♾Infinity crypto️
6.86K subscribers
1.5K photos
46 videos
1.13K files
276 links
🚀 Daily Crypto Updates | Airdrops | Signals | News  | Crypto Store 🏪

📊 Master the market with trusted crypto insights 
🎯 Smart Trading Strategies & Signals

📩 For Ads/Collab:- @Mamiho3
Download Telegram
Liiverpuul 0-3 Nootingaam Foorest: Guyyaatti qofaa deeman....

Aanfiild irraa har'a surraan isaa ka'eera. Dhaadannoon isaanii ''You'll Never Walk Alone'' jedhu har'a hin jiru.

Taphattoonni dirree isaanii irratti salphatan qofaa adeemu.

Deeggartoonni baay'een dirree dhiisanii bahaa turan. Arne Isloot barana waan furmaata argatan hin fakkaatan.

Falaasmni taphaa harkaa badeera. Tasgabbiin dirree keessatti hin mul'atu.
♾Infinity crypto️
Photo
Siyaasni Oromoo dhiiga waldhangaalaasuu keessaa bahee gara marii siyaasatti cee’uu akka qabu himame.

“Rakkoo siyaasaa Oromoo qawween osoo hin taanne mariin furamuu qaba” jedhu.

Waamichi obbolaa jidduutti dhukaasni haa dhaabbatu jedhus akkuma Itti fufetti Jira.

Waraana waliinii Oromiyaa keessatti mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti adeemsifamaa jiru karaa mariitiin akka xumuramuuf waamichi sagaleen dhukaasaa obbolaa jiddutti haa cal'isu jedhu adeemsifamaa jira.

Ummanni Oromoo yeroo ammaa waan hundaa ol nageenya barbaada kan jedhan namoonni duula kana adeemsisaa jiran, kanaaf qaamonni Oromiyaa keessatti wal waraanaa jiran sagalee dhukaasaa cal'isiisuu qabu jedhu.

“Rakkoo siyaasaa Oromoo qawween osoo hin taanne mariin furamuu qaba” jedhu.

Qaamoleen Oromiyaa keessatti wal waraanaa jiran dursa sagalee dhukaasaa Oromiyaa keessatti cal’isiisuu irratti walii galuu qabu, achii booda dhimmoonni siyaasaa kanneen akka Bilisummaa, Walabummaa, hiree murteefannaa, hidhannoo hiikachuu, diimookraasii fi kanneen biroo dhufuu danda’uu jedha.

Siyaasni Oromoo dhiiga waldhangaalaasuu keessaa bahee gara marii siyaasatti cee’uu akka qabu himu.

Mootummaan Itoophiyaa marii nagaatiif haala mijjeessuu akka qabu dhaamani jiru.
Volkaanoon Affaar imala qilleensaa Hindii fi Chaayinaa jeeqe

Volkaanoon torbee darbe magaalaa Affaaritti dhohe samiitti salfar daayi’oksaayidii baay’inaan dhangalaasuun Yaman, Sa’uudii Arabiyaa keessa darbee gara Hindii fi Chaayinaatti qajeeluun imala qilleensaa Hindii jeeqeera.

Sagantaa kana saatalaayitii Ejensii Hawaa Awurooppaa kan ta’e Sentinel kan saatalaayitii addunyaa irratti saatalaayitii hundarra gaarii ta’ee fudhatamtu Copernicus Data Hub kan keessummeessitu yoo ta’u, fageenya kiiloo meetira kumaatamaan lakkaa’amu irraa hordofameera.
👍1🥰1
♾Infinity crypto️
Photo
Namni dhuunfaan Hiriyaa  isaa Waliin hojjetan ajjeesee baankii hojjetuu  birrii miliyoona 2 ol saame hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.

Yakkamaan Hiriyaa isaa kan waliin hojii hojjetan ajjeesuudhaan baankii hojjetaniimmoo maallaqa miiliyoona 2 saame adabbiin  hidhaa umurii guutuu itti murtaa'ee jira.

Gochi Yakkaa kun Bara 2015 keessa Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Lidataa aanaa 9 bakka addaa Lidataa jedhamutti kan argamu Baankii Abisiiniyaa damee  Baalchaatti raawwatame.

Yakka kana kan raawwate Namni Maqaansaa Geetahun Mulat jedhamu, nama waliin hojjetu Zegyee Cheeruu  sibiilaan mataa isaa fi qaama isaa gara garaa rukutee ajjeesee, achiis saanduqa baankichaa keessaa birrii miiliyoona 2 fi kuma 460 saame.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee Guyyaa yakki kun itti raawwatamerraa eegaluudhaan yakkicha qorachaa turuu beeksise.

Akkaataa kanaan Namni dhuunfaa kun yakka walfakkaataa lama raawwachuu isaa kan mirkaneesse yoo ta’u, maqaa sobaa Amaaree Dassaaleny jedhuun fi ragaa barnootaa sobaatiin dhaabbata tajaajila nageenyaa tokko keessatti waardiyyaa ta’ee qacaramee hojjechaa ture.

Yakka ajjeechaa nama waliin hojjetu irratti raawwachuun miliquuf yaalus, yakki kamiyyuu itti gaafatamummaa seeraa ol waan hin taaneef, namni kun to'annoo jala oolfamuun  akkaataa yakkicha itti raawwate agarsiiseera. Haaluma kanaan Poolisiin galmee qorannoo qindeessee abbaan alangaa himannaa irratti bane.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa dhimmicha ilaalaa ture himatamaa Geetaahuun  yakkamaa ta’uu isaa murteessee hidhaa umurii guutuu itti murteessee jira.
👍2❤1😭1
Namichi kun Live seenee maraachaa jira😅

Haati manaan isaa Lakkuu deesseef inuma gammadeeti jettu yoona. Haatiif abbaan warra adii ta'anus garuu daa'imman dhalatan lachuu faranjii miti. Maaltu deemaa jiraa jechaa jira.

Doktorri duuba isaanii jiru immoo Apartment tokko irra galu. Maaltu beeka jettaniiti. Ollaa garraamii argate ta'innaa laata😅.
Kabajamtoota Maamiloota Baankii Keenyaa Har’a halkan keessaa sa’aatii 9:00 hanga 11:30 tti

Sababa fooyya’iinsa siistemaatiin, tajaajilli kaffaltii dijitaalaa baankii keenyaa hundi, mobaayil baankii, CBE Birr, interneet baankii, ATM, POS fi Tajaajila Baankii Ijoo(Core Banking Services) dabalatee, Sadaasa 17, 2018 halkan keessaa sa’aatii 9:00 irraa eegalee hanga sa’aatii 11:30tti yeroof, tajaajilli addaan ni cita. Kanaafuu, maamiloonni keenya kana beekuun dursitanii qophii barbaachisu akka gootan isin beeksifna.
Sababa fooyya’iinsa siistemaa taasifnuun, tajaajila addaan cituufis kabajaan dhiifama isin gaafanna.
**
Via Baankii Daldalaa Itoophiyaa
''Yeroon waa'ee Arsenaal itti yaadnu amma,'' Maareeskaan

Leenjisaan Bluus Enzo Maresca tapha galgala kana Baarseloonaa waliin taasisan injifannoo malee homaa akka hin taane dubbataniiru.

“Injifannoo gaarii ture,” jedhan leenjisaan Enzoo Maareeskaan, “garuu kana caalaa hin turre.”

Waa'ee Isteevaa'oo yeroo dubbatu leenjisaan kun, “Isaaf halkan guddaa, kilabichaafi deeggartootaaf halkan guddaa ture” jedheera.

Itti dabaluudhaanis, “Yeroon amma waa’ee Arsenaal haasofnee Isteeva’oon guyyaa sanatti taphataa idilee ta’uu isaa ilaalludha” jedheera.
Dargaggoo Jireenna daandiirra haga Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa Afrikaatti imale.

Oduu Jirra 24/7 Sadaasa 2025

Naannoo Oromiyaa Magaalaa Mooyyaaletti dhalatee kan guddate Chaarinnat Hariifoo ijoollummaarra jireenna daandii hamaa haga waan nyaatu dhabuutti rakkataa turuu hima.

Yeroo Magaalaa Mooyyaalee turetti daandiirratti garaa duwwaa Yeroo hunda jiraachuurra quuphaa/ Killee gurguraa barnoota isaa hordofaa kan turuu kan himu Chaarinnat,Jireenni itti cimee gara Naayiroobiitti qajeeluu himan.

Itoophiyaarra gara Keeniyaatti qajeeluun ammoo carraa guddaa qabatee dhufeefii.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kan Keeniyaa jiru gara Kaampii isaatti fudhatuun barnoota isaa haala gaariin akka hordofuufi na gargaare jedha.
❤2
♾Infinity crypto️
Dargaggoo Jireenna daandiirra haga Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa Afrikaatti imale. Oduu Jirra 24/7 Sadaasa 2025 Naannoo Oromiyaa Magaalaa Mooyyaaletti dhalatee kan guddate Chaarinnat Hariifoo ijoollummaarra jireenna daandii hamaa haga…
Achi duuba carraan karaa hundaan naa baname kan jedhu Dargaggoon ganna diqqaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu'aa Afrikaa kun,gara Ameerikaattille qajeeluun Yuuniversitii Ameerikaa kan Pirezdaantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp'fi Dureessi addunyaa Elon Maskiin itti baratanitti Peensilvaaniyaatti baratuu turtii BBC Afaan Oromoo woliin taasiseen ni dubbata.
👍1
Magaalaa Hawaasaatti namni vaayirasii Marburgiin qabame adda baafame

Magaalaa Hawaasaatti namni vaayirasii Marburgiin qabame adda baafame; akkasumas namni kun dhukkubsataa vaayirasii Marburg kan jalqabaa Jinkaatti argame waliin tuttuqqii akka qabuu fi gara naannoo sanaa imaluun gara Hawaasaatti deebi'uu isaatu gabaafameera.

Kun kan ifoome Ministeerri Fayyaa fi Inistiitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa hojii naannoo vaayirasii Marburg irratti hojjechaa jiran irratti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin.

Adoolessa 5 hanga Adoolessa 17, 2018tti Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdes Dabaa akka ibsanitti, qorannoon laabraatoorii namoota 73; kana keessaa namoonni 11 vaayirasichaan qabamaniiru; Isaan keessaa 6 du'aniiru. Namoonni shan yaalarra akka jiran himama.
❤1
Traamp Ajaja Obbolummaa Musliimaa Dhaabbata Shororkeessummaa Biyya Alaa Ta'ee Akka Muudamu Mallatteessan

Prezidaant Traamp ajaja hojii raawwachiiftuu dameelee Ikhwaanal Muslimaa murtaa’an kanneen Libaanos, Masrii fi Joordaan dabalatee dhaabbilee shororkeessummaa biyya alaa jedhanii moggaasan mallatteessaniiru.

Pirezidaanti Tiraamp “networkii daangaa qaxxaamuraa kan shororkeessummaa fi tasgabbii dhabsiisuu dantaa fi michoota U.S. irratti guddisan” kan Ikhwaanal Muslimiin wal-dura dhaabbachaa jiru, jechuun Waayit Haawus ibsa kenneen beeksiseera.
Boordiin Filannoo Haadha Paartii Akeekkachiise

Paartiin Warraaqsa Ummata Itiyoophiyaa, Paartiin Tokkummaa Itoophiyaa Guutuu, Sochii Gyonyani Amaaraa, Paartiin Dimookiraatawaa Itoophiyaa Tokko fi Paartiin Haadha Adoolessa 10, 2018, tumsa "Tumsa Tokkummaa Itoophiyaaf" jedhamu ijaaruu isaanii beeksisaniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, guyyoota muraasa dura tumsa kanaaf beekamtii osoo kennu, Paartii Haadha tumsa kanarraa akka ugguruu beeksise; "Miseensonni Mana Maree Olaanaa komii kan dhiyeessan yoo ta'u, dambiin Paartii Haadha akka jedhutti lakkoofsi miseensota Mana Maree Olaanaa 36 yoo ta'u, miseensonni Mana Maree Olaanaa 17 qofatu murtee gamtichaa kana irratti hirmaatan."

Kanaaf, Paartiin Haadha "yeroo gamtaan kun Mana Maree Ol'aanaatti yaada dhiyeessu miseensa gamtichaa ta'uu danda'a" jechuun boordii kun ibseera.
❤3👍1
#BREAKING NEWS
Hoong Koong Gubbachaa Jirti🔥🔥🔥🔥
Hoong Koong naannoo Tai Po keessatti balaa ibiddaa mudateen yoo xiqqaate namoonni 14 du’an.

Baalaan Abbiddaa #Hoong Koong keessatti Muudateen lammiilleen 14 yoo du'an,namoonni hedduun madaa’uu isaanii odeeffannoon addaa kutaa tajaajila balaa ibiddaa mootummaa Naannoo Bulchiinsa Hoong Koong irraa bahe ni mul'isaa.

Hojii gaggeessaan olaanaa kutaa tajaajila balaa ibiddaa Bulchiinsa Hoong Koong kan ta'an Joon Lii akka himaniti Balaan Abbiddaa kun baayee yaaddeessaadha yoo jedhan Balaa abbiddaa kana dhaamsuuf Mootummaan cimee hojjachaa jira jechuun himani jiru.

Ibiddi sodaachisaan gamoolee mana jireenyaa abbaa darbii 31 sadii Hoong Koong keessatti mudaten hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 14ol du’ani jiru.

Poolisiin namoonni hedduun gamoolee keessatti danqaranii qabamaniiru, abidda jalaa miliquu akka hin dandeenye ibse jira.

Balaa Ibidda uumame kana dhaamsuuf hojjatooni balaa abbidda dhaamsan 767 ool bobbaafamuus himani jiru.

#CGTN
😱1