Ethio Tech Crypto
6.8K subscribers
1.46K photos
46 videos
711 files
210 links
🚀 Daily Crypto Updates | Airdrops | Signals | News  | Crypto Store 🏪

📊 Master the market with trusted crypto insights 
🎯 Smart Trading Strategies & Signals

📩 For Ads/Collab:- @Sooretti1
Download Telegram
Tapha eda galgalaa Arsenaal Woolvis waliin walqixa itti bahan
****

Priimayer Liigii Ingilaand eda halkan taphatameen, Arsenaal fi Woovis 2 fi 2 qixa bahaniiru.

Tapha Istaadiyeemii Mooliiniiksitti taphatame kanaan Arsenaaliif Bukaayoo Saakaa fi Piyeeroo Hiinkaapiyeen goolii yoo galchan, Woolvisiif ammoo immoo Huugoo Buunoo fi Rikaardoo Kalaafiyooriin (dogoggoraan ofirratti galche) goolii galchaniiru.

Arsenaal garaagarummaa qabxii Maanchiister Siitii waliin jiru bal’isuuf carraa argate utuu hin fayyadamin hafeera.
❤3
"Trump, hin hayyamne Iran akka meeshaa nukleerii qopheessitu."

Preezidaantii Ameerikaa, Donald Trump, ibsa kennuudhaan Iran akka meeshaa nukleerii qabaattu hin hayyamne jechuun, biyyattiin meeshaa nukleerii irratti hirmaachuuf akka waliigaltee hin mallatteessineef yaada kennaniiru.

Trump, miseensota Kongressii waliin ta'uun, "Furmaata rakkoo filannoo koo diplomaatummaa irratti hundaa'ee furuu dha. Garuu, waa'ee tokkoon mirkaneeffadha; inniis, namni shororkeessaa addunyaa tokkoon tokkoon nukleerii qabaachuuf hin hayyamne" jedhe.

Sa'aa lamaaf turuun 'State of the Union' irratti ibsa kennaniin, Iran Ameerikaa irraa dabalataan weerara hin qaqqabsiisneef waliigaltee barbaaduu ibsaniiru. Haa ta'u malee, BBC'n gabaasni kennamee jiraachuun, Iran waliigaltee nukleerii qopheessuu irratti hin mallatteessine jechuun ibsameera.
❤4😁1
Ethio Tech Crypto
Photo
“Misaa’ela Tokkon Israa’el Kaartaa Addunyaa irraa nan balleessa” jedhe Kiim Jong Un.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun deeggarsa cimaa Tehiraaniif qaban ibsuun, yoo barbaachisaa ta’e misaa’ela Israa’el rukutuu danda’u Iraanii dhiyeessuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Ibsa nama rifachiisu kennaniin, hogganaan kun dandeettii balistikii fi niwukilaraa Piyoongiyaang addunyaa akeekkachiisuun, “Israa’el kaartaa irraa haxaa’uuf misaa’ela tokko qofti gahaadha” jedhan.

Ibsi Kooriyaa Kaabaa kun kan ba’e wayita Ameerikaa fi Israa’el “Operation Epic Fury” Iraan irratti bananitti yoo ta’u, ajjeechaan hogganaa ol'aanaa Iraan Ayatollah Ali Khaamenei mirkanaa’eera.

Kiim Joong-un Kooriyaan Kaabaa Iraaniif deeggarsa waraanaa kennuuf kutannoo akka qabdu ibsuun, gidduu seenuun Kooriyaa Kaabaa rakkoo kana walxaxaa taasiseera, sababiin isaas Chaayinaan misaa’ela sadarkaa ol'aanaa Iraaniif dhiyeessiti jedhamtee fi Raashiyaan biyyoota dhihaaf akeekkachiisa cimaa kenniteetti.

Haasaan Kiim Joong-un kun gabaa boba’aa addunyaa fi tasgabbii ji’oopoolitikaa irratti yaaddoo kan uume yoo ta’u, akeekkachiisa Pireezidaanti Tiraamp kanaan dura “waraana guddaa” jedhanii kennan cimseera.

Hiriirri waraanaa haaraan Iraan, Raashiyaa, Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa gidduutti uumame, waldhabdeen naannoo kun gara waraana addunyaatti guddachuu akka danda’u yaaddoo uumeera.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii fi hoggantoonni biyyoota dhihaa ibsa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada yoo hin kennine, xiinxaltoonni nageennaa idil-addunyaa haalli kun bakka deebi’uu hin dandeennetti dhiyaataa jira jedhu.

Jirra24/7🌕
❤3👎2
Gatii gabaa bunaa sadarkaa idil addunyaatti gadi bu'aa dhufeen kisaaraa keessa akka hingalleef dhiyeessitoonni dafanii gabaaf dhiyeessuu qabu jedhame.
******

Gurraandhala 26/2018 (BDO) Gatii gabaa bunaa sadarkaa idil addunyaatti gadi bu'aa dhufeen kisaaraa keessa akka hingalleef qonnaan bultoonni,dhiyeessitoonniifi alergitoinni buna ofharkaa qaban dafanii gabaaf dhiyeessuu akka qaban Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Federaalaa beeksise.
‎
Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shayii Federaalaa Addunyaa Dabalaa(PhD) hojii oomishaafi qulqullina bunaa dabaluuf hojjetameen hangi bunaa gabaa addunyaatiif dhihaachaa jiru dabalaa dhufuu eeran.
‎
‎Akka biyyaatti bara 2018 buna toonii kuma dhibba 6 gabaa addunyaaf dhiyeessuun galii sharafa biyya alaa Doolaara Ameerikaa Biliyoona 3 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru himan.

‎Sababa bunni Biraaziliifi Veetinaam gabaatti seenuuf bunni Kiloograamni tokko Doolaara 4tti gurguramaa ture gara Doolaara 2.8tti gadi bu'uus ibsan.

‎Kun ammoo waggaa tokkoof itti fufuu waan danda'uuf qonnaan bultoonni,dhiyeessitoonniifi alergitoonni buna ofharkaa qaban dafanii gabaaf dhiyeessuu akka qaban hubachiisan
❤1
Biyya Dargaggoota ishee gaafa lolaa qofa itti fayyadamtu!
♦️-----------------------------------------------------
Biyya Injiineroota kumaatama waggaa waggaadhaan mooraa Yuunivarsiitii irraa eebbisiiftu, kan Injiinerri ishee Lilmoo kalaqe immoo hin argine, Itoophiyaan biyya.

Biyya Dargaggeessa ishee lolaaf qofa itti fayyadamtudha. Gaafa teeknooloojii, gaafa waa kalaquu, gaafa faayidaa, gaafa lafa hiruu, gaafa koondoomineemii kennuu, gaafa durgoo fi faayidaa biroo, biyya Qeerroon ishee jiranuu quba hin qabdu.

Jiruu fi jireenyaanoo?
Dargaggoonni biyya kanaaa 90% ol kan taaan mana kiraa keessa jiraatu. Gariin manuma Oromoo kireeffatee jiraata. Gariin immoo alagaa lafa Oromoo irratti mana ijaarrate irraa kireeffatee keessa jiraata.

Sanuu kanfaltiin mana kiraa guyyaa tokko yoo irra dabarte, abbaan manaa keessaa si ariya. Inumaa Oromoo irraa mana kireeffachuu mannaa, isuma alagaa lafa Oromoo irratti mana ijaarrate sana irraa kireeffachuu wayya.

Waan manni kiraa biyya kana godhe dubbannee hin xumurru. Tunumti jireenya taatee yeroo tokko tokko, "I am Oromo first! Biyyikoo Oromiyaa! Sabnikoo Oromoodha...!" jennee dhaadanna. Anis akkuma nama tokkootti Oromummaa kanaan dhaadachaan ture.

Amma Oromummaan kun Shiroo tuttuqamee bulee fi harka harka jedhu erga nutti ta
ee bubbulee jira.

Kanafuu dhaadannoon keenya faallaa isa kan durii irraa, "Qabsaa`aan hin kufin. Qabsoon itti hin fufin" yoo jenne dansa! Kan Oromoos kan Itoophiyaas siyaasichi foolii badaa qaba!

Turtii gaarii qabaadhaa!
Gelana Abera Gurraachicha warra biyyati.

======================================
❤4
Ethio Tech Crypto
Photo
"Dargaggeessa Miliyoona 16'f carraa hojii uumnee abbootii qabeenyaa goone" jedhan Aadde Rosa Biya Abamecha ! Well Ingidiih!

Sun tarii ta'uu danda'a. Ykn naannoo biraa keessaas ta'a ykn anatu odeeffannoorraa fagoodha. Sana hin beeku. Garuu waan ani beekurraa yoon dubbadhe, Dargaggeessa waldaan gurmaa'ee hojii uummachuuf faayila meeqa tuulee, Waraqaa dhibbaatama Copy godhee, Process fi Birokiraasii isaa dadhabee gurmaa'insa sana dadhabee dhiise kumaatama garuu nan beeka. Waan kiisiidhaa qabu kan chaappaa, kan waajjira galii, Kan waajjira maalii jedhamee itti kaffalee booda deddeebii dadhabee kan dhiise dhibbaataman beeka. Ana dabalatee. Qarshii 15,000 ol process kanatti fixnee, Liqiin sunis milkaa'uu didnaan waan ittiin qamaanullee dhabnee teenyee amuummachaa jirra😪

Keessumaa Liqiidhaan wal qabatee Ulaagaan gaafatamaa jiru Ulaagaa Dargaggeessa hoji dhabaaf dhiyaatu miti. Dargaggeessi karaa seeraan alaa biyyaa ba'uutti lubbuu isaa dhabaa jiru jaalatee miti. Deddeebii waajjira Carraa Hojii uumuu fi waajjiraalee Gurmaa'iinsaa gidduu jiru nuffisiisnaan, homaa abdii dhowwinaan biyyaa yaa'aa jira dargaggeessi.

Rakkoon jira garuu rakkoo sana dubbachuuf immoo ammas rakkoodha🙄


Koomii uummata
👍1
Mootummaan Ameerikaa Itoophiyaa viizaa waashtinaa fi yaalii marraa gubbaa seera qabeessa ta'ee akka hirmaatu beeksise.

Eebba Bitootessa 24, 2018 irraa kaasee, hojii irra ooluuf, qajeelfama haaraa kana irratti hundaa'uun; Ameerikaa deemuuf viizaa daldalaa yookaan viizaa tuuristii (B1/B2) qabatanii argaman, viizaa isaanii kennamuun dura hanga $15,000 Ameerikaa doolaaraatti geessu maallaqa waashtinaa akka dhiyeessan ni gaafatu.

Waashtinni maallaqaa kun immoo, imaltoonni viizaa isaanii seerota guutuu hordofuun argatanii fi yeroo eeyyamameef guutuu hin guutne Ameerikaa irraa deebi'anii ba'uun qofa ta'a.

Qajeelfamni haaraan kun Bitootessa 24, 2018 dura eeyyama seeraa daldalaa yookaan viizaa tuuristii qaban namoota hin ilaalu jedhamee ergaa ergameera.
❤3
⭕Dursumaa liigicha Arsenaal harka guyyaa 200f ture boddaa Maanchistar Siitiin liigicha dursu jalqabera.
😭1
Ethio Tech Crypto
Photo
Jaalallee haadha manaasaatiitu isa ajjeese.

Godina Geedoo, magaalaa Gedeb keessatti hojjetaa Baankii Abisiiniyaa kan ta’e Tamasgeen Daani’eel, guyyaa gaafa Ebla 14, 2018 ALI ganama keessaa tilmaamaan naannoo sa'atii 2:00 irratti gara hojii deemaa osoo jiruu, addabaabaayii irratti rasaasaan rukutamee, cuubeedhaanis waraanamee miidhaa hamaan erga irra ga'ee booda lubbuunsaa darbeera.

Akka namootni ijaan arganii fi maatiin isaa ibsanitti, haleellaa kanaaf sababa kan ta'e, haati manaa Tamasgeen kan inni baatii 2 dura fuudhe aadde Mihiret Destaa,  jaalallee namicha isa ajjeese kanaa akka taatee fi sababa kanaafis inaaffaa jaalalaatiin qabamee haaloo ba'uuf akka ajjeesee dha kan dubbatani.

Shakkamaan Obbo Abuush Taddasaa Huttesaa jedhamu kun duraan jaalallee haadha manaa nama ajjeefame kanaa  akka ture himameera; Niitii koo najalaa fuute jedhuudhaan yakka ajjeechaa kana raawwachuun isaas ibsameera.

Yeroo haleellaan sun isarra ga'etti, Tamasgeen “na gargaaraa, na ajjeesuuf jira” jechuun iyyannoo gargaarsaa dhiyeessaa kan ture yoo ta'u, namoonni naannoo sana turan saffisaan irraa dhowwuu dadhabuusaaniitiin ija isaanii duratti Shakkamaan sun rasaasaan erga rukutee booda, itti fufuun meeshaa qara qabuun qaama isaa irra miidhaa suukanneessaa geessisuu danda’ee jira. Kanaanis lubbuunsaa darbeera.

Poolisiin shakkamaa kana to’annoo jala oolchuun qorannoo bal’aa gaggeessaa kan jiru yeroo ta'u; hawaasni naannichaa gocha kanaan rifannaa fi gadda guddaa keessa seeneera jedhame
❤1
Guyyaa: 15/8/2018
Gara: Ministeera Fayyaa
Addis Ababa
Mata duree: Harkifannaa galmee fi qaxarrii ogeessota fayyaa ilaalchisee ol’iyyannoo

Nuti eebbifamtoota damee fayyaa kan bara 2018 walakkaa lammaffaa keessa Qormaata Ba’uu Biyyaalessaa fudhannedha.Erga qormaata kana darbinee hojii argachuu ykn hayyama tajaajiluu barbaachisaa ta’e argachuu waan hin dandeenyeef, mufannaa hamaa nu mudachaa jiru ibsuuf xalayaa kana barreessuudhaaf dirqamna.

Barattoonni damee barnootaa biroo irraa yeroo wal fakkaataatti qormaata fudhatan qacaramanii jireenya isaanii eegalanii osoo jiranii nuti barattoonni fayyaa furmaata tokko malee mana keenyatti hafna. Harkifachuun kun dhiphina xiinsammuu guddaa nu keessaa fideera. Kana malees, hojii irraa fagaannee beekumsa fayyaa fi dandeettii qabatamaan baranne dhabaa jiraachuun keenya gahumsa ogummaa gara fuula duraa keenyaaf balaa guddaa ta’eera.

Xiyyeeffannoo Ministeerri Fayyaa fayyaa hawaasaaf kennu ilaalcha keessa galchuun beekumsa keenya biyya keenyaaf gumaachuu akka dandeenyuuf qabxiilee armaan gadii hatattamaan akka ilaalaman gaafanna:

1. Yeroo Galmee: Guyyaan sirrii adeemsa galmee harkifate itti jalqabamu beeksisuu qaba.
Madaallii Dandeettii (COC): Qormaata COC ogeessota eebbifamaniif yeroon ifa ta’e kaa’amuu qaba.
Adeemsa Haqaa: Akkuma dameelee biroo ogeeyyiin fayyaa deebii ariifataa argachuun dirqama ogummaa isaanii akka ba’atan haala mijeessuu qaba.

Beekumsi keenya akka hin qisaasamnee fi abdiin keenya akka hin badneef qaamni dhimmi ilaallatu furmaata hatattamaa akka nuuf kennu kabajaan gaafanna.

Nagaa kabajaa waliin

Isinis haadara oromummaa nuu bahaa......sagalees nuuf tahaa maaloo......Jirraa media isin faana jirraa


Yadda keessani Comment jela nuf ka'a galatomi 🙏
❤6
Ethio Tech Crypto
Photo
Seenaan Haarawaa Barreefame! Arsenal Waggaa 22 Booda Gooftaa Piriimiyer Liigii Ingilaand Ta'e! 🏆

Gammachuun deeggartoota Arsenaal daangaa hin qabu! Erga bara 2004 asitti waancaa dhabuun mormiifi qeeqa cimaa keessa kan turan deeggartoonni kilabichaa, dharraan isaanii dhugoomuun waancaa Piriimiyer Liigii Ingilaand (EPL) waggaa 22 booda harka isaaniitti deebifachuu danda'aniiru.

Haalli waancaa kanaa haala ajaa'ibaa ta'een kan mirkanaa'e dha. Morkataan cimaan isaaniifi abbaan waancaa waggoottan darban, Maanchisteer Siitiin, tapha cimaa kilabii Boornimaawuz (Bournemouth) waliin taasisaniin 1-1 qixa ba'uun qabxii murteessaa waan dhabeef, tapha isaa isa dhumaa yoo injifateyyuu wal-ida'ama qabxiitiin Arsenalitti dhaqqabuu akka hin dandeenye mirkanaa'eera. Kanaafuu, Arsenal qabxii kanaan dura dursaan kuufate qofaan, osoo dirree hin seenin abbaa waancaa ta'uun isaa mirkanaa'eera!

Milkaa'inni seena-qabeessi kun tasa kan dhufe miti. Ijaarsa garee leenjisaa Miikeel Arteetaatiin obsaafi tooftaa ammayyaawaan waggoota darban keessa hojjetamaa tureen kan dhufe dha. Garee dargaggoota onneefi kaka'umsa qabaniin ijaarame kana, dirree ofiifi dirree alaatti taphoota murteessoo injifachaa deemuun firiin dadhabbii isaanii milkaa'inatti akka jijjiiramu godheera.

Priimiyer Liigiin Ingilaand Itoophiyaa dabalatee addunyaa guutuutti liigii hunda caalaa jaalatamummaa olaanaafi daawwattoota bal'aa kan qabu dha. Keessattuu deeggartoota Arsenal hedduu biyya keenya keessa jiraniif galgalli edaa kun galgala seenaafi gammachuu guddaa ta'eera.

Arsenal milkaa'ina liigii kanaan qofa osoo hin dhaabbatin, deeggartoota isaa daran boonsuuf xumura waancaa Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa , waancaa guddicha lammaffaa fudhachuuf waldhaansoo jabaa gochuuf eegaa jira.

Waggaan kun dhugumaan waggaa Arsenaaliti!
❤1
Ethio Tech Crypto
Photo
✅ Josef Pep Gaardiyoolaa jedhamaa leenjisaa kubbaa miilaa beekamaa fi taphataa duraanii lammii Ispeen Kaataaloniyati. Inni seenaa kubbaa miilaa keessatti leenjistoota dhiibbaa guddaa uumanii fi milkaa'oo ta'an keessaa tokko dha.

🅾 Seenaa Leenjisummaa fi milkaa'ina isaa.

Gaardiyoolaan kilaboota gurguddoo sadii leenjisuun seenaa dinqisiisaa hojjeteera.

⭕️Baarseloonaa
⭕️Baayern Muuniik
⭕️Maan Siitii

👉 Baarseloonaa 2008–2012 bara 2009 waancaa 6 Sextuple walitti aansuun injifachuun seenaa kubbaa miilaa keessatti rikoordii haaraa goonfate mala tapha kubbaa walii-dabarsuun tapha to'achuu irratti xiyyeeffatu hojiirra oolche. Waggaa afur keessatti waancaa gurguddoo 14 UEFA Shaampiyoons Liigii lama dabalatee injifate.

👉 Baayern Muuniik 2013–2016 Waancaa Bundesliga Jarman sadii walitti aansuun injifachuun dorgommichaa olaantummaa qabaachuu isaa agarsiiseera.

👉 Maanchistar Siitii 2016–2026.

Kilabicha gara dorgomaa cimaa addunyaatti jijjiireera Waancaa Ingilaand Piriimeer Liigii hedduu injifateera.

Bara 2023 dorgommii sadii gurguddoo Treble Piriimeer Liigii FA Cup fi Shaampiyoons Liigii yeroo tokkotti injifachuun seenaa guddaa hojjete.

Kaan hafee seenaa By Pep👋 ❤️
Dubbiin dhalataa Jira.

🔵💙 Cheelsiin Maanchister siitii irratti himata banuuf deemaa. Kana nama dhibummoo himatichi KAS deemuun Kan dgiyaatu taha. KAS jechuunimmoo mana murtii kubbaa miilaa addunyaa Isa dhumaati.

💙🔵 Inzoo maareeskaan leenjisaa cheelsii yeroo turanitti hooggantoonni Maanchister siitii dhoksaan maareeskaa haasofsiisuun akka inni bahu godhaniiru. Kanaafimmoo cheelsiin ragaa quubsaa argateera. Dabalataanis maareeskaan taphattoota Cheelsii 2 : inzoo Fernandez fi Kool paalmeer akka bitamuuf dhiyeesseera. Cheelsiin itti gurguruun haa hafuu cirumayyuu kissii banuuf qophiirra jira. Kana jechuun inzoo maareeskaan siitii galuuf jecha cheelsii gadhiisuu hinoollee oduun jedhu balballoomaa Jira. Mee yaada keessan qoodaa!
❤4