhee tiktok live seenee of ajjeesuuf yaaleera jette. Sababuma kanaan mootummaan Kanaadaa lisence ogeessa fayyaa ani qabu ture narraa fudhate jette.

Guyyaa tokko utuu dukkanaa'uutti jiruu gara bishaan guddaa tokkoo deemtee riqicha irraa utaaltee bishaan keessa of buusuu barbaaddee akka turte dubbatte. Poolisoonni naannoo sana jiran, sa'atii sana qarqara bishaanii dhaabachuushee arganii, akkasheen of ajjeesuuf jettu shakkani. Utuu isaan itti iyyanii utaaltee bishaan keessa of buufte. Polisootni sun leenjii bishaan daakuu jajjabaa waan qabaniif fiiganii bishaan keessa duukaa seenanii keessaa baasani.

Yaalii of ajjeesuu kanaaf sababnisheen dhiyeeffattu, qumaara, dhugaatii, fi qofummaa dha. Maqaan qumaara kanaa kun Kaasinoo (Casino) kan jedhamuu fi baay'ee balaafamaa akka ta'e, inumaayyuu hafuura hamaadhaan akka geggeeffamu dubbatte.

Yeroo biyya Englizii turtes guyyaa tokko abdii kutannaa cimaa keessa galtee mana cufattee utuu boossuu nama lafarraa kan hin taane, fuullisaa baay'ee kan ifu tokko dhufee akka jajjabeesse dubbatteetti.
❤2