Jaalalaaf Safuu!
Miilla malee si oofa
Karaa malee
Yaada malee
.
.
.
Si oofa...si oofa...
Miilla malee si oofa
Karaa malee
Yaada malee
.
.
.
Si oofa...si oofa...
🔥4🥰2👏1
ISA DHUMAA MITI
Bitaaf mirga ilaalee
Sin eegsisu sobaan
Amalli kabaja caala
Sin jaalladha dhugaan
Tokkon bakka sin buusu
Anaaf situ WABII DHA.
Waadaa gola onneekoo
Wal jaalalli ABDIIDHA.
Harki jaalalaa walqaba
Hidhaa malee walhiiti
Jireenyi kunis jalqaba
KUN ISA dhumaa miti
G fi Y
Gurree fi Gurbittii
Warqee fi Ana
.
.
.
.
Itti fufuu? Warqe?
Bitaaf mirga ilaalee
Sin eegsisu sobaan
Amalli kabaja caala
Sin jaalladha dhugaan
Tokkon bakka sin buusu
Anaaf situ WABII DHA.
Waadaa gola onneekoo
Wal jaalalli ABDIIDHA.
Harki jaalalaa walqaba
Hidhaa malee walhiiti
Jireenyi kunis jalqaba
KUN ISA dhumaa miti
G fi Y
Gurree fi Gurbittii
Warqee fi Ana
.
.
.
.
Itti fufuu? Warqe?
❤12👏2
Natti dhaga'ama
Keessa kootii ka'ee
Siif hin danda'ama
Inni humnakoon ol ta'e
Keessa kootii ka'ee
Siif hin danda'ama
Inni humnakoon ol ta'e
🔥5❤2
Yeroo tokko tokko
Humnaa OL sitti ta'a
Jaalala hambisuuf
Kabaja kee gattee
Otooma miidhamtuu
Dhiifama gaafattee
Miira kee moo'attee
Obsaan yoo gad jette!
Gaarii ture jenneet
Jaalala kees dhabdee
Kabaja kees dhabda
Gaaf san qalbii cabdee
Aariin OFIIkee adabda!
Yaada namaa miti
Namayyuu jibbita
Jaalala faarsitee
Gad jechuu gaabbita
Malli maali malli maali
Maal wayyaa?
Abjuudhaan malee
Sin argu ani guyyaa
Warqeeko
Humnaa OL sitti ta'a
Jaalala hambisuuf
Kabaja kee gattee
Otooma miidhamtuu
Dhiifama gaafattee
Miira kee moo'attee
Obsaan yoo gad jette!
Gaarii ture jenneet
Jaalala kees dhabdee
Kabaja kees dhabda
Gaaf san qalbii cabdee
Aariin OFIIkee adabda!
Yaada namaa miti
Namayyuu jibbita
Jaalala faarsitee
Gad jechuu gaabbita
Malli maali malli maali
Maal wayyaa?
Abjuudhaan malee
Sin argu ani guyyaa
Warqeeko
❤8🥰2🔥1
Mudannoo 1 keessa;
Muuxannoo 1k tu jira
Akkasuma👆👇
Kufaatii 1 keessa
Barumsa 1k tu jira
Muuxannoo 1k tu jira
Akkasuma👆👇
Kufaatii 1 keessa
Barumsa 1k tu jira
❤7🔥2
Namni fagoof dhihoo
Waan fedhe dubbatu
Waan keessa koo jiru
Eenyuyyuu hin hubatu
Waan fedhe dubbatu
Waan keessa koo jiru
Eenyuyyuu hin hubatu
👍4
Bara 2018, Dadhabeera jettee dhiiste mitii? Bara 2019, Waaqayyo immoo Jalqabeera siin jedheera hin sodaatin!
❤17🥰2🔥1👏1
Barana; Aduun eebbaa siif baati, Caaltee argamta.!
❤10👍3👏1😁1
An siifan dhaladhee
Atis naaf uumamtee
Onnee koo gubbaatti
Jaalalaan shuumamtee
Qabeenyaan sin jijjiiru
Ani sodaa rakkinaa
Walumaan nama taanee
Rakkoo keessaa baanaa
Arra Shiro yoo nyaanne
Boru ammoo bargarii
Laga tokko burqine
Yoomuu hin baanu gargarii
Yaa hiriyaa dhunfaa koo
Kan ganamaaf galgalaa
Sii jalaa qofa banti
Onneen koo balbalaa
Gar tokkee qaama kootii
Tokkittii akka kumaa
Sii wajjiin jiraadha
Jiruukoo hanga dhumaa
Atis naaf uumamtee
Onnee koo gubbaatti
Jaalalaan shuumamtee
Qabeenyaan sin jijjiiru
Ani sodaa rakkinaa
Walumaan nama taanee
Rakkoo keessaa baanaa
Arra Shiro yoo nyaanne
Boru ammoo bargarii
Laga tokko burqine
Yoomuu hin baanu gargarii
Yaa hiriyaa dhunfaa koo
Kan ganamaaf galgalaa
Sii jalaa qofa banti
Onneen koo balbalaa
Gar tokkee qaama kootii
Tokkittii akka kumaa
Sii wajjiin jiraadha
Jiruukoo hanga dhumaa
❤2🔥1
Burqaa yaada gaarii
Na keessa baafatte
Siidaa seenaa gaarii
Na keessa dhaabbatte
Mallattoo hin ciccinne
Keessa kootti ijaarte
Karaa hin beekamneen
Onnee koo na dhaalte
Na keessa baafatte
Siidaa seenaa gaarii
Na keessa dhaabbatte
Mallattoo hin ciccinne
Keessa kootti ijaarte
Karaa hin beekamneen
Onnee koo na dhaalte
❤2👍1🔥1
Maal taate jedhamtee gaafatamtee garuu waan taate hinachuuf sitti ulfaatee hin beekuu?
👍1🥰1