Qaroo Waamaraa
19.3K subscribers
2.98K photos
49 videos
73 files
1.56K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
(Yeroo tokko tokko, waan sammuu kee keessa jiru nama hundaaf ibsuun si hin barbaachisu.)
👍19❤3
Guyyaa tokko
Guyyaa Waaqayyo Jedhe
Wanti hundinuu
Ni jijjiiramu
❤23
Hammam yoo natti ulfaates
Si jaalachuu koo ittin fufa
Yerichi daran ulfaataa yoo ta'es
Ati anaaf hiree ishee Jal-qabaati.

🖤koo
❤10💔4
Yaali yaaluu hin dadhabiin. Gaaf tokko alaabaa mo'ichaa harkaan qabatta.

Yoomiyyuu nama si amanu hin sobiin, hin ganiin.
🥰18❤7🔥1
Iddoo beellamaa baqachuun mallattoo fagaachuu ykn mallattoo deemuu keessaa isaan tokkodha. Hin fagaatiin, hin deemiin!
❤7
Dubbachuun danda'u
Yaada garaa na waadu
Karaa karra hin qabne
Mee maal ta'uuf aadu

Maal jedheen siittimaa
Jaalalan siif qabuu
Kolfa keetu na quubsa
Yoon bules hagabuu

Tapha keefi kolfa kee
Dhokadheen daawwadha
Fageenyaaf dhaba jalaa
Eessuman si kaawwadha?

Ati naaf filatamtuudha
Bohaarsituu waa hundaa
Hinaaftuu jaalala koo
Kolfuma keen na hubdaa

Si qofa jaalalleen koo
Kanan filee argadhee🖤
Jaalallikee naaf gamnaan
Rabbiin taa'ee kadhadhee


Ati naaf kennaa kooti
Si argachuun badhaasa
Jaalala kootiif kankee
Du'atu addaan nu baasa

Yoomuu ATI kan kooti
Kennaa Waaqa guddaa
Lapheen koo siin feeti
Deemus yeroo hundaa...

Xinnooko🖤💔👈
As goraa.........
👇👇👇👇👇👇👇
♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
#Qaroo_Waamaraa  💌
╚════════════╝
https://t.me/ForAllthingsEye
💔8❤4👏2🔥1
Jireenyi haaraan jireenya isa duriitti nama kafalchiisa. Yeroo duuba kee galagaltee ilaaltu.
❤9👏2🥰1
Si jaallachuu kootu akka gowwaatti na laalchise malee, ani onneetu si dhiisuu dadhabe malee humna si biraa deemu dhabee miti.

Sababni isaa, yeroo nama tokko dhugumaan jaallattu, jaalalli sun yeroo tokko tokko akka ati waan hunda irraanfattee nama sana qofaaf obsitu si taasisa. Garuu kun dadhabina miti; onnee kee keessaa jaalala dhugaa qabaachuu kee agarsiisa.
❤9👏1
Jaalalli lubbuu tokko keessatti garuu foon lama jalatti haguugamee kan argamuudha.:- Aristotle
👍7❤2🔥1👏1
Miira keenya dhoksuu dandeenya, garuu gaaffii onnee keenyaa Of dhoksuu hin dandeenyu, Iyya onnee keenyaas dhaggeeffachuu diduu hin dandeenyu. Warqeen Warqee caalu Wal yaaduuf fi waliif yaaduudha. Onneen koos siif iyyaa oolti.

Warqeekoof🖤koo
❤7🔥1👏1
Jaalalli Kan Oonneeti Jibbi Garuu Kan Garaati.
❤7🔥1👏1
Nama Dhugaan Nama Jaalatu Itti Boonuun Doofummadha!

Namni Obsa Qabuuf Mukti Firii Qabu Gad Jedha.
🔥9❤7👏2🥰1
Filannoon koo si'i kan na baasuu
Haalli jijjiiramus sin gadhiisu
Nan beekaa jireenyaaf akka taatuu
Murteesseera goofta atis na gaattuu

Haala kam gararraatan si beekaa
Galma ga'uu kootiif siinan eegaa

Gurreeko naaf jiraadhu
❤18🔥4🥰3
Obsa si dhowwa!

Obseen dadhabe
Jaalalli Rakkoodha;
Inni rakkatus isa jaalatedha

Eelaa Jaalalaa;
Inni Eelus isa jaalatedha

Jaalalaaf rakkachuun;
Jaalalaaf eeluun garuu
Oolee-bulee SI AJJEESA, SI MIIDHA, SI HIDHA, SI GAABBISIISA. JAALATTEE HIN GAABBIIN.

WARQEEKO Atoo maal Jettee?
Gurreeko Atis Yaada kenni! 1ma.
❤2🔥1💔1