Haati Paartiin "Hidhamtoota Siyaasaa" Hidhaman Akka Hiikkaman Waamicha dhiheessite.
Filannoo dhufuuf haala mijataa uumuuf Paartiin Haadha namoota siyaasaa hidhaman akka hiikamanii fi dhiifamni akka godhamu gaafateera.
Haadha Paartiin gaaffii kana kan dhiyeessan waltajjii marii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa qaamolee mootummaa fi paartilee waliin haala filannoo biyyoolessaa 7ffaa irratti gaggeesse irratti.
Atoo Getnet Worku, bakka bu’ummaan Paartii Haadha walga’ii kana irratti argamuun gaazexeessitoonni mana hidhaa keessa jiran akka hiikaman waamicha dhiyeessuun mootummaan dhiifama gochuun akka gadhiisu gaafachuu isaanii ibsi paartichaa beeksiseera.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya

❤1
Hogganaan waraana Liibiyaa balaa xiyyaaraa Turkiyaatti mudateen du'e
Hogganaan waraana Liibiyaa Jeneraal Mohaammad Alii Ahmad Al-Haddad Turkiyaatti balaa xiyyaaraa mudateen lubbuun isaanii darbuu muummichi ministeeraa Liibiyaa beeksise.
Muummichi ministeeraa akka jedhanitti, qondaaltonni waraanaa olaanoo afur isa waliin turanis balaa kanaan lubbuun isaanii darbeera.
Qondaaltonni kunneen yeroo balaan kun mudate jeettii dhuunfaa Faalkoon 50 jedhamu magaalaa guddoo Turkii Ankaaraa irraa gara Tiriipooliitti imalaa akka turan BBCn gabaaseera.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
Hogganaan waraana Liibiyaa Jeneraal Mohaammad Alii Ahmad Al-Haddad Turkiyaatti balaa xiyyaaraa mudateen lubbuun isaanii darbuu muummichi ministeeraa Liibiyaa beeksise.
Muummichi ministeeraa akka jedhanitti, qondaaltonni waraanaa olaanoo afur isa waliin turanis balaa kanaan lubbuun isaanii darbeera.
Qondaaltonni kunneen yeroo balaan kun mudate jeettii dhuunfaa Faalkoon 50 jedhamu magaalaa guddoo Turkii Ankaaraa irraa gara Tiriipooliitti imalaa akka turan BBCn gabaaseera.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
❤1
Bordiin Filanno Tarkanfiin Sirressaa Hatataman akka fudhatamu Dhamsise
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhiibbaa humnoonni nageenyaa naannichaa Paartii Demokraatawaa Ummatoota Kontomaa irratti taasisan kaasuun mootummaan naannichaa tarkaanfii sirreeffamaa hatattamaa akka fudhatu gaafateera.
Boordichi ibsa kenneen, hundeessitoonni paartichaa sanadoota seeraa dhaabicha hundeessuuf barbaachisan hunda erga xumuranii booda, Onkoloolessa 30, 2018, naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa magaalaa Butaajeraatti yaa’ii waliigalaa hundeessaa isaanii akka gaggeessan boordii kanaaf beeksisaniiru. Bulchiinsa mootummaa naannichaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroof deeggarsa nageenyaa akka taasisaniif xalayaa tumsaa barreessuunsaas ibseera.
Haa ta'u malee, humnoonni nageenyaa naannichaa barreffamaan boordii osoo hin beksisin, yaa'iin akka hin gaggeffamne dhorkuun, magalattiin komaandi poostii jala akka jirtu kaasuun misensota dhabichaa to'anno jala olchaniiru.

Gaambeellaatti guyyaa tokkotti namoonni 100 ol madaa'aniiru
Lola guyyaa tokkotti naannoo Gaambeellaatti geggeeffameen namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne du’uu fi 100 madaa’uu dhaabbati tola ooltummaa yaalaa Doktors Daangaa Malee (MSF) beeksise.
Gareen Doktoorota Daangaa Malee Itoophiyaa naannichatti tajaajila yaalaa kennaa jiru kaleessa Mudde 15, 2018 namoota madaa’an 100 ol simachuu isaa ibse.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
Lola guyyaa tokkotti naannoo Gaambeellaatti geggeeffameen namoonni lakkoofsi isaanii hin beekamne du’uu fi 100 madaa’uu dhaabbati tola ooltummaa yaalaa Doktors Daangaa Malee (MSF) beeksise.
Gareen Doktoorota Daangaa Malee Itoophiyaa naannichatti tajaajila yaalaa kennaa jiru kaleessa Mudde 15, 2018 namoota madaa’an 100 ol simachuu isaa ibse.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
Dhohinsa masjiida Naayijeeriyaatiin namoonni kudhanootaan ajjeefaman
Dhohinsi kun kaaba baha Naayijeeriyaa Maayidugurii keessatti yeroo salaata galgalaa raawwatame.
Yoo xiqqaate waaqeffattoonni torba ajjeefamanii lakkoofsi isaanii hin beekamne ammoo madaa’uu RT gabaaseera.
Maiduguri waggoota kurnan lamaan darbaniif bakka Boko Haram fi dhaabbata isaa kan Afrikaa Dhihaa keessatti ho'aa turte.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
Dhohinsi kun kaaba baha Naayijeeriyaa Maayidugurii keessatti yeroo salaata galgalaa raawwatame.
Yoo xiqqaate waaqeffattoonni torba ajjeefamanii lakkoofsi isaanii hin beekamne ammoo madaa’uu RT gabaaseera.
Maiduguri waggoota kurnan lamaan darbaniif bakka Boko Haram fi dhaabbata isaa kan Afrikaa Dhihaa keessatti ho'aa turte.
📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
❤1
Ethio Telecom gatii dabaluu mala
Sirreeffama gatii akka godhuuf dhiibbaan cimaan irra kan ture Ethio Telecom yeroo dhiyootti jijjiirraa taarifaa gochuu akka malu gabaafamaa jira.
Itiyoo Teeleekoom tajaajila telekoomii gatii gadi aanaadhaan kennuu itti fufuu isaa hordofuun gatiin akka dabalu qaamota adda addaa irraa dhiibbaan cimaan irra gaheera.
Akka maddeen damichaatti dhihoo ta’an ibsanitti, dhaabbati telekoomii kun gatii dabaluudhaaf dhiibbaan irra ga’aa ture, keessumaa michoota biyya alaa kanneen akka Baankii Addunyaa fi Safaricom kan damee telekoomiitti makame irraa.

♾Infinity crypto️
Photo
Delta Force! Gurmuu waraa-na Ameerikaa Opreshina walxaxaa raawwachuun beekamudha. Gareen Delta Force kun waraa-na kallattiin lol-a geggeessu miti. Lol-a daguu, kan diinn-i utuu itti hin qophoofne duubaan loyee harkaan qabu yookan dursee harka diin-ota faallaa gabaabsudha. Hundeeffamni isaa 1977 keessa jedha. Hanga ammaatti Opreshinoota farra shorork-eessaa fi Dantaa biyya Ameerikaa eegsisu hedduu hojjechuun itti milkaa'us kanneen hin milkaa'iin hafes qaba. Gareen kun of eeggannoo cimaan kan bu'ureffamedha. Garee Delta Force ta'uuf qormaata hedduutu si eeggata. Lafumaa kaatee garee Deltaa hin taatu. Miseensa Delta kan ta'an kutaalee waraa-naa hedduu keessaa filatamu. Filatamanii qormaata gurguddaatu isaan eeggata. Gulantaalee 1,2,3... jechuun qoramtee kufuutu jira. Akka Xoophiyaa humna addaa yookan komaandoo leenjisuuf mana puuliif bakka loon tiksan irraa qabamanii Awwash Bishoolaa, yookan Billaatteetti hin oofaman. Miseensichi baay'ee icciitawaa fi gahumsa addan kan bobba'udha. Biyya barbaade seenee abbaa barbaade morma qabee Ameerikaaf dhiyeessa. Waggaa 30 dura geggeessaa warra Panamaa Maanueliin morma qabee dhiyeesse. Baha giddu galeessaa keessatti garee shoro-rkeessitootaa hedduu loyee seenee dhabama tolcheera. Veenizuweelaa seenee opreshina sa'a shan hin caalleen Nikolas Maduroo qabee kan Ameerikaatti geesse garee Delta Force kanadha!!
❤2
🇺🇸🇻🇪 Tiraamp hanga mootummaan ijaaramutti Venizuweelaa 'bulchina' jedhan
US halkan qixxee loltuu erguun Pirezidant Maaduroofi Giiftii Duree lafa ciisaniitti 'to'atte.'
Yeroo ammaa US'tti mana hidha eegumsa cimaa ta'e keessa jiru. Biyyoonni balaaleeffataniiru.
Biyyi boba'aan badhaate Venizuweelaan muddama labsiteetti, 'weerara' US illee balfite.

❤3
♾Infinity crypto️
Photo
Missirroon Cidha Ishee Irraa Hafte🤔
Haalli cidha magaalaa Finfinnee keessatti yeroo dhihoo as dhagahame namoota hedduu biratti dubbii uumeera. Baay'ina baasii irra caalaa, xumura isaa gaddisiisaa ta'een mariif kan dhiyaateedha.
Wantoonni hundi qophaa'anii, galmi cidhaa miidhagee, nyaataaf dhugaatiin guutamee, cidha eegamaa ture, sababa haati warraa dhabamuun utuu hin milkaayin hafe.
Seenaan isaa akkana; waggoota hedduudhaaf wal beeku, abbaan warraa biyya alaa jiraatuu fi lamaan isaanii gaa'ela isaanii raawwachuuf baasii guddaa baasan. Fakkeenyaaf, kiftoof qofa qarshii kuma 450 kaffaltii duraa (Advance) kaffalameera. Miidhaginni galma isaas kaleessa irraa eegalee haala ho'aan hojjetamee xumurameera.
Haa ta’u malee, guyyaa cidhaan duraa fi gaafa guyyaa cidhaa walii galtee dhabuu irraan kan ka’e, wantonni ni balleeffaman. Haati warraa "gaa'ela dura qorannoo fayyaa gochuu qabna" jettee gaafatti. Abbaan warraa gama isaan gaaffii kana fudhachuuf fedhii hin qabu yookiin yeroon naaf hin eeyyamne jedheen. Kana gidduutti Gama mucayyootiin odeeffannoon "abbaan warraa duraan fuudhee ture, ijoollee shanis qaba" jechuun shakkiin uumamuun rakkoo kana caalaatti hamaa taasiseera. Jaarsooliin araarsuuf gidduu galanii yaalii godhanis hin milkoofne.
Dhumarrattis, guyyaa cidhaa abbaan warraa fi miinzonni isaa miidhaganii qophaa'anii turan Garuu haati warraa "hin dhufu" jettee hin dhufne. Keessummoonni affeeramanii dhufaniiru. Tokko tokko immoo waa'ee kana dhaga'anii hin dhufne.
Gaa'illi baasiin miiliyoonaan lakkaa'amu itti dhangala'e kun, abbaa warraan kophaa isaa miinzota isaa wajjiin galma duwwaa keessatti suuraa kaa'ee gara mana isaatti deebi'uun xumurame.
Haalli kun, "waliigaltee malee wal fuudhuun" rakkoo akka fiduu, baasii fi qophii dura iftoominaa fi wal amantaan hangam akka barbaachisu namoota hedduuf barnoota guddaa ta'eera.

❤4🔥2
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
🎣 Ajaa'iba Ko Panyi.
Ganda Rfishing bulchiinsa Phangnga, Thailand keessatti argamtu.
Ganda Rfishing bulchiinsa Phangnga, Thailand keessatti argamtu.
♾Infinity crypto️
Photo
Kutaa ciisichaa hanga addunyaa naanna'uutti – Waa’ee 'IShoowSpeed'
*********
Maqaan dhaloota isaa Daaren Waatkiinsi Juuniyer jedhama.
Ameerikaa Ohaayoo, Sinsinaatii keessatti dhalatee guddate.
‘You Tube’ irratti hordoftoota miliyoona 48.5 ol qaba. Inistaagiraamii irratti hordoftoota miliyoona 43 ol qaba.
Garuu kun hundi akkamiin jalqabe?
'Speed' kutaa ciisicha isaa keessaa viidiyoo kamiyyuu tamsaasaa ture.
Kutaa dhiphoo keessa jiraatu achuma keessa rafu meeshaan isaa kallattumaan biraa mul'atu ture.
Erga beekkamtiin isaa dabalaa deemee bara 2023 kutaa ciisichaatii addunyaatti baanee hojjenna jechuun daawwannaa gara Awurooppaatti taasise.
Hojiin mukaa'ee siree ciisicha isaa irra taa'ee jalqabe addunyaa guutuutti akka beekamu isa taasise.
Tamsaasa viidiyoo geemii kallattii, kubba miilaa irratti argamuun waltajjii ho'isuu, Viloogii adda addaa fi muuziqaan shuubbisuun beekama.
'Speed' waan adda isa godhu tokko aannisaa fi kaka'umsa waa ittiin hojjetudha. Waan garaa garaa yaala.
Sodaa fuula isaa irratti hin argitu. Miira guddaan waan isa irratti ta'uu fi arguuf deebii kenna. Dargaggoota onnachiisuun beekama.
Bara 2024 fi 2025 ‘You Tube’ irratti tamsaasa kallattiin 'Streamer of the Year' badhaasa jedhamu akka addunyaatti moo'ateera.
Tamsaasa kallattii ‘You Tube’ bara 2016 tokko jedhee jalqabe. Yeroo sana viidiyoo geemii akka ‘NBA2K’ fi ‘Fortnite’ jedhaman kallattiin tamsaasa ture.
Miiidyaalee irratti yeroo dubbatu akka ibsetti, maqaan amma miidyaa irratti fayydamaa jiru 'Speed' maqaa masoo ijoollummaa isaatti maatiin isaa ittiin waamaa turanidha.
Saffisa guddaa waan qabuuf 'Speed' jedhanii waamaa turan. Gahumsa qaamaa isaatti baay'ee amana. Ispoortii hojjeta.
'Speed' hojii ‘You Tube’ qofa otoo hin taane indaastirii muuziqaa keessas galeera.
‘Hii-hoop’ muuziqaadhaan hedduu ta’uu baatus beekkameera. Weelluun isaa 'World Cup' jedhamus kanuma irratti hojjetame.
Namni viidiyoo 'Speed' ilaalu kamuu waa'ee Roonaaldoo yaadachuun isaa hin hafu.
Yeroo viidiyoos tahe gochaa kamiyyuu hojjetee xumuru 'Suuu' jechuun mallattoo gammachuu ibsannaa Roonaaldoo agarsiisa.

Oduu Gaddaa💔
Aartistiin jaalatamaan ogummaa aartii kan qabu Natsaannat Workneh addunyaa kana irraa du’aan
Sagantaa televizhinii qopheessuu fi dhiyeessuu, akkasumas tapha fi hojii aartii adda addaa keessatti beekamtii guddaa fi jaalala uummataa kan argate Natsaannat Workneh, dhukkuba isa mudateen addunyaa kana irraa akka tasaa guyyaa adhaa boqoteera jechuun EBS gabaase.
Natsaannat Workneh waggoota hedduuf EBS Televizhinii irratti sagantaa taphichaa maatii qopheessuu fi dhiyeessuun tajaajilaa ture. Innis abbaa manaa fi abbaa ijoollee sadii ture.
Maatii isaa, hiriyoota hojii isaa, akkasumas jaalattoota isaa hundaaf jajjabina halchina.