Gaambeellaatti guyyaa tokkotti namoonni 100 ol madaa'aniiru
Lola guyyaa tokkotti naannoo Gaambeellaatti geggeeffameen namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne du’uu fi 100 madaa’uu dhaabbati tola ooltummaa yaalaa Doktors Daangaa Malee (MSF) beeksise.
Gareen Doktoorota Daangaa Malee Itoophiyaa naannichatti tajaajila yaalaa kennaa jiru kaleessa Mudde 15, 2018 namoota madaa’an 100 ol simachuu isaa ibse.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya

Dhohinsa masjiida Naayijeeriyaatiin namoonni kudhanootaan ajjeefaman
Dhohinsi kun kaaba baha Naayijeeriyaa Maayidugurii keessatti yeroo salaata galgalaa raawwatame.
Yoo xiqqaate waaqeffattoonni torba ajjeefamanii lakkoofsi isaanii hin beekamne ammoo madaa’uu RT gabaaseera.
Maiduguri waggoota kurnan lamaan darbaniif bakka Boko Haram fi dhaabbata isaa kan Afrikaa Dhihaa keessatti ho'aa turte.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
Dhohinsi kun kaaba baha Naayijeeriyaa Maayidugurii keessatti yeroo salaata galgalaa raawwatame.
Yoo xiqqaate waaqeffattoonni torba ajjeefamanii lakkoofsi isaanii hin beekamne ammoo madaa’uu RT gabaaseera.
Maiduguri waggoota kurnan lamaan darbaniif bakka Boko Haram fi dhaabbata isaa kan Afrikaa Dhihaa keessatti ho'aa turte.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
❤1
Ethio Telecom gatii dabaluu mala
Sirreeffama gatii akka godhuuf dhiibbaan cimaan irra kan ture Ethio Telecom yeroo dhiyootti jijjiirraa taarifaa gochuu akka malu gabaafamaa jira.
Itiyoo Teeleekoom tajaajila telekoomii gatii gadi aanaadhaan kennuu itti fufuu isaa hordofuun gatiin akka dabalu qaamota adda addaa irraa dhiibbaan cimaan irra gaheera.
Akka maddeen damichaatti dhihoo ta’an ibsanitti, dhaabbati telekoomii kun gatii dabaluudhaaf dhiibbaan irra ga’aa ture, keessumaa michoota biyya alaa kanneen akka Baankii Addunyaa fi Safaricom kan damee telekoomiitti makame irraa.

♾Infinity crypto️
Photo
Delta Force! Gurmuu waraa-na Ameerikaa Opreshina walxaxaa raawwachuun beekamudha. Gareen Delta Force kun waraa-na kallattiin lol-a geggeessu miti. Lol-a daguu, kan diinn-i utuu itti hin qophoofne duubaan loyee harkaan qabu yookan dursee harka diin-ota faallaa gabaabsudha. Hundeeffamni isaa 1977 keessa jedha. Hanga ammaatti Opreshinoota farra shorork-eessaa fi Dantaa biyya Ameerikaa eegsisu hedduu hojjechuun itti milkaa'us kanneen hin milkaa'iin hafes qaba. Gareen kun of eeggannoo cimaan kan bu'ureffamedha. Garee Delta Force ta'uuf qormaata hedduutu si eeggata. Lafumaa kaatee garee Deltaa hin taatu. Miseensa Delta kan ta'an kutaalee waraa-naa hedduu keessaa filatamu. Filatamanii qormaata gurguddaatu isaan eeggata. Gulantaalee 1,2,3... jechuun qoramtee kufuutu jira. Akka Xoophiyaa humna addaa yookan komaandoo leenjisuuf mana puuliif bakka loon tiksan irraa qabamanii Awwash Bishoolaa, yookan Billaatteetti hin oofaman. Miseensichi baay'ee icciitawaa fi gahumsa addan kan bobba'udha. Biyya barbaade seenee abbaa barbaade morma qabee Ameerikaaf dhiyeessa. Waggaa 30 dura geggeessaa warra Panamaa Maanueliin morma qabee dhiyeesse. Baha giddu galeessaa keessatti garee shoro-rkeessitootaa hedduu loyee seenee dhabama tolcheera. Veenizuweelaa seenee opreshina sa'a shan hin caalleen Nikolas Maduroo qabee kan Ameerikaatti geesse garee Delta Force kanadha!!
❤2
🇺🇸🇻🇪 Tiraamp hanga mootummaan ijaaramutti Venizuweelaa 'bulchina' jedhan
US halkan qixxee loltuu erguun Pirezidant Maaduroofi Giiftii Duree lafa ciisaniitti 'to'atte.'
Yeroo ammaa US'tti mana hidha eegumsa cimaa ta'e keessa jiru. Biyyoonni balaaleeffataniiru.
Biyyi boba'aan badhaate Venizuweelaan muddama labsiteetti, 'weerara' US illee balfite.

❤3
♾Infinity crypto️
Photo
Missirroon Cidha Ishee Irraa Hafte🤔
Haalli cidha magaalaa Finfinnee keessatti yeroo dhihoo as dhagahame namoota hedduu biratti dubbii uumeera. Baay'ina baasii irra caalaa, xumura isaa gaddisiisaa ta'een mariif kan dhiyaateedha.
Wantoonni hundi qophaa'anii, galmi cidhaa miidhagee, nyaataaf dhugaatiin guutamee, cidha eegamaa ture, sababa haati warraa dhabamuun utuu hin milkaayin hafe.
Seenaan isaa akkana; waggoota hedduudhaaf wal beeku, abbaan warraa biyya alaa jiraatuu fi lamaan isaanii gaa'ela isaanii raawwachuuf baasii guddaa baasan. Fakkeenyaaf, kiftoof qofa qarshii kuma 450 kaffaltii duraa (Advance) kaffalameera. Miidhaginni galma isaas kaleessa irraa eegalee haala ho'aan hojjetamee xumurameera.
Haa ta’u malee, guyyaa cidhaan duraa fi gaafa guyyaa cidhaa walii galtee dhabuu irraan kan ka’e, wantonni ni balleeffaman. Haati warraa "gaa'ela dura qorannoo fayyaa gochuu qabna" jettee gaafatti. Abbaan warraa gama isaan gaaffii kana fudhachuuf fedhii hin qabu yookiin yeroon naaf hin eeyyamne jedheen. Kana gidduutti Gama mucayyootiin odeeffannoon "abbaan warraa duraan fuudhee ture, ijoollee shanis qaba" jechuun shakkiin uumamuun rakkoo kana caalaatti hamaa taasiseera. Jaarsooliin araarsuuf gidduu galanii yaalii godhanis hin milkoofne.
Dhumarrattis, guyyaa cidhaa abbaan warraa fi miinzonni isaa miidhaganii qophaa'anii turan Garuu haati warraa "hin dhufu" jettee hin dhufne. Keessummoonni affeeramanii dhufaniiru. Tokko tokko immoo waa'ee kana dhaga'anii hin dhufne.
Gaa'illi baasiin miiliyoonaan lakkaa'amu itti dhangala'e kun, abbaa warraan kophaa isaa miinzota isaa wajjiin galma duwwaa keessatti suuraa kaa'ee gara mana isaatti deebi'uun xumurame.
Haalli kun, "waliigaltee malee wal fuudhuun" rakkoo akka fiduu, baasii fi qophii dura iftoominaa fi wal amantaan hangam akka barbaachisu namoota hedduuf barnoota guddaa ta'eera.

❤4🔥2
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🎣 Ajaa'iba Ko Panyi.
Ganda Rfishing bulchiinsa Phangnga, Thailand keessatti argamtu.
Ganda Rfishing bulchiinsa Phangnga, Thailand keessatti argamtu.
♾Infinity crypto️
Photo
Kutaa ciisichaa hanga addunyaa naanna'uutti – Waa’ee 'IShoowSpeed'
*********
Maqaan dhaloota isaa Daaren Waatkiinsi Juuniyer jedhama.
Ameerikaa Ohaayoo, Sinsinaatii keessatti dhalatee guddate.
‘You Tube’ irratti hordoftoota miliyoona 48.5 ol qaba. Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 43 ol qaba.
Garuu kun hundi akkamiin jalqabe?
'Speed' kutaa ciisicha isaa keessaa viidiyoo kamiyyuu tamsaasaa ture.
Kutaa dhiphoo keessa jiraatu achuma keessa rafu meeshaan isaa kallattumaan biraa mul'atu ture.
Erga beekkamtiin isaa dabalaa deemee bara 2023 kutaa ciisichaatii addunyaatti baanee hojjenna jechuun daawwannaa gara Awurooppaatti taasise.
Hojiin mukaa'ee siree ciisicha isaa irra taa'ee jalqabe addunyaa guutuutti akka beekamu isa taasise.
Tamsaasa viidiyoo geemii kallattii, kubba miilaa irratti argamuun waltajjii ho'isuu, Viloogii adda addaa fi muuziqaan shuubbisuun beekama.
'Speed' waan adda isa godhu tokko aannisaa fi kaka'umsa waa ittiin hojjetudha. Waan garaa garaa yaala.
Sodaa fuula isaa irratti hin argitu. Miira guddaan waan isa irratti ta'uu fi arguuf deebii kenna. Dargaggoota onnachiisuun beekama.
Bara 2024 fi 2025 ‘You Tube’ irratti tamsaasa kallattiin 'Streamer of the Year' badhaasa jedhamu akka addunyaatti moo'ateera.
Tamsaasa kallattii ‘You Tube’ bara 2016 tokko jedhee jalqabe. Yeroo sana viidiyoo geemii akka ‘NBA2K’ fi ‘Fortnite’ jedhaman kallattiin tamsaasa ture.
Miiidyaalee irratti yeroo dubbatu akka ibsetti, maqaan amma miidyaa irratti fayydamaa jiru 'Speed' maqaa masoo ijoollummaa isaatti maatiin isaa ittiin waamaa turanidha.
Saffisa guddaa waan qabuuf 'Speed' jedhanii waamaa turan. Gahumsa qaamaa isaatti baay'ee amana. Ispoortii hojjeta.
'Speed' hojii ‘You Tube’ qofa otoo hin taane indaastirii muuziqaa keessas galeera.
‘Hii-hoop’ muuziqaadhaan hedduu ta’uu baatus beekkameera. Weelluun isaa 'World Cup' jedhamus kanuma irratti hojjetame.
Namni viidiyoo 'Speed' ilaalu kamuu waa'ee Roonaaldoo yaadachuun isaa hin hafu.
Yeroo viidiyoos tahe gochaa kamiyyuu hojjetee xumuru 'Suuu' jechuun mallattoo gammachuu ibsannaa Roonaaldoo agarsiisa.

Oduu Gaddaa💔
Aartistiin jaalatamaan ogummaa aartii kan qabu Natsaannat Workneh addunyaa kana irraa du’aan
Sagantaa televizhinii qopheessuu fi dhiyeessuu, akkasumas tapha fi hojii aartii adda addaa keessatti beekamtii guddaa fi jaalala uummataa kan argate Natsaannat Workneh, dhukkuba isa mudateen addunyaa kana irraa akka tasaa guyyaa adhaa boqoteera jechuun EBS gabaase.
Natsaannat Workneh waggoota hedduuf EBS Televizhinii irratti sagantaa taphichaa maatii qopheessuu fi dhiyeessuun tajaajilaa ture. Innis abbaa manaa fi abbaa ijoollee sadii ture.
Maatii isaa, hiriyoota hojii isaa, akkasumas jaalattoota isaa hundaaf jajjabina halchina.

Jaalalaa Dhugaa
Lammii Ayarlaandi kan tahe namtichi dorgommii boksiittii (buunyaatti) beekamaa tahe Konar Giriigorii waayee haadha manaa isaa akkas jedhee ture:
"Haadha manaa kiyyaa wajjin jiraachuu ergan eegalee waggoota saddeeti tahee jira. Manni keenya magaalaa guddoo Ayarlaandi kan taate Dabliin irraa gara kiiloomeetirii shantamaa fagaata. Appaartaamaa irraa mana kireeffannee jiraanna.
Ani guyyuu leenjii irra waanan ooluf hojii hinhojjedhu. Galii hinqabu. Mul'atni kiyya guyyaa tokko injifadhee shaampiiyoonii nantaha kan jedhu ture. Haati manaa kiyya nama ana irratti amantii qabdu waan taateef, ani maallaaqa fiduu baadhullee nyaata ispoortif nabarbaachisu tasa natti hanqistee hinbeektu. Harka qullaa dhufa jettes natti hingeeddaramne . Hoggayyuu nakunuunsiti, najajjabeessiti turte.
Bakka leenjitti qaamni kiyya bututee wayitan gatantaraa manatti galu, "Konar guyyaa tokko akka ati milkooftu nan'amana," jettee nahamlichiisuu ishee malee miira nuffii irratti argee hinbeeku.
Amma bakka namootni 50,000 - 70,000 tahan istaadiiyamii guutanii jiranitti morkii buunyaaf baha. Dorgommii tokkoon tokkoon irraas doolaarii miliiyooniitti lakkaa'amun argadha.
Amma makiinaa, uffataafi manan barbaade filee bitachuu nandandaha. Haatahu malee har'as tahu sadarkaan irra gahe kana hundumaa keessatti "waan akkasii naaf godhi," jettee nagaafattee hinbeektu.
Garuu immoo, isheen dubartii waanti hundumtuu isheef tahuu qabdudha.
Yeroo hundumaa cinaa kiyya jirti. Hundumaa raawwachuu akkan dandahu natti himti. ..Dhugaan dubbadha, deggersa isheetinan asi gahe. Tibban rakkadhetti nadhiibdee hinbeektu".
¤¤¤¤¤¤¤¤
Qalbifattee?
¤ Namootni baay'een, jechuun dubartootas tahan dhiirran erga ati ifaajjee maallaqa, beekamtiifi maqaa argattee booda sitti marsuf walcaccabsu.
¤ Maqaa kee, sadarkaakeefi qabeenyaa kee irraa haajaa kan hinqabne garuu namoota lakkoobsaan muraasa tahaniidha.
¤ Dubartuin sun Konar Giriigoorii kan jaallatte beekamaa tahuu isaa ilaaltee miti. Namichuma mul'ata isaaf qabsaawu argitee hirkata taateef.
Dubartiin sun dafqa namtichaa argaa turte. Giphiin (Kiisiin) isaa duwwaa akka tahes nibeekti.
Qabeenyaa isaa ilaaltee waan itti hinwarroomnef giphii qullaa bahee galu illee utuu itti hindallaniin abjuun isaa akka dhugoomu goote.
>> ¶ Dubartiin jaalalaa akkas. Nama taatee akka ati dhaabattuf sitolchiti.
¤¤¤¤¤¤¤¤
Maddi:
Life Facts

Bilbiloota Ismaartii Mijatoo Kaffaltii Yeroo Dheeraatin;
Bitadhaa Kan Dhuunfaa Keessan Taasifadhaa!
🗓🤝 Bilbiloota Ammaayyaa'oo kaffaltii Ji’aa Qarshii 959 (ji’oota 12’n) kan kaffalamu bitadhaa fayyadamaa.
💁♂️ Karaa *127# ykn teeleebirri SuupparAappii https://bit.ly/telebirr_SuperApp irratti appilikeeshinii xiqqaa ”Teelee Diivaas Faayinaansingii” jedhuun galmaa’uudhaan gara giddu galawwan kenna tajaajilaa keenyatti goraati bilbilicha fudhadhaa!
👉Hubachiisa: Carraa kana fayyadamoo ta’uuf liqiin yoo isin irra jiraate kaffaluu hin dagatinaa!
Itiyoo telekoom Baankii Siinqee fi Baankii Awaash Waliin Ta’uun!
#Ethiotelecom #AwashBank #telebirr #telebirrSuperApp #DigitalAfrica #DigitalEthiopia

Bara kana waanuma raajii dhageenya!
Nammanni Suuraa armaan gaditti argitan kun gaa’elan barbaada walitti nufidi jettee dallaalaatti himatti.
Innis bilbilaan naman siif arge jedhee wal qunnamsiisa.
Qaamaan wal arganii hinbeekani, Bilbilumaan waliin taphatu wal fuunaa irratti walii galanii jaarsa utuu hin ergiin utuu qaamaan wal hin argiin cidha qopheeffannaa irratti walii galu.
Qarshii cidha kanaaf barbaachisu hundas kan dandahu qabu ishee tahuus itti hima, inni bilaashuma ishee fuudhuu qofa, isheenis tole jette.
Guyyaa cidhaas dhaabbatanii firri fagoo firri dhihoo waamamee cidhi qophaa'a.
Kanumaan gaafa cidhaa kanaa qarshii cidhaaf isheen itti ergite hunda muxux godhee fixe, nan hidhame jedhee itti bilbile! cidha isheen itti dhamaatee, qarshiif humna isheen itti dafqite qopheeffattee kanarraa achumaan hafee, Isheenis Veelloo qofa uffattee achuma teessee hafte.
Miidhama kanarraallee barumsa otuu hin fudhatiin miira aariidhaan ammas karaa dallaala Gaa’elaaf nama biraa barbaaddattee argatte! Innis akka isheen qarshii galchituuf gaafate! Isheenis tole jettee qarshii Sana ergite! Namichis qarshii Sana erga irraa nyaatee booda arrabsee akka ishee fuudhuu hin barbaadne itti hime. Gaa'ela waaqa namaaf kenna malee Dallaalaa miti Jechuumaafi.
Interview ishee guutuusaa እግረኛው podcast irraa dhaggeeffachuu dandeessu.

❤6