Qaroo Waamaraa
19.3K subscribers
2.98K photos
49 videos
73 files
1.56K links
Yoom AGS. Akkan taanes; akka taanus taaneerra! akki ta'uu qabnu si'achi. Akka ta'uu qabdu ta'uuf akka taatu ta'i. Kana ta'uufis Qaroo Waamaraa qabaadhu. Galmi keenya boruu guddaa-dha. Masaraa jabaas ijaaraa jirra. As-goraa!
Download Telegram
Ta'us!
❀5😁5
"Yaadachuu yaadee utuun taane, utuun yaadiinan yaadadhee; yaadadha."

Kun Warqee qofaaf gala.
πŸ’”13πŸ”₯2❀1
Guyyaa tokko naaf hubattee, na hubatta hangam akkan siif boo'e, hammam akkan siif joore garuu guyyicha ani Si Bira jiraachuu dhiisuun danda'a.
πŸ‘6😒4❀1πŸ”₯1
Utuu wanti na fayyaduuf na miidhu baay'ee na qabuun si wajjin fiigaa jira.

Yaada onnee kee hordofi garuu gaaffii sammuu kee deebisuuf qophaa'i.

Utuun si jaaladhuu sirraa fagaachuun koo anaaf adabbii cimaadha.
❀9πŸ”₯2πŸ₯°1
Ani gamna bishaan waadu ta'uu baadhus; gowwaa kofalchiisanii ilkaan lakkaa'an miti; Sunuu jaalalaaf malee.

Qaroo YaadaaπŸ‘οΈ (Warqeef)πŸ’”
❀10πŸ”₯2
Jaalalli hidhaa Waan hundaa ti...Warqe kanas Dubbisi. Yoo kun sii gale Waa'een Xinnookee siif gala.

πŸ‘‰Harka kana hunda keessaa yoo hidhaman iyyuu miidhamaan tokko qofa.
❀8πŸ’”4πŸ₯°1πŸ‘1πŸ†1
Ani qurxummii yoon ta'e ati akka bishaaniiti.
πŸ”₯7
Yeroo hundumaa na keessa jirta.
πŸ₯°6
Siif malee...
❀6πŸ‘Ž4πŸ’”2
Jaalalli akkasiπŸ‘‡

❀️Jaalalli baayyina waggaatiin hin madaalamu, yeroo tokko tokko utuma ati hin beekiin namni tokko onnee kee keessa seena.

πŸ–€Yeroo muraasa keessatti si seenee Onnee kee irratti mootii ta'a. Sanuu furtuu ittiin banan fudhatee waan seenuuf baasuu hin dandeessu.

πŸ–€Hanga isa/ishee malee jiraachuu hin danda'u jettutti of murteessuu irra geessa.

πŸ’˜Jaalala jechuun yaadni namaa fi onneen namaa wal simachuudha malee baay'ina wantootaa miti.

Warqeeko kana yeroo argitu anaaf deebisi. πŸ–€
❀21
Malli maali? silas; Murteessaan garaadha.
❀8πŸ’”3πŸ₯°1
Irreechi Mallattoo Oromooti.
❀9
➑️ IRREECHA 2019

Eyyee Atuu galateeffadhu
Hin dhabiin Galata Waaqaa
Bantii huurriin dukkanaa'e;
Isatoo birraan nurraa saaqaa

Birraatu rooba balleessee
Gubbaatii warwarrii tattaraare!
Uffee birraanis nuuf ilillisee
Daraaraan nuu daddaraare!

Bacaqii gannaas baanee
Birraan carii habbuuqna
Oromoonis wal waamee;
Waaqaan galata jechaas
Ganna keessaa hulluuqna

Waaqaan galata jannee;
Kan laafes jabeeffanna
As Doloolloo buddeenaatti
Wal-yaamnee galateeffanna
As Hor-Finfinneetti baanee;
Kan arganneef galateeffanna
Atis Anisoo Waaqa beekna√
Koottumee Wal dhaggeeffanna
Waan dhabneef mari'achaa
Kan dabe mariin soroorfanna√

Jaarraa tokkoof walakkaa-tiif
Waliif dhukkubsachaa turre
Irreechicha Hora Gulallee-tiif
Irratti cichinee--rakkoo furre

Galateeffadhu Hora Finfinneetti
Waaqa rakkoo Shaggee fure
Waaqaaf galata haa galchinu
Lubbuu namaas hin balleessinu
Dhiiga namaas hin dhangalaasnu
Warra wareegames hin dagannu
Seenaa isaani tasa hin dagannu
Abdii keenya seeneen eelchinu
Hora Finfinneerraa cinnee hin cinnu
Galata Waaqaaf malu malees
Galata Uumamaafis hin galchinu
Waaqayyoon galateeffadhu
Bara dhufuufis isuma kadhadhu

Galata nuti galchinu Uumaafi.
Namaaf galata hin galchinu;
Lafaafis galata hin galchinu;
Malkaafis galata hin galchinu;
Waaqaafi kan galata galchinu√
Atuu galateeffadhu Waaqakee
Isatu har'aan sii ga'e lubbuukee
Atuu galateeffadhu Uumaakee
Isatu har'aa siif ga'e jiruukee...!
Inni kunoo Irreecha Galataa-ti
Haa galateeffannu As! Yaanee
Innoo Uumaa Waaqaaf lafaa-ti

Firri dhaamsa waliif dhaamee
Achitti Wal arga firriif aanteen
Isaanoo obbolaaf qomoodha!
Karris tokko umamaaf horteen
Irreechi Tokkummaa Oromoo-ti
Dirree calaqqee aadaaf seeraa
Bakkee gammachuuf waloo-ti
Dirree Jaalalaaf warra heeraa
Erga adda facaanee turreerra
Waggaa kumaaf bara dheeraa
Har'a wal yaamnee dhufneerra
Sabni eenyummaasaa bareera

Bahaaf dhihatti walii dhaamee
Kaabaaf kibbaa wal owwaata
Aadaafi jaalalas wal barsiisee
Tokkoomee ormas hawwata
Firaaf aanteenis wal kakaasee
Waloomee galatasaa galfata

Kaan hayyichaan muudamee
Qabatee yaa'a siiqqeef bokkuu
Bakkee galataaf gaarii malees
Hin yaa'u qe'ee hirmiif molquu
Galata uumaadhaaf galchaa
Gara qe'ee ofiitti nagaan sokku

Jibbeef waraanni araaramee
Nagaaf jaalalli achii argama
Gammachuutu waraabamee
Abdiifi furmaata-tu dhugama
Dhiifamaaf araaruma keessaa
Jaalalliif guddinnuu argama
Galatuma keessaanuu araarriif
Dhiifamni tulluutti ba'ee argama

Abbaa gadaatu nu eebbisaa
Haadha siiqqeetu jalaa qaba
Nus galataan Waaqa dhageessisaa
Waaqnis unuun of jalaa qaba

Diinaaf goomaticha abaarree
Buqqifnee lafa onaatti galchina
Kan baranaa osoo galateeffannuu
Marsaa dhufuun nu ga'i jennee
Marroon deebinee isa kadhanna
As ga'uu keenyaaf galata galfanna

Irreechi calaqqee saba Oromooti
Aadaa galateeffannaaf kadhannaa
Eyyee anaafisoo duudhaa kooti
Akkamitti geenyee wal hanqannaa
Yaadaaf irree tokkoon baanee
Dhugaaf aadaa keenya ibsanna
Biyya abbaa keenyaatti baanee
Nyaartuuf gantuus gadoochina

Alaabaa bakka nu bu'u diriirsinee
Handhuura Oromiyaa bareechina
Jibbaafi waldhabdee firfirsinee
Galata waaqa keenyaaf geechina

Birraan hundaafuu tolee bari'a
Araarri yoomuu Waaqaaf cariidha
Har'a araaraaf dhiifamatu waliidha
Cubbuun jireenya boruuf daariidha
Kadhannaa kadhachuun boruufidha
Waaqaaf galata galchuuf Oliidha
Maaf hin galateeffannurree ciccinee
Lammiif firri baga geessan irreecha finfinnee

➑️Yaa Waaqayyo dachee keenyaa kan ta''u, Abbaa haqaa dachee keenyaaf kaasi. Kan buddeena hirmiifi buddeena cubbuu hin nyaanne dachee keenyaaf kaasi. Kan haqaaf haqaan jiraatu dachee keenyaaf kaasi. Abbaan haqaa biyya keenyaaf haa ka'u. Nagaan biyya keenyaaf haa ta'u. Lubbuun ilmaankee, Lubbuun warra haqa sabaaf dhaabatanii hin ba'iin. Dhiigni isaanii hin dhangala'iin. Lafeen isaanii hin cabiin. Kaayyoon warra haqa sabaaf falmuu karaa haa argatu. Keenyarra taa'ee kan nutti yaadu; dacheen keenya hin baatiin. Nagaan biyya keenyaaf haa ta'u.

Walaloo fi jechoota jaalalaa,  gorsa hayyootaa fi jechoota xiinsammuu adda addaa argachuuf karaa liinkii asii gadii cuqaasuun
#join godhaa nu hordofaa.
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
https://t.me/ForAllthingsEye
❀7πŸ‘4
The last time!
πŸ”₯3❀1
Tokkittii
.
.
.
Tokkittiikee
❀12
Si yaadeera...
πŸ”₯5
(Yeroo tokko tokko, waan sammuu kee keessa jiru nama hundaaf ibsuun si hin barbaachisu.)
πŸ‘19❀3
Guyyaa tokko
Guyyaa Waaqayyo Jedhe
Wanti hundinuu
Ni jijjiiramu
❀23
Hammam yoo natti ulfaates
Si jaalachuu koo ittin fufa
Yerichi daran ulfaataa yoo ta'es
Ati anaaf hiree ishee Jal-qabaati.

πŸ–€koo
❀11πŸ’”4
Yaali yaaluu hin dadhabiin. Gaaf tokko alaabaa mo'ichaa harkaan qabatta.

Yoomiyyuu nama si amanu hin sobiin, hin ganiin.
πŸ₯°18❀7πŸ”₯1