Ethio Tech Crypto
6.78K subscribers
1.46K photos
46 videos
735 files
213 links
🚀 Daily Crypto Updates | Airdrops | Signals | News  | Crypto Store 🏪

📊 Master the market with trusted crypto insights 
🎯 Smart Trading Strategies & Signals

📩 For Ads/Collab:- @Sooretti1
Download Telegram
Yeroo maatii, firaafi hiriyaa irraa adda ba’e, Abbaa hin mul’anne tokko—Yesuus—na waliin ture” jechuun dubbateera jette.Wayinasheet Argoolinyi, obboleettiin hangafaa Soolan Argoolinyi, seenaa jireenyaa fi milkaa’ina obboleessa ishee dubbate.

"Daa’imummaan Humna Qilleensaa Ameerikaa irratti Top 3 ta'ee badhaafame Soolan Argoolinyi"
‎
Sababni milkaa’ina Soolan inni guddaan, mana amantaatti tajaajilaa guddatee Waaqayyoon yaada keessatti qabatee guddachuu isaati jetti Wayinasheet.
‎
‎Leenjii Humna Qilleensaa Ameerikaatti namoota 819 keessaa Top 3 ta’uun badhaafameera" jette
‎
‎
‎Akka Wayinasheet Argoolinyi jettutti, Soolan Argoolinyi qachee dhalootaa isaanii Gooticha Abdiisaa Agaa karaa Abbaa isaatiin hidhata qaba. Akkasumas Fiitawuraarii Mokonnin Jambaree abbaa haadha isaa ta’uu, Qany-Azmaach Abdiisaa Moosaa ammoo obboleessa abbaa haadha isaa ta’uu dubbatteetti.
‎
‎Isaan kun bara mootummaa Haayile Sillaasee keessa, yeroo faashistiin Xaaliyaanii Itoophiyaa weerarte, wal ta’uun diina irratti lola cimaa gaggeessuun biyyattiirraa deebisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaanii yaadachiisteetti.
‎
‎
‎
‎Soolan Godina Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamtee, Bakke Jamaa, Ganda 06'tti keessatti dhalatee akka guddatte kan dubbatu obboleettiin isaa,
‎Soolan daa’immanummaa isaa irraa eegalee mana amantaa keessatti tajaajilaa kan guddate, muuziqaa keessatti hirmaachaa guddachuu himteeti.
‎
‎Hawwiin daa’immummaa isaa inni guddaan muuziqaa akka ta’e kaasteeti, garuu carraan Soolaniin qaqqabe kun hawwii abbaa keenyaa ture jette.
‎
‎Haati isaanii ijoollee hunda nagaan deessee, Soolaniin garuu haala rakkisaa keessatti garaa baqaqfattee deessee maqaa masoo isaa “Jigsaa” jechuun moggaafte jettee, hariiroo addaa akka waliin qabanis himte.
‎
‎Soolan mucaa maatii isaaniif dhuma irratti dhalate ta’us, gorsaa fi hubannoo hangafootaa akka qabu dubbattee, mucaa dhumaa waan ta’eefis xiyyeeffannoo maatii hunda argatee guddate jette.
‎
‎Soolan nama cal-jedheessa gargaarsa hin barbaanne, dandeettii addaa qabu, ulfina namootaaf kennuu fi dargaggoonni araada adda addaan akka hin saaxilamneef gorsa kennu akka ta’e dubbatte.
‎
‎Barnoota sadarkaa jalqabaa magaalaa Naqamteetti, mana barumsaa dhuunfaa “Beetel” jedhamutti akka jalqabeefi sadarkaa lammaffaas achuma Naqamteetti, mana barumsaa “Kidaana Miratii Kaatolikii” jedhamutti barachuun qabxii olaanaa galmeessee, Yunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 4tti akka seenuuf carraa akka argate dubbatteetti.
‎
‎Haa ta’u malee, muummeen barnoota sanaa fedhii isaa waan hin turreef dhiisee, gara Mana Barumsaa " Siminaarii Makaana Yesuus " seenuun meeshaalee muuziqaa barachuu jalqabe.
‎
‎
‎Yeroo kana barnoota isaa osoo hin xumuriin yaalii inni gara biyya alaa deemuuf taasisaa turee milkaa'ee gara biyya alaatti imale.

Erga achi deemee waggaa 2 keessatti lamummaa Ameerikaa kan argatee ta'uu kaasuun yeroo ammaa achuma kan jiraatuufi dargaggeessa waggaa 25 akka ta’e himte.
‎
‎
‎Milkaa’ina Soolan keessatti, Maatiin isaa kadhannaadhaan deeggaruu isaaniifi waldaan isaa “Beetel”, manni barnoota isaa fi hawaasni inni keessatti dhalatee guddate gahee guddaa qabaachuu Wayinasheet himteetti. Ishee biratti Solaan akkuma mucaa isheetti akka ilaalamu kaaftee, jalqaba irraa eegalee hordoffii fi deeggarsa cimaa akka taasifteef dubbatte.
‎
‎
‎Ergaa Soolan yeroo hunda dabarsu immoo,
‎“Namni ofiif qofa jiraachuu hin qabu; kaayyoo qabaachuu qaba; umurii isaatti qoosuu hin qabu; waan uumameef raawwatee darbuu qaba,”
‎jechuu isaa kaaste.
‎
‎Kaayyoon Solomoon inni guddaan, biyya isaatiif waan gaarii hojjechuu akka ta’e dubbatte.
‎Wayinasheet, obboleettiin isaa, Soolan waliin hariiroo cimaa qabaachuu ishee himtee, akkuma haadhaatti kan ilaaltu ta’uu fi waggaa torbaaf ishee bira jiraachuun gara alaatti imaluun adda ba’uu isaa kaasteetti. Yeroo ishee bira turetti manaaf yaaddoo kan hin qabne, amma illee achi taa’ee ijoollee ishee gorsaafi deeggarsa itti fufsiisee kennuu isaa himteetti.
‎
‎
❤4
Ethio Tech Crypto
Photo
Gamoon Abbaa Darbii 57 Guyyoota 19 Qofa Keessa Ijaarame: Chaayinaan Egeree Ijaarsaa Addunyaa Agarsiifte

JRA, Gurraaandha 04, 2018 – Chaayinaan seenaa ijaarsaa magaalaa keessatti boqonnaa haaraa banuun, bu’aa ijaarsaa ajaa’ibaa galmeessiteetti. Gamoon abbaa darbii 57 guyyoota 19 qofa keessatti ijaarame, kanaan ogeeyyii indaastirii fi addunyaa ajaa’ibsiiseera.

Bu’aan kun ijaarama saffisaa moojuularii dursanii hojjetaman bakka ala walitti qabamaniin argame. Ijaarsi saffisaa ta’us, ciminni gamoo kanaa fi nageenyi jiraattotaa sadarkaa olaanaa irra jira.

Gamoon kun teeknooloojii olaanaa fi sirna deeggarsa cimaa, akkasumas kirkira lafaa fi balaa uumamaa dandamachuu danda’u guutameera. Kunis maloonni ijaarsaa moojuularii saffisaa fi amanamaa ta’uu danda’an agarsiiseera.

Haalli kalaqaa haaraan kun gahumsa ijaarsaa guddisuu qofa osoo hin taane, faalama naannoo hir’isuufi to’annoo qulqullinaa mirkaneessuu keessatti faayidaa guddaa qaba.

Pirojektoonni akkasii karoora of-eeggannoo fi qindoomina loojistikii walxaxaa irratti hundaa’uun, bal’ina xiqqoo irratti xiyyeeffachuun kan milkaa’an ta’u isaa ibsameera.

Teeknooloojiin guddachaa yeroo deemu, maloonni ijaarsaa saffisaa fi itti fufiinsa qabu fuula magaalaa addunyaa keenyaa haalaan jijjiiru jedhamee eegama. MFm
❤2👍1
“Osoo hin saalfatiin, Teelebirrii irraa liqeeffadhaa” jedhe Teeleen (Nama osoo ta'ee gaafachuu nii saalfattu jechuusaati) 😅 Garuu, liqeeffattee osoo kaffaliin yoo dagatte, liqichi dhala waliin dachaa ta'ee, yeroo lakkoofsi herregaa ati Baankii irraa qabdu qabamu yaadatta.🚶
Tapha eda galgalaa Arsenaal Woolvis waliin walqixa itti bahan
****

Priimayer Liigii Ingilaand eda halkan taphatameen, Arsenaal fi Woovis 2 fi 2 qixa bahaniiru.

Tapha Istaadiyeemii Mooliiniiksitti taphatame kanaan Arsenaaliif Bukaayoo Saakaa fi Piyeeroo Hiinkaapiyeen goolii yoo galchan, Woolvisiif ammoo immoo Huugoo Buunoo fi Rikaardoo Kalaafiyooriin (dogoggoraan ofirratti galche) goolii galchaniiru.

Arsenaal garaagarummaa qabxii Maanchiister Siitii waliin jiru bal’isuuf carraa argate utuu hin fayyadamin hafeera.
❤3
"Trump, hin hayyamne Iran akka meeshaa nukleerii qopheessitu."

Preezidaantii Ameerikaa, Donald Trump, ibsa kennuudhaan Iran akka meeshaa nukleerii qabaattu hin hayyamne jechuun, biyyattiin meeshaa nukleerii irratti hirmaachuuf akka waliigaltee hin mallatteessineef yaada kennaniiru.

Trump, miseensota Kongressii waliin ta'uun, "Furmaata rakkoo filannoo koo diplomaatummaa irratti hundaa'ee furuu dha. Garuu, waa'ee tokkoon mirkaneeffadha; inniis, namni shororkeessaa addunyaa tokkoon tokkoon nukleerii qabaachuuf hin hayyamne" jedhe.

Sa'aa lamaaf turuun 'State of the Union' irratti ibsa kennaniin, Iran Ameerikaa irraa dabalataan weerara hin qaqqabsiisneef waliigaltee barbaaduu ibsaniiru. Haa ta'u malee, BBC'n gabaasni kennamee jiraachuun, Iran waliigaltee nukleerii qopheessuu irratti hin mallatteessine jechuun ibsameera.
❤4😁1
Ethio Tech Crypto
Photo
“Misaa’ela Tokkon Israa’el Kaartaa Addunyaa irraa nan balleessa” jedhe Kiim Jong Un.

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun deeggarsa cimaa Tehiraaniif qaban ibsuun, yoo barbaachisaa ta’e misaa’ela Israa’el rukutuu danda’u Iraanii dhiyeessuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Ibsa nama rifachiisu kennaniin, hogganaan kun dandeettii balistikii fi niwukilaraa Piyoongiyaang addunyaa akeekkachiisuun, “Israa’el kaartaa irraa haxaa’uuf misaa’ela tokko qofti gahaadha” jedhan.

Ibsi Kooriyaa Kaabaa kun kan ba’e wayita Ameerikaa fi Israa’el “Operation Epic Fury” Iraan irratti bananitti yoo ta’u, ajjeechaan hogganaa ol'aanaa Iraan Ayatollah Ali Khaamenei mirkanaa’eera.

Kiim Joong-un Kooriyaan Kaabaa Iraaniif deeggarsa waraanaa kennuuf kutannoo akka qabdu ibsuun, gidduu seenuun Kooriyaa Kaabaa rakkoo kana walxaxaa taasiseera, sababiin isaas Chaayinaan misaa’ela sadarkaa ol'aanaa Iraaniif dhiyeessiti jedhamtee fi Raashiyaan biyyoota dhihaaf akeekkachiisa cimaa kenniteetti.

Haasaan Kiim Joong-un kun gabaa boba’aa addunyaa fi tasgabbii ji’oopoolitikaa irratti yaaddoo kan uume yoo ta’u, akeekkachiisa Pireezidaanti Tiraamp kanaan dura “waraana guddaa” jedhanii kennan cimseera.

Hiriirri waraanaa haaraan Iraan, Raashiyaa, Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa gidduutti uumame, waldhabdeen naannoo kun gara waraana addunyaatti guddachuu akka danda’u yaaddoo uumeera.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii fi hoggantoonni biyyoota dhihaa ibsa kana ilaalchisee hanga ammaatti yaada yoo hin kennine, xiinxaltoonni nageennaa idil-addunyaa haalli kun bakka deebi’uu hin dandeennetti dhiyaataa jira jedhu.

Jirra24/7🌕
❤3👎2
Gatii gabaa bunaa sadarkaa idil addunyaatti gadi bu'aa dhufeen kisaaraa keessa akka hingalleef dhiyeessitoonni dafanii gabaaf dhiyeessuu qabu jedhame.
******

Gurraandhala 26/2018 (BDO) Gatii gabaa bunaa sadarkaa idil addunyaatti gadi bu'aa dhufeen kisaaraa keessa akka hingalleef qonnaan bultoonni,dhiyeessitoonniifi alergitoinni buna ofharkaa qaban dafanii gabaaf dhiyeessuu akka qaban Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii Federaalaa beeksise.
‎
Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shayii Federaalaa Addunyaa Dabalaa(PhD) hojii oomishaafi qulqullina bunaa dabaluuf hojjetameen hangi bunaa gabaa addunyaatiif dhihaachaa jiru dabalaa dhufuu eeran.
‎
‎Akka biyyaatti bara 2018 buna toonii kuma dhibba 6 gabaa addunyaaf dhiyeessuun galii sharafa biyya alaa Doolaara Ameerikaa Biliyoona 3 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru himan.

‎Sababa bunni Biraaziliifi Veetinaam gabaatti seenuuf bunni Kiloograamni tokko Doolaara 4tti gurguramaa ture gara Doolaara 2.8tti gadi bu'uus ibsan.

‎Kun ammoo waggaa tokkoof itti fufuu waan danda'uuf qonnaan bultoonni,dhiyeessitoonniifi alergitoonni buna ofharkaa qaban dafanii gabaaf dhiyeessuu akka qaban hubachiisan
❤1
Biyya Dargaggoota ishee gaafa lolaa qofa itti fayyadamtu!
♦️-----------------------------------------------------
Biyya Injiineroota kumaatama waggaa waggaadhaan mooraa Yuunivarsiitii irraa eebbisiiftu, kan Injiinerri ishee Lilmoo kalaqe immoo hin argine, Itoophiyaan biyya.

Biyya Dargaggeessa ishee lolaaf qofa itti fayyadamtudha. Gaafa teeknooloojii, gaafa waa kalaquu, gaafa faayidaa, gaafa lafa hiruu, gaafa koondoomineemii kennuu, gaafa durgoo fi faayidaa biroo, biyya Qeerroon ishee jiranuu quba hin qabdu.

Jiruu fi jireenyaanoo?
Dargaggoonni biyya kanaaa 90% ol kan taaan mana kiraa keessa jiraatu. Gariin manuma Oromoo kireeffatee jiraata. Gariin immoo alagaa lafa Oromoo irratti mana ijaarrate irraa kireeffatee keessa jiraata.

Sanuu kanfaltiin mana kiraa guyyaa tokko yoo irra dabarte, abbaan manaa keessaa si ariya. Inumaa Oromoo irraa mana kireeffachuu mannaa, isuma alagaa lafa Oromoo irratti mana ijaarrate sana irraa kireeffachuu wayya.

Waan manni kiraa biyya kana godhe dubbannee hin xumurru. Tunumti jireenya taatee yeroo tokko tokko, "I am Oromo first! Biyyikoo Oromiyaa! Sabnikoo Oromoodha...!" jennee dhaadanna. Anis akkuma nama tokkootti Oromummaa kanaan dhaadachaan ture.

Amma Oromummaan kun Shiroo tuttuqamee bulee fi harka harka jedhu erga nutti ta
ee bubbulee jira.

Kanafuu dhaadannoon keenya faallaa isa kan durii irraa, "Qabsaa`aan hin kufin. Qabsoon itti hin fufin" yoo jenne dansa! Kan Oromoos kan Itoophiyaas siyaasichi foolii badaa qaba!

Turtii gaarii qabaadhaa!
Gelana Abera Gurraachicha warra biyyati.

======================================
❤4
Ethio Tech Crypto
Photo
"Dargaggeessa Miliyoona 16'f carraa hojii uumnee abbootii qabeenyaa goone" jedhan Aadde Rosa Biya Abamecha ! Well Ingidiih!

Sun tarii ta'uu danda'a. Ykn naannoo biraa keessaas ta'a ykn anatu odeeffannoorraa fagoodha. Sana hin beeku. Garuu waan ani beekurraa yoon dubbadhe, Dargaggeessa waldaan gurmaa'ee hojii uummachuuf faayila meeqa tuulee, Waraqaa dhibbaatama Copy godhee, Process fi Birokiraasii isaa dadhabee gurmaa'insa sana dadhabee dhiise kumaatama garuu nan beeka. Waan kiisiidhaa qabu kan chaappaa, kan waajjira galii, Kan waajjira maalii jedhamee itti kaffalee booda deddeebii dadhabee kan dhiise dhibbaataman beeka. Ana dabalatee. Qarshii 15,000 ol process kanatti fixnee, Liqiin sunis milkaa'uu didnaan waan ittiin qamaanullee dhabnee teenyee amuummachaa jirra😪

Keessumaa Liqiidhaan wal qabatee Ulaagaan gaafatamaa jiru Ulaagaa Dargaggeessa hoji dhabaaf dhiyaatu miti. Dargaggeessi karaa seeraan alaa biyyaa ba'uutti lubbuu isaa dhabaa jiru jaalatee miti. Deddeebii waajjira Carraa Hojii uumuu fi waajjiraalee Gurmaa'iinsaa gidduu jiru nuffisiisnaan, homaa abdii dhowwinaan biyyaa yaa'aa jira dargaggeessi.

Rakkoon jira garuu rakkoo sana dubbachuuf immoo ammas rakkoodha🙄


Koomii uummata
👍1
Mootummaan Ameerikaa Itoophiyaa viizaa waashtinaa fi yaalii marraa gubbaa seera qabeessa ta'ee akka hirmaatu beeksise.

Eebba Bitootessa 24, 2018 irraa kaasee, hojii irra ooluuf, qajeelfama haaraa kana irratti hundaa'uun; Ameerikaa deemuuf viizaa daldalaa yookaan viizaa tuuristii (B1/B2) qabatanii argaman, viizaa isaanii kennamuun dura hanga $15,000 Ameerikaa doolaaraatti geessu maallaqa waashtinaa akka dhiyeessan ni gaafatu.

Waashtinni maallaqaa kun immoo, imaltoonni viizaa isaanii seerota guutuu hordofuun argatanii fi yeroo eeyyamameef guutuu hin guutne Ameerikaa irraa deebi'anii ba'uun qofa ta'a.

Qajeelfamni haaraan kun Bitootessa 24, 2018 dura eeyyama seeraa daldalaa yookaan viizaa tuuristii qaban namoota hin ilaalu jedhamee ergaa ergameera.
❤3
⭕Dursumaa liigicha Arsenaal harka guyyaa 200f ture boddaa Maanchistar Siitiin liigicha dursu jalqabera.
😭1
Ethio Tech Crypto
Photo
Jaalallee haadha manaasaatiitu isa ajjeese.

Godina Geedoo, magaalaa Gedeb keessatti hojjetaa Baankii Abisiiniyaa kan ta’e Tamasgeen Daani’eel, guyyaa gaafa Ebla 14, 2018 ALI ganama keessaa tilmaamaan naannoo sa'atii 2:00 irratti gara hojii deemaa osoo jiruu, addabaabaayii irratti rasaasaan rukutamee, cuubeedhaanis waraanamee miidhaa hamaan erga irra ga'ee booda lubbuunsaa darbeera.

Akka namootni ijaan arganii fi maatiin isaa ibsanitti, haleellaa kanaaf sababa kan ta'e, haati manaa Tamasgeen kan inni baatii 2 dura fuudhe aadde Mihiret Destaa,  jaalallee namicha isa ajjeese kanaa akka taatee fi sababa kanaafis inaaffaa jaalalaatiin qabamee haaloo ba'uuf akka ajjeesee dha kan dubbatani.

Shakkamaan Obbo Abuush Taddasaa Huttesaa jedhamu kun duraan jaalallee haadha manaa nama ajjeefame kanaa  akka ture himameera; Niitii koo najalaa fuute jedhuudhaan yakka ajjeechaa kana raawwachuun isaas ibsameera.

Yeroo haleellaan sun isarra ga'etti, Tamasgeen “na gargaaraa, na ajjeesuuf jira” jechuun iyyannoo gargaarsaa dhiyeessaa kan ture yoo ta'u, namoonni naannoo sana turan saffisaan irraa dhowwuu dadhabuusaaniitiin ija isaanii duratti Shakkamaan sun rasaasaan erga rukutee booda, itti fufuun meeshaa qara qabuun qaama isaa irra miidhaa suukanneessaa geessisuu danda’ee jira. Kanaanis lubbuunsaa darbeera.

Poolisiin shakkamaa kana to’annoo jala oolchuun qorannoo bal’aa gaggeessaa kan jiru yeroo ta'u; hawaasni naannichaa gocha kanaan rifannaa fi gadda guddaa keessa seeneera jedhame
❤1
Guyyaa: 15/8/2018
Gara: Ministeera Fayyaa
Addis Ababa
Mata duree: Harkifannaa galmee fi qaxarrii ogeessota fayyaa ilaalchisee ol’iyyannoo

Nuti eebbifamtoota damee fayyaa kan bara 2018 walakkaa lammaffaa keessa Qormaata Ba’uu Biyyaalessaa fudhannedha.Erga qormaata kana darbinee hojii argachuu ykn hayyama tajaajiluu barbaachisaa ta’e argachuu waan hin dandeenyeef, mufannaa hamaa nu mudachaa jiru ibsuuf xalayaa kana barreessuudhaaf dirqamna.

Barattoonni damee barnootaa biroo irraa yeroo wal fakkaataatti qormaata fudhatan qacaramanii jireenya isaanii eegalanii osoo jiranii nuti barattoonni fayyaa furmaata tokko malee mana keenyatti hafna. Harkifachuun kun dhiphina xiinsammuu guddaa nu keessaa fideera. Kana malees, hojii irraa fagaannee beekumsa fayyaa fi dandeettii qabatamaan baranne dhabaa jiraachuun keenya gahumsa ogummaa gara fuula duraa keenyaaf balaa guddaa ta’eera.

Xiyyeeffannoo Ministeerri Fayyaa fayyaa hawaasaaf kennu ilaalcha keessa galchuun beekumsa keenya biyya keenyaaf gumaachuu akka dandeenyuuf qabxiilee armaan gadii hatattamaan akka ilaalaman gaafanna:

1. Yeroo Galmee: Guyyaan sirrii adeemsa galmee harkifate itti jalqabamu beeksisuu qaba.
Madaallii Dandeettii (COC): Qormaata COC ogeessota eebbifamaniif yeroon ifa ta’e kaa’amuu qaba.
Adeemsa Haqaa: Akkuma dameelee biroo ogeeyyiin fayyaa deebii ariifataa argachuun dirqama ogummaa isaanii akka ba’atan haala mijeessuu qaba.

Beekumsi keenya akka hin qisaasamnee fi abdiin keenya akka hin badneef qaamni dhimmi ilaallatu furmaata hatattamaa akka nuuf kennu kabajaan gaafanna.

Nagaa kabajaa waliin

Isinis haadara oromummaa nuu bahaa......sagalees nuuf tahaa maaloo......Jirraa media isin faana jirraa


Yadda keessani Comment jela nuf ka'a galatomi 🙏
❤6
Ethio Tech Crypto
Photo
Seenaan Haarawaa Barreefame! Arsenal Waggaa 22 Booda Gooftaa Piriimiyer Liigii Ingilaand Ta'e! 🏆

Gammachuun deeggartoota Arsenaal daangaa hin qabu! Erga bara 2004 asitti waancaa dhabuun mormiifi qeeqa cimaa keessa kan turan deeggartoonni kilabichaa, dharraan isaanii dhugoomuun waancaa Piriimiyer Liigii Ingilaand (EPL) waggaa 22 booda harka isaaniitti deebifachuu danda'aniiru.

Haalli waancaa kanaa haala ajaa'ibaa ta'een kan mirkanaa'e dha. Morkataan cimaan isaaniifi abbaan waancaa waggoottan darban, Maanchisteer Siitiin, tapha cimaa kilabii Boornimaawuz (Bournemouth) waliin taasisaniin 1-1 qixa ba'uun qabxii murteessaa waan dhabeef, tapha isaa isa dhumaa yoo injifateyyuu wal-ida'ama qabxiitiin Arsenalitti dhaqqabuu akka hin dandeenye mirkanaa'eera. Kanaafuu, Arsenal qabxii kanaan dura dursaan kuufate qofaan, osoo dirree hin seenin abbaa waancaa ta'uun isaa mirkanaa'eera!

Milkaa'inni seena-qabeessi kun tasa kan dhufe miti. Ijaarsa garee leenjisaa Miikeel Arteetaatiin obsaafi tooftaa ammayyaawaan waggoota darban keessa hojjetamaa tureen kan dhufe dha. Garee dargaggoota onneefi kaka'umsa qabaniin ijaarame kana, dirree ofiifi dirree alaatti taphoota murteessoo injifachaa deemuun firiin dadhabbii isaanii milkaa'inatti akka jijjiiramu godheera.

Priimiyer Liigiin Ingilaand Itoophiyaa dabalatee addunyaa guutuutti liigii hunda caalaa jaalatamummaa olaanaafi daawwattoota bal'aa kan qabu dha. Keessattuu deeggartoota Arsenal hedduu biyya keenya keessa jiraniif galgalli edaa kun galgala seenaafi gammachuu guddaa ta'eera.

Arsenal milkaa'ina liigii kanaan qofa osoo hin dhaabbatin, deeggartoota isaa daran boonsuuf xumura waancaa Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa , waancaa guddicha lammaffaa fudhachuuf waldhaansoo jabaa gochuuf eegaa jira.

Waggaan kun dhugumaan waggaa Arsenaaliti!
❤1