♾Infinity crypto️
6.67K subscribers
1.49K photos
46 videos
1.03K files
260 links
🚀 Daily Crypto Updates | Airdrops | Signals | News  | Crypto Store 🏪

📊 Master the market with trusted crypto insights 
🎯 Smart Trading Strategies & Signals

📩 For Ads/Collab:- @Mamiho3
Download Telegram
#Oduu_Ammee

Komishinar Lalisee Dhugaa Fayyan

Komishinarri Komishinii turiziimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa dhibee isaan mudate irraa fayyuun dhagayame
👍4❤3🥰1🤝1
base (2).apk
10 MB
Cricfy updated version 5.5
Namoonni kubbaa miila mana keessan taahun ilaalu barbaaddan fayyadamaa!
Traamp badhaasa fudhate.

Pireezidaantii USA Donald J. Trump badhaasa nageennaa #FIFA injifatan.

Pireezidaant Traamp badhaasa #FIFA yeroo jalqabaatiif bara kana qopheesse kan injifatan yoo ta'u, badhaasichi kun kabaja guddaa jireenna isaa keessatti argate ta'uu ibsaniiru.

Addunyaarratti lubbuu hedduu du'arraa akka baraaran ibsuun, kanaaf ammoo ragaan araara DRC fi Ruwaanda jiddutti mallatteeffame ibsaniiru.
❤2👍2
Diraamaa.....
Liiverpuul 2-0 osoo dursuu Liidsi lama lakkoofsisuun 2-2 tahan.

Amma Sooboslaay galchii lakkoofsisee 3-3'n Liiverpuul
👍3
🚨OF EEGGANNOO GODHAA ! 🚑

Account telegram nama hedduu hack tahaa jira !

❌Link photo irratti argitan akkasii kana hin xuqiinaa !

❌Tuqtani keessa seentani jennan battalumatti account telegram keessanii nii dhabdu yookiin account telegram keessani nama biraa harka gala jechuudha hack taatu ‼️

📇Yeroo ammaa kana group hedduu irratti maxxansaa waan jiranif baayyee babal'achaa jira waanti kun

So kanaf of eegadhaa
👍1🔥1
''Liiverpuul na ganeera. Anaan balaarra na buusan. Kufaatii hundumaa natti qabatu,'' jedhe Mohaammad Saalaa.

''Arnee Isloot waliin erga wal dubbisuu dhiisnee bubbuleera,'' jedhe Mohaammad Saalaa.
👍1
Safaricom Itiyoophiyaan “M-Pesa for All” jedhu dhiyeenya kana eegalsiise Itiyoo Telekoomiin ugguramuu hima

M-Pesa Ethiopia dhiheenya kana appii “M-Pesa for All” jedhamu kan SIM card hunda irratti hojjetu eegaltee turte.

Haa ta'u malee dhaabbatichi ibsa baaseen fayyadamtoota siim kaardii Itiyoo Telekoom hojiitti hiikaniif appichi ugguramuu isaa ibseera.

Dhaabbatichi M-Pesa Itiyoophiyaan seera qabeessaa fi galmaa’uu ishee hubachiisuun lammiileen mirga tajaajila bilisaa fi dorgomaa argachuu isaanii akka kabajan waamicha dhiyeessee jira.

Ethio Telecom dhimma kana ilaalchisuun hanga ammaatti ibsa hin kennine.

Safaricom Itiyoophiyaan haala hojii iftoominaa fi mijataa ta’e uumuu dhabuun rakkoo keessa akka jirtu Baankiin Addunyaa ji’oota dura ibsee ture.
#Aston Villa FC king of #Arsenal 💪

Taphoota dhumaa 5n gareen lamaan waliin taphatan keessaa Astoonviilaan taphoota 3n Arsenaal Injifate. Taphoota 3 dirree Viilaa Park irratti kan taphatan yoo ta'u 2n injifatee, tapha tokkoon injifatame. Emirates irratti taphoota 2 taphatan keessaa tapha tokko Astoonviilaatu garafe, tokko immoo walqixa ba'ani. bara darbes abjuu inni waancaa nyaachuuf qabu kan jalqaba akka jalaa dhaamu godhee deeggartootas Abdii kutachiisee, Arsenaalotas boqochiise Astoonviilaa ture😎
❤1👍1👏1
Giddugala Leenjii Ifa

Namoota (01/04/2018) dura dhufanii galmaa'an kudhan qofaaf hir'ina %35 qopheessinee jirra

3,999 qofaan

                     
                  💥 Leenjii keenya

⭐️ Leenjii DIGITAL MARKETING fi
⭐️ GURRAACHA FI GABAA akkasumas kanneen biroo
⭐️Leenjii ji'a 2 isiniif qopheessineerra.
⭐️COC dabalatee + ragaa
⭐️ Leenjistoota gahumsa qabaniin ni barsiifna, ni mirkaneessina!
⭐️ Qabatamaan %90+ ol
⭐️ Kutaa barnootaa mijataa
⭐️ Bakki daangeffame qabna, dafaa galmaa'aa

📍Teessoo keenya: Gamoo Light Power Hamilton (Baankii Daldalaa Kechema) daree 2ffaa

Odeeffannoo dabalataaf: 09935354546 & 0901979411
Talaalliin Marburg jalqabuuf

Itoophiyaan talaallii vaayirasii Marburg Isniina irraa eegalee kennuu eegaluuf jirti. “Hojjettoonni eegumsa fayyaa fi gareewwan balaa guddaadhaaf saaxilaman dursi ni kennamaaf,” jechuun Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Ministeerri kun Kamisa kaleessaa talaallii vaayirasii Marburg doosiiwwan 2,500 “deeggarsa mootummaa Ameerikaatiin deebii weerara vaayirasii Marburg kibba Ityoophiyaa keessatti taasifame deeggaruun” akka argate beeksiseera.

“Talaalliin kun yaalii kilinikaa saffisaa marsaa 2ffaa dhaabbata qorannoo Armauer Hansen tiin hogganamu irratti kan oolu ta’a,” jedhan Ministirri Fayyaa Dr. Mekdes Daba, akka ibsi waajjirri isaanii baase ni mul’isa.
❤1👍1
🛒Namooti account arman gadii kana bituufi gurguruu barbaaddan keessan na dubbisaa



🌐TELEGRAM CHANNEL

😎 TELEGRAM OLD GROUP

➕Akkasumas


✔️Waan kamuu na biraa argachu dandeessu keessan na dubbisaa

@am19273
@am19273
Humna hidhate gara adeemsa mariitti galchuuf koreen akka hundeeffamu waamicha

Waldaaleen ogummaa koreen walabaa akka hundeeffamu waamicha dhiheessuun gareewwan hidhannoo dabalatee paartilee adeemsa marii biyyoolessaa irratti hin hirmaanne gara waltajjii kanaatti fiduuf akka gargaaru Rippoortar gabaaseera.

Yaadni kun kan dhiyaate waltajjii marii Kamisa darbe gaggeeffame irratti mata duree waldaalee ogummaa Ityoophiyaa bu’a qabeessummaa marii biyyoolessaa kanaaf hirmaannaa guddaa taasisuu irratti.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Itti Aanaan Konfedereeshinii Gamtaa Hojjetoota Ityoophiyaa Atoo Diribsaa Legesse akka jedhanitti, humni hidhate marii kana irratti yoo hirmaachuu baate marsaan waldhabdee biyyattiin yeroo ammaa irratti bobbaatee jirtu akkuma barame itti fufuu fi yaaddoo ta’a jedhan.
❤1👍1
Ministirri Dhimma Alaa Olusegun Adjadi Bakari, ''yaaliin fonqolcha mootummaa raawwatamus haalli to'annaa jala jira,'' jedhan.

Ministirri kun loltoonni ''lakkoofsi muraasni'' mootummaa kuffisuuf yaalii taasisaniiru, garuu humnoonni bulchiinsa Taaloniif amanamoo ta'an sirna deebisuuf hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Finciltoonni kunneen buufata televijiinii mootummaa qofa to’achuu danda’aniiru, garuu tamsaasni kun daqiiqaa hedduudhaaf addaan citee akka ture ministeerichi dabalaniiru.

Gareen waraanaa kun Eegdota Rippabilikaan harkatti qabamuu isaa marsariitiin oduu biyyattii tokko Ispuutnik wabeeffachuun gabaaseera.
❤1
Saawud Arabiyaan vaayirasii Marburg irratti lammiilee Itiyoophiyaa keessa jiraniif gorsa imala baafte

Imbaasiin Sa’uudii Arabiyaa Itiyoophiyaa keessa jiru lammiilee Sa’udii biyyattii keessa jiraatan ykn imala jiraniif akeekkachiisa imala fi of eeggannoo hatattamaa baase. Akeekkachiisni kun kan kenname weerara Vaayirasii Marburg Kibba Ityoophiyaa fi godinaalee Sidaamaa keessatti mul'ate hordofeeti.

Imbaasichi lammiileen gara Kibba Ityoophiyaa Zoonii Kibba Oomoo fi naannolee biroo daddarbiinsa vaayirasiin Marburg itti mudate imala irraa akka of qusatan dhaamaniiru.

Gorsi Imbaasiin Sa’uudii Addis Ababaatti baase kun lammiileen of eeggannoo cimaa akka godhan, bakka namoonni baay’inaan itti baay’atan irraa akka fagaatan, qajeelfama bulchitoota naannoo ciminaan akka hordofan dhaamaniiru.

‎📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya!
👍1
#Eritrea fi Chinaan hariiroo cimsataa jiran.

Yeroo dhimma Hulaa Galaanaa irratti Itoophiyaa fi Eritiriyaan kokkee wal_qabaa jiran kanatti Chinan Issayaas Afuwarqii waliin hariiroo tolfachuun Itoophiyaaf Oduu gaarii tahuu akka hin dandeenye dubbatamaa jira.

Dorgommiin Galaana Diimaa Amerikaa fii China dabalatee biyyoota hedduu wal-dura dhaabuu mala yaaddoon jettu bal'inaan ka'aa jirti.

Amerikaan gara Itoophiyaa, Chaaynaan gara Issayaas(Eritiriyaa).
Su'uudiin gara Eritiriyaa, UAE 🇦🇪 gara Itoophiyaa dhaabbatan fakkaata!


‎📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
👍3
♾Infinity crypto️
Photo
Badhaasa “Tiiktook Awaard” dhiyeenya taasifame irratti namoota uffata safuufi duudhaa ummataa faalu uffatanii mullatan to’annaa jala oolchuu poolisiin beeksise

Koomishiniin Poolisii Federaalaa badhaasa dhiyeenya taasifame “Jii Paawor Tiiktook Kireetiiv Awaardi” jedhamu irratti aadaa duudhaafi safuu biyyattii bifa cabsuun namoota uffata qullaa isaanii mullisu uffatanii mullatanii fi foddaa televizyiniin mullatan to’atee qorannaa jalqabuu beeksise.

Poolisiin Federaalaa maxxansa fuula feesbuukii isaa irratti qoodeen, badhaasa dhiyeenya taasifame “Jii Paawor Tiiktook Kireetiiv Awaardi” kana irratti bifa aadaa duudhaa fi safuu hawaasa biyyattii cabsuun namoota uffannaa hin malle uffatan, kan qophicha maallaqaan deeggaranii fi kan qopheessan irratti qorannoo jalqabuu beeksisee jira.

Namootni to’annoo jala oolanii jiran kunis Wangeelaawiit Gabra Indiriyaas Barihee, Barakat Tsaggaayee Jifaar, Madqam Darajjee Mangistuu, Giruum Gazzaany Qacanee fi Yohaannis Mokonnon Hayilamaaram ta’uus ibseera.

Poolisiin dabaluun, aadaa duudhaafi isafuu hawaasichaa kan faalan barmaatni badaan baballachuun akka dhaloota biyyattii hin faalle shakkamtoota to’annaa jala oolan kana irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu jabeessee akka itti fufu ibseera.


‎📢 JIRRA Miidiyaa – Oduu haaraa ,Odeeffannoo qulqulluu, fi bashannana nuti si biraan geenya
👍2❤1