♾Infinity crypto️
6.66K subscribers
1.49K photos
46 videos
1.06K files
261 links
🚀 Daily Crypto Updates | Airdrops | Signals | News  | Crypto Store 🏪

📊 Master the market with trusted crypto insights 
🎯 Smart Trading Strategies & Signals

📩 For Ads/Collab:- @Mamiho3
Download Telegram
Liivar puul 2-0 weestingham yuunatid

Liivar puul iinjifannoo galmeessuun, karaa injifannootti deebi'eera!

Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz irratti Liivarpuul Weestihaam Yunaayitid 2 fi 0n injifate.

Galchiiwwan injifannoo Aleeksaandar Isaak fi Koodii Gaakoon galchaniiru.

Florian Wertz taphoota Liivarpuuliif goolii malee taphateera.

Taphataan sarara fuulduraa lammii Siwiidin Aleeksaandar Isaak goolii jalqabaa Piriimiyerliigii Ingiliiz Liivarpuuliif galche.

Taphataan Weestihaam Lukaas Paakeetaan erga kaardii diimaa argateen booda tapha itti aanu Maanchistar Yunaayitid hin hirmaatu.

Taphoota biroo keessatti
- Aston Viilaan Woolvis 1 fi 0n injifate
- Biraayitan Nottingham Forest 2 fi 0n injifate.

Liigicha keessatti akkam jiru?

3️⃣ Aston Viilaa :- Qabxii 24
5️⃣ Biraayitan :- Qabxii 22
8️⃣ Liivarpuul :- Qabxii 21
1️⃣7️⃣ Weestihaam Yunaayitid :- Qabxii 11

Sagantaa itti aanu?

Kibxata - Liivarpuul fi Saandarlaandii

Kamisa - Maanchistar Yunaayitid fi Weestihaam
❤2👍1
Cheelsii 1-1 Arsenaal

Cheelsiin gootummaa cimaa agarsiise. Daqiiqaa 50 ol taphattoota 10niin taphate.

Arsenaal bara kana waancaa mo'ataa? Maal taajjabdan? Deeggartoonni Arsenaal torban darbe miira waancaa harka galfachuu qabu ture. Har'a hoo? Nuu barreessaa.
Waraanni Sudaan gandoota Kordofan Kibbaa hedduu deebisee qabate

Gandoonni fi magaalonni xixiqqoo torban humnoota mootummaatiin qabaman Sochii Bilisummaa Ummata Sudaan-Kaabaa kan bara 2011 irraa eegalee bulchiinsa Kordofan Kibbaa fi Bluu Naayilii keessatti ofiin of bulchuuf qabsaa’aa tureen qabamaniiru.

Erga waraanni biyya keessaa biyyattii Ebla bara 2023 dhoohee booda haleellaa guddaa raayyaan ittisa biyyaa naannichatti raawwate isa jalqabaa ta'uun gabaafameera.
❤3👍1🥰1
♾Infinity crypto️
Photo
#DAMMAQNUU?
Dargaggoota Oromoo biratti Chaayinaan baay’ee milkaa’aa jirti. Qabsoo nu harkaa gatte! Amma qabsoon ijoollee Oromoo geemii mo’atanii “Afaan Oromootiin geemii taphatanii mo’uun ni danda’ama!” jechuurra ga’eera. Namoonni dura ta’uu qaban duuba ta’anii warri beekamtiif dafqaa oolan yommuu hiriira dursan:- manatu jiga, beektotatti bitaa gala, hayyuun afaan qabata, wallaalaan in durooma, beekaan hagabuu bula. Gorsaan gorfamaa ta’a; gorfamaan gorsaa ta’a. Barsiisaatu baay’ata; barataatu xiqqaata. Beekumsi mana cufata; beekamtiin dirree qabata. Pirofeeseroonni golatti baqatu; Maayimoonni certificate hin qabne “Creative Award” jedhanii waltajjii qabatu. Miidiyaaleen biyyaa hundi wallaalotaan ugguramu. Kunimmoo biyyittiin nama ishee eegu akka hin qabne natti mul’isa!…..irrumaan isiniif qafqafe malee dhimmichi marii guddaa barbaada.

Biyyi TikTok argatte Chaayinaan ofii TikTok fayyadamaa hin jirtu. Kana beektuu laata? Rasaasa ittiin addunyaa rukutaa jirtu kana tolchitee ofirraa eegaa jirti. Hojiitti jirti. Biliyeenaroota hedduu horatteetti. Dargaggoonnishee halkaniif guyyaa kan isaan irratti bobba’an barnoota, ijaarsaa fi tekinoloojii irratti. Walumaa galatti hojii hojjechuurratti! Daandii qulqulleessuun hojii guddaadha! Biyya bulchuunis hojii guddaadha. Achitti hojiin wal hin caalu!

Gara Oromiyaa yeroo dhufnu, dargaggeessi waggaa 20 garaasaa duwwaa, otoo homaa hin nyaatiin ilkaan isaatiin ergama namaaf kolfaa oola. Akka nama maraatees mana bunaa jala sa’atii 3 fi isaa ol taa’a. Inuma kolfa. Otoo wanta nama boochisu kumaatamaan baatee jiruu! Garuu dhoksaan tokko hin galiifiin jira. Akka dhukaasni irratti banamee jiru hin beeku. Du’aa jira!……kunis qafqafa!

Namni asii gaditti argitan kun isicha TikTok argatedha. Zhang Yiming jedhama. Biiliyeenera Chaayinaa, qabeenya doolaara Biiliyoona 49.5 tti tilmaamamu nama qabudha. Innis TikTok account hin qabu😁. Isa afaan banutti rasaasa naqaa oola. Rasaasa hiyyummaa fi rasaasa wallaalummaa!
❤1
#Miilli ol adeemaa kanaa #lamaan isaatu cite 😭
Halkaan hirribaa ka’uun miilli koo natti hin jiruui ? jedhee haadha isaa gaafate 😭💔
#Mucaan kun hojii konkolaataa miiccuu (laaviyaajoo) hojjetee utuu ofii isaaf maatii isaa gargaaraa jiruu makinaan dha’e, amma haala suuraa irraa argamuun miilli isaa lamaan itti citeera, gadda baay’ee laphee namaa cabsu 💔

#Baasii mana yaalaa keessatti isaan gaafataman immoo hanga qarshii 100,000 ttidha, harmeen isaa akka bo’aanitti oolu, adaraa keessan namni hundumtuu waan dandeessaniin nu gargaaraa
ANI SIIF JIRAA CHARITy

Karaa lakk herregaa Obboleetti isaaf Harmee isaa
CBE
1000669541008
Boontuu Amanuueel

1002900177034
Meetii Tasammaa kan jedhuun gargaaruu dandeessu.
#Adaraa maatiiwwaan keenyaa share nuuf taasisun akka isaan gargaaraman taasisaa 🙏
Deetaan Ministeera Duraani Obbo Taayyee Danda'aa Hidhaa Waggaa Torbaan itti murtaa'e.

Deetaan Ministeera Duraani Obbo Taayyee Danda'aa Hidhaa Waggaa Torbaan akka adabamu Manni Murtii beeksiissee jira.

Manni Murtii dhaddacha har'a taa'een Deetaan Ministeera Duraani kan turan Obbo Taayyeen danda'aa yakka meeshaa waraanaa seeran alaa qabatanii argamuun hidhaa cimaa waggaa 7fi ji'a lama akkasumas birrii 5,000 akka adabaman murtoo dabarsee jira.
👍2😢1
♾Infinity crypto️
Deetaan Ministeera Duraani Obbo Taayyee Danda'aa Hidhaa Waggaa Torbaan itti murtaa'e. Deetaan Ministeera Duraani Obbo Taayyee Danda'aa Hidhaa Waggaa Torbaan akka adabamu Manni Murtii beeksiissee jira. Manni Murtii dhaddacha har'a taa'een Deetaan Ministeera…
Taayyee Danda'aa hidhaan cimaan woggaa 7 fi ji'a 2 itti murtaa'e.

Oduu Jirra 24/7 Muddee 2025

Deeta Ministira Nageenna Itoophiyaa duraaniifi Miseensa Caffee Oromiyaa kan te'an Obbo Taayyee Danda'aa hidhaan cimaan woggaa torbaafi Ji'a lamaafi birriin Kuma 5000 itti murtaa'e.

Carraan Taayyee Danda'aa dhaqqabee gola Oromoo hundaa dhaqqabuu waan hin oolle fakkaata.

Mootummaan Abiy Ahimad Meeshaa Woraanaa eegumsa Taayyeef ramadeen deebisee himatee hidhaa cimaa woggaa torbaa itti murteessee.

Carraan kun Taayyee Danda'aaf mala hin turre.

Murtiin Taayyeerratti darbe biyyattii keessa Seeraafi Heerri akka hin jirre mirkanesssa.

Kufaatiin Mootummaa Abiy Ahimad dhiyoo waan jirtu fakkaatti.

Taayyee Danda'aa gaafa Shimallis Abdiisaafi Abiy Ahimad miila Tigree dhiqxee dhuungataa baateeyyuu qabsoo Oromootiif mana hidhaatti dararamaa tureera.

Obbo Taayyee Danda'aa dhugaa dubbatuu nama sodaatuu miti,sirrii te'uu beeknaan dubbachuurraa duubatti hin jedhan.

Akka Heeraafi Seera Itoophiyaatti silaa namni Miseensa Caffee/ Paarlamaa mirgi himatamuu dhabuu isaanii kabajamuu qaba.

Kun akka hin teeneef Mootummaan biyyattii bulchu Abbaa irreeti. Dhiiga namaa dhangalaasee Daandii ijaara.

Taayyee Danda'aa yoomiyyuu goota ija barbadaati.kan Abiy Ahimad aangoo korsiise inni Jalqabaa Taayyee Danda'aa ture. Garuu akkuma Lammaa Magarsaattille baqatee biyya hin baane achumatti Mirga Ummata Oromootiif dubbatee hidhaan cimaan woggaa torbaafi Ji'a lamaa itti murtaa'e.
😢2👍1😁1
Mootummaan Eertiraa namoota waggaa 18f murtii malee hidhaman 13 gadhiise

Mootummaan Eertiraa namoota waggaa 18f mana hidhaa waraanaa keessatti murtii malee hidhaman 13 gadhiisuu isaa maatiin isaanii BBC Tigrignaatti himaniiru.

Namoonni dhuunfaa kudha sadii kunneen mana hidhaa waraanaa Maayi Sirwa jedhamuun beekamu, mana hidhaa eegumsa olaanaa qabu kan aanaa Anewen rakkisaa ta'e keessatti hidhamanii turan.

Namootni bilisa bahan daldaltoota, poolisoota fi ogeessota ogummaa adda addaa irraa kan hammatan yoo ta’u, Kamisa Adoolessa 25, 2018 ibsa malee gad lakkifamanii maatii isaanii waliin walitti makamaniiru.
👍1
🛒Namooti account arman gadii kana bituufi gurguruu barbaaddan keessan na dubbisaa

📱TIKTOK ACCOUNT 😀 followers above 50k
🌐 FACEBOOK ACCOUNT
📱 YOUTUBE
🌐TELEGRAM CHANNEL
😎 TELEGRAM OLD GROUP

➕Akkasumas


🪙Dolara bitu fi gurgurachu 💵

✔️Waan kamuu na biraa argachu dandeessu keessan na dubbisaa

@am19273
@am19273
❤1
#Oduu_Ammee

Komishinar Lalisee Dhugaa Fayyan

Komishinarri Komishinii turiziimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaa dhibee isaan mudate irraa fayyuun dhagayame
👍4❤3🥰1🤝1
base (2).apk
10 MB
Cricfy updated version 5.5
Namoonni kubbaa miila mana keessan taahun ilaalu barbaaddan fayyadamaa!
Traamp badhaasa fudhate.

Pireezidaantii USA Donald J. Trump badhaasa nageennaa #FIFA injifatan.

Pireezidaant Traamp badhaasa #FIFA yeroo jalqabaatiif bara kana qopheesse kan injifatan yoo ta'u, badhaasichi kun kabaja guddaa jireenna isaa keessatti argate ta'uu ibsaniiru.

Addunyaarratti lubbuu hedduu du'arraa akka baraaran ibsuun, kanaaf ammoo ragaan araara DRC fi Ruwaanda jiddutti mallatteeffame ibsaniiru.
❤2👍2
Diraamaa.....
Liiverpuul 2-0 osoo dursuu Liidsi lama lakkoofsisuun 2-2 tahan.

Amma Sooboslaay galchii lakkoofsisee 3-3'n Liiverpuul
👍3
🚨OF EEGGANNOO GODHAA ! 🚑

Account telegram nama hedduu hack tahaa jira !

❌Link photo irratti argitan akkasii kana hin xuqiinaa !

❌Tuqtani keessa seentani jennan battalumatti account telegram keessanii nii dhabdu yookiin account telegram keessani nama biraa harka gala jechuudha hack taatu ‼️

📇Yeroo ammaa kana group hedduu irratti maxxansaa waan jiranif baayyee babal'achaa jira waanti kun

So kanaf of eegadhaa
👍1🔥1
''Liiverpuul na ganeera. Anaan balaarra na buusan. Kufaatii hundumaa natti qabatu,'' jedhe Mohaammad Saalaa.

''Arnee Isloot waliin erga wal dubbisuu dhiisnee bubbuleera,'' jedhe Mohaammad Saalaa.
👍1
Safaricom Itiyoophiyaan “M-Pesa for All” jedhu dhiyeenya kana eegalsiise Itiyoo Telekoomiin ugguramuu hima

M-Pesa Ethiopia dhiheenya kana appii “M-Pesa for All” jedhamu kan SIM card hunda irratti hojjetu eegaltee turte.

Haa ta'u malee dhaabbatichi ibsa baaseen fayyadamtoota siim kaardii Itiyoo Telekoom hojiitti hiikaniif appichi ugguramuu isaa ibseera.

Dhaabbatichi M-Pesa Itiyoophiyaan seera qabeessaa fi galmaa’uu ishee hubachiisuun lammiileen mirga tajaajila bilisaa fi dorgomaa argachuu isaanii akka kabajan waamicha dhiyeessee jira.

Ethio Telecom dhimma kana ilaalchisuun hanga ammaatti ibsa hin kennine.

Safaricom Itiyoophiyaan haala hojii iftoominaa fi mijataa ta’e uumuu dhabuun rakkoo keessa akka jirtu Baankiin Addunyaa ji’oota dura ibsee ture.
#Aston Villa FC king of #Arsenal 💪

Taphoota dhumaa 5n gareen lamaan waliin taphatan keessaa Astoonviilaan taphoota 3n Arsenaal Injifate. Taphoota 3 dirree Viilaa Park irratti kan taphatan yoo ta'u 2n injifatee, tapha tokkoon injifatame. Emirates irratti taphoota 2 taphatan keessaa tapha tokko Astoonviilaatu garafe, tokko immoo walqixa ba'ani. bara darbes abjuu inni waancaa nyaachuuf qabu kan jalqaba akka jalaa dhaamu godhee deeggartootas Abdii kutachiisee, Arsenaalotas boqochiise Astoonviilaa ture😎
❤1👍1👏1
Giddugala Leenjii Ifa

Namoota (01/04/2018) dura dhufanii galmaa'an kudhan qofaaf hir'ina %35 qopheessinee jirra

3,999 qofaan

                     
                  💥 Leenjii keenya

⭐️ Leenjii DIGITAL MARKETING fi
⭐️ GURRAACHA FI GABAA akkasumas kanneen biroo
⭐️Leenjii ji'a 2 isiniif qopheessineerra.
⭐️COC dabalatee + ragaa
⭐️ Leenjistoota gahumsa qabaniin ni barsiifna, ni mirkaneessina!
⭐️ Qabatamaan %90+ ol
⭐️ Kutaa barnootaa mijataa
⭐️ Bakki daangeffame qabna, dafaa galmaa'aa

📍Teessoo keenya: Gamoo Light Power Hamilton (Baankii Daldalaa Kechema) daree 2ffaa

Odeeffannoo dabalataaf: 09935354546 & 0901979411
Talaalliin Marburg jalqabuuf

Itoophiyaan talaallii vaayirasii Marburg Isniina irraa eegalee kennuu eegaluuf jirti. “Hojjettoonni eegumsa fayyaa fi gareewwan balaa guddaadhaaf saaxilaman dursi ni kennamaaf,” jechuun Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Ministeerri kun Kamisa kaleessaa talaallii vaayirasii Marburg doosiiwwan 2,500 “deeggarsa mootummaa Ameerikaatiin deebii weerara vaayirasii Marburg kibba Ityoophiyaa keessatti taasifame deeggaruun” akka argate beeksiseera.

“Talaalliin kun yaalii kilinikaa saffisaa marsaa 2ffaa dhaabbata qorannoo Armauer Hansen tiin hogganamu irratti kan oolu ta’a,” jedhan Ministirri Fayyaa Dr. Mekdes Daba, akka ibsi waajjirri isaanii baase ni mul’isa.
❤1👍1