Ethio Tech Crypto
Photo
✅ Josef Pep Gaardiyoolaa jedhamaa leenjisaa kubbaa miilaa beekamaa fi taphataa duraanii lammii Ispeen Kaataaloniyati. Inni seenaa kubbaa miilaa keessatti leenjistoota dhiibbaa guddaa uumanii fi milkaa'oo ta'an keessaa tokko dha.
🅾 Seenaa Leenjisummaa fi milkaa'ina isaa.
Gaardiyoolaan kilaboota gurguddoo sadii leenjisuun seenaa dinqisiisaa hojjeteera.
⭕️Baarseloonaa
⭕️Baayern Muuniik
⭕️Maan Siitii
👉 Baarseloonaa 2008–2012 bara 2009 waancaa 6 Sextuple walitti aansuun injifachuun seenaa kubbaa miilaa keessatti rikoordii haaraa goonfate mala tapha kubbaa walii-dabarsuun tapha to'achuu irratti xiyyeeffatu hojiirra oolche. Waggaa afur keessatti waancaa gurguddoo 14 UEFA Shaampiyoons Liigii lama dabalatee injifate.
👉 Baayern Muuniik 2013–2016 Waancaa Bundesliga Jarman sadii walitti aansuun injifachuun dorgommichaa olaantummaa qabaachuu isaa agarsiiseera.
👉 Maanchistar Siitii 2016–2026.
Kilabicha gara dorgomaa cimaa addunyaatti jijjiireera Waancaa Ingilaand Piriimeer Liigii hedduu injifateera.
Bara 2023 dorgommii sadii gurguddoo Treble Piriimeer Liigii FA Cup fi Shaampiyoons Liigii yeroo tokkotti injifachuun seenaa guddaa hojjete.
Kaan hafee seenaa By Pep👋 ❤️

Dubbiin dhalataa Jira.
🔵💙 Cheelsiin Maanchister siitii irratti himata banuuf deemaa. Kana nama dhibummoo himatichi KAS deemuun Kan dgiyaatu taha. KAS jechuunimmoo mana murtii kubbaa miilaa addunyaa Isa dhumaati.
💙🔵 Inzoo maareeskaan leenjisaa cheelsii yeroo turanitti hooggantoonni Maanchister siitii dhoksaan maareeskaa haasofsiisuun akka inni bahu godhaniiru. Kanaafimmoo cheelsiin ragaa quubsaa argateera. Dabalataanis maareeskaan taphattoota Cheelsii 2 : inzoo Fernandez fi Kool paalmeer akka bitamuuf dhiyeesseera. Cheelsiin itti gurguruun haa hafuu cirumayyuu kissii banuuf qophiirra jira. Kana jechuun inzoo maareeskaan siitii galuuf jecha cheelsii gadhiisuu hinoollee oduun jedhu balballoomaa Jira. Mee yaada keessan qoodaa!

❤4
Ethio Tech Crypto
Photo
Guyyaan Jimaata dhufu Anaaf yaaddoo, Sodaaf dhiphu fidee dhufa ture! Jimaatni dhufe jechaan utuun ishee hin arginaan wiixata ga'a jechaadha!
Sanbatni xiqqaaf Guddaan Guyyaa boqonnaa waan ta'eef Manni Barnoota hin deemamu!
Baakki Anaaf isheen caalatti itti Wal agarruu garuu Mana Barumsaatti Sanu Daree tokko keessa, sanuu teessuma tokko irra! Fuulli ishee Mashoo caalaa ifu sun, Bocni ilkaan ishee waan Ogeessi qofatti ramadameefi sarara isaa Eegee Wal Qixxeessa dhaabe fakkaatu sun Ija kootif sassaata, Qalbii kootif boqota!
Ani isheetti dubbachuu hin obsu, isheenis utuu Afaan Natti hin saaqattin daqiiqaan hin lakka'aaman! Ani ishee Nan Beeka isheenis Na beekti!
Qalbiin koo ishee Arraabni koo garuu Danbali'i Yaada na keessa kaatu sana isheef hin himu!
Guyyoonni Darbani Wiixatni dhufe jennaan Nuuf Ayyaana jechaadha! Hamma Daree seenne Ijaan Daree keessa jiraachu Walii mirkanneeffanutti Namni korojoo Dabatara ofii teessoo irra qubachiisu hin jiru!
isheen Jiraannaan Anaaf Waan hundi salphaadha! Garuu Waanan beeku hin qabu, Nan Jaalladha, Gosa Jaalala isa kamii Akka ta'e hin beeku!
Umurii dhaan ijoollee reef ol guddataa jiran waan taaneef lachan keenyaaf Waan hubatame waan jiru hin se'u!
Haalli Hundi dhufee, lufe! Anaaf ishee Gidduu Garuu hoomtu waan haaraan hin jirtu! Guyyaan Guyyaatti Wal kennuu ishee ittuma fufte, Barris Baratti Wal kennu ishee jabeessite itti fufte! Nutis Bilchaacha sadarkaa Barnootanis foyya'aa dhufne !
Isheen Carraa Barnootan Gara University Naannoo Biraa deemte! Anis Gara Kibba Biyya kanaan deeme! Achittis Bilbilan Darbinee, Darbinee , haala Barnoota, Haala jiru Wal Gaafanna! Amma akka keenya Duraa miti! Qaamanis yaadanis Wal irraa Fagaata dhufne!
Haalli Barnoota University keessa jiru isa Naannootti beeknu sanarra adda Nutti ta'e! Duuba Garuu Guyyaa tokko utuu taphannu Akka itti as geenye Waan keessa turre utuu taphannu Gochoota Yeroo Elementary turan Wal yaadachiifne!
Miira akkamii Waliif qabaata akka turre Walitti himuu Eegalle! Saalfii Malee akkas Naan jette Baayyeen Si jaalladha ture! Waggoota dheeraaf Arraba keerra Eegaan ture! Jaalala isa Kam beekta Jaalala isa dhiira tokkof Shamarra tokko gidduu jiru naan jette!
Sagaleen ishee jijjirameera ol kaafte Dubbatti! Amma yaadota isheef Yaada dabalataa kennu Yoon Eegalu anis Miira kana fakkaatu qanaatafi akkan ture jabeesseen itti hime! Garuu Baayyee erga Walitti siquurra akka maatiitti Wal hubachu irraa Gaaffi kana liqimsee haaferan ittin jedhe!
Boo'ichaaf Natti hin deebifne! Bilbila ishee Nii cufatte! Irra Deddeebi'en bilbileef Ammaa booda hooma Waliif gochuu hin dandeenye Carraan keenya Gubatera!
Ani Amma Asuma university jiru keessatti barsiisa Na barisiisu tokkon Wal baree Guyyaa Gaa'ela Beellama dhabbaneera Jette! Nii boose, ergawwan yaadannoo Gaddisiisa of keessa qabanis Naaf keesse!
Seenaan Kun seena dhugaan Wal makeedha! Maal jechuufan seetan! Namoota jaallatan akka jaallatan itti himuuf yeroon isin Jalaa qisaasa'uu hin qabu! Namoota dinqisiifattan akka dinqisiifattan itti himuuf isinitti barfachuu hin qabu!

❤2
Ethio Tech Crypto
Photo
Good By ✋🏻
Yeroo tokko tokko namni ati baay’ee jaalattu diina kee ta’uuf utuu hin taane, imala si waliin qabu xumuree michuun kee kaleessaa sirraa fagaata. Ati garuu yeroo dheeraaf “maalan itti hir’ise?” jechuun of gaafatta. Utuuma gaarii waliif yaadduu jireenyi addaan isin fageessiti. Dhugaan jiru garuu namni hundi jireenya keenya keessa barabaraan jiraachuu dhiisuu isaati. Kitaabni boqonnaa garaagaraa qaba. Boqonnaan tokko tokko fuula baayyee qaba; boqonnaan kaan ammoo fuula gabaabaa qaba. Boqonnaan tokko tokko nama gammachiisa, kaan ammoo nama boossisa. Jireenyis kitaabadha.
Namoonni tokko tokko boqonnaa jireenya keenyaa keessaa kutaa muraasa ta’anii barreefamanii gara keenya dhufu; seenaan isaanii gabaabaa ta’us dhiibbaan isaan jireenya keenya keessatti qaban guddaa ta’a.
Jaalalli isaanii si gammachiiseera ta’a, deemuun isaanii ammoo laphee kee cabsuu mala. Garuu yeroo tokko tokko nama dhabuun adabbiif miti; qophii jireenyaa kee isa itti aanuuf waan tokko si barsiisee, akka ati jireenya dhufuuf galaa wayii gudunfattee qophooftuuf si jabeessuuf ta’a. Nama si dhiisee deemeef in deebineef yeroo hunda balbala laphee kee banuun eeguu irra, ofii keetiif balbala haaraa banadhuu jireenyaaf qophii jabaa taasisi.
Ilaa, namni kan kee ta’e sirraa hin dheessu; nama sirraa hiiqe ammoo humnaan qabdee akka si bira turu gochuu hin dandeessu. Kan garaan fira hin goone, adaraan fira hin godhu. Kanaaf yeroo imalli namni tokko si waliin godhu dhumu, dhuma isaa irratti boo’uu qofa osoo hin taane waan irraa baratteefis galateeffadhu. Sababni isaas yeroo hedduu barumsi guddaan kan argamu yeroo onneen dhiigdee, lapheen keenya cabduudha. Jireenyi ammoo nama cabee ka’eef hiika haaraa kenna. Namni miidhamu malee, kophaa ta’u malee, yeelalu malee waa hin baru dheedhiidha. Bilchaachuuf abidda yaabuun durqamadha. Bilchaachuu hawwaa qorumsa sodaachuun dogoggora. Isa deemeef nagaa dhabanii qalbii kee tasgabbiin guuti.
Kan deeme eeguutti, kan dhufu dhabda beekkadhu firako.
Bulaa egaa
Keenboon Abrahaam

❤8
Akkam Jirtu
Naga Keessan
Har'aa Gafii Si Gammachu Dhufne Channel Kan In Jalalatu Akkuma Duri Oddeessa Hara Isinf Haa dhiyessu

Anonymous Poll
91%
Eyye
9%
Lk
🥰1
Ethio Tech Crypto
Photo
Shamarree kun Sarah Jade jedhamti. Lammii Awustiraaliyaati. Bilbila isheetiin viidiyoo osoo of waraabaa jirtuu, Simbirroon “Peewee” jedhamtu, saffisa guddaan kallattiin fiigaa dhuftee ijashee keessaa fudhattee oolte.
Qorattoonni akka jedhaniitti, simbirri kun, simbirroo nama miitu hin turre. Tarii suuraa ishee bilbila keessatti agarteet, Simbira biraatu natti fiigaa jira jettee qabachuufidha jettee akkas gochuu malti jedhaniiru. Ijishee yaala argatee guutummaatti fayyeera. Saffisaafi ilkee simbirittii akkaata irra gaheen yoo ilaalamu, Iji ayyaantuu jechama jedhu dhugoomsa. Osoo Kaameeraa ilaalaa, viidiyoo of waraabdanii warri gufattanii kuftan harka baasaa.🕊️🚶
#pewe #bird

Uummata ofiif ija jabummaan falmuufi sodaa tokko malee hanga Muummee Ministeeraatti qaama dhimmi ilaallatu dura dhaabbatanii gaaffii bu'uuraa dhiyeessuu moo, sodaa siyaasaan ukkaamfamanii waanuma ol irraa ergamu qofa ajajamanii uummata ofiitti fe'uutu sirriidha?
Gaaffiin jalasiin kaase, "Kiraa manaafi galiin hawaasni keenya argachaa jiru wal madaalaa hin jiru," kan jedhu dhugaa haalamuu hin dandeenyedha. Hojjetaan mootummaa karaa qaxxaamuraa galii biraa hin qabne, mindaa qarshii kuma saddeet (8K) argachaa, kiraa manaa qarshii kuma kudhan (10K) kaffalaa jireenya isaa gaggeessuuf waldhaansoo hadhaa'aa keessa jira.
Garuu, warra keenya biratti uummanni rakkoof gaaffii tokkollee akka hin qabneefi wanti hunduu akka guutameefitti (badhaadhummaa keessa akka jirutti) gabaafama. Dhugaa lafa jiruufi dhiibbaa diinagdee uummatni keessa jiru hubatee, namni ija jabummaan ija keessa ilaalee gaaffii sabaa gaafatu meeqa laata? Namoota muraasa akka Ab-taayyee danda'aa fa'a qofatu dhiibbaa kana cabsee dhugaa dubbachaa ture; inniyyuu yeroo ammaa haalli isaa maal akka fakkaatu nama hundaaf ifadha...

Walaloon kun seenaa gootummaa fi abbummaa lafaa uummata Oromoo, keessattuu naannawa Finfinnee jiru kaasuudhaan eegala. Iddoowwan akka Gullaallee fi Abbichuu kaasun, ummanni Oromoo lafa isaa irra akkamitti jiraachaa akka turee fi eenyu akka itti abbaa ture yaadachiisa. "Galaan Finfinnee marsee" yeroo jedhu, uummanni keenya magaalattii marsuun eegaa fi kunuunsaa akka ture addeessa. Haa ta'u malee, sirna dhufaa darbaan humnaan wal irraa fagaachuu fi diigamuun akka mudate mul'isa.
Laal Galootoo Gullaalleen kan Tufaa
Laal Galootoo
Gaara Abbichuu turii
Laal Galootoo
Galaan Finfinnee marsee
Laal Galootoo
Silaa akka jaalalaa laal Galootoo
Wal irraa hin fagaannuu
Laal Galootoo
Jara nu fageessee
Itti fufuudhaan, diigamuu sirna hawaasummaa, aadaa fi dinagdee uummata Oromoo haalan addeessa. "Gaara diigamuu hin mallee" jechuun, tokkummaa fi sirna jabaa uummatichi qabu kan hin diigamne fakkaatu sana, waraana qofaan osoo hin taane, tooftaa fi fakkeessuudhaan "seeqanii sesseeqanii" akka gargar faffacaasan saaxila. Kunis gowwoomsaa fi shirri seenaa keessatti uummata Oromoo irratti raawwatame hangam ulfaataa akka ture haala qabatamaa ta'een lafa kaa'a.
Diiganii gaara sanaa gaara diigamuu hin mallee
Nu baasan addaan baanee nu addaan bahuu hin mallee
Soorettii haadha sooree irbaanni irra buusa qabaa
Seeqanii sesseeqanii kan gargar nu baasan jara
Achiin booda madda hawwii fi dhukkubbii guddaa ibsa. "Galaanee"n asitti intala dhuunfaa qofa osoo hin taane, biyya, lafa, fi eenyummaa ofiiti. Yeroo rakkoon (qorri) hammaatu, namni morma Galaanee (biyya ofii, haadha ofii) jala dheessuun amala. Haa ta'u malee, dhiibbaa irra gaheen darabaa ormaatti baqachuun dirqama ta'eera. Fageenyi kun immoo dhukkubbii qaamaa fi hafuuraa uummatichaa ta'uu isaa agarsiisa.
Koo Galaanee tiyyaa
Qotiyyoon abbaan didaa yaa didaa harqoota keessaa
Koo Galaanee tiyyaa
Qorra baraan dadhabee morma kee jalattan dheessaa
Koo Galaanee tiyyaa
Sululta loon hin tiksuu darabaatti galcheeraa
Koo Galaanee tiyyaa
Yooman dhufee si argaa ani si irraa fagoon jiraa
Yaadni lafa fi biyya ofii, akkasumas mirga ofii sarbamuu namatti dhukkubbii cimaa "caccabsee na nyaatee" jedhu fida. Sabni mirga isaa sarbame, haqa isaa mulqame qaamaan jiraatus, hafuuraan cabeera; kanaafis "Ani hin jiruu" jechuun miidhama uummata Oromoo dhoksaatti baachaa ture baasee dubbata.
Maalan jiraa maalan jira maalan jiraa
Yaa Galaanee
Maalan jiraa maalan maalan jiraa caccabsee na nyaatee jira
Ani hin jiruu Ani hin jiruu
Yaa Galaane
Ani hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu
Ergaan sirbichaa inni ijoon madaa xiinsammuu fi miidhama dhalootaa kan dirmammuu ijaan hin mul'anne qabu ibsuudha. Namni qaamaan rukutame madaa qabaata, inni garaan miidhame garuu hin mul'atu. Sabni seenaa isaa dhabe dhukkubbiin inni keessaa qabu kan ijaan mul'atu caalaa kan gadi fagaatedha. Xumura irratti heera uumamaa akeekkachiisa: namni qabeenya fi lafa uummataa sarbee abdatu tasgabbaa'ee akka hin bulle, abbaan dhugaas hanga mirga isaa deebifatee argatutti gubaan caccabsee akka isa nyaatu ibsa.
Cuwwaa cuwwaa jettii simbirroon halkanii

Nama garaan dhaane dirmammuu hin arganii
Yaa Galaanee
Maalan jiraa maalan jiraa caccabsee na nyaatee jiraa
Ani hin jiruu Ani hin jiruu yaa Galaanee
Ani hin jiruu kukkutee na nyaate tiruu
Qotee qotee namichi
Qotee qotee namichi sanyii darbatee
Rafee hin buluu namni waan ormaa abdatee
Yaa Galaanee
Maalan jiraa caccabsee na nyaate jira
Gabaabumatti, sirbi "Maalan Jiraa" daawwitii seenaa fi dhiibbaa hawaas-siyaasaa uummata Oromooti. Walaloon kun falmaa, obsaa fi abdiin lafa ofiitti deebi'uu kan keessatti dhugoomfamedha. Hacaaluun sagalee warra sagalee dhabanii ta'uudhaan dhugaa kana aartiin dhalootaaf dhiiseera, nutis waan kana barreessinee hubannoo dhalootaaf qooduun nurraa eegama.
na Oofkalchaa!

🔥3❤1
Ethio Tech Crypto
Photo
🔴 FBI Federeeshinii Kubbaa Miilaa Arjantiinaa Irratti Qorannoo Jalqabe
🪧 Mormii Masrii fi Qorannoo FBI Argentina Irratti
*****
🇪🇬 Waancaa Addunyaa 2026 kanaan morkii edaan Arjantiinaan Masrii 3-2n injifattee gara marsaa itti aanuutti ceete. Haa ta'u malee, Masriin gooliin seeraan ala haqamuu fi balleessa Mohaammad Salaah irratti raawwatame hordofee Peenaalitiin naaf kennamuu dhabeen FIFAtti iyyannoo galfatteeti.
👉 Kanaa malees, gaazexaan Arjantiinaa La Nación gabaasa baaseen iccitii biraa saaxileera. FBI fi Abbootiin Alangaa Ameerikaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Arjantiinaa (AFA) irratti qorannoo jalqabaniiru jedhe.
🇦🇷 Federeeshinii Kubbaa Miilaa Arjantiinaa (AFA) qorannoon kun kan isarratti baname, maallaqa doolaara miiliyoona 300 ol ta'u karaa seeraan alaa sochoosuun waan shakkameefi jedha La Nación maddi biyyattii kun.
➡️ Kun ammoo Argentinaan morkii dirree irraan qofa osoo hin taane karaa seeraan alaa dirreen alaas imalteetti jechuun himannaa leenjisaan Garee Biyyaalessaa Masrii Hossam Hassan kaleessa dhageessisaniif beekkamtii kenna.
2️⃣ Dhimmoonni lamaan kun injifannoo Arjantiinaa irratti mormii fi gaaffiiwwan hedduu akka ka'an taasiseera.

👍4
Suuraan miidiyaa hawaasaa irra bal'inaan naanna’aa jiru kun gareen kubbaa miilaa biyyaalessa Morookoos waltajjii dorgommii Waancaa Adduunyaa #FIFA dhaan bulfamu irratti al seerummaa fi 'sanyummaa' dhabsisuuf eegalametti makamuu agarsiisa.
Tapha Waancaa Adduunyaan morkii Masrii fi Argentina gidduutti kaleessa gaggeeffameen murtii abbaa murtee taphichaa irratti qeeqni ka'u falmii guddaa kaasuun ni beekama.
Kaleessa taphicha irratti Leenjisaan Garee Biyyaalessaa Masrii Hossam Hassan harka isaa lamaan wal qaxxaamursuun ilaalchi sanyummaa akka dhaabbatu waamicha taasisuu hordofeeti, mallattochi namoota ispoortii hedduufi isaan kaaniinis kan irra deebi'amaa jiru.
Kubbaan miilaa dirree dirree dorgomtoonni ga'umsa taphaan itti wal dorgoman ta'ee itti fufuu qaba jechuun kanaan ala garuu sanyummaafi murteen harka wayyaa jalaa waltajjii Waancaa Adduunyaa irratti akka bakka hin qabaanneefi hirmaattonni marti ija walqixaan ilaalaman waancichi taasifamuu itti fufeera.

❤1
📄 Tajaajila Qophii CV Ogummaa
✔️ CV ogummaa qophaa'aa
✔️ Akkaataa ammayyaa (Modern CV Format)
✔️ Afaan oromoo ,Ingilizii / Amaaraa
✔️ Damee hundaaf (Fayyaa, Daldala, Injinariingii fi kkf)
🎯 Carraa kee ol kaasi — CV adda ta'e qabaadhu!
📩 Telegiraamiin nu argachuu dandeessu: @Galiikee
CV tolchuuf odeeffannoo isin irraa barbaachisan:-
1️⃣ Maqaa guutuu
2️⃣ Guyyaa dhalootaa fi umurii
3️⃣ Mana barumsaa sadarkaa 8ffaa hanga 12ffaatti barattanii fi bara barumsaa
4️⃣ Qabxii Yunivarsiitii (GPA) fi maqaa Yuunivarsiitii
5️⃣ Damee itti eebbifattan
6️⃣ Waraqaa ragaa qabdan
7️⃣ Muuxannoo hojii
8️⃣ Dandeettii adda addaa (Kompitarii, Afaan, fi kkf)
9️⃣ Dandeettii afaanii (Amaariffaa, Ingiliffaa, Afaan Oromoo fi kkf)
🔟 Reefireensii ta’uuf iimeelii Yuunivarsiitii fi (yoo jiraate) Po.Box
1️⃣1️⃣ Maqaa hoogganaa damee fi lakkoofsa bilbilaa
1️⃣2️⃣ Odeeffannoo dhuunfaa kee
1️⃣3️⃣ Suuraa
1️⃣4️⃣ Jabinaa kee
✔️ Afaan oromoo , Amaaraa fi Afaan Ingiliziin qophaa’aa
📩 Telegiraam: @Galiikee Amma nuun argachuu

Professional Cv hojetaa jiraa
Kan Hojii
Kan scholarship ( Europa standard)
PDF dhaan isinii erginaa
@Galiikee nuu dubisaa
Kan Hojii
Kan scholarship ( Europa standard)
PDF dhaan isinii erginaa
@Galiikee nuu dubisaa
👍2